Wifi jalaalaa

Wifi jalaalaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wifi jalaalaa, AIDS Resource Center, Robe, Robe.

09/09/2025
08/09/2025
03/12/2022

Baqattoonni Oromoo biyya Yaman Magaalaa Adan keessa jiraataan ibidda humnoonni mootummaa biyyattii qabsiisaniin miidhamuu himan.

Balaa Ibiddaa mudateen lubbuun namoota shanii darbuun kanneen miidhamanis jiraachuu, akkasuman manneen dhibba afuuri ol waan isaan qaban wajjiin barbadeeffamuu dubbataniiru.

Haalli isaan keessa jiran hammaataa tahuu baqattoota kanneen irraa odeeffanneerra

Biyya Yaman magaalaa Adan qarqara galaanaarraa qubsiifamanii waggaa 1 fi ji'a 7 oliif dararaa adda addaa keessummeessaa kan jiran baqattoonni Oromoo, yeroo ammaa sharaan yookaan iddoon ciisichaa keessa jiraachaa turre ibiddaan nurraa gubatee lubbuun namoota shanii darbee jiraa jedhaniiru.

Kanneen OMNiif yaada laatan ibidii Sadaasa 30, 2022 qarqara galaanaa Adan iddoo baqattoonni magaalaa Sana'aa irraa buqqifaman qubsiifamanitti qabsiifame lubbuu namoota dabarsuun alatti manneen 400 gahan barbaddeessuu himan.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/19434/

27/10/2022

Abbaan qabsa'aafi qondaala olaanaa ABO Obbo Abdii Raggaasaa du'aan boqatan.

Obbo Raggaasaa Qopheessaa jaarsa umuriin raagan yoo ta'an, abbaa qabsaa'otaafi sabboonaa ijoollee ofii qabsoo Oromoof kennan turan jedhu namoonni isaan beekan.

Waggoota hedduutiif ilma isaanii qabsa'aafi qondaala olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Abdii Raggaasaa utuu hin argin turuun isaanii kan himamu Obbo Raggaasaan, bara 2018 Addi Bilisummaa Oromoo, Ertiraa irraa gara Oromiyaatti deebi'usaa sababeeffachuun isaanis ilma isaanii arguuf akka carroomantu himama.

Haa ta’uu malee Obbo Abdii Raggaasaa gara Oromiyaa dhufanii waggaa tokko qofaaf erga nagaa jiraatanii booda, Amajji 2019 magaalaa Finfinnee keessatti poolisii humna addaa Oromiyaatiin butamanii erga hidhamanii waggoonni sadii darbaniiru.

Miseensa shanee gumii gumii sabaa ABO kan ta'an Obbo Abdiin erga hidhamanii, manneen murtii sadarkaa naannoofi federaalaa yeroo adda addaatti biliisa isaan baasus, poolisiin isaan hiikuu diduun mana hidhaa keessa hanga ammaa jiru.

Hidhamuu ilma isaanii booda haalli fayyaa obbo Raggaasaa Qopheessaa hammaachaa dhufuu kan himamu, amma gaafa lubbuun darbanitti waa'ee Obbo Abdiif dhiphachaafi gaddaa turanii jedhu maddeen.

Obbo Raggaasaa Qopheessaa dhukkubsatanii Finfinneetti yaalamaa erga turanii booda, har'a ganama lubbuun darbuun isaanii dhaga'ame.

Miseensotniifi qondaalotni ABO har'a ganama reeffa Obbo Raggaasaa gara bakka dhalootasaanii Godina Shawa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti geggeessuun kan himame yoo ta'u, sirni awwaalcha abbaa goota kanaa guyyaa borii Dirree Incinniitti akka raawwatamu OMN odeeffateera.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/17385/

19/10/2022
19/10/2022

Yaada bayadhaa
Rakkoo lammilee keenya mana hidha kessaa jiran video yoo ergan wan hirriba nama dhorgudha wan gara nama nyaatu,VIDEO Bayye mana hidhaa irraa ergani garu Post gochuu Rakkoo Wan ta'ef hin goone male.
Akkuma beekamu motummaan Itoophiyaa gara biyyaa galchuu dhaabu male yoom akka eegalu wantii beekame wan hin jirreef.

Haala kamiin osoo lammileef sagalee taane bareedaa jettaani yaadu. Yaada Keessan kenadhaa yaada bilchaata ta'e.

Address

Robe
Robe, SA
5276

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wifi jalaalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share