WeightWatchers

WeightWatchers Wir sind ein professionelles Abnehmteam, wir lösen Ihre Probleme professionell, sicher und gesund.

Humna ofitti amanuu*Milkaa'inni mirga dhalootaa kee ti; cimina keetti amaniitii jireenya siif malu geggeessi.*Cimina kee...
06/21/2023

Humna ofitti amanuu

*Milkaa'inni mirga dhalootaa kee ti; cimina keetti amaniitii jireenya siif malu geggeessi.

*Cimina keetti amani humna jireenya ati barbaaddu uumuuf qaban gonkumaa xiqqeessitee hin ilaalin.

*Yeroo ofitti amantu iccitii milkaa'ina jalqabaa qabda.

*Yeroo namni biraa hin amanne ofitti amanuu qabda. Kanatu mo'ataa si taasisa.

*Yeroo namni biraa abjuu keetti hin amanne ofitti amani abdii hin kutatin.

*Muuxannoo hunda keessatti humna, ija jabina fi ofitti amanamummaa argatta bakka dhugaa jiru duratti sodaa fakkeessuu dhiista.

*Karaan ofitti amanamummaa itti horattu waan sodaattu hojjechuu fi galmee milkaa'ina qabaachuudha.

*Laafina kee osoo hin taane cimina kee irratti xiyyeeffadhu. Maqaa kee osoo hin taane amala kee irratti xiyyeeffadhu. Kennaa kee irratti osoo hin taane eebba kee irratti xiyyeeffadhu.

*Akka jirtutti gahaadha. Kana caalaa ta'uu, kana caalaa hojjechuu ykn nama kamiifuu waan tokko mirkaneessuu hin qabdu. Gatiin kee uumamaan jira.

*Ati gahaadha. yeroo hunda gahaadha. Ati guutuudha. Ofiin kee inni dhugaan haa ifu.

Abjuu kee hammadhu, sodaa tokko malee hordofi. Milkaa'inaafi gammachuun xiqqoo waan qabduuf qofa siif mala. Sababni biraa hin barbaachisu.

Jireenya keessatti wanti gaariin naaf mala jettee akka amantu yommuu of hayyamtu, injifachuuf taphachuu jalqabda.

Waan qabdu hundaan bakka barbaadde yeroo deemtu. Akkasitti dhuguma maal irraa akka uumamtee fi hammam cimaa, humna fi kan hin dhaabbanne ta'uu akka dandeessu argita!

Kanaaf injifachuuf taphadhu guddummaa kee kabaji!

Ani shaampiyoonaa dha. Injifachuuf nan taphadha jedhi amani.

Guyyaa haaraa baayyee humna guddaa qabu isiniif haa ta'u!

Follow Like Burqaa Eebba Addunyaa

Namni kun muka kana muruuf yaalaa ture, dhumarratti dadhabee sababa gaaddisa isaatiin mukicha jala rafe.  Asirratti baru...
06/07/2023

Namni kun muka kana muruuf yaalaa ture, dhumarratti dadhabee sababa gaaddisa isaatiin mukicha jala rafe. Asirratti barumsa akkamii barachuu qabna?

1) Quba si nyaachise hin ciniinin.

2. Nama balleessuuf hin ariifatin, bor nama si barbaachisuu danda'a.

3. Har'a nama tokkollee gadi hin ilaalin ykn hin tuffatin, innuu bor gargaaraa kee ta'uu danda'a.

4. Dubbachuu ykn tarkaanfii fudhachuu kee dura itti yaadi.

5. Yeroo hunda gaarii xiqqoo namoonni siif oolan osoo hin balleessin dura gochaa isaan siif raawwatan yaadadhu.

6. Warra si aarsaniif araara argisiisuu yaadi. salphaadhumatti waan gaariif of dirqisiisi.

7. Namni sin faayinne hin jiru.
Waan gaarii yaadi,
Waan gaarii hojjedhu,
Waan gaarii eeggadhu

Suuraa jaallatamaaJaalalli haadhaa qixxee hin qabu.
05/31/2023

Suuraa jaallatamaa
Jaalalli haadhaa qixxee hin qabu.

Maatii Fi Hiriyyoonni koo hunda keessan guyyaa eebbifamaa akka isiniif ta'u nan kadhadha.
04/13/2023

Maatii Fi Hiriyyoonni koo hunda keessan guyyaa eebbifamaa akka isiniif ta'u nan kadhadha.

****Ergaa******Gaabbii keessa jiraachuun carraa haaraa si dhabsiisa;  dogoggora keessa deebitee jiraachuun milkaa’ina ha...
03/15/2023

****Ergaa******

Gaabbii keessa jiraachuun carraa haaraa si dhabsiisa; dogoggora keessa deebitee jiraachuun milkaa’ina haaraa si dhabsiisa. Hanga isa durii duubatti gatutti isa haaraa hin argitu. Amantiin fayyinni dhufuu arguu qabda, karaa sadarkaa guddina arguu qabda.

02/21/2023
02/21/2023

Warri Waaqayyoon amanatan, akka tulluu Xiyoon isa hin mittiqnee, isa bara baraan dhaabatuu ti (Far 125:1).

Burqaan jireenya kennu si bira waan jiruuf, ifa keetiin ificha in argina (Far 36:9).
02/19/2023

Burqaan jireenya kennu si bira waan jiruuf, ifa keetiin ificha in argina (Far 36:9).

Jeremiah 31:3I have loved you with an everlasting love. ❤                             1John 1:7The blood of Jesus Christ...
02/09/2023

Jeremiah 31:3
I have loved you with an everlasting love. ❤
1John 1:7
The blood of Jesus Christ His Son cleanses us from all sin.
1John 4:10
In this is love, not that we loved God, but that He loved us and sent His Son to the propitiation for our sins.
John 3:16-17
"For God so loved the world that He gave His only begotten Son, that whoever believes in Him should not perish but have everlasting life."
"For God did not send His Son into the world to condemn the world, but that the world through Him might be saved."
John 10:10
I have come that they may have life, and that they may have it more abundantly (Rom 3:23).

For all have sinned and fall short of the glory of God.

01/27/2023

Kaayyoon jireenyaa koo yeroo gaariittis tahe, yeroo hamaatti Waaqayyoof ulfina kennuudha.

Du'i tasaa sin argatin
11/10/2022

Du'i tasaa sin argatin

Hojjetaa Wangeelaa Taarikuu Waannaa nagaan boqodhu.Waaqayyo bobaa Abrahaam bobaa tolootaa jala si'aa boqochiisu.Baay'ee ...
11/10/2022

Hojjetaa Wangeelaa Taarikuu Waannaa nagaan boqodhu.
Waaqayyo bobaa Abrahaam bobaa tolootaa jala si'aa boqochiisu.

Baay'ee sijaalladha

Waan jaarsi si'a tokko taa'ee arguu, dargaggeessi si'a sadii utuu muka yaabbatee iyyuu arguu hin danda'u.
09/17/2022

Waan jaarsi si'a tokko taa'ee arguu, dargaggeessi si'a sadii utuu muka yaabbatee iyyuu arguu hin danda'u.

Ilaalcha kana keessatti hiree malee karaan biraa hin jiru. Carraan keenya baay'ee bareedaa miti.Mirgi Oromoo Walloo haa ...
08/18/2022

Ilaalcha kana keessatti hiree malee karaan biraa hin jiru. Carraan keenya baay'ee bareedaa miti.

Mirgi Oromoo Walloo haa kabajamu

Asoosama gabaabaa kutaa tokkoffaa.❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤  Imimmaan jaalalaa  Dubbisa gaarii.  ______________________Guyyaa wal ar...
08/18/2022

Asoosama gabaabaa kutaa tokkoffaa.
❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤❤
Imimmaan jaalalaa
Dubbisa gaarii.
______________________
Guyyaa wal argine imimmaan nagaa naaf kennite. Ati dhuguma na hin jaallanne, garuu namni tokko natti si erge. Ishee hammadhee imimmaan maddii ishee irraa haxaa'ee al tokko dhungadhe. Ija keessa ilaaluu saalfaatte. Miira addaa keessa na galchite. Haalli isheen ittiin na simatte addunyaa kanarraa hin jiru. Dhugaadha aakkan ajaa'ibsiifadhe. Imimmaan maddii ishee isa burtukaanaa ta'een gadi lolaafte lafa hin buune. Walakkaa onnee koo imimmaanin seente. Dhuguma na dhabuu hin barbaaddu. Yoon isheef bilbilee "hello" naan jettu qaamonni koo hundi ni dammaqu. Sagaleen ishii qaama koo guutuu keessa seenee gurra kootti seenee onnee kootiif boqonnaa kenne. Halkan waliif bilbiluun rakkisaadha. Maatiin baay'ee waan itti aaraniif mana fincaanii keessa teessee, damma koo naaf bilbili, si eegaa jira jettee naaf barreessiti. Dhugaa natti hin fakkaatu. Kan nama dhibu teleen ergaa barreeffamaa yoo naaf ergite isheetu messaggii naaf erge natti fakkaata. Teletext ta'uu isaa yeroon hubadhu baay'een aare. Kun hundi jaalala ishee irraa kan ka'e akka ta'e of amansiise. Namichi harree barbaadu gurraatu gurum gurum jedha jedhu. Baay'een jaalladhe. Maaliif akka boossee gaafachuu sodaadhe. Jaalalli maal akka ta'e hubachuun natti ulfaate. Dhuguma jaalalli si boochisaa? Isheenis imimmaan keessa gaaffii koo deebiste. Garuu maal godha? itti fufuu.......

Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf ...
08/04/2022

Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame (Isa 53:5).

I decree that every satanic rock blocking your way to your success be destroyed now by fire 🔥🔥🔥🔥
08/04/2022

I decree that every satanic rock blocking your way to your success be destroyed now by fire 🔥🔥🔥🔥

07/29/2022

Waan hundumaa caalaa Yesusin filadhu.
Jireenya kee irratti Yesusin filadhu.
Hojii kee caalaa Yesusin filadhu.
Jireenya jaalalaakee caalaa Yesusin filadhu.
Milkaa’ina kee caalaa Yesusin filadhu.
Yesuus waan hundaa kee haa ta'u.
Yesus jireenya kee haata'u.
Yesus hojii kee haata'u.
Yesus jireenya jaalalaa siif haata’u.
Yesus milkaa’ina kee siif haata’u.
Sababni isaas yoo wanta yeroodhaaf dursa kennite Waaqa caalaa hin turu yaadadhu.
Yesus dursa jireenya kee haata’u.
Yaadadhu, dadhabbii akkamiiyyuu yoo hojjette, Waaqayyo jireenya kee fudhachuu yoo barbaade, inni gochuu danda’a. Jireenyi gabaabduudha, kanaaf utuu yeroon jiruu, Waaqayyoon haa tajaajillu.

Gooftaa Yesuus ani miseensa maatii koo ykn nama jaalladhu kamirrattuu gadda dhaga'uu hin barbaadu. Miseensonni maatii ko...
07/26/2022

Gooftaa Yesuus ani miseensa maatii koo ykn nama jaalladhu kamirrattuu gadda dhaga'uu hin barbaadu. Miseensonni maatii koos tokko illee narratti hin gaddin.

Dhaloonni amma hin gowwominaa mormitootni Kristoos yeroodhaafi malee booda in badu. Wangeelatti deebi’aa amanaa, Mootumm...
07/16/2022

Dhaloonni amma hin gowwominaa mormitootni Kristoos yeroodhaafi malee booda in badu. Wangeelatti deebi’aa amanaa, Mootummaan Waaqayyoo dhi'aateera (Mar 1:15).
Yaa dhaloota qophaa'ii jireenya barabaraa seeni!

Jaarsii kun dubartii of fakkeesssa ilaal

Like and Follow
07/14/2022

Like and Follow

Peejiikoo like Follow godhaa
14/7/2022
Waaqayyo hamaa irraa si eega
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin in cimsa, isa hamaa sanas isin irraa in eega (2Tas 3:3).
Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu. Kunoo, inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus. Waaqayyo si eega, Waaqayyo gaaddisa kee ti, inni gara mirga kee jira. Guyyaa aduun si hin rukutu, halkanis ji'i si hin miidhu. Waaqayyo hamaa hundumaattii si eega, inni jireenya kee in eega. Waaqayyo gad ba'uu kee, ol galuu kees ammaa jalqabee hamma bara baraatti in eega (Far 121:3-8).
Macaafa faarsaa Daawit 91:1-11 waa'ee eegumsa Waaqayyo dubbata. Eegumsa Waaqayyo jala waan jiruuf, bubbeen naannoo keenyatti uumamu nun miidhu. Aangoo guutuus hin qabu. Waaqa jabaafi guddaadhan eegamtee jirta, Bokkaa Yaandoo fi dukkanni yoo jiraateyyuu, Waaqayyo golgaa eegumsaafi jaalala isaan si marsee jira. Waaqayyo humna hafuura hamaa si lolu gidduu buufatee jira. Harki isaa yeroo qorumsaa si baata. Ergamaan Waaqayyo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas. Namni isatti kooluu gale haa gammadu (Far 34:7-8).
Si balleessuuf mi’i waraanaa yoo qopheeffameyyuu, si miidhuu hin danda'u (Isa 54:17).
Warra humnaan sirratti ka’an Waaqayyo sirraa dhowwa (Far 17:8-9).
Egaa ani si wajjin waanan jiruuf hin sodaatin, ani sin jabeessa, ani sin gargaara, ani ol sin qaba (Isa 41:10-12).

Haalleluyyaa eega keeti Waaqayyo.

Peejiikoo like Follow godhaa14/7/2022Waaqayyo hamaa irraa si eega'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''...
07/14/2022

Peejiikoo like Follow godhaa
14/7/2022
Waaqayyo hamaa irraa si eega
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin in cimsa, isa hamaa sanas isin irraa in eega (2Tas 3:3).
Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu. Kunoo, inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus. Waaqayyo si eega, Waaqayyo gaaddisa kee ti, inni gara mirga kee jira. Guyyaa aduun si hin rukutu, halkanis ji'i si hin miidhu. Waaqayyo hamaa hundumaattii si eega, inni jireenya kee in eega. Waaqayyo gad ba'uu kee, ol galuu kees ammaa jalqabee hamma bara baraatti in eega (Far 121:3-8).
Macaafa faarsaa Daawit 91:1-11 waa'ee eegumsa Waaqayyo dubbata. Eegumsa Waaqayyo jala waan jiruuf, bubbeen naannoo keenyatti uumamu nun miidhu. Aangoo guutuus hin qabu. Waaqa jabaafi guddaadhan eegamtee jirta, Bokkaa Yaandoo fi dukkanni yoo jiraateyyuu, Waaqayyo golgaa eegumsaafi jaalala isaan si marsee jira. Waaqayyo humna hafuura hamaa si lolu gidduu buufatee jira. Harki isaa yeroo qorumsaa si baata. Ergamaan Waaqayyo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas. Namni isatti kooluu gale haa gammadu (Far 34:7-8).
Si balleessuuf mi’i waraanaa yoo qopheeffameyyuu, si miidhuu hin danda'u (Isa 54:17).
Warra humnaan sirratti ka’an Waaqayyo sirraa dhowwa (Far 17:8-9).
Egaa ani si wajjin waanan jiruuf hin sodaatin, ani sin jabeessa, ani sin gargaara, ani ol sin qaba (Isa 41:10-12).

Haalleluyyaa eega keeti Waaqayyo.

07/14/2022

Wanta haaraa warra barbaadaniif Waaqayyo in raawwata.

Kun akka itti diinonni kee adeemsa jireenya kee ilaalanidha maqaa Yesusin.
07/12/2022

Kun akka itti diinonni kee adeemsa jireenya kee ilaalanidha maqaa Yesusin.

Waaqayyo yeroo hunda duuba kee si qaba
07/09/2022

Waaqayyo yeroo hunda duuba kee si qaba

07/08/2022

Yesuus si wajjin akka jiru amani dinqii hojjetamu argata.

Namni waa'ee kee waan hamaa dhaga'uuf ciniinsifatee eegaa jiru hanga dhumatti utuu hin argin hafa.
07/08/2022

Namni waa'ee kee waan hamaa dhaga'uuf ciniinsifatee eegaa jiru hanga dhumatti utuu hin argin hafa.

Ayyaanni, dibanni, mul'anni, eebbi, ulfinni, nagaan, milkaa'insi diinota kee rifachiisu sif Haata’u.......... Obboloonni...
07/08/2022

Ayyaanni, dibanni, mul'anni, eebbi, ulfinni, nagaan, milkaa'insi diinota kee rifachiisu sif Haata’u..........
Obboloonni keenya immoo dhiiga hoolichaatiin, dubbii isa dhugaa ba'aniinis isa mo'aniiru; isaan du'atti waan isaan geessu yoo ta'e iyyuu, lubbuu isaanii hin mararsiifanne (Mul 12:11).

Addunyaan hundi waan nama hunda balleessu qabamtee jirti.  Waaqayyo sif haa falmu.... inni dhugaa baasu.
07/08/2022

Addunyaan hundi waan nama hunda balleessu qabamtee jirti. Waaqayyo sif haa falmu.... inni dhugaa baasu.

Sodaa malee Waaqayyoon nan amanadha, namni maal na gochuu danda'a ree? (Far 56:11).
07/08/2022

Sodaa malee Waaqayyoon nan amanadha, namni maal na gochuu danda'a ree? (Far 56:11).

Waaqayyo ammas Museedhaan, "Ati Aaronii fi ilmaan isaatiin, 'Dubbii kanatti fufee jiruun Israa'eloota eebbisaa! Yommuu i...
07/05/2022

Waaqayyo ammas Museedhaan, "Ati Aaronii fi ilmaan isaatiin, 'Dubbii kanatti fufee jiruun Israa'eloota eebbisaa! Yommuu isaan eebbiftan:- Waaqayyo isin haa eebbisu, isin haa eegu! Waaqayyo fuula isaa isiniif haa ibsu, isinitti haa araaramu! Waaqayyo fuula isaa gara keessanitti haa deebisu, nagaas isiniif haa kennu! jedhaan!' jedhi! (Lak 6:23-26).

Yesus, "Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann'ee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu" je...
07/05/2022

Yesus, "Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann'ee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu" jedhee deebiseef (Luq 9:58, Mat 8:20)......
Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, mootii ko Waaqayyo kos, iddoo aarsaa keetti dinbiitiin illee mana, girrifnis mann'ee cuucota ishee keessa kaa'attu argatte (Far 84:3).......
Muka tokko irratti yookiis lafatti mann'ee simbirroo ilmaan yookiis anqaaquun keessa jiru argitee, haati ilmaan yookiis anqaaquu sana irra yoo jiraatte, haadha ishee ilmaanii wajjin hin fudhatin! (Kes 22:6).

Amantiin kee sodaa kee caalaa guddaa haata'u.....Ameen!!!
06/30/2022

Amantiin kee sodaa kee caalaa guddaa haata'u.....Ameen!!!

Wanti fedhe haatahu Waaqayyon galateeffachuu ittifufi.
06/19/2022

Wanti fedhe haatahu Waaqayyon galateeffachuu ittifufi.

Address

Deutschland
Berlin, MD

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WeightWatchers posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share


Other Weight Loss Centers in Berlin

Show All