Buufata Fayyaa Yaacii/Yachi HC

Buufata Fayyaa Yaacii/Yachi HC Primary Health care unit/PHCU/

15/11/2024
Leenjiin  miseensaa ganda Yaacii Uracheetti kennaamuu eegaleera. Leenjii kana irrattis Hojii hubannoo uumuu weerara busa...
06/11/2024

Leenjiin miseensaa ganda Yaacii Uracheetti kennaamuu eegaleera. Leenjii kana irrattis Hojii hubannoo uumuu weerara busaa fi horannaa IFH irratti orientationin Ogeessa fayyaa fi hoggansa ganda Yaacii uracheetiin kennameera.
Gandi Aanaa ta'eera kan jennuuf sababaani!

Guyyaa10/11/2016Dhaabbii biqiltuu (ashaaraa magariisaa) Keessummootaan mooraa Kellaa Fayyaa Kiilolee keessatti yemmuu ge...
17/07/2024

Guyyaa10/11/2016
Dhaabbii biqiltuu (ashaaraa magariisaa) Keessummootaan mooraa Kellaa Fayyaa Kiilolee keessatti yemmuu geggeeffamu....

Guyyaa 10/11/2016Affeeeraa nyaata aadaa Oromoo fi kenna kabajaa hawaasa Aanaa Gommaa fi bulchiinsa aanaa Gommaa irraa (B...
17/07/2024

Guyyaa 10/11/2016
Affeeeraa nyaata aadaa Oromoo fi kenna kabajaa hawaasa Aanaa Gommaa fi bulchiinsa aanaa Gommaa irraa (Bullukko ykn Gaabii fi Buna Uumamàa Coffe Arabica) Keessumootaaf yemmuu kennamu suuraadhaan......

08/06/2024
Dhukkuba Busaa Waliin Haa Ittifnu !!Dhukkubni busaa dhibee orgaanizimii pilaasmoodiyeemii jedhamuun kan dhufu yoo ta’u, ...
08/06/2024

Dhukkuba Busaa Waliin Haa Ittifnu !!

Dhukkubni busaa dhibee orgaanizimii pilaasmoodiyeemii jedhamuun kan dhufu yoo ta’u, dhukkubni kun nama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti kan daddarbu bookee busaa (Anopheles mosquito ) jedhamtuuni.

:
Mallattoowwan nama dhukkuba busaatiin qabame tokko irratti mul’achuu danda’an gubaa qaamaa (ho'inni qaamaa dabaluu), qorrisiisuu, dafqisiisuu, bowwuu mataa, hollachuu qaamaafi hoqqisiisuu(ol deebisuu) dha.

Mallattooleen kunniin nama kamirrattuu yoo mul’atan dafanii gara dhaabbata fayyaatti geessuun yaala fayyaa akka argatan gochuu qabna.

Tooftaalee ittisa dhukkuba busaa:
✍Saaphana siree keemikaalaan cuuphame bakka ciisichaatti sirnaan fayyadamuu
✍Keemikaala farra bookee buusaa keenyaa/ dhaaba manaatti biifsisuu
✍ Iddoowwan wal hormaata bookee busaaf mijatoo ta’an /bishaan ciisaa faayidaa hin kennine, raaree/ dhaqidhaqii/ dhabamsiisuudha.

Oromiyaa keessatti iddoowwan baay'eetti waktiin kun yeroo dhukkubni busaa itti heddummatu waan taheef of eeggannoo barbaachisu gochuuniifi yemmuu mallattoon armaan olii namarratti mul'atu gara mana yaalaa deemuun qoratamuun barbaachisaadha.

Waliin taanee dhibee busaa haa ittisnu!

Fayyaa hundaaf!

Biiroo Fayyaa Oromiyaa

21/05/2024

Address

Agaaroo Fi Toobbaa Gidduutti Argama
Yayo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Buufata Fayyaa Yaacii/Yachi HC posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram