02/07/2024
Ogeeyyii Fayyaa olaanoo Hindii irraa gara biyyaa dhufaniif Simannaan Taasifamee jira.
---------------------------
Wiirtuun Ispeeshaalaayizdii Yaala Dhibee Keessaa fi Baqaqsanii Yaaluu Kaardinaal Dhaabbata Fayyaa Aakash Health Care Super Speciality Hospital jedhamuu fi biyya Hindiitti argamu waliin waliigaltee uumuu fi gara Magaalichaatti simachuun waliin hojjataa jiru.
Dhaabbileen fayyaa lamaan kun,dhibeewwan yaala olaanaa barbaadanii fi hawaasa keenna rakkoowwan-hawaas diinagdee dabalatee miidhaa hedduuf saaxilaa turan irratti qindoominnaan hojjachuun asuma Wiirtuu Ispeeshaalaayizdii Yaala Dhibee Keessaa fi Baqaqsanii Yaaluu Kaardinaal Magaalaa Shaashamanneetti argamutti yaaluun baasii fi dhamaatii dhukkubsataan gara biyya alaatti deemuun yaalamuun irra gahu hambisuun kan danda’amu ta’uu sagantaa kanaan adda bahee jira.
Hoji Gaggeessaan Wiirtuu Ispeeshaalaayizdii Yaala Dhibee Keessaa fi Baqaqsanii Yaaluu Kaardinaal Dr.Ubeeydallaah Kadiir akka jedhanittin,kaayyoon sagantaa kanaa dhaabbata Health Care Super Speciality Hospital jedhamuu fi biyya Hindiitti argamu waliin waliigaltee uumuu fi hawaasni keenna yaala fayyaa qulqullinna qabu afaan isaatiinii fi baasii salphaan argachuun fayyadamaa akka ta’aniif yaadameeti jedhan.
Akka Magaalaa Shaashamanneetti dhaabbanni isaanii Ispeeshaalistootaa fi Sub-Ispeeshaalistoota biyya alaa ummanni keenna biratti yaala addaaf ergamaa turan,asuma ofitti simachuun gara biyya keennaa dhufanii yaala addaa irratti waliin hojjachuun waliigaluu isaanii himuun,hawaasni keennas carraa kanatti fayyadamuun akka yaala dhaqqabamaa fi qulqullinna qabu argachuu danda’an ibsaniiru.
Ispeeshaalistoonni kunniinis ispeeshaalistoota akka,kaansarii,baqaqsanii yaaluu dhibee sammuu fi dugdaa, tiruu, kalee, dhibeewwan gara garaa fi yaala waliigalaa hojjachuuf akka simatamanis kaasuuniiru
Madda: golaGola Shashee