10/11/2018
•••
•••
Nagaan isiniif haa ta’u jechaa akkuma beekamu Waldaan Wal- Gargaarsa Najjoo Jaarsoo(NJSHA) erga hundeeffamee kaasee hojii gaarii Magaalaa Lakkuu Miniisootaa, Washington DC fi Isteeta garaa garaa namoota Najjoo-Jaarsoo jiraniin biyya keessaa dhufaniif hojii wal jajjabeessuu, dhaloonni barnootatti akka jabaatu, Fayyaa fi Diinagdee saba keenyaa irratti hojii boonsaa fi fakkeenyummaa qabu gochaa tureera.
•••
Har’as sabni keenya Aanaa bakkeewwan akka kutaallaa haroo, Warqee nasii, Leemmuu Nasii, Amuumaa mana Bushaanee, Baddeessoo, Agaloo meexxii, Bassii cofoldee naannoleen jedhamanii namoonni qe’ee isaaniirraa du’aan, baqannaadhaan, Inni kaan badee, harmootiin bakkeetti da’anii haala nama gaddisiisu keessa jiru. Akka suuraan armaan gadii mullisuttis ta’e baayyina namootaa irraan kan ka’e, baadiyyaa Aanaa Najjoo bakka buufata sagalatti walitti qabamanii jiru, akkasumas Magaalaa Najjoo keessa namoota 3703 ta’an dubarri leenjii Qonnaa keessa fi dhiironni Waajjira Mana Murtii keessa buufatanii jiru. Walumaa galatti namoota kuma digdamii tokkoo (21,000.00)olitti kan tilmaaman qe’ee isaanii ala jireenya hadhaa’aa jiraachaa jiru. Keessummaa dubartoonni da’anii bakkeerra jiru. Daa’imman, Maanguddoonni gocha hamaa kanaan miidhamanii nama isaan bira dhaabatu eeggachaa jiru.
•••
Kanaaf deebisanii jiraachisuuf gargaarsi isaaniif ta’u walitti akka qabamuuf yaadamee waan jiruuf akka argamtanii ho’a namoota kanatti agarsiiftan jechaa. Warri Washington DC jirtan , fi akka quunnamtanii obboloota keenya bira dhaabannu kabajaa fi Jaalala guddaadhaan isin gaafanna.
Warri Miniisootaa
Guyyaa fi yeroo:
Sunday, October 21, 2018 @2:00pm
Bakka:
Oromo Community of Minnesota
465 N Mackubin St. Paul
MN, 55103
Hunduu Galatoomaa.
NJSHA Board.