06/09/2025
Ulfa gadameessaan alaa (Ectopic Pregnancy)
*******************************
Sanyiin kormaa (S***m) fi hanqaaquun dhalaa ujummoo gadameessaa keessatti wal argachuun fartilaayizeeshinii gaggeessu. Akka bu'aa fartilaayizeeshiniittis micireetu uumama. Micireen kun keessa gadameessaatti maxxanuun guddachuu isaa itti fufa. Kun adeemsa sirrii jalqaba ulfaati.
Kanarraan addatti, jechuun micireen uumame keessoo gadameessaan alatti kan maxxanu yoo ta'e, ulfa gadameessaan alaa jedhama.
Ulfi gadameessaan alaa kun, gadameessaan alatti bakkeewwaan garagaraa akka; ujummoo gadameessaa, ovarii, garaa keessaafi fiixee gadameessaatti mul'achuu danda'a.
• ulfa gadameessaan alaaf nama saaxilan maal fa'i?
:-
~> Miidhamuu yookan godaannisaa'uu ujummoo gadameessaa
~>Infeekshinii gadameessaa fi ujummoo gadameessaa
~>Dhibeewwan wal quunnamtii saalaan daddarban
~>Ulfa gadameessaan alaa kanaan dura mudatee beeku
~>Tamboo aarsuu
~>Ulfa umuriin 35 booda uumamu
~>Yaalii baqaqsanii yaaluu garaa gara gadiifi kkf dha.
• gadameessaan alaa mallattoolee akkamii qabaata?
- Dhukkubbii garaa gara gadii
- Dhaabachuu laguu
- Dhiigni qaama saalaan yaa'uufi kkf
: Ulfi gadameessaan alaa yeroo tokko tokko dho'uun rakkoo hamaa haga du'aa geessisuu danda'a. Kanaaf dubartiin tokko mallattoolee armaan olii kana of irratti argite jennaan ariitiin gara mana yaalaa deemtee ilaalamuufi yaala fayyaa argachuun irra jiraata.
•Yeroodhaan qoratamuufi yaalamuun dhibee hamaa itti aanurraa nama oolcha.
**********************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!