Badru Ahmed Laftii Teenya Lafeen teenyaa oromiyaa

07/03/2026

"Ani abdii hin kutanne, garuu dhukkubbiin ani keessa jiru namaa oli. Namni hunduu akka RABBIIN naaf kadhattan isinitti dhaammadha."
— Abdii Raggaasaa

Dukkana halkan sanaa keessa, utuu inni hirriba nagaa rafu, harki inni itti amanate abi**dda itti naqe.

Abdii Raggaasaa—fuulli akkas bareedu— "kasala waraqaa" ta’ee jira.
Har’aa fi kaleessa namni ijaan isa argu deeggarsaaf qofa utuu hin taane, gadda laphee cabsuun imimmaan dhangalaasuu qofa. Isinitti haa mul’atu; namni kaleessa miila isaan dhaabbatee harka isaatiin qabatee deemu sun, hardha firaashii hospitaalaa irratti qaamni isaa gubatee carqiin xaxamee jira.

Itti deebi’uun Galgala kana hiriyyoota kiyya wajjiin deemnee obboleessa keenya Abdii laallee turre. Obboloota koo, yeroo kutaa yaalaa san seentan garaa keessan amanuun isinitti ulfaata. Yoo ogeeyyiin fayyaa isinitti himan malee, namni sun Abdii ta’uu isaa beekuun hin danda’amu. Qaamni isaa gubatee, bifa isaa dhabee, akka malee miidhamee jira.

Wamicha Obbolummaa fi Namummaa;

Wanti Abdii irra gahe gadda amantii tokkoo qofaa miti; gadda namummaa ti. Kiristaanas ta’i, Muslimas ta’i; hundi keenya dhiigaa fi lafee tokko. Gochi akkasii qalbii nama kamiituu ni cabsa.

Dubbii miidiyaa fi wal morkii dhiifnee, lubbuu obboleessa keenyaa kanaaf haa dorgomnu!.

Inni ammas harka %90 yaala cimaa (ICU) barbaada. Qaama gubate san suphuuf harka keenya diriirsuun dirqama namummaa ti.

Akka Ilma Namaatti yoo amantiin wal dhabne Namummaa irratti namni waliif gala.

Muslimas ta’i,kiristaanas ta’i,nu hunduu kan barsiifnu ykn lallabnu,akka bor ibidda jalaa baanee JANNATA argannuuf eega tahe,nama ibi**ddaan gubate akkamitti garaan keenya itti gammada? Lafee fi foon isaa kanuma akka keenyaa gubata!

Namummaan yoo hin jiraanne, amantiin keenya hunduu qola duwwaadha.

Koottaa, jibba dhiifnee namummaa keenya dura haa dursinu!

Hirmaannaan keessan hanga ammaa jiru dinqisiisadha, garuu ammas Abdii gara jiruu fi jireenyaatti deebisuuf deeggarsi keessan murteessaadha.

Abdiin Raggaasaa,Abdii fi deeggarsa keessan barbaada.

gargaaruuf:👇🏻

1000445703908 CBE

Yoo du'eeإنا لله وإنا إليه راجعون Amma nu ijumaan ilaalu malee silaas Rahmata kadhachufin ta'aaf hin ta'uu fatwaa ulamaa...
01/03/2026

Yoo du'eeإنا لله وإنا إليه راجعون

Amma nu ijumaan ilaalu malee silaas Rahmata kadhachufin ta'aaf hin ta'uu fatwaa ulamaa'ii irra dhagahu feena
Isinuu kuno gabaasumaa nuuf himtan malee waa hin jenne

Kan hin duunee jiraatan Rabbiin qofa

01/03/2026

Miidiyaa Iraan Irraa:
Hoogganaan Olaanaan Iraan Ayatullaah Alii Kaameene’ii, intala isaanii fi soddaa isaanii waliin haleellaa Ameerikaa fi Is*iiliin wareegamaniiru.

Haaluma kanaan Mootummaan Iraan ibsa amma kenneen:
Biyyattii keessatti gaddi guutuu biyyaa guyyoota 40f akka turuu fi manneen hojii mootummaa guyyoota 7f cufamanii akka turan murteeffame.

Miidiyaan Biyyattii ( Iran 🇮🇷 Television) tu gabaase.

Duuti Kaameene’ii seenaa Iraan fi naannoo Baha Giddu Galeessaa keessatti jijjiirama guddaa fiduun isaa akka hin oolle xiinxallitootni addunyaa ni dubbatu,

Maatii isaa waliin wareegamuun isaa, xiyyeeffannoo haleellaan suni hangam cimaa akka ture agarsiisa.
Haleellaa isaatiif eddoo soddomaa ol akka rukutame dubbatameera.

Kun Iraan keessatti nagaa dhabuu fi lola hammaataa gara biraatti ceessisuu danda’a.

21/02/2026
20/02/2026
20/02/2026
ALHAMDULILLAH YAA RABBIIKO
20/02/2026

ALHAMDULILLAH YAA RABBIIKO

30/10/2025

_Iratti_Wanni Amala_Gaariitti_Ulfaatu jedhan #ﷴ۝ﷺ🌹

Adresse

Democratic Republic Of The
<<NOT-APPLICABLE>>D

Téléphone

+251984096422

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Badru Ahmed publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Partager

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram