Prophet Meseret Taye

  • Home
  • Prophet Meseret Taye

Prophet Meseret Taye Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Prophet Meseret Taye, .

✍️ Nagaan waaqayyoo waaqarraa siif haa baayyatuu. Waaqayyoo Karaa hundumaan hojii hojjechaa jira. Leenca golgootaaf gala...
04/05/2023

✍️ Nagaan waaqayyoo waaqarraa siif haa baayyatuu. Waaqayyoo Karaa hundumaan hojii hojjechaa jira. Leenca golgootaaf galaannii haa ta'u. Namoonni kana dura isiiniif kadhatamee, dhukkuba irraa, rakkoo adda addaa irraa fayyitanii waaqayyoo isiin gargaaree dhugaa _ Baatii keessan fida jirtan waaqayyoo baga isiin gargaaree.
Akkasumas warri dhimmoota garagaraa irrattii Akka isiiniif kadhatamuu barbaaddan Karaa inbox Facebook kanaan nuu quunnamuu dandeessuu.
Akkasumas namoonni Karaa hundumaan nu deeggarsa nuuf gochaa turttan, qabeenya keessaaniin, akkasumas kadhannaan nu bukkee dhaabbattan galataa qabdu. Waaqayyoo eebba lafarraa Fi waaqarraan issin haa eebbisuu.
✍️ Akkasumas ammas namoonni nu bukkee dhaabbachuuf yookiin nuu gargaaruuf fedhii qabdan Karaa 👉 Facebook kanaan nuu dubbisuu dandeessuu.

🌲 Waaqayyoo baraaf jireenya keessan haa eebbisuu.

✍️ ሰላም ለናንተ ይሁን። እግዚአብሔር በሁሉም መንገድ እየሰራ ነው። ለጥላ አንበሳ ነዳጅ። ከዚህ በፊት ጸሎተ ፍትሐት የተደረገላቸው፣ ከተለያዩ በሽታዎች፣ ከችግር የተፈወሱ እና እውነተኛ _ጨረቃችሁን በእግዚአብሔር ረዳትነት እያመጣችሁ ላላችሁ፣ እንኳን ደስ አላችሁ።
እንዲሁም በተለያዩ ጉዳዮች ጸሎት ሊደረግላቸው ለምትፈልጉ በዚህ የፌስቡክ መልእክት ሳጥን ሊያገኙን ይችላሉ።
በሁሉ መንገድ ሲረዱን በገንዘቦቻችሁ እና በፀሎት ከጎናችን የቆሙትን እናመሰግናለን። እግዚአብሔር የምድርን የገነትን በረከት ይባርክህ።
✍️ አሁንም ሊረዱን ወይም ሊረዱን ከፈለጋችሁ በፌስቡክ በኩል አግኙን።

🌲 እግዚአብሔር እድሜህን ይባርክ ለዘላለም።

✍️ Peace be upon you from heaven. God is working in every way. Hail to the lion of the shadows. People who have been prayed for in the past, healed from sickness, various problems and God has helped you and you are bringing your true _ Month, congratulations.
Also those who would like to be prayed for on various issues can contact us via this Facebook inbox.
Thank you also to the people who have been supporting us in every way, with your resources, and standing by us in prayer. May God bless you with earthly blessings And heavenly blessings.
✍️ And again, if you are interested in standing by us or helping us, please contact us via 👉 on Facebook.

🌲 May God bless your life forever.

Kiruuseedii Guddaa Magaalaa Ijaajjiitti Gaggeeffamaa jiru.======== Gara Waaqayyootti Deebi'uu ========Guyyaa ❶ffaa===በኢጃ...
04/05/2023

Kiruuseedii Guddaa Magaalaa Ijaajjiitti Gaggeeffamaa jiru.
======== Gara Waaqayyootti Deebi'uu ========
Guyyaa ❶ffaa
===በኢጃጂ ከተማ የተካሄደ ያለው ታላቅ ኪሩሴድ ===
======= ወደ እግዚአብሔር መመለሰ===========
❶ኛ ቀን
====== The ongoing Ijaji Great crusade =====
====== Getting back to God =======
Day ❶

📖2Sen. 7¯¯¯¯ ¹⁴ "Sabni koo warri dhuunfaa koo ta'an kun gad of deebisanii ana barbaaddatanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebi'anii, yoo na kadhatan, ani waaqa irraa isaaniif nan dhaga'a, cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa, biyya isaaniis nan fayyisa. ¹⁵ "Iji koo gara kadhata iddoo kanatti kadhatamuu in ilaala, gurri koos isa in dhaggeeffata.

✍️Deebi’uu gaafa jennu miillaan gara mana Waaqayyootti deebi’uu jechuu utuu hin taane, yaada ofii gutuun gara Waaqayyootti deebi’uu jechuudha.

✍️Miillan gara waldaatti deebi’anii gara garuu yaadni isaanii kan hin jirre baayyeetu jira.

✍️Akka kutaa kana keessatti ilaallutti deebi’uun wantota sadii of keessatti qabata.

Innis:

❶Gad of deebisuu

❷Barbaaduu

❸Karaa ofii isa hamaa irraa deebi’uu.

✍️Kana of keessatti qabata akka kutaa kana keessatti ilaallutti.

✍️Deebi’uu jechuun gad of deebisuuudha.

❶Gad of deebisuu.

✍️Gad of deebisuu jechuun gaabbuu, gadduu, jireenya ofiitti, hojii ofiitti gaabbuu argisiisa.

✍️Gad of deebisuu jechuun isa namni fuula namaatti akka dhallaadduu of coolligsu miti; gad of deebisuun eenyummaa isa keessaati.

✍️Macaafni qulqyulluun gad of deebisuu isa jedhu kana hiika isaa gaafa kaa’uu, garaa cabaadhaa fi hafuura bullaa’aadha.

📖Far. 51 ¹⁶ Qalmi sitti hin tolu, aarsaa dhi'eessuu koottis ati hin gammaddu; ¹⁷ hafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuu dha, yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaafi bullaa'aa hin tuffattu!

✍️Waaqayyoo garaa cabaa fi hafuura bullaa’aatti gammadu aarsaatti hin gammadu; aarsaa caalaa hafuura bullaa’aatti gammada.

📖Far. 34:18 “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa'es in fayyisa.

Kiruuseedii Guddaa Magaalaa IjaajjiittiTokkummaa Amantoota Wangeelaa Magaalaa Ijaajjiitiin Kan qophaa'eEbla 20-22 Bara 2...
25/04/2023

Kiruuseedii Guddaa Magaalaa Ijaajjiitti
Tokkummaa Amantoota Wangeelaa Magaalaa Ijaajjiitiin Kan qophaa'e
Ebla 20-22 Bara 2015 guyyoota 3'f
Dirree Mana Barumsaatti geggeeffama
2Sen. 7:14 "Sabni koo warri dhuunfaa koo ta'an kun gad of deebisanii ana barbaaddatanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebi'anii, yoo na kadhatan, ani waaqa irraa isaaniif nan dhaga'a, cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa, biyya isaaniis nan fayyisa.”
Guyyoota kana sadan; kan Waaqayyo Dhaloota kanaaf dibee isaan kaase Namni Waaqayyoo Raajii Masarat Taayyee Mata duree Gara Waaqayyootti Deebi’anii Isa Barbaaddachuu jedhuun kan isin tajaajilan yommuu ta'u; Akkasumas Lubi Gaaddisa Xilaahuunii isin tajaajilu.
Guyyoota kanatti Wangeelli Mootummaa Waaqayyoo humnaan in lallabama; kanarraa kan ka’es dhukkuubsattoonni in fayyu, abaarsi in caba, eebbi guddaan biyyaaf in ta’a.
Kanaafuu sabni Godina Shawaa Lixaafi naannoo isaatti argamtan akka irratti hirmaattan afeeramtaniittu!
Faarfattoonni guyyoota kana nu tajaajilanis
Far Ifaa Deesisaa
Far Addaamuu Dheeressaa
Far Kibbineesh Ittaanaa
Guyyoota kanatti argamaatii hirmaattota eebba kanaa ta’aa
ታላቅ ኪሩሴድ በእጃጂ ከተማ
በእጃጂ ከተማ የወንጌል አማኞች አንድነት የተዘጋጀ
ከሚያዚያ 20-22, 2015 ዓ.ም. ለ3 ቀናት በእጃጂ ሜዳ ላይ ይካሄዳል።
2 ዜና 7:14 “በስሜ የተጠራው ሕዝቤ ራሱን አዋርዶ ቢጸልይ፣ ፊቴን ቢፈልግና ከክፉ መንገዱ ቢመለስ፣ ከሰማይ እሰማዋለሁ፤ ኀጢአቱን ይቅር እላለሁ፤ ምድሩንም እፈውሳለሁ።”
በእነዚህ ሦስት ቀናት; እግዚአብሔር ለዚህ ትውልድ ቀብቶ ያስነሳቸዉ የእግዚአብሔር ሰው ነቢይ መሠረት ታዬ ወደ እግዚአብሔር በመመለስ እሱን መፈለግ በሚል ርዕስ የሚያገለግሉአችሁ ሲሆን፤ እንዲሁም መ/ር ስንታየሁ አበዲሣ እና ቄስ ጋድሣ ጥላሁን ያገለግላሉ።
በእነዚህ ቀናት የእግዚአብሔር መንግሥት ወንጌል በኃይል ይሰበካል; ከዚህ የተነሳ ሕሙማን ይፈወሳሉ፣ እርግማን ይሰበራል፣ ለምድሩ ታላቅ በረከት ይሆናል።
ስለዚህ ምዕራብ ሸዋ ዞን እና በአከባቢዉ የምትገኙ ሕብረተሰብ እንድትሳተፉ ተጋብዛችኋል!
በእነዚህ ቀናት የሚያገለግሉ ዘማሪዎችም
ዘማሪ እፋ ዴሲሳ
ዘማሪ አዳሙ ዸረሳ
ዘማሪት ክብነሽ እታና
በእነዚህ ቀናት ተገኝታችሁ የዚህ በረከት ተካፋይ ሁኑ።

Kiruuseedii Magaalaa Beddelleetti Gaggeeffamaa ture.======== Hafuura Araaraa ========Guyyaa ❸ ffaaበበደሌ ከተማ የተካሄደው ታላቅ ክሩ...
12/04/2023

Kiruuseedii Magaalaa Beddelleetti Gaggeeffamaa ture.
======== Hafuura Araaraa ========
Guyyaa ❸ ffaa
በበደሌ ከተማ የተካሄደው ታላቅ ክሩሴድ
======= የምህረት መንፈስ ===========
❸ኛ ቀን
======= The crusade Held at Bedelle ======
======= The spirit of Mercy ========
❸rd Day
📖Isa 33:24 “Warra Xiyoon keessa jiraataniif yakki isaanii waan dhiifameef, isaan keessaa namni tokko illee, "Na dhukkuba" kan jedhu hin jiru.”
✍️Inni "Warra Xiyoon keessa jiraataniif yakki isaanii waan dhiifameef, isaan keessaa namni tokko illee, "Na dhukkuba" kan jedhu hin jiru." jedhe.
✍️Gaafa Waaqayyoo araara namaaf godhu namni dhukkuba hin himatu fayyina malee.
✍️Yeroo inni araara namaaf godhu hafuurri beekumsaa, hubannaa fi ogummaan Waaqayyoon biraa in gadhiifama.
📖Erm 31:34 “ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebi'ee isaanitti hin lakkaa'u; isaan hundumti isaanii xinnaadhaa hamma isa guddaatti ana waan beekaniif, si'achi namni tokko illee nama biyya isaatiitiin yookiis obboleessa isaatiin, 'Waaqayyoon bari!' jedhee, gorsuu hin barbaachisu" jedhe.”
✍️Araarri waaqayyoo gafa dhufu nuyi Kiristaanota qofa oolcha jennee yaadna miti; araarri Waaqayyoo gaafa dhufu nama hundumaa oolcha.
📖Dan. 2 ¹⁷ Kana booddee Daani'el mana isaatti galee dubbicha hiriyoota isaa Hanaaniiyaa, Miishaa'elii fi Azaariyaatti beeksise. ¹⁸ Yommus inni waa'ee dhoksaa dubbii kanaaf, Daani'elii fi hiriyoonni isaa beektota Baabilon warra kaanii wajjin akka hin balleeffamnetti araara Waaqayyo isa waaqa irraa akka kadhataniif itti hime. ¹⁹ Ergasii dubbiin dhokataan sun mul'ata halkaniitti Daani'elitti in mul'ifame; yommus Daani'el maqaa Waaqayyo isa waaqa irraa in eebbise; ²⁰ Daani'el, "Ogummaanii fi aangoon kan isaa waan ta'eef, maqaan Waaqayyoo baraa hamma bara baraatti eebbifamaa haa ta'u!
✍️Daani’eel gaafa Waaqayyoon du’a ooluudhaaf kadhate, murtoon mootichaa waan hammaateef hiriyoota isaa wajjin du’a ooluudhaaf kadhate malee, warra mortota yokkin xibaartoata biyya kalaadotaa wajjin miti.

Kiruuseedii Magaalaa Beddelleetti Gaggeeffamaa ture.======== Hafuura Araaraa ========Guyyaa 2ffaaበበደሌ ከተማ የተካሄደው ታላቅ ክሩሴ...
11/04/2023

Kiruuseedii Magaalaa Beddelleetti Gaggeeffamaa ture.
======== Hafuura Araaraa ========
Guyyaa 2ffaa

በበደሌ ከተማ የተካሄደው ታላቅ ክሩሴድ

======= የምህረት መንፈስ ===========

2ኛ ቀን

======= The crusade Held Bedelle ======

======= The spirit of Mercy ========

2nd day

📖Rom. 9 ¹⁵ Inni Museedhaan, "Namuma ani araara godhuufii barbaaduuf araara nan godhaaf, namuma ani garaa laafuufii barbaaduufis garaa nan laafaaf" jedha. ¹⁶ Kanaafis kun akka araara Waaqayyootti malee, akka jalaala yookiis dhama'a namaatti miti.

✍️Barri nuyi keessa jirru kun bara araaraati; araaricha immoo kan jalqabe utuu hin taane, ilma Waaqayyoo Yesuustu kiristoostu balbala yookin karaa araara nuuf bane.

✍️Waldaan Kriistiyaanaa har'a kan isheen Waaqayyoon bakka buutee biyya lafa kana irra teessuuf, Waaqayyootti araaramaa jettee dhalootaaf ergaa dabarsiti.

✍️Kanaaf, Phaawuloos nuyi afaan Kiristoos taanee Waaqayyootti araaramaa jennee qooda Kiristoos taanee Waaqayyootti araaramaa jennee isin gorsina.

📖2Qor. 5:20 “Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; "Waaqayyotti araaramaa!" jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna,”

✍️Kanaaf Gaaftokko bartoonni utuu Yesuus wajjin adeemanii gandeen samaariyaatti galanii warri sdamaariyaa isaan simachuu didnaan, "Yaa gooftaa akka bara Eliyaas ibiddi Waaqa irraa bu’ee akka isaan fixu godhi." jedhan. Yesuus garuu itti garagalee hafuura maaliin akka gaggeefamtan hin beektanii, ilmi namaa jireenya namaa balleessuuf utuu hin taane oolchuuf akka dhufe hin beektanii jedhe. Bara ijaa baafannaa utuu hin taane, bara araaraa ta’uu isaaniif ibse.

📖Luq. 9 ⁵¹ Yeroon gara waaqaatti ol ba'uu isaatii dhi'aannaan, Yesus Yerusaalem dhaquudhaaf murtoo godhee ka'e. ⁵² Ergamoonni warr inni of dura erge, iddoo isaaf qopheessuudhaaf ganda warra Samaariyaa tokkotti galan. ⁵³ Namoonni ganda sanaa garuu Yerusaalem dhaquudhaaf murtoo gochuu isaa waan dhaga'aniif, isa simachuu didan.

Kiruuseedii Magaalaa Beddelleetti Gaggeeffamaa jiru.======== Hafuura Araaraa ========Guyyaa ❶ffaaበበደሌ ከተማ የተካሄደ ያለው ታላቅ ...
09/04/2023

Kiruuseedii Magaalaa Beddelleetti Gaggeeffamaa jiru.
======== Hafuura Araaraa ========
Guyyaa ❶ffaa
በበደሌ ከተማ የተካሄደ ያለው ታላቅ ክሩሴድ
======= የምህረት መንፈስ ===========❶ኛ ቀን
======= The on going crusade at Bedelle ======
======= The spirit of Mercy ========❶St Day
📖Zak. 12:10 “"Ani hafuura araaraa fi hafuura kadhataa mana Daawitii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti nan dhangalaasa; isaanis isa waraanan sana in ilaalu, akka nama mucaa tokkichaaf boo'uutti in boo'u, akka nama du'a ilma angafaatiif baay'isee gadduuttis in gaddu.”

✍️Waa’ee araaraa gaafa ilaallu, dhoksaan har'a ga’uu keenyaa fi jiraachuu keenyaa araara isaati.

✍️Nama guyyaa guyyaa har'aa ga’e keessaa, namni hojii qulqullummaa isaatiin ga’e hin jiru.

📖Faru. 3 ²¹ kana hundumaa yaaduu keessaa immoo ani abdii qaba. ²² Araarri Waaqayyoo dhuma waan hin qabneef, gaarummaa isaa irraa kan ka'e badiisa keessaa baraaramne.

📖Araarri Waaqayyoo daangaa waan hin qabneef lakkaa’aamee, tilmaamee bira ga’amuu waan hin dandeenyeef guddinni araara isaa kun nu jiraachiseera.

📖Rom. 11:33 “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata? Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata? Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga'u! Karaa isaas namni faanadha'ee hin hubatu!”

✍Waaqayyo ofuma isaatii waaqa araaraati.

📖Far 86:15 “Ati garuu yaa gooftaa, Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta jetta, gaarummaan kee fi amanamummaan kee immoo guddaa dha.”

✍️Araara qabeessa waan ta’eef qajeelotaaf aduu baasee jallootaaf dhiisisee hin beeku, qajeelotaaf bokkaa roobsee jallootatti immoo caamsee hin beeku. Xinnaas guddaas araara isaa isa guddaa irraa kan ka’e, hundumaa wal qixxeetti gaggeessa.

✍️Waaqayyoo inni araara qabeessa ta’e kun, bara Addaam cubbuutti kufee kaasee ilmaan namootaa ofitti araarsuuf karaa adda addaatiin dubbataa yookin hojjechaa ture.

📖Ibr. 1 ¹ Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera.

🔷 Simannaa nuuf gootaniif eebbifamaa.waaqayyoo isiin haa eebbisuu.Waaqayyoof galannii guddaan haa ta'uu.
07/04/2023

🔷 Simannaa nuuf gootaniif eebbifamaa.waaqayyoo isiin haa eebbisuu.
Waaqayyoof galannii guddaan haa ta'uu.

Sii eebbisera ganama kana!!              🔷 Balballii hojii sirratti haa banamuu.🔷 Kallattii hundumaan milkaayii.🔷 Utuu g...
04/04/2023

Sii eebbisera ganama kana!!

🔷 Balballii hojii sirratti haa banamuu.
🔷 Kallattii hundumaan milkaayii.
🔷 Utuu guyyaan har'a Kun keessa hin dhumiin eebbi adda si haa argatuu.
🔷 Hiikamsii adda siif haa ta'uu
🔷 Yeroo Ammaa kana dhukkubsachaa kan jirtu maqaa gooftaa Yesuusiin sii hiikeera bilisa ba'ii.
🔷 Kaleen kee feel kan ta'e sa'aati kana jalqabee kalee haara siif kenneera maqaa gooftaa Yesuusiin.
🔷 Mana yaalatii beellama oppirishinii kan qabdu Amma jalqabee bilisa ati
🔷 Rakkiina adda addaa keessa kan jiraattan maqaa gooftaa Yesuusiin bilisa baataniitu.
🔷 Ganama kana fayyiinnii guddaan sii haa argatuu.
🔷 Eebba hundumaan isiin eebbisera milkaa'a humna dhiiga iyeessuus kristoosiin.
,🌲
kana gochuun Hiriyoota keessan biraan gaha
Eebbifamaa

ዛሬ ጠዋት ተባረክ!!

🔷 የስራ በር ይከፈትልህ።
🔷 በሁሉም አቅጣጫ ስኬት።
🔷 ይህ ቀን ከማለቁ በፊት ልዩ በረከቶችን ይቀበሉ።
🔷 ትርጉሙ ለእርስዎ ልዩ ይሁን
🔷 አሁን በጌታ በኢየሱስ ስም የታመሙትን ፈትቻችኋለሁ ነፃ ሁኑ።
🔷 ጉበትህ ተሰምቶኛል ከዚህ ሰዓት ጀምሮ አዲስ ጉበት ሰጥቼሃለሁ በጌታ በኢየሱስ ስም።
🔷 በሆስፒታሉ የቀዶ ጥገና ቀጠሮ አለህ ከአሁን በኋላ ነፃ ነህ
🔷 በጌታ በኢየሱስ ስም ከተለያዩ ችግሮች ነፃ ወጥተሃል።
🔷 ዛሬ ጠዋት ታላቅ ፈውስ ይሁንላችሁ።
🔷 በኢየሱስ ክርስቶስ ደም ኃይል የስኬት በረከቶችን ሁሉ እባርካችኋለሁ።

🌲

Bless you this morning!!

🔷 Let the door of employment open to you.
🔷 Success in all directions.
🔷 May you receive special blessings before this day ends.
🔷 Let the interpretation be unique to you
🔷 I have released you who are currently sick in the name of the Lord Jesus and be free.
🔷 Your liver is feel and I have given you a new liver from this hour in the name of the Lord Jesus.
🔷 You have an operation appointment at the hospital You are free from now on
🔷 You are free from various troubles in the name of the Lord Jesus.
🔷 May you have great healing this morning.
🔷 I bless you with all the blessings of success by the power of the blood of Jesus Christ.
🌲

03/04/2023

03/04/2023
👉Kabajamttootaa Fi jaallatamtoota maatii waaqayyooNagaa Fi araarrii waaqayyoo isiniif haa baayyatuu.Akkuma kanaan duraa ...
03/04/2023

👉Kabajamttootaa Fi jaallatamtoota maatii waaqayyoo
Nagaa Fi araarrii waaqayyoo isiniif haa baayyatuu.
Akkuma kanaan duraa Karaa page kanatiin Namoota adda addaatiif online kadhachaan Ture.
Namoonni baayyeen Bilisa ba'aniru.
Fayyiinniis ta'eeraf.
Kadhataa online kanaan namoota baayyeedhaf Balballii hojii banameeraf kana irra kan ka'ee dhugaa baatuus ta'aniiru.
Akkasuma Ammas namoonni rakkoo hamaa keessa jirtan. Kadhataa Kan barbaaddan Karaa inbox (chat) nu dubbisuu dandeessuu.
Waaqayyoo Karaa hundumaan ni hojjeta.
Bakka adda addaa kan jiraattan biyyaa keessa Fi Biyya alaa kan jiraattan Karaa message/chat nuu dubbisuu dandeessuu kadhanni bal'aan isiiniif ni taasifamaa.

👉 ውድ እና የተወደዳችሁ የእግዚአብሔር ቤተሰቦች
የእግዚአብሔር ሰላምና ምሕረት ከእናንተ ጋር ይሁን።
እንደበፊቱ በዚህ ገጽ ለተለያዩ ሰዎች በመስመር ላይ እየጸለይኩ ነበር።
ብዙ ሰዎች ነፃ ወጥተዋል።
መዳን ለእርሱ ሆነ።
ይህ የመስመር ላይ ጸሎት ለብዙ ሰዎች የስራ በር ከፍቷል በዚህም ምክንያት ምስክሮች ሆነዋል።
እንዲሁም እንደገና ሰዎች ከባድ ችግር ውስጥ ናቸው. ጸሎት በ inbox (ቻት) ሊያገኙን ይችላሉ።
እግዚአብሔር በሁሉም መንገድ ይሠራል።
እባኮትን በተለያዩ ቦታዎች በሀገር ውስጥ እና በውጪ ያግኙን።

👉 Dear And beloved family of God
May God's peace And mercy be with you.
As before I have been praying online for various people through this page.
Many people have been set free.
Salvation has been for him.
This online prayer has opened the Door of employment for many people and they have become witnesses as a result.
Also Again people are in serious trouble. Prayer You can contact us via inbox (chat).
God works in every way.
Please contact us in various places in the country And abroad.

31/03/2023


✅Namni hundinu ilaaluu kan qabu.

kana gochuun Hiriyoota keessan biraan ga'a

.

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Prophet Meseret Taye posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your practice to be the top-listed Clinic?

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram