Katama Wakuma Yadata

Katama Wakuma Yadata Daamuu

17/02/2025

" Waaqayyo ulfina isaa isa Yaaqoob jajatuun kakateera, "Hojii isaanii isa hamaa hundumaa ani matumaa hin irraanfadhu."
(Macaafa Amos Raajichaa 8: 7)

09/02/2025
09/02/2025

Caffeen Oromiyaa, Muudama Qaama Raawwachiisaa dhiyaaterratti Mari’achuun Ragaase.
********
Bu’uuruma Kanaan;
1. Kab. Obbo Kafyaaloo Tafarraa- Sadarkaa itti Aanaa Pireezidaantiitti, Caffeetti Bakka Bu’aa Mootummaa
2. Kab. Obbo Addisuu Araggaa- Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Misooma Baadiyyaa
3. Kab. Obbo Saadat Nashaa- Sadarkaa Itti Aanaa Pirizidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa;
4. Prof. Natsaanat Warqinah – Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa
5. Kab. Obbo Tasfaayee Tulluu- Hoogganaa Biiroo Galiiwwan Oromiyaa
6. Dr. Namarraa Gabayyoo – Hoogganaa Abbaa Taayitaa Albuuda Oromiyaa
7. Obbo Fissahaa Balaayineh- Daariktara Olaanaa OBN gochuun muudama dhiyaateef raggaasee jira.

07/02/2025

" "Mukti yoo murame iyyuu deebi'ee waan latuuf, damee godhachuun isaas waan hin oolleef abdii qaba;"
(Macaafa Iyoob 14: 7)

06/02/2025

• • • • • •
= = = = = = = = = = = = = = = ====
Abrahaam Linkeen dorgomee injifatee gara piresidaantummaa Ameerikaatti yeroo ol ba'etti abbaan isaa nama kophee miilaa hojjetu ture. Sababa kanaanis Linkeen namoota sammuun isaanii dadhabaa ta'an baay'ee isaanii biratti 'Ilma abbaa suphituu kophee' jedhamuun beekamu kun gara pireesidaantummaatti ol ba'uun isaa baay'ee isaan hinaafsisa ture.
yeroo jalqabaatiif Linkeen haasa'aa isaa gochuuf yaa'ii mana maree duratti ol ba'e. Kana gidduutti garuu namichi sooressi tokko namoota gidduudhaa lafaa olka'ee, "Yaa Abrahaam Linkeen, maatii koof kophee kan suphuu fi qulqulleessu abbaa kee ta'uu isaa hin dagatiin," ittiin jedhe. Uummatni achitti argamanis ‘kitkit kitkit kitkit’ jedhanii kolfa itti gaggaban. Sababni isaas immoo Linkeen dubbii dureessichi dubbatetti baay'ee qaana'eera jedhanii waan yaadaniif.
---------------------------------------------------
Namoonni tokko tokko garuu uumamuma isaanii tiin hubannaa addaa gonfatanii dhalatu mitii ree? Linkeenis namoota hubannaa addaa sana waliin dhalatan kanneen keessa tokko waan ture natti fakkaata. Dureessicha namoota itti kolfisiise sana ija, ija isaa keessa ilaalaa deebiin inni kenneef kan akkas jedhu ture; "Yaa Gooftaa koo, abbaan koo maatii keessaniif akka kophee hojjetu anis beeka. Akkasumallee isiniif qofa osoo hin taanee namoota mana maree kana keessatti argaman hedduu isaaniif illee dabalatee isatu kophee hojjeta. Sababni isaa immoo akka abbaan koo itti babbareechee hojjetutti namni kan biraan waan hin dandeenyeefi dha. Inni kophee ni hojjeta jechuun qofti abbaa koo hin ibsu; lubbuuma itti uuma malee!
Mee isinumaanan gaafadha, kophee abbaan koo isiniif hojjete irratti komii qabduu? yoo jiraateef anis ogummaa sana waanan qabuuf kophee kan biraa isiniif hojjechuu nan danda'a. Garuu hangan fedhe bareechee yoon isiniif hojjedhe iyyuu hamma abbaakootii akka inni hin bareedne beeka. Sababni isaas ogummaa abbaan koo kophee hojjechuu irratti qabu jabeessee waanan

31/01/2025

Address

Hareto
Welega

Telephone

+251910090133

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Katama Wakuma Yadata posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Katama Wakuma Yadata:

Share