06/08/2023
Dhibee sodaa hawaasummaa
(Social phobia)
=============
Yeroo jaalallee ykn hiriyaa haaraa arguuf beellamaniit, haasaa ummataaf gochuu fikkf deemanit sodaa / dhiphuu haga ta'e qabaachuun waanuma jiruudha.
Baay'een namaa kanuma to'achuun waanta isaanirraa eegamu raawwatu, garuu namootni lakkoofsi isaanii xiqqoo hin taane sababa sodaa hawaasummaa kanaatiin, guyyaadhaa gara guyyaatti dhiphachuu irra darbee hojiin idilee isaanii raawwachuun rakkoo itti ta'aa jira.
MALLATTOOLEE DHIBEE KANAA
1).Bakka itti namootni 'na madaalu', wantin godhu hojjedhu na madaalchisa jedhan yaadanitti dhiphuu keessa galuu. Fkn bakka namootni baayyeen keessatti argamaniitti soorachuu sodaachuu,kan akka hoteelaa,kaaffee...bakka kanatti 'kan kolfaan of godha 'jedhanii yaadan sodaatu
2. Namootan gaddisiisa ykn mufachiisa jedhanii sodaachuu keessa ba'anii hiriyaa dhabuu lafa hawaasummaa baqachuu baay'isu
3. Keessummaa ykn namoota haaraa wajjin quunnamtii gochuu sodaachuun bal'inaan irraa mul'ata
4 .'Akkan sodaadhe namni narratti bara, qaamnikoo gaafa hollatu,dafqi gaafa natti dhufu' jedhanii dhiphachuu.kun keessumattu kanneen sodaa waltajjii qaban irratti bal'inaan mul'ata.
5. Utuu bakka hojii irraa eegamu hin dhaqin manuma taa'anii waa'ee isaa yaaduun sodaachuu .Akkas jechuun waa'ee hojii hawaasummaa yaaduun illee dhiphuu ykn yaaddoo isaanitti naqa jechuudha.
6. Sababa kanaan haasaa ummata gidduutti, mana nyaataa dhaqanii nyaachuu,bakka gaa'elaa,waldaa,keessummaa,walitti dhufeenya jaalalaa baqachuun amala isaaniiti
7. Erga akkumasaatti gochaa armaan oliittti hirmaatan waantoota dogoggora hojjetan yaaduun taa'anii of ceepha'u.kanan irranfadhe, sanan hin goone,kanan hin goone....
8. Bakka hawaasummaa kanatti dabalataan rukuttaan onnee dabaluu, hoqqisiisaa fi garaakaasaa, hargansuu dadhabuun illee irraa ni mul'ata.
MAALTU DHIBEE KANA FIDAA
¶.Dhibeen kun maatii keessa jiraachuu
¶.Maatii baay'ee to'annaa bay'isanii fi haasaa ijoollee dhowwan keessatti guddachuu fi kkf
Source