Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa

Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa šŸŒ Global Standards | 🧪 Evidence-Based | šŸ¤ Patient-Centered 🌿 Trusted Natural | Oromia, Ethiopia

Dhibeen Tiruu (Liver Disease) addunyaa guutuu keessatti sababoota du’a tasaa (sudden death) fi Utuu fooyyee qaba jedhamu...
03/02/2026

Dhibeen Tiruu (Liver Disease) addunyaa guutuu keessatti sababoota du’a tasaa (sudden death) fi Utuu fooyyee qaba jedhamu battalumatti namoota hedduu galaafatan keessaa isa guddaa fi yeroo baay’ee hin hubatamne dha.

Dhugumatti, dhibeen tiruu "Ajjeesaa Callisaa" (Silent Killer) jedhamee kan waamamuuf sababa gahaa qaba. Nama tokko kalleess
Fayyaa waan qabu fakkaatu garuu guyyaa lama yokan torban keessatti du'e yeroo jedhamu dhageessa! Inumaayyuu namoonni Hedduun du'aaf sa'aatii muraasa qofa osoo isaan hafee jiru fayyaa fakkaatanii mul'atu maluu!.

Namoota sodaachisuu ykn waa'ee dhibee kanaa ol-kaafne facaasuuf miti. Kun Dhugaa jirudha, Saayinsii fayyaa keessatti tiruun dhibee du’a tasaa (Sudden Death) fiduu danda’an keessaa tokko akka ta’e sirriitti beekamaadha. Kun yaada dhuunfaa osoo hin taane, bu’aa qorannoowwan saayinsaawaa, gabaasota hospitaalaa, fi muuxannoo ogeessota fayyaa addunyaa guutuu irratti hundaa’e dha.

Tiruun (Liver) qaama keessoo keenyaa isa guddaa fi warshaa "kimikaalaa" qaamaa jedhamuudha. Hojiiwwan 500 ol ta'an qaama keenyaaf hojjeta hojiiwwan isaa kan akka summii dhiiga keessaa qulqulleessuu, dhangala'oo soorata bulleessu (bile) oomishuu, fi qorichoota diiguu fikkf akkasumas sirna ittisa dhukkubaa jabeessuu fi kkf irratti gahee murteessaa qaba.
Kana malees, anniisaa (Glycogen), vaayitaminiwwan (A, D, E, K, B12), fi albuudota akka (Iron) kuusuun yeroo qaamni keenya rakkoo anniisaa ykn soorata qabaatutti gadhiisuun madaallii qaamaa (Homeostasis) eega.

Iccitii Du’a Tasaa (The Mechanism of Sudden Death)

Tiruun Sababa hojiiwwan kana hunda qaamaaf hojjetuuf qaama, qaamni keenya guutuun itti hirkatu ta'ee fudhatama. Ha ta'uu tiruun garuu Amalli isaa inni sodaachisaan "Ajjeesaa Callisaa" silent killer ta'uu isaati; sababni isaas, Tiruun "obsa guddaa" qabaachuu isaati. Tiruun neervii dhukkubbii (pain receptors) keessoo isaa irratti hin qabu. Namni tokko fayyaadha fooyyee qaba Utuu jedhamuu battalumatti lubbuu isaa dhabuu danda'a!. Kaleessa fayyaa turee hojiirra turee har'a du'e yeroo jedhamu dhageessa!.

Amala isaa keessatti Tiruun dhibbeentaa guddaan isa dhibeen miidhamee hanga xiqqoo hafte fayyadamuun hojii isaa itti fufuu danda’a. Namni tokko tiruun isaa dhibbeentaa 80 miidhamee
Dhibbeentaa 20 hafe hojii isaa sirnaan itti fufuu danda'a sababa Kanaaf dhukkubsataan tiruu mallattoo tokko malee fayyaa fakkaatee, hojii isaa guutuu hojjachaa, nyaata isaa nyaataa fi deemaa jiraachuu danda’a.

Dhibeewwan kan akka Hepatitis B, C, Fatty Liver Disease (NAFLD/NASH), Cirrhosis fi Kaansarii Tiruu waggaa 10 hanga 30tti nama keessa dhokachuun jiraachuu danda’u. Yeroo kana keessatti dhukkubsataan dhukkubbii hin qabu, mallattoo hin argu, waan isa rakkisu tokko illee hin mul’isu hin ciisu, yeroo baay’ee namni dhibee tiruu keessaahuu Vaayirasii Tiruu HBV qabu tokko gara mana yaalaa deemee qorannoo dhiigaa salphaa (LFT) irratti ā€œfooyyee qabdaā€ jedhamuu danda’a. Garuu dhibeen Battalumatti akka Boombii dhoohuu danda'a.

Haala nama Ajaa'ibuun! Yeroo tokko tokko Dhibeen tiruu sadarkaa dhumaa (advanced liver disease / end-stage liver disease) irrattiargamu illee, Qorannoo fayyaa salphaa irratti ā€œnormalā€ fakkaatee mul’achuu danda’a.
Kunis tiruun sun tattaafatee hojii isaa haguuguu waan yaaluuf dafee rakkoo jiru hin mul'isu.

Amalli dhibee Tiruu Kun waan namoota hedduu rifachiisu fi dogoggorsu dha, garuu saayinsii keessatti hiika sirrii qaba. Sababni isaa tiruun qaama obsaa guddaa qabu ta’uu qofa osoo hin taane, dandeettii of haaromsuu guddaa qaba.

Qorannoo akka Agarsiisutti Tiruun qaama madaallii eeggachuu (compensation) guddaa qabudha. Tiruun madaa’ee (Cirrhosis) miidhamee, dhibbeentaa 80-90% hojii ala yoo ta’e illee, dhibbeentaan 10% hafte sun hojii guutuu qaamaa haguugdee (compensate gootee) hojjetti waan ta'ee dhibeen Ulfaataan Utuu jiru akka namni sun "fayyaa" fakkaatu gochuu danda'a. Garuu, yeroo dhibbeentaan 10% hafte sunis hojii dhaabdu (decompensation), qaamni madaallii isaa battalumatti dhaba. Namni dhibee tiruu qabu tokko utuu dhibeen Ulfaatee jiruu "fayyaa" fakkaatee wanti mul'atuuf tiruun dhibee injifachuuf hamma dandeettii isaa dhumaatti waan qabsaayuufidha.

Haa ta’u malee, adeemsi Tiruu of jajjabeessu kun hanga dandeettii xumuraa (threshold) bira gahutti qofa kan deemu yoo ta’u, akkuma tiruun sun tattaafffii isaa xumureen fashalaa'uu tiruu tasaa (Acute-on-Chronic Liver Failure) fida. Tiruun dhibee injifachuu dadhabee yeroo kufu (failure) ta'u akka "bombii" sa'aatii muraasa keessatti qaama hunda hojii dhaabsiisee lubbuu namaa galaafata, akka tasaa du'a (sudden death) fiduu danda'a.

Akkamitti "Battalumatti" (Sa’aatii Muraasa Keessatti) Duuti Mudata?

Dhukkubsattoonni hedduun utuu "fooyyee qabda" jedhamanii battalumatti kan lubbuu dhabaniif sababoota saayinsaawaa gurguddoon jiru:

1. Dhoohinsa Ujjummoo Dhiigaa (Variceal Hemorrhage)

Kun sababa hamma 10% du’a tasaa hammaatuufis kan gumaachudha.
Adeemsa Isaa: Tiruun yoo goge (cirrhosis), dhiigni gara tiruutti deemu ujjummoo guddaa (portal vein) keessa darbuu dadhaba. Dhiibbaan (pressure) kun gara ujjummoota (esophagus) fi garaa keessa jiranitti daddarba.

Ujjummoonni kun baay’ee haphii waan ta’aniif, dhiibbaa kanaan dhoohuu danda’u. Namni sun osoo deemaa jiruu dhiigni kun qaama keessatti dhangala’uu jalqaba. Dhiigni litira 2 ol ta'u daqiiqaa muraasa keessatti yoo dhangala'e, dhiibbaan dhiigaa battaluma zeerootti gadi bu'a (Hemorrhagic Shock). Kunis sa'aatii muraasa keessatti onneen akka dhaabbattu taasisa.

2. Summaa’uu Sammuu fi Dhiita’uu (Hepatic Encephalopathy & Cerebral Edema)

Tiruun "Ammonia" dhiiga keessaa qulqulleessa. Tiruun yoo hojii dhaabe, amoniyaan kun kallattiin gara sammuu deema.

Summiin kun sammuun akka tasaa dhiita’u (brain swelling) taasisa. Namni sun sa’aatii muraasa dura nagaa fakkaatee deemaa ture, akkuma dhiibbaan sammuu keessatti dabaleen battalumatti of wallaala (coma) fi neerviwwan hargansuu to’atan hojii dhaabuun du'a tasaa fida.

3. Kufaatii Onnee (Cirrhotic Cardiomyopathy)

Dhibeen tiruu onnee irratti dhiibbaa guddaa uuma. Dhiigni tiruu keessa darbuu waan dadhabuuf, Kun immoo onneen akka tasaa dhaabbatu (Sudden Cardiac Arrest) gochuu danda'a. onneen battaluma hojii dhaabuun lubbuu namaa galaafatu danda’a.

Du'a dhibee Onnee Tasaa (Sudden Cardiac Death) Qorannoon akka agarsiisutti, namoonni dhibee tiruu (fatty liver ykn cirrhosis) qaban carraan onneen isaanii tasa hojii dhaabuu guddadha.

4. Kufaatii Qaamolee Hedduu (Multiorgan Failure):

Tiruun yoo hojii dhaabe, kaleen, sombi fi sirni marsaa dhiigaa hundi walfaana hojii dhaabuu danda'u, kunis sa'aatii gabaabaa keessatti nama ajjeesa.

Akkuma Armaan olitti ibsame Dhibee tiruu yeroo dheeraa namoota baayyee irratti Mallattoowwan hin qabu dhokate nama miidha ha ta'uu garuu
Dhibee tiruu qabaate Mallattoo Ija fi Fuula Keelloo ta'uu (Jaundice) Iji keelloo ta’uun mallattoo tiruun sun dandeettii summii qulqulleessuu guutummaatti dhabeera jechuudha. Kun sadarkaa "Decompensated Cirrhosis" jedhamu yoo ta'u, tiruun sun kufuuf yeroo muraasa qofa akka qabu agarsiisa. Kana booda hospitaala deemuu yeroo itti bu'aa hin qabne ta'uu danda'a.

Dhibeen tiruu nama qabee akka tasaa nama hin ajjeesu, garuu yoo dafee hin yaalamne dhokatee waggoota hedduu madaa'aa erga turee booda, sa'aatii muraasa keessatti akka "bombii" dhoohuu danda'a.

Odeeffannoo fayyaa fi yaala Aadaa Saayinsaawaa ta'een argachuuf Toora Facabook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa

Mallattoowwan 17 kan  Fayyaa Tiruu keetii Rakkoon jiraachu dursani Agarsiisan Akeekkachiisa jalqaba.Tiruun Warshaa keemi...
03/02/2026

Mallattoowwan 17 kan Fayyaa Tiruu keetii Rakkoon jiraachu dursani Agarsiisan Akeekkachiisa jalqaba.

Tiruun Warshaa keemikaalota qaamaa fi Obsa Guddaa qabu waan ta’eef, hamma dandeettiin isaa dhumatutti mallattoo dhukkubbii cimaa hin agarsiisu. Haa ta'u malee, tiruun yeroo dhibee fi rakkoo keessa jiru mallattoolee xixiqqoo yeroo hedduu xiyyeeffannoo hin arganne garuu saayinsii keessatti hiika guddaa qabaniin Rakkoo ofii gabaasa.

Mallattoolee Jalqabaa Kanneen yeroo baay'ee Xiyyeeffannoo Hin Arganne (Neglected Early Signs)
Dhibeen tiruu mallattoo Gurguddaa kan akka (Jaundice) agarsiisuu isaa dura, mallattoolee xixiqqoo namni baay’een akka waan salphaatti bira darbu agarsiisa. garuu mallattoolee kun tiruunkee gargaarsa barbaadaa jiraachuu agarsiisu.

1. Dadhabbii Cimaa fi Walirraa Hin Cinne (Chronic Fatigue):

Kun mallattoo dhibee tiruu isa dursaati. Namni tiruun isaa Rakkoo qabu sababa malee Humni isaa gadi bu'aa deema, Utuu waan cimaa hin dalagin dadhabbiin itti dhaga'ama Kun mallattoo lakkoofsa tokkoo ti. Namni tokko hirriba gahaa erga rafee boodas, ganama yeroo ka’u akka waan halkan guutu dhagaa baachaa turee dadhabbiin itti dhaga’ama.

2. Sababa Malee gogaan qaamaa hooksisu (Itching/Pruritus):

Utuu dhibee gogaa hin qabaatin gogaan hooksisa, keessattuu harka fi faana miillaa keessa hooksisa.
Namni baay’een gogaan isaa yoo hooksise dhibee gogaa (Allergy) qaba jedhaanii yaadu. Garuu gogaan kee utuu hin dhiitayin, utuu madaa hin qabaatin yoo si hooksise, keessattuu faana miilaa fi harka kee, kun mallattoo tiruuti.

kun mallattoo dhangala’oo tiruu hadhooftuu (Bile Salts) gogaa jala sassaabamuuti.

3. Fedhii nyaataa gadi bu'uu fi Ulfaatinni qaamaa gadi bu'u.
(Loss of Appetite & Weight Loss)

Sababa tokko malee Fedhii nyaata dhabuu Yeroo Beela'ee nyaatu Nyaanni dafee isa cufa, danda'e nyaata gahaa hin fudhatu.

Akka nama nyaata heddu nyaatatti itti dhagahama, keessaahuu yeroo nyaata coomaa fi Zayitii baayyinaan qabu fayyadamu Mallattoowwan garaa bokokuu fi nyaanni bullaa'uu dhabuun mul'ata.

Tiruun bullaa’insa nyaataa keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, tiruun hojiin isaa yeroo dadhabu fi hir’atu fedhiin nyaataa ni miidhama, namni tokko dafee akka quufu ykn nyaata jibbuu gochuu danda’a.

4. Foolii fi haalluun Fincaanii jijjiiramu (Stool & Urine Changes)

Fincaan Bifa shaayii (Dark Urine) qabaachuu fi Bifa bishaan Booruu dhoqee ykn biyyee (Pale/Clay-colored Stool) yoo qabaate.
Kun summiin Bilirubin jedhamu uumamaan marrummaa keessaan ba’uu qabu dhiiga keessatti deebi’ee kuusamuu isaa agarsiisa.

Yeroo tiruun dadhabu Fooliin fincaan ni Ajaa,aa, Halluun Fincaanii gara bifa Daalachaatti yokan Hurrii fi keelloo tti jijjiirama. Fincaan yeroo biraa caalaa dukkanaa'aa ta'uu fi haalluun jijjiiramu mallattoo tiruun miidhamuu yokan dadhabuu beekamaadha.

Haalluun fincaanii bifa burtukaana ykn diimaa ta’uu danda’a.

5. Dhukkubbii yokan waraansa naannoo tiruu:

Qoma/lappee gama harka mirgaa
Keessatti Dhukkubbiin Namatti dhaga'ama Keessahuu Halkan yeroo hirriibaaf ciisan, Qoma laphee, gara tiruu keessaa darbee,darbee, dhukkubbiin itti dhagayama nama waraana.

Naannoo tiruun jirtu Garaa Mirga Oliitti Waraansaa fi Dhiibbaa Dhaga’amuu Namoonni Vaayirasii Tiruu HBV qaban hedduun halkan yeroo rafan naannoo tiruutti waraansi itti dhaga’ama. Kun dhibee "Sub-clinical Inflammation" agarsiisa.

6. Ajaa Afaanii Addaa (Fetor Hepaticus) Foolii badaa:

Fooliin afaanii jijjiiramu Afaan nama ajaa'u, Hafuura ajaa'u garaa keessaa afaaniin ba'a ykn hafuurri Afaaniin foolii badaa qabaata.

Namni Qulqullina afaanii osoo eeguu foolin hin baramne uumamuu danda’a, kunis yaala fayyaatiin Fetor Hepaticus jedhamuun beekama.

Tiruun seeraan yoo hin hojjenne, dhangala’oon summaa’aa Dimethyl Sulfide jedhamu dhiiga keessaa qulqullaa’uu dadhabee hafuura hargansuu keessaan gara alatti ba’a. Kun mallattoo dhibee tiruu sadarkaa jalqabaa irratti argamudha.

7. Miira ulfaatina salphaa garaa mirgaa gubbaa Naannoo tiruu:

Akka waan tiruun gadi rarra'ee yokan fannifamee jirutt namtti dhagahama.

Mallattoon kun miira dhiibbaa ykn ulfaatina salphaa garaa mirgaa gubbaa, bakka tiruun jirutti mul’atudha. Tiruunkee Xiqqoo guddachuu ykn inflammation salphaa tishuu Tiruu keessatti jiraachuu agarsiisuu danda’a.

9. Afaan Goguu fi Dheebuu Garmalee:

Madaalliin meetaabolii qaamaa yeroo jeeqamu seelonni dhangala’aa xiqqaa qabachuun afaan goguu fi yeroo baay’ee dheebuu fiduu danda’u. Mallattoon kun xiqqaa fakkaachuu danda’a, garuu yeroo tokko tokko haala hojii tiruu bu’uuraa fi Rakkoo calaqqisiisuu danda’a.

10. Madaallii Hormoonii Jabaachuu (Hormonal Imbalance):

Tiruun hormoonota akka Estrogen dhiiga keessaa madaalee qulqulleessa. Yoo kun ta’uu baate:

Dhiira Irratti: Harmi dhiita’uu (Gynecomastia), fedhiin saalaa xiqqaachuu, fi rifeensi qaamaa dhumachuu mul'ata.

Dubartoota Irratti: dhiigni Laguu (Me**es) madaallii dhabuu fi dhangala’oon qaama saalaa hamma idilee ol dhangala’uu fi jeeqamuu mul'atu danda'a.

11. Sammuu fi yaada keessatti jijjiiramni jiraachu (Cognitive Changes):

Yeroo baay’ee waan tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu, waan hunda dammaqinaan raawwachuu dhabuu fi dagannaa/Irraanfi baay'isu.

Tiruun Yeroo dadhabe sirnaan hin hojjenne summiin walitti qabamee burjaajaʼuu fi yaada baayyisuu
Hojii tokko irratti xiyyeeffachuu dadhabuu irra deddeebi'ee namatti mul'ata. Akkasumas yeroo tokko tokko Hirriba dhabuu fi halkan sammuun jeeqamu, rafuu dadhabuu fi kkf fidu danda'a.

Tiruun yoo dhibee qabaate summiin Ammonia gara sammuu deemuun sirna neervii to’ata. Kun dhibee Hepatic Encephalopathy jedhamuun beekama.

12. Bokoka Garaa Gaasii yeroo baayyee:

Tiruun miidhame nyaata caccabsuuf dhangala’aa bullaa’insa nyaataa gahaa oomishuu yeroo hin dandeenyetti, nyaata booda bokoka garaa irra deddeebiin nama mudata.

13. Sababa malee Dhukkubbii mashaalee fi lafee keessa namatti dhagahama:

Yeroo tiruun hojii dadhabu hanqina Vitamin fi hirrina albuudota mudata kanaaf Humneetii Qaamaa kan akka lafee dugdaa fi miillaa fi harka, keessaa dhukkubbiin Namatti dhaga'amu danda'a. Garuu yeroo mana yaalaa deemte fayyaadha wanti mul'atu hin jiru.

14. Haqqisiisaa yokan nyaata ol-deebisu (Nausea & Occasional Vomiting)

Kun yeroo baay’ee ganama ykn nyaata erga nyaatanii booda ni mul’ata. Ni haqqisiisa yokan garaa keessaa garagaluu waan haqqisiisu itti fakkaachuu irra deddeebi'ee mul'ata. Kun Rakkoo meetaabolii ykn dhangala'aa bishaan garaachaa dadhabuu wajjin kan walqabatu yoo ta'u, garaan namaa akka namatti hin tolle fida.

15. Dhangala'aa Afaani Lolloocii:

Dhangala'aa afaan keessatti baay'ata, Gogorra yokan Lolloocii irra deddeebi'ee Mul'ata, dhangala'aatu Afaan isaa keessa baayyata. Akkasumas sababa tokko malee afaan nama hadhaawa, Nyaata nama jibbisiisa.

16. Dhiita’uu/bokokuu Miillaa fi faana jela:

Dhiita’uu miilaa naannoon jilbaa fi faanaa bokokuu fi diimaa ta'uu fi ulfaatinni dabaluun akkasumas
Faana miillaa fi Koomeen sababa malee baqaquu Gogaan isaa Goggogaa ta'u.

Sababa dadhabbii Tiruutiin vaayitaamiinota cooma keessatti bulbulaman (A, D, E, fi K) haala gaarii ta'uu dhabuu fi kkf fayyaa gogaa irratti dhiibbaa qaba, Akkuma suuraa irratti mul'atuun gogaa faana miillaa baqaqa.

17. Jaundice, ykn gogaa fi ija keelloo ta'uu:

Haalluu ijaa fi gogaa gara Bifa keelloo, yokan bicaatti, yokan gara Daalachaatti jijjiiramaa deemaa. Miidhaan tiruu yeroo qaqqabu gogaa fi ija keelloo ta’uu taasisa.

Mallattoon Kun yeroo baay'ee tiruun sadarkaa ulfaataa ta'een booda mul'atu danda'a.

Hubachiisa namni tokko Mallattoowwan Armaan olitti ibsaman qabaate qofaaf dhibee Tiruu qaba jechuun hin danda'amu! Garuu yoo Mallattoowwan kana keessaa lama yookiin sadii qabaatte Qorannoo fayyaa gochuu qabda!.

Dhibeen tiruu yeroo hedduu mallattoo dhaabbataa ta'e agarsiisuu dhabuu danda'a!

Tiruun Amalli isaa inni sodaachisaan "Ajjeesaa Callisaa" silent killer ta'uu isaati; sababni isaas, Tiruun "obsa guddaa" qabaachuu isaati.

Tiruun neervii dhukkubbii (pain receptors) keessoo isaa irratti hin qabu. Rakkoon fayyaa tiruu keessa utuu Jiru garuu Mallattoowwan dhukkubbii mul'atuu dhabuu danda'am. Namni tokko fayyaadha fooyyee qaba Utuu jedhamuu battalumatti lubbuu isaa dhabuu danda'a!.

Dhibeen kun Mallattoowwan dhukkubbii waan hin qabneef waggaa waggaatti Namoonni miliyoonaan lakkaa'aman hedduu sababa miidhaa dhokataa dhibeen kun fiduun lubbuu dhabaa jiru!.

Mallattoowwan dhukkubbii tiruu kan akka halluun ijaa keelloo (jaundice) ta'uu fi garaan bokokuu dhiita'uu, fi dadhabbii guddaan kan nama irratti mul'atan yeroo baayyee erga tiruun miidhamee gara sadarkaa cirrhosis ykn kaansarii tiruu (HCC) ga'e qofaadha.

Walumaa galatti
Yeroo mallattoo agarre Ogeessa Fayyaa waliin mari’achuun
Qorannoo gaggeessuu
Yaala sirrii fudhachuun dirqama!
Kun qajeelfama sirrii fi saayinsii namni lubbuu ofii fedhu kamiyyuu hordofuu qabudha!.

Qoricha amanamaa hin taanee fi wantoota tiruu miidhanu gochuu irraa Of qusadhaa!ā›”

ā€œTiruu Tokko = Lubbuu Tokkoā€
Tiruu kee tikfachuun lubbuu kee tikfachuudha. Lubbuun lama hin jiruu!.

Qorannoo fi Yaala Dhukkuboota Tiruu Argachuuf Odeeffannoo barbaachisaa ta'e karaa Telegiraamii fi Whtsapp irratti messege nuuf Erguun argachuu dandeessu.

Odeeffannoo fayyaa fi barnoota adda addaa Argachuuf Facabook
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa

Qorattoonni Ispeen Tooftaa addaa Yaala Dhibee kaansarii  sadarkaa ol'aanaa irra gahe guutummaatti fayyisu Argataniiru!.H...
03/02/2026

Qorattoonni Ispeen Tooftaa addaa Yaala Dhibee kaansarii sadarkaa ol'aanaa irra gahe guutummaatti fayyisu Argataniiru!.

Hojiin qorannoo fayyaa addunyaa keenyaa tibba kana tarkaanfii seena-qabeessa ta'e tokko bira ga’eera.

Gareen saayintistoota biyya Ispeen, biologist Dr. Mariano Barbacid-iin durfaman, dhibee kaansarii isa hammaataa fi yaala didee miliqu (advanced tumors) fayyisuu irratti milkaa’ina addunyaa dinqisiise galmeessaniiru.

Qorannoo kanaan gosa kansaarii (Pancreatic Cancer), gosa isa hammaataa (PDAC) jedhamu irratti milkaa'ina guddaa galmeessaniiru. Kanaan dura Kansaariin kun addunyaa irratti gosa kansaarii baay'ee sodaatamaa fi yaalaan to'atamuu dide dha.

Qorannoon kun kan gaggeeffame dhaabbata Qorannoo Kaansarii Ispeen (CNIO) keessatti yoo ta’u, mala yaalaa sadii walitti makuu (Triple-Drug Therapy) fayyadamuun kellaawwan kaansarii guutummaatti dhabamsiisuun danda’ameera. Tooftaan kun kallaattii sadiin (KRAS oncogene, EGFR protein, fi STAT3 protein)
jedhaman yeroo tokkotti rukutuun (simultaneous targeting) fayyadaman. Kun immoo unka kaansarii keessatti jeequmsa guddaa uume; sababni isaas unkaan kaansarii of jijjiiruuf ykn of-eeguuf carraa hin arganne.
Kunis, kaansariin sun akka of hin haaromsine ykn qorichatti madaquun yaala jalaa hin baane (Cellular Rewiring) karaa cufa.

🐭 Yaalii hantuutota irratti taasifameen, kaansariin sadarkaa ol’aanaa irra ga’e guutummaatti dhabameera. Hantuutonni yaalicha fudhatan guyyoota 200 ol mallattoo kaansarii tokko malee fayya-bulessa ta’anii turaniiru. Seenaa qorannoo kaansarii (Oncology Research) keessatti, guyyoonni 200 hantuutaaf umrii dheeraa waan ta’eef, kun kaansariin sun deebi’ee akka hin dhufne mirkaneessa.

Gareen qorattootaa kun amman tana yaalii klinikaa (Clinical Trials) namoota irratti gaggeeffamu jalqabaa jiru. bara 2026 keessatti yaaliin kun namoota irratti jalqabama jedhamee eegama.

Milkaa’inni kun maatiiwwan kaansariin miidhamaa jiran maraaf "Ifa Abdii" haaraa uumeera.

Odeeffannoo fayyaa fi Qorannoo saayinsii haaraa argachuuf toora Facabook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godha

Haguuggii Diimokiraasii fi Dhugaa Jiyoo-poolotikaa: Shira Siyaasaa fi Giddu-seenummaa Ameerikaan Addunyaa Irratti raawwa...
03/02/2026

Haguuggii Diimokiraasii fi Dhugaa Jiyoo-poolotikaa: Shira Siyaasaa fi Giddu-seenummaa Ameerikaan Addunyaa Irratti raawwattu

Qorannoon James A. Lucas kan Toora barruu Saayinsii idl Addunyaa "Global Research" irratti maxxanfame akka agarsiisutti Ameerikaan Maqaa Diimokraasii fi Shororkkeessummaa balleessuu jedhuun Tarkaanfii biyyoota 37 keessatti fudhatteen du'a Namoota miliyoona 20 oliif sababa taatee jirti!. Yakka guddaa Qorannoo mirkaneesse ta'us Maqaa bareedaa "Diimokraasii diriisu" jedhuun waan haguugameef yakki kun Dhokatee jira.

Namoonni baay’een Ameerikaan biyyoota Isilaamaa qofa irratti xiyyeeffatti, muslimoota wajjiiniin qofa diinummaa qabdi jedhanii yaadu! Garuu yaadni kun dogoggora ta’uu isaa seenaan ni mirkaneessa. Ameerikaan tarsiimoo Gidduu-galummaa jedhamuun beekamtu hordoftee biyyoota akka Kaamboodiyaa, kuubaa, Veetnaam, Paanaamaa, Yuugoslaaviyaa fi Chiilii, Veenzuweellaa, keessatti duraan tarkaanfii waraanaa fi siyaasaa fudhatteetti. Biyyoonni kun immoo kan amantii Isilaamaa kan hordofan miti.

Siyaasa addunyaa keessatti Ameerikaan akka humna "bilisummaa fi diimokiraasii" facaasutti of dhiheessiti. Garuu, dhugaan seenaa akka agarsiisutti, ka’umsi ishee inni guddaan amantii ykn sanyii utuu hin taane, dantaa jiyoopolotikaa (Geopolitical Interest) fi ol-aantummaa diinagdee mataa ishee, mirkaneessuudha.

Ameerikaan diinummaa ishee siyaasaa fi diinagdee mataa ishee irratti hundeeffatti. Fakkeenyaaf Ati mootummmaa Abbaa hirree taatee, garuu Yoo ameerikaaf harka kenniteef Ameerikaan waa'e diimokirasii sin gaafattu mootummmaa "michuu" jettee si faarsiti. Garuu yoo ameerikaaf harka kennu diddee,"qabeenyi biyya koo, kan ummata kootiiti ormi saaamu hin qabu" jette, "Mootummmaa abbaa hirree" fi "shororkeessaa" siin jettee tarkaanfii fudhatti.

Biyyi kamiyyuu amantii inni hordofuun yokan sanyii inni qabuu fi naannoon inni itti argamu Ameerikaaf dhimma dursa kennamuufii miti; ati muslima yokan kiristaana hin jettu, dhimmi Ameerikaa inni guddaan "Biyyi kun dantaa koo ni kabajaa? Moo ni morma?" kan jedhudha.

Ameerikaan yeroo biyya tokko keessa galuuf kaatu, amantii ykn sanyii biyya sanaaf osoo hin taanee, sababni ishee inni guddaan "Dantaa Biyyaalessaa qabeenya saamuu fi to’annoo addunyaa harka ishee keessa galchuudha! Akka ragaalee seenaa fi siyaasaa agarsiisanitti, Ameerikaan biyyoota dantaa ishee morman yokn immoo Humnaan ameerikaa fuuldura dhaabbachuu fedhan irratti fudhatti.

Biyyoota Kiristaanaa fi Kaatoolikii Irratti (Latin America) Ameerikaan biyyoota Muslimaa qofa utuu hin taane, biyyoota Kaatoolikii ta'an kanneen dantaa ishee morman irratti yakka suukanneessaa raawwatteetti:

Ameerikaan Bara 1973 Biyya Chiilii kan ummanni ishee harka caalaan Kiristaana Kaatoolikii ta’an gidduu seente diigde jirti! Preezidantii biyyatti kan filannoo ummataan gara aangoo dhufe Salvador Allende, qabeenya biyya isaa kaampaniiwwan Ameerikaa jalaa bilisoomsuuf yaale. Kanaan kan ka’e, CIA’n harka keessa galchuun fonqolcha mootummaa gaggeessisee Perezidaantiin kun akka ajjeefamu taasise. Iddoo isaa abbaa irree Augusto Pinochet gara aangootti fidan; Perezidaantiin inni kun abba hirree ta'us garuu dantaa Ameerikaa waan kabajeef "michuu" jedhamee faarfame..

Kuubaa & Nicaragua: Ameerikaan Biyyoota Kiristaanaa ta’an kanneen irratti waggoota 60 oliif qoqqobbii diinagdee cimaa ("Embargo") gochuun ummata hiyyummaa keessa kuffifteetti. Kunis "Islaama waan ta'aniif" utuu hin taane "Dantaa koo waan mormaniif" kan jedhudha.

Biyya Guatemala (1954):
Ameerikaan lafa qonnaa biyya kanaa Harka heddu qabattee itti fayyadamaa turte!. Kana booda Mootummaan biyyattii lafa qonnaa ummataaf hiruuf yeroo yaalu, kaampaniin Ameerikaa "United Fruit Company" jedhamu dantaan koo tuqame jedhe. Ameerikaan battaluma sana mootummaa sana "Komunistii" jettee moggaasuun kuffifte. Kunis biyya Kiristaana Kaatoolikii irratti kan raawwatamedha.

Ameerikaan biyyoota amantii Budaahaa fi Ortodooksii fi kaan hordofan irratti tarkaanfii wal-fakkaataa fudhatteetti:

Veetnaam (1960): Biyya amantii Budaa hordoftu kana keessatti waraana waggaa 20 olii gaggeessuun namoota miliyoona 3 ol ajjeesteetti. Kaayyoon isaa "Komunizimii ittisuu" jedhamus, dursa kan qabu dhiibbaa Ameerikaa naannoo sanaa mirkaneessuudha.

Yugoslavia/Serbia (1999): Ameerikaan Biyya Amantiin isaanii Kiristaana Ortodooksii ta’an kana irratti NATO waliin ta’uun boombii hedduu irratti harcaasuun infrastructure biyyattii barbadeessan. Waraanni Kun dhimma sanyii ykn amantii utuu hin taane, deemsa siyaasaa Yuurooppi keessatti Ameerikaaf jilbeeffachuu diduu isaaniitiin kan dhufedha.

Ameerikaan Biyyoota amantii Budaaha, hordofan (Veetnaamii fi Laa'osii fi Kaamboodiyaa).

Biyyoota Kiristaana Kaatoolikii Guwatamaalaa, El-Saalvaadoor fi Biyyoota Ortodooksii Yugoslaaviyaa/Sertbiyaa fi Biyyoota Muslimaa (Iiraaqii fi Liibiyaa iraan, Siiriyaa fi kkf. Hunda keessatti Shira Siyaasaa fi waranaa hamaa raawwatteeti., diinni Ameerikaa namoota dantaa ishee hin fudhanne hunda malee amantii murtaa'e miti.

Gama biraan, biyyoonni akka Iiraaq fi Liibiyaa madda zayitaa (Oil Reserves) fi albuuda guddaa Qabu qabeenya kana ameerikaaf qooduu didani, kana booda Ameerikaan maqaa "diimokiraasii" fi "shororkeessummaa balleessuu" jedhuun mootummmaan isaanii akka kufuu fi biyyoonni kun akka diigaman godhame. Qabeenyi isaanii akka saamamu taasifameera. Tooftaan kun Resource Wars jedhamuun beekama; kunis biyya tokko diiganii qabeenya ishee to’annoo kaampaniiwwan gurguddoo dhihaa jala galchuuf kan xiyyeeffatedha.

Waraana Addunyaa lammaffaa booda Ameerikaan Du'a namoota miliyoona 20 oliif sababa taatee jirti

Qorannoon James A. Lucas kan mataduree "The U.S. Has Killed More Than 20 Million People in 37 Victim Nations Since WWII" jedhu kan Toora barruu Saayinsii idl Addunyaa "Global Research" irratti maxxanfame, ragaa suukanneessaa dhiheessaniiru Innis "Ameerikaan waraana kallaattii fi al-kallaattii raawwatteen namoota miliyoona 20 hanga 30 ta’an akka du'aniif sababa taateetti" Lakkoofsi kun gidduu seenummaa Ameerikaan waraana Addunyaa lammaffaa booda biyyoota 37 keessatti raawwatteen yoo ta’u, ka’umsi isaa amantii ykn sanyii utuu hin taane, dantaa siyaasaa Ameerikaa mormuu fi dantaa ameerikaaf bitamuu diiduudha.

Waraanni Ameerikaa kun kallattiin namoota rasaasaan ajjeesuu qofa utuu hin taane, bu’uuraalee misoomaa kan akka tajaajila fayyaa, bishaanii fi ibsaa barbadeessuun, beelaa fi dhukkuba waraana hordofee dhufuun namoonni miliyoonaan lakkaawwaman akka dhumatan godheera. Kun saayinsii waraanaa keessatti "Direct and Indirect Casualties" jedhamuun beekama, miidhaan al-kallaattii kun immoo yeroo baay’ee miidiyaalee gurguddoo dhihaatiin dhokfamee hafa.

Ameerikaan biyya tokko diiguuf ykn to’achuuf "ulaa" isheen itti fayyadamtu hawaasuma biyya sanaa giddudha. Tooftaan kun "Internal Subversion" jedhamuun beekama. Yeroo hedduu Ameerikaan tooftaa Mormitoota Maallaqaan bituu Fayyadamti. Mormitoota biyya keessaa "nuutu diimokiraasii isiniif fida" jedhanii gara Ameerikaatti akka baqatan maallaqaa fi miidiyaan ni utubdi. Namoonni siyaasaa mormitoota mootummmaa ta’anii fi dantaa dhuunfaa ykn aangoo barbaadan, gara Ameerikaatti baqachuun deeggarsa gaafatu. Ameerikaan namoota kana akka meeshaatti fayyadamuun mootummaa biyya sanaa ittiin sodaachiftti.

Mormitoonni kunis birmadummaa biyya isaanii (National Integrity) caalaa abjuu aangoo qabachuu yokan immoo mootummmaa biyya isaanii cabsuuf dursa kennuun, shira biyyoonni dhihaa biyya isaanii irratti xaxan keessatti qooda fudhatu.

Qoqqobbii diinagdee fi Olala miidiyaa banuun Hawaasni biyya keessaa akka wal-shakkii fi wal-loolu taasifama. Diinagdeen biyyatti akka kufuu fi Ummannii qaalainsa jireenyaan akka Rakkatu taasifama. Yeroo biyyattiin keessaan laaftu, Ameerikaan akka "araarsituu" ykn "oolchituu" ta’uun biyya sana seentee danti. Biyya tokko keessatti walitti bu’iinsa uumuun akka isheen keessaan dadhabduu fi Ameerikaaf jilbeeffattu godha. Mootummmaan dantaa isaanii kabajee qabeenya biyyaa saamsise "Hogganaa Gaarii" jedhama; inni birmadummaa eegsisu immoo "Abbaa Irree" ykn "Shororkeessaa" jedhamee moggaafama.

Haqni addunyaa yeroo ammaa loogii irratti hundaa’eera. Seera idil-addunyaa (International Law) kan hojiirra oolu yeroo dantaa Ameerikaa fi michoota ishee kabajichiisuuf ta'e qofadha. Yeroo Ameerikaan yakka waraanaa raawwattu, seerri ishee adabu addunyaa irra hin jiru. Miidiyaaleen gurguddoon dhihaa (CNN, BBC, kkf) yakka Ameerikaa akka "dogoggora barbachisaatti" dhiheessu. Yeroo xiyyaarri Ameerikaa namoota nagaa ajjeesu, jecha miidha sana salphisuun gabaasu. Gama biraan, gareen ykn mootummaan dantaa Ameerikaa mormu yoo nama tokko ajjeese, akka "shororkeessummaa suukanneessaa" jabeeffamee gabaasama. Tooftaan kunis ummanni addunyaa akka yakka Ameerikaa seera qabeessa godhee fudhatuu fi mormitoota ishee akka jibbu sammuu ummataa keessatti akka ijaaramu taasisuudha.

Shororkeessaa" vs "Qabsaa'aa Bilisummaa" Moggaasni Ameerikaan kennitu dantaa ishee irratti hundaa'a:

Yoo ati dantaa ishee eegde, abbaa irree illee yoo taate "Michuu fi qabsaa'aa" siin jetti. Yoo ati "qabeenyi biyya kootii kan kooti, giddu-seenummaa alaa hin fedhu" jette, battalumatti "Shororkeessaa" ykn "Diina Mirga Namoomaa" siin jetti. Kun meeshaa maqaa ittiin balleessanii waraana irratti bananidha.

Ameerikaan muslima yokan kiristaana hin jettuu; araba yokan afrikaa hin jettuu. Yoo isheef bitamte michuudha, yoo birmadummaa kee kabachiisuuf yaalte diinadha. Birmadummaan biyya tokkoo kan eegamu keessuma hawaasa biyya sanaa gidduutti malee, dhiibbaa biyyoota dhihaa irraa akka waan gaariin dhufu eeguun dogoggora seenaati.

Barreeffa kana Kutaa Lammaffaan itti fufa.

Odeeffannoo Fayyaa fi Seenaa idil Addunyaa loogii irraa bilisa ta'e argachuuf toora Facabook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godha

Kamtu amanuuf nama rakkisaa? Kamtu ulfaataadha?šŸ”“ Daa'imni Oromoo xiqqaan tokko Qeellam Wallagaa Magaalaa Dambi Doolloo i...
03/01/2026

Kamtu amanuuf nama rakkisaa? Kamtu ulfaataadha?

šŸ”“ Daa'imni Oromoo xiqqaan tokko Qeellam Wallagaa Magaalaa Dambi Doolloo irraa kaasee qaama konkolaataa keessa dhokatee Finfinnee dhufe yeroo arginu, Amanuu dadhabnee, garuu mucaan Afgaanistaan waggaa 13 tokko goommaa xiyyaaraa keessa dhokatee Indiyaa deemeāœˆļø jedhamee, yeroo miidiyaan idil addunyaa gabaasu, amannee fudhannee ajaa'iba! Raajii jennee turre.

Dheengadda daa'imni tokko sibiila konkolaataa keessa dhokatee Dambi Doolloo irraa kaasee Finfinnee deeme, oduun jedhu yeroo dhagahamu namoonni hedduun kijiba jedhanii Mormani!. Garuu kun ta'uu danda'a eeyyeen gurbaan kun dambi Doolloo irraa kaasee Finfinnee deemu ni danda'a, namoonni tokko tokko waan ajaa'ibaa hojjechuu danda'u. Wanti kanaa olii kan amanuuf nama rakkisan hedduu addunyaa irratti galmaa'anii jiru!.

Taatee hin baramnee fi kanaa ol balaafamaa ta’e, kan addunyaa guutuu ajaaibsiiseen Ji'a sadii dura Mucaan waggaa 13 Afgaanistaan tokko goommaa xiyyaaraa keessa dhokatee Afgaanistaan irraa Indiyaa deeme

Hojjettoonni buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Indiyaa kan magaalaa Niiw Deeliitti argamutti mucaa Afgaanistaan umrii ganna 13 balalii xiyyaara Kam Air, lakkoofsa balalii RQ-4401 ta'e, Afgaanistaan magaalaa Kaabuul irraa dhufu kutaa goommaa duubaa xiyyaaraa keessa dhokatee akka dhufe mirkaneessaniiru.

Mucaan Xiyyaarri kun gara Indiyaa osoo hin taane gara Iraan waan deemu itti fakkaatee garuu xiyyaarri gara Indiyaatti imalaa ture. Balaliin kun daqiiqaa 90 kan fudhate yoo ta'u rakko oksijiinii dhabuu fi ho'i -50°C gahuun utuu dararamuu daqiiqaa 90 booda Xiyyaarri kun Niiw Deelii erga bu'ee booda mucaan kun mooraa buufata xiyyaaraa keessa naanna'aa osoo jiruu argamee garee nageenya buufata xiyyaaraaf dabarfamee kennameera.

Odeeffannoo gurbaan kun sibiila Xiyyaaraa keessa dhokatee Indiyaa deemu jedhu kana, Miidiyaalee gurguddoo idil Adduunyaa kan akka BBC News fi CNN news akkasumaas Times of India – Indian Express – Hindustan Times – Financial Express bal'inaan gabaasaniiru.

Gorsa fayyaa fi odeeffannoo idil Adduunyaa argachuuf toora Facebookii
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa Follow godha hordofa...

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram