Fayyaa media

Fayyaa media we provide health and health related information via video,written and pictures

https://www.youtube.com/-j7c
06/07/2025

https://www.youtube.com/-j7c

Kaayyoon chaanaalii kana odeeffannoo fi barumsa fayyaa namaatin walqabatan dabarsuu dha. Qabiyyee isaatis fayyaa daa'immani,fayyaa haadholii,dhukkuboota daddarbaa hin taane fi dhukkuboota daddarboo fayyaa hawaasa irratti dhiibba fidan akkaataa daddarbiinsa isaati fi akkaataa ittisa isa irratti huban...

https://www.youtube.com/-j7c Dhukkuba coggaarra fi yaala isaa?   Warren dhibee garaacha isin rakkisu youtube channel kan...
20/06/2025

https://www.youtube.com/-j7c
Dhukkuba coggaarra fi yaala isaa? Warren dhibee garaacha isin rakkisu youtube channel kana subscribe godha.irraa fayyadama.

Kaayyoon chaanaalii kana odeeffannoo fi barumsa fayyaa namaatin walqabatan dabarsuu dha. Qabiyyee isaatis fayyaa daa'immani,fayyaa haadholii,dhukkuboota daddarbaa hin taane fi dhukkuboota daddarboo fayyaa hawaasa irratti dhiibba fidan akkaataa daddarbiinsa isaati fi akkaataa ittisa isa irratti huban...

https://youtube.com/?si=B20xZrULYI06coo2Dhukkubni cophxoo mallattoo akkami qaba? Qorichi isaa hoo maal fa'a? Youtube kan...
19/06/2025

https://youtube.com/?si=B20xZrULYI06coo2
Dhukkubni cophxoo mallattoo akkami qaba? Qorichi isaa hoo maal fa'a? Youtube kana irraa argattu Subscribe godha.gaaffii qabdan comment irratti naaf barreessa.
https://youtube.com/?si=B20xZrULYI06coo2

Kaayyoon chaanaalii kana odeeffannoo fi barumsa fayyaa namaatin walqabatan dabarsuu dha. Qabiyyee isaatis fayyaa daa'immani,fayyaa haadholii,dhukkuboota daddarbaa hin taane fi dhukkuboota daddarboo fayyaa hawaasa irratti dhiibba fidan akkaataa daddarbiinsa isaati fi akkaataa ittisa isa irratti huban...

https://youtube.com/?si=DNJe0lo8NSYett8jBarumsa fayyaa kennamu kan armaan gadii argachuuf chaanalii kana subscribe godha...
18/06/2025

https://youtube.com/?si=DNJe0lo8NSYett8j
Barumsa fayyaa kennamu kan armaan gadii argachuuf chaanalii kana subscribe godha.
1.mallattoo fi yaala dhukkuba walqunnamtii saalan daddarbu
2.mallattoo dhukkuboota Gogaa fi qoricha isaa
3.mallattoo fi yaala dhukkuboota daddarboo hin ta'in

Kaayyoon chaanaalii kana odeeffannoo fi barumsa fayyaa namaatin walqabatan dabarsuu dha. Qabiyyee isaatis fayyaa daa'immani,fayyaa haadholii,dhukkuboota daddarbaa hin taane fi dhukkuboota daddarboo fayyaa hawaasa irratti dhiibba fidan akkaataa daddarbiinsa isaati fi akkaataa ittisa isa irratti huban...

27/02/2025

TIRUU HINBILCHAATIIN NYAACHUU FI BADHAASA NOOBELII!.........................................................
Kanneen suura isaanii gaditti argitan kunneen ‘Whipple, Minot and Murphy’jedhamu. Bara 1934 Amerikaanota gama fayyaan badhaasa noobeelii jalqabaa fudhatani dha. Kan isaan ittiin badhaafamanis tiruu hinbilchaatiin (dheedhii) isaa nyaachuun namoota gosa dhibee hir’ina dhiigaa ‘pernincious anemia’ qabaniif akka qorichaatti qoratanii dhiyeessaniidha. Isaanis jalqaba erga saroonni yeroo baay’ee tiruu nyaatan kanneen tiruu hinnyaannerra seelii dhiiga diimaa hedduu akka qaban qoratanii booda kan isaan gara namaatti fidan. Waggaa muraasa booda erga qorannoo qabiyyee soorataa taasisuun danda’amee yeroo qoratamu waanti kun (tiruun hinbilchaatiin) kananni dhibee kanaaf furmaata ta’u sababa VB12 of keessaa qabuuf akka ta’e booda bira ga’ame.

Tiruu dabalatee foon hinbilchaatiin nyaatuun carraa dhibeewwan daddarboo adda addaaf waan nama saaxiluu malaniif hingorfamu. Haata’u malee ho’i foon bilcheessu vaayitaaminootaa kanneen ho’a hindandamanne kanneen akka Vaayitaamin B fi C fi niwtireentotaa fi inzaayimoota tokko tokko dhabamsiisuu mala.

Kanaaf foon dhiidhee nyaachuun akkuma dhibee fayyaaf nama saaxiluu danda’us faayidaa qaba.

. https://www.youtube.com/

Cophxoo( Gonorrhea )*********Cophxoon dhukkuba walqunnamtii saalaatiin daddarbuu fi baakteeriyaa " nisseria gonorrhoea "...
05/11/2024

Cophxoo( Gonorrhea )
*********
Cophxoon dhukkuba walqunnamtii saalaatiin daddarbuu fi baakteeriyaa " nisseria gonorrhoea " jedhamuun namatti dhufuudha.

Cophxoon qaama saalaa qofa odoon taanee aafaanii fi ijaas ni miidha.

Dhukkubni kun karaa walqunnamtii saalaatiin daddabra. Kana malees haadharra gara daa'imaa yeroo dahumsaa ni dabra. Namni kana dura dhukkuba kanaan qabamee wal'aanamee irraa fayyees yoo nama dhukkubicha qabuu wajjin walqunnamtii saalaa deebi'ee ni qabama.

👉Mallattooleen isaa maal fa'a?

Dhiirti baayyeen dhukkuba kana qaban mallattoo hin agarsiisan.
Yoo kan agarsiisu ta'e Mallattoolee asiin gadii arguun ni danda'ama.
• Fincaan gubuu
• Dhangala'aan adiin / keelloon/ magariisni qaama saalaa irraa yaa'uu
• Cidhaan dhukkubuu

Dubartoonni baayyeen mallattoo hin agarsiisan. Inumaa yoo agarsiisan illee Mallattoolee sasalphoo agarsiisu.
Mallattoolee dubartoonni agarsiisuu malan
1. Fincaan gubuu
2. Dhangala'aan adiin / keelloon/ magariisni fooli qabu qaama saalaa irraa yaa'uu ykn dhangala'aan hanga duraaniitii ol baayyatee yaa'uu
3. Marsaan laguu odoon gahin dhiiguu fi kkf fa'a agarsiisan
4. Dhukkubbi gadamessaa ykn garaa gara gadii.

👉Yaala
.........

 : Over 45 killed in  ’s North Shewa zone, including Wacale district administratorMore than 45 individuals, including Ni...
01/11/2024

: Over 45 killed in ’s North Shewa zone, including Wacale district administrator

More than 45 individuals, including Nigussie Koru, the administrator of Wacale district in Oromia’s North Shewa Zone, were reportedly killed by armed assailants early Friday, 01 November, 2024. According to sources, Nigussie and several government security personnel were "ambushed by armed groups while en route to address security concerns in the area," sparking an exchange of gunfire.

The North Shewa Zone Prosperity Party Office confirmed that Nigussie was "shot dead while traveling to Kara area to monitor the security situation," attributing the attack to “the OLF-Shane group,” the government’s term for the Oromo Liberation Army ( ).

  ( )  🔹️🔹️🔹️🔹️🔹️🔹️Qufaan yeroo baay'ee ariifachiisaa kan ta'eefi ujummoolee qilleensaa qulqulleessuuf kan yeroo gabaaba...
30/10/2024

( )
🔹️🔹️🔹️🔹️🔹️🔹️
Qufaan yeroo baay'ee ariifachiisaa kan ta'eefi ujummoolee qilleensaa qulqulleessuuf kan yeroo gabaabaaf turu(torban 3 gadi)ykn yeroo dheeraaf(torban 4 ol) kan namarra turu ta'uu danda'a.

?

🔰Utaalloo
🔰Influenza
🔰Alarjii
🔰Keemikaalota garaagaraa
🔰Nimooniyaa(Saambaa michii)
🔰Tiibii(TB)
🔰Asimii
🔰Infeekshinii saayinesii
🔰Qorichoota tokko tokko
🔰Kaansarii sombaa
🔰Dhukkuba onnee
🔰fi kkf...

?

✅️ Shayii damma, loomii ykn jinjibilaan danfe
✅️ Waan dhangala'aa fayyadamuu
✅️ Aara bishaan danfee ulachuu
✅️ Bishaan ashaboo of keessaa qabuun lulluuqachuu
✅️ Kuduraalee adda addaa fayyadamuu
✅️ Juusii anaanaasiifi kan biroo fayyadamuu.
Fayyaa ta'aa!
Asumaan tanas tuqaa join godha.

Become a Major of Telegram. $MAJOR token release soon. Official channel: .

Mala ittisa da'umsaa 'Diippoo Pirooveeraa'*******************● Depo proveran kanneen hormonaali qusannoo maatiif kennama...
30/10/2024

Mala ittisa da'umsaa 'Diippoo Pirooveeraa'
*******************
● Depo proveran kanneen hormonaali qusannoo maatiif kennaman keessaa isa tokko ta'ee marfeedhaan kan ji'a sadii sadiin kennamuudha.
● Gosni qusannoo maatii kun shamarran gariin irratti amala marsaa laguu jeequu ykn hambisuu, mataa dhukkubbii, finnisa qaama ykn fularratti baasuu, furdisuu, wayita ilmoo godhachuuf qusannoo maatii kana addaan kutan osoo hin ulfaa'iin tursiisuuf kkf fiduu danda'a.
*******************
● Wayita daa'ima godhachuuf addaan kutan shamarran gariin hanga ji'a ja'aatti ulfaa'uu ni danda'u. Shamarran hammi kaan immoo erga addaan kutanii hanga waggaa lamaatti ulfaa'u.
● Yeroof haa tursiisu malee gosni qusannoo maatii kun dhibee dhala dhabdummaa yeeroo dheeraa waliin waan wal hin qabanneef dhiphachuun hin barbaachisu. https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=VRXFY09e
● Garuu erga addaan kutani kaasee hanga waggaa lamaatti ulfaa'uudhaa yoo baatan ogeessa fayyaa marisisuun gaariidha.
Galatoomaa!
*******************

Best airdrop Join and collect your dog and notcoin token
29/10/2024

Best airdrop
Join and collect your dog and notcoin token

Odeeffannoo fayyaa argachuuf link kana subscribe gochuun YouTube irratti daawwadha.https://www.youtube.com/
24/10/2024

Odeeffannoo fayyaa argachuuf link kana subscribe gochuun YouTube irratti daawwadha.
https://www.youtube.com/

DHANGALA'AN QAAMA SAALAA DUBARTOOTAAN BAHU/VAGINAL DISCHARGEDubartoonni hunduu umrii isaani keessatti dhangala'an qaama ...
23/10/2024

DHANGALA'AN QAAMA SAALAA DUBARTOOTAAN BAHU/VAGINAL DISCHARGE
Dubartoonni hunduu umrii isaani keessatti dhangala'an qaama saala isaanitiin ni baha. Dhangala'an kunis yeroo baayyee yommu isaan dhiphisu ni muldhata. Dhangala'an kunis isa fayya qabeessa ykn fayya qabeessa hin taane ta'u danda'a. Gosa dhangala'a kanaa adda baasuuf yeroo heddu wantoota armaan gadii kanneen irratti hundoofna; isaaniis:-
*Hammamtaa dhangala'ichaa
*Haalluu dhangala'ichaa
*Foolii dhangala'ichaa
*Yeroo dhangala'an kun itti dhangala'ee fi
*Mallattooleen walqabatan biroo dhangala'a kana waliin jiraachuu fi jiraachuu dhabuu fa'a; Mee gosoota lachuu yaa ilaallu:-
✍DHANGALA'A FAYYAA QABEESSA:-
Dhangala'an kun xannachoota naannoo qaama saalaattii argamaniin kan maddu yommu ta'u, innis faayidaa heddu kan qabudha. Faayidaalee isaa keessaa muraasni:-
*Seelota dullooman kan qaama saalaa dubartootaatti argaman qulqulleessuuf
*Jiidhinsa qaama saalaa dubartootaa eeguuf
*Infeekshiinii garagaraaf akka hin saaxilamnef fi kkf
Dhangala'an kunis hammamtan isaa yeroodhaa yerootti garagaruumma qabachuu danda'a, keessattu tibba hanqaaquun ovaarii dubartii irraa gadi lakkifamtu, tibba marsaa laguu, tibba walqunnamtii saalaa fi yeroo ulfaa fa'a dhangala'an kun hammamtan isaa dabaluu danda'a. Dhangala'an inni fayyaa qabeessi kun yeroo heddu haallu dhabeessa (bishaanawa) ykn adii ta'u danda'a. Dhangala'an kun foolii homaatu kan hin qabne yoo ta'u, darbee darbee, keessattu yeroo ulfaa foolii xiqqoo qabaachuu danda'a. Dhangala'an kun mallattoolee biroo kamuu waliin kan wal hin qabanneedha.
✍DHANGALA'A ISA FAYYAA QABEESSA HIN TAANE.
Dhangala'an kun isa olitti jenne irraa adda kan ta'ee fi yeroo garagaraatti rakkoo garagaraatin kan dhufuudha.
Rakkooleen dhangala'an fayyaa qabeessa hin taane akka jiraatu godhan dhukkuboota garagaraa, kan jarmoota (baakteriyaa, fangasii fi kkf) garagaraan dhufanii fi kaanserii tokko tokkoon ta'u danda'a.

Adresse

Democratic Republic Of The

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Fayyaa media publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Partager

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Type