03/30/2024
π―π¨π¨π±π° π¨π¨π«π¨π΄ πΊπ¨π«π«πΆπΆ
H/Aadam Saaddoo (Aadam Daraaraa) bara 1887 ALH godina Baalee, Aanaa Goobbaa, Ganda Daraaraatti dhalatan. Namni kun qabsoo diddaa gabrummaa gaggeeffamaa ture keessatti nama adda durummaan gahee guddoo bahateedha. H/Aadam Saaddoo miidhaa sirna gabroomfataatiin Oromoorra gahaa ture guddoo isatti dhagahama ture. H/Aadam guutuu umrii isaa nama qabsoo keessatti fixe ture. Ijaarsa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessattis gahee guddaa qaba.
Yeroo waldaan Maccaafi Tuulamaa mooticha H/sillaaseetiin jalaa diigamu Huseen Suraa namni jedhamu miseensi waldichaa Baaletti baqatee ture. Huseen Baale galee hin cal'ifne. Ummata ijaaree Waldaan Maccaa fi Tuulamaa humnaan diigamus akkamitti waldicha gara qabsoo dirreetti ol guddisanii sochoosuun akka danda'amu gadi fageenyaan xiinxalee xalayaa seena qabeettii takka barreessudhaan harka Haaji Aadam Saaddootiin gara Jeneral Taaddasaa Birruutti erge.
Haaji Aadam xalayattii qabatanii yoo Finfinnee gayan J/Taaddasaadhaaf bilbilan. Wayta kanatti J/Taaddasaan too'annoo humna nafxanyaa jala oolfamee ture. Poolisiin mana isaatitti ramadame bilbila kaasee akka waan J/Taaddasaa taheetti waajjiratti wal agarraa garasumatti koottaa jedheen. Gaafa Haaji Aadam achi gahan waan isaan hin eegnetu mudate. Humni nageenyaa itti marsanii qaban.
Wayta kana iccitiin xalayaa sanaa akka harkaa hin baane maal gochuu akka qaban yaaduu jalqaban. Battalumatti fincaantu na qabe jechuudhaan eeyyamsiisanii mana fincaanii dhaqan. Achittis xalayaa iccitii jabduu of keessatti qabatte kan Huseen irraa ergamte alanshanii liqimsan. Poolisichi kootti gadi bahi yoo jedhuun, isaanis gadi bahuudhaan ''kan garaa nu baate garaatti nu deebitee, amma waan feetan nu godhaa"' jedhaniin.
Haaji Adam xalayaa sana liqimsuun isaanii lubbuu gootota hedduu kan baraaree fi akeeka qabsoo Oromoo akka diinni hin barre waan godhaniif qabsicha eegalameef umrii kan kenne akka ture hayyoonni seenaa ni dubbatu.
Gaafa tokko akaabirran ykn gurguddaan Arsii (Baalee-D