Yaala Aadaa Hikmaa/Hikma Herbal

  • Home
  • Yaala Aadaa Hikmaa/Hikma Herbal

Yaala Aadaa Hikmaa/Hikma Herbal Manuma keessanitti yaalamaa dhaabbata kana Shaashamannee ganda Awaashoo o1tti argattu

Kintaarotii Garaa Keessaa(internal hemorrhoids)`````````````````````````````````````````````Kintaarotiin naannoo garagar...
24/05/2025

Kintaarotii Garaa Keessaa(internal hemorrhoids)
`````````````````````````````````````````````
Kintaarotiin naannoo garagaraatti
maqaa Baasuri, Huddufoor, Buroo, Qormadee ykn Kormommaa jedhamee waamama. Kintaarotiin gosa lama qaba.

Ⓐ Kintaaritii garaa keessaa(internal hemorrhoids)
Ⓑ Kintaarotii alaa(external hemorrhoids

➖ Kintaarotii Garaa Keessaa

▪Kintaarotiin garaa keessaa qaama namaa keessatti miira dhukkubaa uuma malee alatti gadi bahee hin mudhatu. Miirri dhukkubbiitis yeeroo hunda mudhatuu dhiisuu mala. Irra caalatti yeeroo hojii humnaa hojjatan, karaa dheeraa miilaan yoo deeman, nyaata garatti nama ulfaatu yoo nyaatanii fi dubartoota ulfaa irratti mudhata.

Sababaan kintaarotii garaa keessaa namatti kaasan

▪Gogiinsa garaa yeroo dheeraa namarra ture, bishaan gahaa dhuguu dhiisuu, nyaata garaa namaa jiisan nyaachuu dhabu.

▪Hojii humnaa guddaa ta'e hojjatuu, waan ulfaataa olfuudhuu, yeroo dheeraa teessoo hoo'aa irra turuu, dhiibbaa ulfaa fi yeroo da'umsaa ciniinsurra turuu.

▪Mana fincaanii mijataa hin taanetti fayyadamuu, mana fincaanii haguuggi hin qabne kan hoo'a Aduutiif saaxilamaa ta'eetti fayyadamuu, Mana fincaanii irra yeroo dheeraa turuu, yeroo mana fincaanii fayyadaman bishaaniin qulqulleeffatuu dhabuuf.k.k.f.
`````````````````````````
Mallattoo Kintaarotii Garaa Keessaa

🔹Darbe darbee sagaraa wajjiin dhiigni bahuu
🔹Gogiinsa garaa. Haalli kun hanga sagaraan garatti gogee nama irraa bahuu didee ciniinsuu namatti uumutti gahuu dandanda'a.

🔹Dugdi dhukkubuu: Mudhii naannawa hidhata surreetti akka nama dugdi citeetti dhukkubuu. Keessumattuu halkan bakka ciisanitti hiini nama cituu

🔹Garaa bokoksuu: Nyaata booda garaan jeeqamuu, bokokuu, iyyuu fi garaan ciniinuu.

🔹Nyaata booda akka nama sagraan qabee jirutti garaan gadi harkisuu. Yeeroo mana fincaanee deeman wanti nama irraa bahu hin jiru. Yeeroo garii qilleensi qofti bahuu.

🔹Onnee irratti naasuu tasaa uumuu, miiraa aarii namatti baayyisuu fi mataa keessa gubuu.

🔹Qaamni yarachuu/huqqachuu, gogaan namaa daalachatuu fi dadhabbii qaamaa namatti uumuu

🔹Xuriin laguu dubartootaa akka itti baayyatu ykn tasuma akka badu/dhaabbatu gochuu ykn akka jeeqamu godha. Fiixxee gadaamessaa irratti yoo bahe dhala dhabuu dubartootaa fiduu danda'a.

🔹Qunnamtii saalaa irratti dadhabbiin namatti dhagayamuu.

🔹Luqqeettuu/luka keessa hadoochuu, luka keessa nyaachuu fi faana miilaa jala gubuu.

🔹Teessuma keessa gubuu, teessuma hoosisuu ykn teessuma keessa woraanuu fi kkf

Hubachiisa: Namoota Dhukkuba kintaarotii garaa keessaa ykn kintaarotii alaa dhukkubsachaa jirtan dhaabbanni keenna yeeroo gabaabaa keessatti, qaama keessan usuu hin madeessin, dhukkuba kana irraa bilisa isin taasisa. Namoota fageenya irraa dhuftanii yaalamuu feetaniif Eddoo ciisichaa gahaa fi qulqullina ol'aanaa qabu isiniif qopheessinee jirra. Gatii madaalawaa fi tajaajila si'ataa isiniif kennina!

Eddoo argamaa:

Shashamannee: Naannoo 30 karaakaraaa bahiinsa Baleetti

Adaamaa: Sanbata lama qofaan tajaajila kennina

Lakkoofsa bilbilaa: 0928795750 / 0909316243
Telegram: https://t.me/kush_herbal
Facebook: https://www.facebook.com/seyfulhikma
Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush Follow Godhaa



092 879 5750 / 0909316243


https://t.me/kush_herbal

Address

Jamaica Erea

Telephone

+251928795750

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yaala Aadaa Hikmaa/Hikma Herbal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Yaala Aadaa Hikmaa/Hikma Herbal:

  • Want your practice to be the top-listed Clinic?

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram