03/02/2026
Dhibeen Tiruu (Liver Disease) addunyaa guutuu keessatti sababoota duāa tasaa (sudden death) fi Utuu fooyyee qaba jedhamu battalumatti namoota hedduu galaafatan keessaa isa guddaa fi yeroo baayāee hin hubatamne dha.
Dhugumatti, dhibeen tiruu "Ajjeesaa Callisaa" (Silent Killer) jedhamee kan waamamuuf sababa gahaa qaba. Nama tokko kalleess
Fayyaa waan qabu fakkaatu garuu guyyaa lama yokan torban keessatti du'e yeroo jedhamu dhageessa! Inumaayyuu namoonni Hedduun du'aaf sa'aatii muraasa qofa osoo isaan hafee jiru fayyaa fakkaatanii mul'atu maluu!.
Namoota sodaachisuu ykn waa'ee dhibee kanaa ol-kaafne facaasuuf miti. Kun Dhugaa jirudha, Saayinsii fayyaa keessatti tiruun dhibee duāa tasaa (Sudden Death) fiduu dandaāan keessaa tokko akka taāe sirriitti beekamaadha. Kun yaada dhuunfaa osoo hin taane, buāaa qorannoowwan saayinsaawaa, gabaasota hospitaalaa, fi muuxannoo ogeessota fayyaa addunyaa guutuu irratti hundaaāe dha.
Tiruun (Liver) qaama keessoo keenyaa isa guddaa fi warshaa "kimikaalaa" qaamaa jedhamuudha. Hojiiwwan 500 ol ta'an qaama keenyaaf hojjeta hojiiwwan isaa kan akka summii dhiiga keessaa qulqulleessuu, dhangala'oo soorata bulleessu (bile) oomishuu, fi qorichoota diiguu fikkf akkasumas sirna ittisa dhukkubaa jabeessuu fi kkf irratti gahee murteessaa qaba.
Kana malees, anniisaa (Glycogen), vaayitaminiwwan (A, D, E, K, B12), fi albuudota akka (Iron) kuusuun yeroo qaamni keenya rakkoo anniisaa ykn soorata qabaatutti gadhiisuun madaallii qaamaa (Homeostasis) eega.
Iccitii Duāa Tasaa (The Mechanism of Sudden Death)
Tiruun Sababa hojiiwwan kana hunda qaamaaf hojjetuuf qaama, qaamni keenya guutuun itti hirkatu ta'ee fudhatama. Ha ta'uu tiruun garuu Amalli isaa inni sodaachisaan "Ajjeesaa Callisaa" silent killer ta'uu isaati; sababni isaas, Tiruun "obsa guddaa" qabaachuu isaati. Tiruun neervii dhukkubbii (pain receptors) keessoo isaa irratti hin qabu. Namni tokko fayyaadha fooyyee qaba Utuu jedhamuu battalumatti lubbuu isaa dhabuu danda'a!. Kaleessa fayyaa turee hojiirra turee har'a du'e yeroo jedhamu dhageessa!.
Amala isaa keessatti Tiruun dhibbeentaa guddaan isa dhibeen miidhamee hanga xiqqoo hafte fayyadamuun hojii isaa itti fufuu dandaāa. Namni tokko tiruun isaa dhibbeentaa 80 miidhamee
Dhibbeentaa 20 hafe hojii isaa sirnaan itti fufuu danda'a sababa Kanaaf dhukkubsataan tiruu mallattoo tokko malee fayyaa fakkaatee, hojii isaa guutuu hojjachaa, nyaata isaa nyaataa fi deemaa jiraachuu dandaāa.
Dhibeewwan kan akka Hepatitis B, C, Fatty Liver Disease (NAFLD/NASH), Cirrhosis fi Kaansarii Tiruu waggaa 10 hanga 30tti nama keessa dhokachuun jiraachuu dandaāu. Yeroo kana keessatti dhukkubsataan dhukkubbii hin qabu, mallattoo hin argu, waan isa rakkisu tokko illee hin mulāisu hin ciisu, yeroo baayāee namni dhibee tiruu keessaahuu Vaayirasii Tiruu HBV qabu tokko gara mana yaalaa deemee qorannoo dhiigaa salphaa (LFT) irratti āfooyyee qabdaā jedhamuu dandaāa. Garuu dhibeen Battalumatti akka Boombii dhoohuu danda'a.
Haala nama Ajaa'ibuun! Yeroo tokko tokko Dhibeen tiruu sadarkaa dhumaa (advanced liver disease / end-stage liver disease) irrattiargamu illee, Qorannoo fayyaa salphaa irratti ānormalā fakkaatee mulāachuu dandaāa.
Kunis tiruun sun tattaafatee hojii isaa haguuguu waan yaaluuf dafee rakkoo jiru hin mul'isu.
Amalli dhibee Tiruu Kun waan namoota hedduu rifachiisu fi dogoggorsu dha, garuu saayinsii keessatti hiika sirrii qaba. Sababni isaa tiruun qaama obsaa guddaa qabu taāuu qofa osoo hin taane, dandeettii of haaromsuu guddaa qaba.
Qorannoo akka Agarsiisutti Tiruun qaama madaallii eeggachuu (compensation) guddaa qabudha. Tiruun madaaāee (Cirrhosis) miidhamee, dhibbeentaa 80-90% hojii ala yoo taāe illee, dhibbeentaan 10% hafte sun hojii guutuu qaamaa haguugdee (compensate gootee) hojjetti waan ta'ee dhibeen Ulfaataan Utuu jiru akka namni sun "fayyaa" fakkaatu gochuu danda'a. Garuu, yeroo dhibbeentaan 10% hafte sunis hojii dhaabdu (decompensation), qaamni madaallii isaa battalumatti dhaba. Namni dhibee tiruu qabu tokko utuu dhibeen Ulfaatee jiruu "fayyaa" fakkaatee wanti mul'atuuf tiruun dhibee injifachuuf hamma dandeettii isaa dhumaatti waan qabsaayuufidha.
Haa taāu malee, adeemsi Tiruu of jajjabeessu kun hanga dandeettii xumuraa (threshold) bira gahutti qofa kan deemu yoo taāu, akkuma tiruun sun tattaafffii isaa xumureen fashalaa'uu tiruu tasaa (Acute-on-Chronic Liver Failure) fida. Tiruun dhibee injifachuu dadhabee yeroo kufu (failure) ta'u akka "bombii" sa'aatii muraasa keessatti qaama hunda hojii dhaabsiisee lubbuu namaa galaafata, akka tasaa du'a (sudden death) fiduu danda'a.
Akkamitti "Battalumatti" (Saāaatii Muraasa Keessatti) Duuti Mudata?
Dhukkubsattoonni hedduun utuu "fooyyee qabda" jedhamanii battalumatti kan lubbuu dhabaniif sababoota saayinsaawaa gurguddoon jiru:
1. Dhoohinsa Ujjummoo Dhiigaa (Variceal Hemorrhage)
Kun sababa hamma 10% duāa tasaa hammaatuufis kan gumaachudha.
Adeemsa Isaa: Tiruun yoo goge (cirrhosis), dhiigni gara tiruutti deemu ujjummoo guddaa (portal vein) keessa darbuu dadhaba. Dhiibbaan (pressure) kun gara ujjummoota (esophagus) fi garaa keessa jiranitti daddarba.
Ujjummoonni kun baayāee haphii waan taāaniif, dhiibbaa kanaan dhoohuu dandaāu. Namni sun osoo deemaa jiruu dhiigni kun qaama keessatti dhangalaāuu jalqaba. Dhiigni litira 2 ol ta'u daqiiqaa muraasa keessatti yoo dhangala'e, dhiibbaan dhiigaa battaluma zeerootti gadi bu'a (Hemorrhagic Shock). Kunis sa'aatii muraasa keessatti onneen akka dhaabbattu taasisa.
2. Summaaāuu Sammuu fi Dhiitaāuu (Hepatic Encephalopathy & Cerebral Edema)
Tiruun "Ammonia" dhiiga keessaa qulqulleessa. Tiruun yoo hojii dhaabe, amoniyaan kun kallattiin gara sammuu deema.
Summiin kun sammuun akka tasaa dhiitaāu (brain swelling) taasisa. Namni sun saāaatii muraasa dura nagaa fakkaatee deemaa ture, akkuma dhiibbaan sammuu keessatti dabaleen battalumatti of wallaala (coma) fi neerviwwan hargansuu toāatan hojii dhaabuun du'a tasaa fida.
3. Kufaatii Onnee (Cirrhotic Cardiomyopathy)
Dhibeen tiruu onnee irratti dhiibbaa guddaa uuma. Dhiigni tiruu keessa darbuu waan dadhabuuf, Kun immoo onneen akka tasaa dhaabbatu (Sudden Cardiac Arrest) gochuu danda'a. onneen battaluma hojii dhaabuun lubbuu namaa galaafatu dandaāa.
Du'a dhibee Onnee Tasaa (Sudden Cardiac Death) Qorannoon akka agarsiisutti, namoonni dhibee tiruu (fatty liver ykn cirrhosis) qaban carraan onneen isaanii tasa hojii dhaabuu guddadha.
4. Kufaatii Qaamolee Hedduu (Multiorgan Failure):
Tiruun yoo hojii dhaabe, kaleen, sombi fi sirni marsaa dhiigaa hundi walfaana hojii dhaabuu danda'u, kunis sa'aatii gabaabaa keessatti nama ajjeesa.
Akkuma Armaan olitti ibsame Dhibee tiruu yeroo dheeraa namoota baayyee irratti Mallattoowwan hin qabu dhokate nama miidha ha ta'uu garuu
Dhibee tiruu qabaate Mallattoo Ija fi Fuula Keelloo ta'uu (Jaundice) Iji keelloo taāuun mallattoo tiruun sun dandeettii summii qulqulleessuu guutummaatti dhabeera jechuudha. Kun sadarkaa "Decompensated Cirrhosis" jedhamu yoo ta'u, tiruun sun kufuuf yeroo muraasa qofa akka qabu agarsiisa. Kana booda hospitaala deemuu yeroo itti bu'aa hin qabne ta'uu danda'a.
Dhibeen tiruu nama qabee akka tasaa nama hin ajjeesu, garuu yoo dafee hin yaalamne dhokatee waggoota hedduu madaa'aa erga turee booda, sa'aatii muraasa keessatti akka "bombii" dhoohuu danda'a.
Odeeffannoo fayyaa fi yaala Aadaa Saayinsaawaa ta'een argachuuf Toora Facabook
Gidduu Gala Yaala fayyaa Qoricha Aadaa Oromiyaa follow godhaa