Dr. Abdiisaa ushii

Dr. Abdiisaa ushii Qabeenyi bakka malee kufee fi dagatame dhala namaati!!

when a glass is broken, the sound of breaking disappear immediately whereas the glass pieces are scattered over the grou...
29/04/2024

when a glass is broken, the sound of breaking disappear immediately whereas the glass pieces are scattered over the ground hurting whoever walking over it.
similarly, when you say some thing that hurts people's emotions and feeling, the voice disappears immediately but the heart remain in pain for long.

08/04/2022

DHUKKUBA SAREE MARAATUU !!!
Dhukkubni kun kan vaayirasiidhaan dhufu yeroo ta'u, irra caalaan saree maraatteen yeroo ciniinaman kan gorora saree sana keessaan gara namaatti darbudha! Innis Sirna narvii walakkeessaa miidhuun, sammuun akka dhiita'u gochuun, mallattoo garagaraatiin mul'ata! Akka dhaabbata fayyaa addunyaatti (WHO), waggaa tokko keessatti, namoonni kuma jaatama gararraa (>60,000) ta'an akka dhibee kanaan du'u ibsee lafa kaa'a! Kunis harka dhibba keessaa sagaltamii sagal (99%) kan saree maraatuun ciniinamanidha!
Vaayirasiin kun ciniinnaaa yookiis hanqooqqaa bineensota manaa fi
daggalaa kan akka:- Adurree, sa'a, re'ee, Farda, Wangoo, Illeentii, Sinbira halkanii, Qamalee, Jaldeessa fi kkf namatti darbuu danda'a!!

*Mallattoon isaas, Kan dursanii mul'atan:-
1. Hoo'ina qaamaa ykn fuursaa,
2. Dadhabbii qaamaa,
3. Waraansa nafa irrattii fi
4. Gubaa lafa madaa ciniinnaa irraa!

*Gosti hamaan dhibee kanaa:-
1. Hirriba dhabuu,
2. Sodaa sodaan namatti dhaga'amu,
3. Of wal'aaluu,
4. Gororuu (hancufni afaan keessaa gadi yaa'uu)
5. Waa liqimsuu dadhabuu fi
6. Bishaan sodaachuu faa agarsiisa.

Dhukkubni kun yoo dafnee ykn akkuma saree maraatuun ykn bineensi daggalaan nu ciniineen gara mana yaalaa deemuun talaallii arganne qofa malee, erga turee sammuu seenee booda harka dhibba keessaa dhibba (100%) lubbuu namaa dabarsa!

*Akkamiin ofirraa ittisna!?
1. Talaallii dhibee kanaa dursanii fudhachuun! (Kunis gara daggalaa nama yeroo baay'ee deemuu fi nama lafa dhibeen kun itti baay'atu jiraatuuf)
2. Horii manaa talaalchisuu!
3. Sareen ykn horiin manaa biroon bakkee ooluurraa eeguu!
4. Bineensa daggalaa irraa of eeggachuu fi
5. Saree amala haaraa agarsiiftu, kan nama ciniinuuf fiigdu (kan dur amala akkanaa hin qabne amma fiddeef), kan hancufa gadi yaastuu fi eegee buustu dafanii beeksisuu fi ofirraa fageessuu ykn ajjeesisuu!!
*
Fayyaan Qabeenya

29/10/2021

ISTIROOKII – Stroke
**********************
Hammi isaan barbaadaniifi dhabanii turuu danda’an/dandamatan garagara ta’ullee, qaamoleen keenya dalagaa isaanii hojjachuuf ‘Glucose (fi wontoota dalagaa qaamaaf barbaachisan)’ fi ‘Oxygen’ barbaadu. Gulukoosiif oksijiinii ammo karaa dhiigaatiin argatu. Dhiiga ammoo karaa hidda dhiiigatiin argatu. Dhiigaa argachuu dhabuun Sammuu: hiddi dhiigaa gara sammuu deemu cufamuu, hudhamuu fi sababa dhiigni sammuu keessatti jigeef dhiiga gahaa ykn dhiiga aragachuu dhabuun, akkasumas dhiibbaan kana irraa qaama sammuutti dhufu kun ISTIROOK jedhama.
__
__
ISTIROOKIIN dhiiga ititeen ykn cooma hidda dhiigaa irraa fottoquun cufamuu fi haalaan dhiphachuun (hudhamuun) hidda dhiigaa gara sammuu ykn qaamaa sammuu deemu (Ischemic Stroke) fi hiddi dhiigaa sammuu cituun ykn jigsuun dhiigni sammuu kessatti dhangala’uu (Hemorrhagic Stroke) irra ta’uu danda’a. Gosti ISTIROOKII lamaan kun yaalli isaanii garagara (faalla wolii) fi akkasumas wontootni isaaniif nama saaxilanis gargaruma haga tokkoo qabu.

Dhiigni gara sammuu ykn kutaa sammuu deemuu yeroo tiqqoof ykn yeroo gabaabduuf irraa dhaabatee deebi’uun (Transient Ischemic Attack) ammoo mallatoo sa’aa muraasa keeessatti mul’ate badu mul’isuu danda’a.
__

__
Mallatoolee ISTIROOKII:
* Dubbachuu dhabuu/dadhabuu. Arrabni nama hihidhamuu.
* Wanta namni biraa jedhu hubachuu dhabuu.
* Tasa qaamnii cinaa tokkoo: fuula, harkaa, fi luka sochosuu dadhabuu/laamshayuu. Cinaan sun guutuun guututti laamshayuu (Paralyze) ta’uu.
* Ijji Cinaa tokko ykn lachuu ilaalu dadhabuu, itti dimimmisuu ykn guutuun guututti arguu dhabu.
* Bowwoo hamaa ta’e tasa namatti dhagahamuu. Keessattu mallatoolee armaan olitti eeraman wojjiin haqqeen, lafti namaan maruun, fi yeroo muraasa booda of wollaaluun.
* Deemuu dadhabu. Tasa madaala ofi eegu dadhabuu.
---
Maatii, fira fi hiriyyaan keenya ISTIROOKII qabate/godhate jenne yoo shakkine:
* Akka seeqatu gaafachuun, ciinaan fuula tokko kaan wojjiin seequu dhabuu ykn gadi bu’uu ilaaluu.
* Harka lachuu akka olfuudhu/ol kaasu gaafachuun, harki ciinaa tokko olfudhuu dadhabuu ykn olfuudhee gubbaa irratti qabuu dadhabuu isaa ilaaluu.
* Akka jecha tokko irra deddebi’e jedhuu gaafachuun, jijjirama fi sirritti jechicha jechuu dhabuu isaa ilaaluu.
* Yoo mallatoo sadan kana mul’ise hatattamaan otoo turtii kamuu hin godhin dafanii mana yaalaa (Hospitaala) fiduu.
___

___
Wontoota carraa ISTIROOKIIn qabamuu ol kaasan:
- Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu
- Sochii qaamaa gochuu dhabuu
- Alkoolii haalaa ol baay’isanii dhuguu
- Dawaa nama si’eessu, hadoochu ykn mirqaansu kan akka Co***ne (Kokeyinii fa’a fayyadamuu
- Dhiibbaa dhiigaa haalaan ol ka’aa ta’e
- Sigaaraa aarsuu
- Haammi Koolestiroolii ol ka’e ta’e qabaachu
- Dukkuba Sukkaraa haalaan to’achuu dhabuu
- Dhukkuba Onnee (Dadhabuu Onnee ykn dhahannaa Onne wolhinsimne ykn sirri hin taane) qaabachuu
- Amma dura ISTIROOKII qabachuu ykn maatiin dhiihoo keenya isaan hubamuun
- Dubara caalaa dhiira irratti hedduminaan mul’ata.
- Keessattu Umriin keenya woggaa/ ganna 55 ol ta’uun
Wontootaa carraa ISTIROOKIIN qabamuu ol kaasaniidha.
---
---
Xaxawwan ISTIROOKII irraa dhufan:
Mallatooleenifi Xaxawwan ISTIROOKIIn fiidu qaama Sammuu miidhame irratti hunda’a. Akkasumas sadarkaa miidhama qaama Sammuu san irratti hunda’a. Xaxawwan kanniin keessaa:
* Qaamni cinaa tokkoo: fuulli, harkii fi lukti laamshayee (paralyzed) ta’e hafuu.
* Dubbachuu dadabuu. Nyaata liqimsuu dadhabuu. Barreessuuf dubbisuu dadhabuu. Waan dubbatame hubachuu dhabuu.
* Waan amma dura ture guutun guutuutti ykn irra jireessaan irranfachuu ykn dagachuu.
* Waa hubachuu, qaayyabachuu, madaaluufi dandeetii yaadaa fi murtee sirri qabaachuu/ dabarasuu dhabuu.
* Siree irratti hafuu. Qaama dhiqaachuuf, uffata jijjirachuuf, nyaata nyaachufii kan kana fakkaataniif deggarsa nama biraa barbaaduu.
* Wontoota/xaxawwan kanaan wolqabatee yaada’uu fi cinqamuu irraa Muukuu sammuuf (Depresion) saaxilamuu.
___

___
ISTIROOKII akkamiin ofi irraa ittisna ykn carraa isaan qabamuu hirdhifna:
* Wontoota carraa ISTIROOKII dabalan keessaa tokko dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa ta’edha. Hordooffii gahaa gochuun dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun carraa ISTIROOKIIn hubamuu haalaan xiqqeessa.
* Hamma Koolestiroolii fi coomaa qaamaa keenya hirdhisuu. Kana gochuuf nyaata akka coomaa, foon diimaa, dhadhaa, kallee, fi nyata haphefamanii gurguraman kan koolestiroolii qaban yeroo hunda/ baay’isanii nyaachuu dhabuu/dhaabuu.
* Sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu.
* Dhukkuba Sukkara yoo qabaanne hordoffii gahaa gochuun to’achuu.
* Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e yoo qabaanne hirdhisuu. Ulfaatinna hojja keenyaan wol madaalu qabaachuu.
* Fuduraaleef kuduraalee gara garaa nyaachuu
* Sochii qaamaa hargansuu barbaadan/nama hargansiisan haala idile ta’een hojjachuu.
* Hamma Alkoolii dhugnu xiqqeessu (Biiraa lamati) ykn guutumaan gutuutti dhiisuu.
* Dawaa nama si’eessan, hadoochaan ykn mirqaansan- Ashiishii, Co***ne- fa’a fayyadamuu dhabuu.
---
---
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
__
©Dr. Nuredin Luke

DHUKKUBBII GARAACHAA (Dyspepsia)*Akkamitti dhufa?*Maaltu fida?*mallattoo isaa maal?*Fala-Dhukkubbiin garaachaa (dyspepsi...
21/10/2021

DHUKKUBBII GARAACHAA (Dyspepsia)
*Akkamitti dhufa?
*Maaltu fida?
*mallattoo isaa maal?
*Fala
-Dhukkubbiin garaachaa (dyspepsia), nyaatni sirnaan daakamuu dhabuu isaarraa kan ka'e kan mudatu yoo ta'u, yeroo baay'ee miira dhukkubbii garaa gara olii(laphee gadiin) beekama. Kunis bal'inaan nyaata ykn dhugaatii booda mul'ata.

*Dhukkubbiin Garaachaa (dyspepsia) mallatoo dhukkubaati malee mataa isaan dhukkuba(disease) miti. Kanaafuu dhibeewwan dhukkubbii garaachaan wal qabatan adda baasuun yaaluun barbaachisaadha.

*Sababoota Dhukkubbii garaacha:

-Dhibeen garachaaa (Dyspepsia)f sababa guddaan hammamtaan oomisha asiidii garaachaa (Gastric acid) dabaluudha. Kanaaf sababoota (risk factors) gabaabinaan yaa ilaallu.

-Dhugaatii Alkoolii
-Sigaaraa Aarsuu
-Qorichoota
Isterooyid(NSAIDs)
-Humnaa Ol Nyaachuu
(Overeating) ykn Daddaffiin
Nyachuu
-Buna baay'inana dhuguu
-Dhugaatii keemikaala 'co***ne ' ofi keessa qabu.
-Aarii fi yaaddoo baay'isuu
-Baakteeriyaa(H pylori)
-Alarjii
*Mallattoo
-Locaa/olguuruu(nausa)
-Balaqqama(vomiting)
-Dhukkubbii garaa

*Fala
-Yeroo ammaa kana namoonni baay'een rakkoo dhukkuba garaachaa ni himatu, furmaanni isaas harki caalu wantoota rakkoo kanaaf nama saaxilanii fi hammeessan irraa of qusachuudha.

-Isaan keessaa tokko kan ta'ee fi baay'ee murteessaan immoo nyaatawwan nutti hammeessanii fi nutti fursan sirriitti adda baafannee beekuudha.
-Nyaanni kunneen yeroo baay'ee namaa namatti garaagarummaa qabaatus, akka walii galatti garuu nyaanni armaan gadii kunneen yeroo baay'ee namoota rakkoo kana qabaniif filatamaadha jedhamu; isaaniis :-

-Qullubbii adii,
qullubbii adiin baakteriyaa rakkoo kana fidu irratti gahee guddaa taphatu 'H. Pyloris' jedhamuuf haalli akka hin mijanne gochuun lakkoofsa isaa hir'isuun akka inni miidhaa hin geessifne godhuun, akkasumas madaan haarofti akka hin uumamneef ni gargaara.

-Fuduraa fi muduraa biroo kanneen yoo nyaatan nama hin gubnee fi asiidummaa hin qabne, fknf Muuzii, abukaadoo, appilii, hundee diimaa, raafuu, paappayyaa, moosee fi kkf fa'a soorachuu.

-Zinjibila, zinjibilli nyaanni dafee sirriitti akka bullaa'uu fi dafee akka darbu gochuun, akkasumas amala beezaawaa waan qabuuf asiidummaa garaachaa hir'isuun rakkoo kana ni hir'isa.
Dabalataanis madaa'uu keessoo garaachaa ni hir'isa.

-Damma ganama ganama fal'ana 2 nyaachuu, dammi keessoo garaachaa madaa'e san fayyisuu keessatti gahee guddaa taphata, akkasumas humnaa ol wal-horuu baakteriyaa H. Pyloriis ni ittisa.

-Baaduu /ayibii, inni kunis akkuma dammaati

-Bishaan gahaa dhuguu, keessattu ganama ganama garaa duwwaatti dhuguu.

-Nyaata qabiyyeen isaa pirootiiniin badhaadhe fknf kanneen akka hanqaaquu ganama ganama ciree irratti soorachuu.

*Nyaatawwan hin gorfamne:

-Nyaanni kunneen yeroo baay'ee, nama hunda ta'uu baatus, namoota baay'ee irratti gaafa fayyadaman rakkoo kana namatti hammeessuu danda'u jedhamee yaaddama, isaaniis :-

-Nyaata mi'eessituun garagaraa itti baay'ate fknf barbareen, qimamii fi ashaboon fa'a itti heddumaatu,

-Kuduraalee fi muduraalee asiidawaa ta'an fknf loomii, burtukaana, qaaraa fa'a,

-Nyaatawwan yeroo dheeraaf turan fknf farsoo yeroo dheeraaf ture,

-Bunaa fi Shaayii heddumeessuu,

-Nyaata coomaa fi zayiitni itti baay'ate soorachuu,
-Alkoolii baayi'sanii qorran,

-Chocolate fi nyaata Mi'aawaa ta'an garagaraa.
* Dhibee Garaachaan Wal-qabachuun Madaa'uun Garaachaa (PUD) Mudachuu Fi Hammaachuu Waan Danda'uuf Ogeessa Fayyaa Mariisisuu Fi Qoricha Ogeessan Hin Ajajamne Fayyadamuu Irraa Of Qusadhaa.

15/09/2021

FAYYUMMAA KALEE KEENYAAF:
********************************
¶- Qorichoota dhukkubii woyyeessuf tajaajilan (Antipain, akka diclofenac fa'a) fi qorichoota biroos baay'isanii/hanga ogeessi fayyaa nama ajajuu ol fudhachuu dhabuu.
¶- Nyaata keessatti sooqidda baay'isaanii fayyadamuu dhabuu.
¶- Bishaan gahaa ta'e dhuguu. Guyyatti Litirii lamaa olii fi haaluma dheebuu keenya/qilleeensaa wojjiin ilaallee dabaluus qabna.
¶- Alkoolii baay'isanii dhuguu dhabuu.
¶- Tamboo/sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu/ dhiisuu.
¶- Fincaan qabatanii turuu dhabuu/yeroma fincaan nama qabetti fincaanuu.
¶- Hirriba gahaa argachuu.
¶- Dhukkuba Sukkaraafii dhiibbaa dhiigaatiif hordoffii gahaa gochuu.
¶- Sochii qaamaa gahaa ta'e gochuu.
Torbaanitti wolumaa galatti daqiiqaa 150 fi achi oliif Sochii qaama (kan akka deemsa arifannaa, daakkaa, daansii, fiigicha, fi kkf) gochu.
---
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa dahaa, fayyaa ta'aa!
---
©Dr. Nuredin Luke

29/05/2021

Fincaan Nama Ukkamsuu/bahuu didu - Acute Urinary Retention
**************************************
Yeroo hedduu kan mul'atu jaarsolii umriin isaanii woggaa 60 ol ta'an irratti. Innis sababa guddachuu xannacha Piroosteeti jedhamu kan dhangala'aa qaama Ispermii (dhangala'aa dhiiraa) ta'u oomishuu fi yeroo wol qunnamti akka gadi lakkifamu godhudhudha.
-
Kanaan alas:
* Xannachi Piroosteetii sababa kaansarii isa irraa ka'uun yoo guddate
* Dhukkuba dhiiraa (Dhukkuba wol-qunnamtii saalaa) yeroo dheeraa nama irra tureenifi sababa biraatiin dhiphachuu ujummoo fincanii gara gadii (Urethra) jedhamuu
* Ujummoo fincaanii keessa cirrachi jiraachuun
* Darbee darbee Infeekshiiniin ujummoo fincaanii
* Qorichoonni tokko tokko (kan yaala sammuutiif fa'a fayyadamnu)
* Garaa gogsuu yeroo dheeraaf ture jirachuun
* Dhukkubni sirna narvii tokko tokko
* Kaanseerii afuuffee fincaanii ykn cirrachi afuffee fincanii keessa jirachuuniifi infeekshiiniin ykn iitaan qaamota naannoo sanaa jiraachuun
* Shamarran irratti ammoo iitaa/xandhacha garagaraa kan gadaamessa irratti mul'atu fi da'umsa booda qamni saalaa gara gadii iita'uun, sababoota fincaan nama ukkamsuuf keessa isaan ijoo ta'aniidha.
-
Maal haa goonu:
~ Nama sana dafnee mana yaalaa fiduu. Ujummoo (tubboo) fincaan baasuun ykn opireeshiinii salphaadhaan afuffee fincaan gara gubbaan ujummoo galchuun fincaan yeroo muddamaa saniif akka bahu mana yaalatti ogeessota fayyaatiin godhamuu ni danda'a.
~ Yaalli dabalataa sababa/dhukkuba fincaan akka nu ukkamsu godhe irratti hunda'uun kan kennamu ta'a.
---
Ulfaadhaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

28/04/2021

♤Daa'ima akka tasaa manatti dhalateef/tteef of eegannoo godhamuu qabu.

●Yeroon sirriin haati takka itti deessu ulfa "torbee" 37-42 ti.
●Akka biyya keenyaatti daa'imni tokko dhalatee/ttee jiraachuu kan dandeessu "torbee 28 fi sanaa olitti" yoo dhalate/tte dha.
●Kunis kan ta'e biyya keenya keessatti meeshaan gahaan NICU(kutaa daa'imman guyyaa 28 gadi itti ciisanii yaalaman) keessaa waan hin qabneefi.
■Daa'imni akkuma dhalateen/tteen wantoota godhamuufii qabu wal duraa duubaan:
●"Dry and stimulate"
Gogsuufi si'eessuu~Daa'imni akkuma dhalateen/tteen garaa haadhaa irra keenyee uffata qulqulluu fi gogaa ta'een gogsuu qabna! Uffata jiidhaas irraa kaasuu qabna. Akkasumas dugda daa'imaa sukkuumuun ykn faana miilaa tuquun si'eessuu qabna.
●"Evaluate breathing"
Sirna hargansuu ilaaluu~ yerooma gogsinu daa'imni akka boo'u/ssu ilaaluu qabna! Daa'imni sun yoo hin boo'in sirna hargansuu ilaaluu qabna! Reetiin(Rate) hargansuu sirriin dhalattuu takkaa daqiiqaa tokko keessatti taasisu/tu '30-60 breath/min'dha. Daa'imni osoo hin boo'in yoo turte hatattamaan gara mana yaalaa geessuu qabdu.
●"cord care"
Of eeggannoo handhuuraaf godhamu~Jalqaba handhuura hidhuudha. Hidhaa jalqabaa garaa daa'imaa irraa 2cm siqnee hidhuu, hidhaa 2ffaa immoo kan jalqabaa irraa 2cm siiksinee waan qulqulluun hidhuu qabna! Inni itti aanu handhuura kutuudha. Hidhaafi kutuuf waan qulqulluu(yoo argame "sterile" ta'een) ta'uu qaba. sirni hargansuu daa'imaa sirrii yoo ta'e osoo hin kutiin daqiiqaa 1-3 turuu qabna! Kan kutnu ammoo hidhaa 2ffaa booda.
●"keep the newborn warm"
Daa'ima qoma(chest) haadhaa irratti huccuu ho'uun uffisuu qabna. Kutaan ciisichaas ho'uu qaba!
●"Initiate breastfeeding in the first one hour."
Daa'imni akkuma dhalateen/tteen turtii sa'aa tokkoo keessatti harma hoosisuu qabna. Kun daa'imni akka hin beelofneef akkasumas itti hin qorrineef fayyada.
●Itti aansee dawaan kennamuufi qorannoon waliigalaa ogeessaan mucaafis ta'e haadhaaf waan barbaachisuuf gara mana yaalaa geessuu qabna.
Hub: Daa'imni kamuu mana yaalaatti dhalachuu qabdi. Dabalataan ammoo daa'imni dhalatte amaloota armaan gadii yoo qabaatte hatattamaan mana yaalaa geessuu qabdu.
○Akka dhalatteen boo'uu/sagalee dhageessisuu dadhabuu!
○Harma hodhuu dadhabuu
○Garmalee harganuu
○Ho'a qaamaa
○Dhiiguu
○Bifti gara keellootti jijjiiramuu...

Fayyaan sabaaf,
Dr. Abdiisaa Ushii
@2021 Meelbaa physicians.

"PERSONALITY DISORDER"DSM-5 Dhibee kana gartuuwwan gargaraatti kan qoodu yoo ta'uu, har'af "narcissistic personality dis...
25/06/2020

"PERSONALITY DISORDER"
DSM-5 Dhibee kana gartuuwwan gargaraatti kan qoodu yoo ta'uu, har'af "narcissistic personality disorder" isiniif qooda!
☆NARCISSISTIC PERSONALITY DISORDER.
Akka DSM-5tti jedhuutti namni dhibee kana qabu mallattoo asii gadiitti eeraman keessa shan yoo qabatee, namni sun dhibee "Narcissistic personality disorder," jedhu qaba!
1)Grandiosity, exaggerated sense of self important. Na malee namni hin jiru. Nama hunda olii, kanaf kununsaa addaatu na barbaachiisa jedha!
2) excessive need for admiration.
Namoonni dhibee kana qaban dinqisifamu baay'ee fedhu. Nama hawachuuf wanti isaan hin taane hin jiru! Fkn suuraa ka'uu jaalatu😏
3) Believes that he/she is special & unique. Nama addaati jedhaan ofi waan yaadaniif namoonni na hubaachu danda'u nama gita tokko irraa jiru jedhu!
4) is preoccupied with fantasies of unlimited success, power or ideal love. Sammuun isaan milkaa'ina dangaa hin qabne, angoo fi jaalala yaada qabataman hin muldha'anneen guutamee jira.
5) is interpersonal exploitative,,,
Hariiron isaa/ishee faayidaa irraatti kan hunda'eedha! Faayida kan argachuuf jechaa, mirgaa nama kamiyyuu sarbee hamma dhumatti ni carraaqa!
6)lacks empathy,
Miiraafi fedhii isaan malee kan nama biroo hubaachuf fedhii hin qaban.
7)is often envious of others,..
Ni hinaaffu..
8)shows arrogant, haughty behaviours and attitudes.
9)has sense of entitlement,, Eenyun ta'iina laata??
📢Olmaa gaarii!!

If you want live great life, don't allow yourself to be controlled by any of these;"♤your pastDon't allow your past to c...
06/05/2020

If you want live great life, don't allow yourself to be controlled by any of these;
"♤your past
Don't allow your past to control your present or your future life. Leave the darkness of your past behind. Your past is gone. You have to focus on building ur future. Start right now.
♤Don't allow other people opinion & judgement to control direction of your life. Before doing something ask yourself, Am i doing this cez i want to do or cez of fear of other judgement if you don't?
You were born unique for the reasons.
♤Don't allow your life to be controlled by your own limited belief. There is nothing you can not do, nothing you can not have and no one you can not become if you believe in yourself. When you change your belief from limited to unlimited your potential is unlimited. As though MIRACLES are standard requirement of every day. Where there is no enemy within, the enemy outside can't harm u."

Address

Shashemene

Telephone

+251926987247

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Abdiisaa ushii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Abdiisaa ushii:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category