Dr Assefa Debela

Dr Assefa Debela This page is to give general health education and ways to prevent diseases

Dhukkubni yeroo darbe Hospitaala Jiinkaatti Mul'ate yaaddoo guddaa uumee Ture, dhukkuba gosa vaayirasii MARBURG VIRUS ta...
14/11/2025

Dhukkubni yeroo darbe Hospitaala Jiinkaatti Mul'ate yaaddoo guddaa uumee Ture, dhukkuba gosa vaayirasii MARBURG VIRUS ta'uu mirkaana'ee jira.(WHO)

Vaayirasiin Kun gosa Maatii vaayirasii Filoviridae (Kan vaayirasii Ebolaa waliin wal fakkaatu) dha.

Vaayirasiin Kun Kan dhufu gosa Simbira Halkanii (fruit bat) jedhamuun Kan dhufu yoo ta'u.
Dhukkubni Kun nama namatti karaalee xuxxuqqii dhiigaa, dhangala'oo qaamaa fi karaalee meeshaalee yaalii faalameen daddarbuu danda'a.

Dhukkubni Kun nama qabee guyyoota

2–21 (giddu galaan 5–10 ) tti mallatto agarsiisuu danda'a.

Mallattoleen Mu'atan
===================
Hoo'a qaamaa olka'aa
Dhukkubni mataa cimaa
Dhukkubni garaa , hooqisiisuu fi teechisuu
Severe watery diarrhea fa'a dha.
Kana malees
Dhukkubbii ijaa, qufaa fi gogas irratti shifitaa bahuu danda'a.
Gara boodatti, Dhiigni afaanin, funyaanin, bobbaa waliin mul'achuu fi qaama keessaa dhangala'aa fi dhiigni xiqqaachuun hanga du'aa geesisa

❗Kanaaf namootni mallattoon armaan olii irratti Mul'ate atattamaam gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.
❗❗❗❗❗❗❗❗❗❗❗❗❗❗❗

14/11/2025
INFEEKSHINII LAFEE ( Osteomylitis )=========================Infeekshinii Lafee jechuun dhukkuba sababa jermiitiin Lafee ...
27/09/2025

INFEEKSHINII LAFEE ( Osteomylitis )
=========================
Infeekshinii Lafee jechuun dhukkuba sababa jermiitiin Lafee namaa miidhu jechuudha. Dhukkubni kun dhukkuba baay'ee fayyuuf rakkisaa ta'ee fi kan namoota baay'ee miidha jiruudha. Lafee gosa kamiyyuu miidhamuu danda'us ,yeroo baay'ee garuu Lafee miilaa fi harkaa tu baay'inaan miidhama. Ijoollee araasii irraa eegalee nama guddaatti dhukkubni Kun uumamuu ni danda'a. Kanaaf , hubannoon dhukkuba kanarratti qabaachuun namoota baay'ee gargaaruu ni danda'a.

Akkamitti nama qabuu danda'a❓
Baacteriyaan karaalee sadiin gara Lafee gahuun miidhaa geesisuu danda'a.
1. Karaa hidda dhiigaatiin ( hematogenous spread )
Kana jechuun qaamni keenya lafeerra fagoo jiru tokko baacteriyaan yoo miidhamu, baacteriyaan sun kara hidda dhiigaatiin dhiigaan baatamee lafee qaqqaabuun miidhaa geesisuu danda'a. Haala kanaan Kan miidhama yeroo baayee ijoollee dha.
2. Kara walxuxxuqqii qaama fi lafeetiin (Contageous spreed)
Kutaan qaama keenya lafeetti uwwifamee jiru gaafa jermiin miidhame , salphaatti gara lafeetti darba. Kun baay'inaan namoota ga'eeaaota irratti kan uumamuu fi dhukkubni haala kanaan dhufus jarmoota gosa hedduu ( polymicrobial ) ta'uu malu.
3. Kallattii dhaan/ direct inoculation / : Qaamni keenya sababa akka muramuu/waraanamuutiin / balaadhaa Lafee yoo qunname , lafeen Miidhamuu danda'a.

Namoota Akkamiitu saaxilamaa❓
1. Ijoollee fi jaarsolii- humni dhukkuba ofirra ittisuu isaanii gadi bu'aa waan ta'eef
2. Namoota dhukkuboota biroo kanneen akka sukkaaraa, dhukkuboota hidha dhiigaan wal qabatan, dhukkuba kalee fi kaanserii fi dhukkuboota sirna dhukkuba offirraa ittisuu miidhan qabaniin
3. Namoota hanqina nyaataa qaban
4. Sigaaraa ,alkoolii baay'suu, namoota ajaja ogeessa malee qoricha kara hidda dhiigaan fudhatan ( IV drug users)
5. Miidhama qaama balaadhaan ( trauma and history of previous surgery) fi kanneen biros ni jiru.
Sadarkaan miidhama dhukkuba kanaa akkami❓
Yeroo miidhama irratti hundaa'uun, iddoo sadi qooduun ni danda'a'ama.
1) infeekshinii yeroo gabaaba( Acute Osteomylitis ) ; Lafee erga miidhamuu eegalee hanga torbee lamaatti jechuudha. Yeroo kana bakka miidhamaatti dhukkubbiin , diimachuun, dhiita'uun fi qaama hoo'isuun dafee mul'achuu danda'a. Yeroo kana mallattoleen infeekshinii qorannoo dhiigaa (CBC, ESR/CRP) irratti mul'achuu damda'anis ,Raajii ( x ray ) irratti Garuu mul'achuu dhiisuu danda'u. Yeroo kanatti ogeessa sirriin yaalamuun carraan fayyuu guddaa dha.

2) infeekshinii yeroo giddu galeessaan( sub acute osteomylites ) ; lafeen erga miidhamuu eegalee torbee 2 oli yoo ta'e dha. yeroon yoo hin yaalamne ykn immoo sababa dandeettii dhukkuba offirraa ittisuu keenyaa fi baakteeriyaa gidduutti godhamu yeroo dheeraa fudhachuun Kan dhufuudha.
Yeroo kana , dhiitaa fi dhukkubbiin dabaluu danda'a. Malaanis dhuka Lafee keessatti kuufamuu eegala. Miidhamni Lafee x ray irratti mul'achuu eegala. Yeroo kanatti yaaliin qorichaa fi baqaksanii yaaluu barbaaduu dan'a.

3. Infeekshiinii Lafee Ture / qancare ( chronic osteomylitis) : Kun erga lafeen miidhame torbee ja'aa fi isaa oli yoo ta'ee dha. Jalqaba irraa eegalanii yoo hin yaalamne sadarka kana qaqqaba. Mallattoleen akka malaa basuu, Dooqachuu , dhiita'uu bakka miidhamaa fi qallachuu naannoo miidhamaa mul'achuu danda'a. Sadarkaan kanatti , lafeen miidhamuun malaan duraan dhuka Lafee keessatti uumame Lafee uree gara alaatti baha. Yeroo kanatti dhukkubbii baay'ee fi hoo'i qaamaa jiraachuurra dhiisuu mala. Qorannoowwa dhiiqaas sirrii (Normal ) ta'uu maluu . Qorannoo x - Ray irratti Garuu, lafeen miidhame sirritti mul'ata. Yeroo kanatti yaaliin qorichaa fi akkasumas yaaliin baqaksanii yaaluu ni jira. Garuu carraan fayyuu dhiisuu fi dhukkubichi irra deddeebiin dhukkubuu ( fkn yaalamee Fayyee ammas ji'a 6 n booda ykn waggaa 2 booda akkuma duraatti dhukkubuun jiraachuurra mala).

Yoo yeroon hin yaalamne rakkoon dhufu maali❓
⚠ infeekshii gara qaama birootti ce'uu lubbuu miidhuu danda'a ( it's may cause sepsis)
⚠️Lafee miidhuun qaama hir'uu gochuu danda'a ( keessuma ijoollee irratti)
⚠️Baasii yaalii guddaa ta'uu , yeroo hedduu dhukkubaan rakkachuu ( socio economic crisis)
Rakkoo Furamuu Qabu( Challenges )
Aadaa yeroon mana yaalaa deemuu dhabuu
Mana yaalarra , ogeessa aadaa ykn iddoowwan amantiif filachuu
Erga miidhaman guddaan uumamee gara mana yaalaa deemuu ( late complications )

✅Furmaata
1. Qaamni keessan (keessummaan miilli ykn harki) keessan erga waan sin mure/ ykn isin miidhee yoo dhiitaan, dhukkubbii fi diimachuun jiraate - mana yaaala deemuun seeran yaalamuun
2. Sadarkaan turaa irra yoo gahee ; gara mana yaalaa olaanaa bakka ispeeshaalistiin Lafee ( orthopedician ) jirutti ilaalamuu fi hordoffii gochuun barbaachisaa dha.

Dr Assefa Debela ( MD, Resident)
Fayyaam Faaya!
Gaaffiin yoo qabaattan Inbox naaf godhaa🙏🏾

✨ Fayyaan qabeenya olaanaa dha.Hawwiin koo bara 2018 keessaa, fayyaa, nageenyaa, gammachuu, milkaa’ina fi jaalalaan guut...
11/09/2025

✨ Fayyaan qabeenya olaanaa dha.
Hawwiin koo bara 2018 keessaa, fayyaa, nageenyaa, gammachuu, milkaa’ina fi jaalalaan guutamee akka ta’u. 🙏🏾

Bara haaraa kanatti, Qorichoota muraasa armaan gadiitti fayyadamaa
🩺💊
• Guyyaa guyyaan gammachuu tokko fudhadhaa
• Obsaan socho’aa
• Gara-laafina baay’ee qabaadhaa
• Yerotti fayyadamaa
• Uumaa/Rabbi/Waaqa sodaadhaa…

➡️ Yoo qorichoota kanneen fudhattan:
Nagaa, guddina, fayyaa, gammachuu fi milkaa’ina ni argattu
BAGA BARA HAARAA GEESSAN🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
ጤና ከፍተኛ ሀብት ነው።
የእኔ ምኞት በ2018 ዓ.ም ውስጥ፣ ጤና፣ ሰላም፣ ደስታ፣ ስኬትና ፍቅር የተሞላ እንዲሆን ነው። 🙏🏾

በዚህ አዲስ ዓመት፣ ከዚህ በታች የተዘረዘሩትን ቀላል መድሀኒቶች ተጠቀሙ፦
🩺💊
• በየቀኑ አንድ ጊዜ ደስታን ይውሰዱ
• በትዕግሥት ይንቀሳቀሱ
• በጣም ርኅራኄ ይኖራችሁ
• ጊዜን በትክክል ይጠቀሙ
• ፈጣሪን /አምላክን/እግዚአብሔርን ፍሩ…

➡️ እነዚህን መድሀኒቶች ብትውሰዱ፦
ሰላም፣ እድገት፣ ጤና፣ ደስታና ስኬት ታገኛላችሁ።

እንኳን አዲስ አመት በሰላም አደረሳችሁ 🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻

Successful Surgical Management of a Rare Case at Ambo University Referral Hospital(AURH)================++==============...
28/08/2025

Successful Surgical Management of a Rare Case at Ambo University Referral Hospital(AURH)
================++==================
A rare and challenging surgical case was successfully managed by surgical team led by surgeon Dr. Obsa Birratu and his teams at Ambo University Referral Hospital (AURH). The complex procedure, which lasted for five hours, was performed on a 40-year-old male patient diagnosed with Madelung’s disease (multiple symmetric lipomatosis) associated with superior vena cava syndrome (SVS).
The patient presented with a progressively enlarging neck mass that had gradually extended to involve the anterior and posterior chest wall, causing shortness of breath and significant cosmetic as well as functional impairment.

Following thorough clinical evaluation and preoperative preparations, the surgical team carried out an extensive resection, removing approximately 3.5 kg of the mass.
The first stage surgery was successfully completed, and the patient is currently in a stable postoperative condition.

Surgical Team Led Surgeon: Dr. Obsa Biratu (Assistant Professor of General Surgery)
Assistant Surgeons:
1. Dr. Sinbona Ararsa (4th-Year General Surgery Resident)
2. Dr. Berhanu Nuguse (4th-Year General Surgery Resident)
3. Dr. Chala Abdo (3rd-Year General Surgery Resident)
Anesthesia team:
1. Dr. Usuman (Anesthesiologist)
2. Dr. Makuria (Anesthesiologist)
Scrub Nurse: Abdi / Dhibe
Runner Nurses: Wakjira / Taressa, had took part in the procedure.

Source: Ambo University

14/08/2025

Today is World Organ Donation Day

When Dr. Hora was fighting for his life with liver cancer, his younger brother Gemecu didn’t hesitate — he gave a part of his own liver so his brother could live.

After a successful transplant at Rela Hospital, India, they now stand together as living proof that the greatest act of courage is to live for others.

Every king has a scar — proof of the battles they’ve survived. These brothers’ scars are not signs of weakness, but marks of love, sacrifice, and victory over death.

Organ donation isn’t just a medical act — it’s a legacy of love.
On this World Organ Donation Day, let’s salute those who put another’s heartbeat before their own — because their love doesn’t just save lives, it writes stories of hope the world will never forget.

Address

Adama

Opening Hours

09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Assefa Debela posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Assefa Debela:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category