10/31/2024
Faaydaa 7 kan Boqqolloo nyaachun qabu.
Ijoollee tahee gaafa biyya jiru ilaalchi namni boqqolloof qabu gadi aanaa tahuun isaa amma natti dhagayamaa dhufe. Biyya teennatti namni marqa, qixxaa, buddeena kkf nyaatu akka nama hiyyeessaa tokkotti laalama. Boqqolloon akka waan nyaata hiyyeessi qofti nyaatu taate takkatti argaa ture.
1, Akka nyaanni keenna seeran daakamu nu fayyada. Fayyaa quchuma keennatiif hedduu nu fayyada.
Biyyaa bahee ( Kenya ) Nairobi dhufe akka yaanni ummanni keenna qabu sirrii hin tahin hubadhe. Ummanni ( Kenya ) nyaanni isaan nyaatan boqqolloo qofa yoo jedhe hin sobne. kana irraa kan ka'e faaydaa boqqolloon qabdu beekuu barbaade. Achirraa ka'ee qorannoo ( research ) gara garaa gochuu jalqabe. qorannoon kiyya akkuma univeristy gara garaa odeeffannoo gara garaa maxxansaniin waan tokkoo lama kan yaada isaan irratti wal dhabantu jira.
Yaada isaan irratti wal dhaban san kan waliif galchuu link asii gadii kanarraa argadhee jira. Isinis link kana dubbisaa irraa baradhaa yaada faallaa isaatis yoo qabaattan comment jalatti barreessaa.
2, Fayyaa ija keennatiif hedduu nu gargaara. Akkamitti fayyaa Ija keennatiif nu gargaara? Nyaanni kamuu kan ( fiber ) ( antioxidant ) ol aanaa qabu hundi fayyaa ijaatif hedduu nu fayyada. Isaan keessaa boqqollon tokkoffaa dha.
3, Onnee kee dhukkuba irraa siif ittisa. Akkamitti dhukkuba onnee irraa nu ittisa? Nyaanni nu nyaannu kamuu natural oli fii sugar uf keessaa qabu. Natural oil boqqolloon uf keessaa qabu kan nyaanni gosa biraa uf keessaa qabu irra xiqqaadha. keessattu namoonni rakkoo high cholostorol qaban osoo boqqolloo sooratanii hedduu irraa fayyadamu.
4, Vitaminii gara garaa ykn gosa hedduu keessaa argattu. Fakkeennaf, fknf harceen ykn daakun boqqoolloo kubbaayyaa tokkoo, kana fakkaata.
1, kaalsumii ( calsuim )
2, maagniziyem ( magnesium )
3, pottaasum ( potassium )
4, vitamin A ( vitamin A )
5, vitamin C
Akkasuma fiber fii antioxidant heedduu uf keessaa qaba.
5, Dhiibbaa dhiigaa irratti rakkoo hedduu akka hin uumamne si gargaara.
akka dubbiftanii yaanni isin boqqolloo qabdan jijjiiramu abdii qaba.
Rahma.