03/03/2025
Hojiiwwan yaalaa kan sooma Ramadaanaa hin cabsine
1. Copha ijaa fi copha gurraa sooma hin cabsu.
2. Dhukkubsattoonni dhukkuba asmii yeroo soomaa qoricha puff isaanii (Salbutamol puff) fudhachuun sooma hin cabsu.
3. Ilkaan baasuun ykn ilkaan guutuun sooma hin balleessu.
4, Kiniinii afaan jalaa: dhukkuba onnee (MI) yaaluuf ... qorichi dhukkuba biroof oolu yoo fudhatame malee sooma hin cabsu.
5. Namni sooma qabu qorannoo dhiiga ykn dhiiga isaa yoo arjoome soomni isaa hin cabu.
6, Qorichootni nyaata bakka hin buune (qoricha qaama tasgabbeessuu, talaallii, antibaayootikii) hidda dhiigaa (IV) ykn IM, akkasumas qorichi hidda dhiigaa keessaa (intravenous contrast) CT Scan ykn MRI'f kennamu sooma hin cabsu.
7. Sababa dhukkubaa ykn sababa biraatiin of wallaalanii garaa kaasuun sooma hin balleessu.
8. Kooba/Hijamaan (Wagmt) soomana balleessuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee Ulamaa’ota (ogeeyyii amantii) biratti yaadonni hedduun ka’aa turaniiru. Dhiyeessiin hijaamaa hojii yaalaa ammayyaa phelbotomy keessatti fayyadama. Kunis sooma hin balleessu
9. Namni dhiigni baay’ee yoo dhiigille soomanni isaa hin cabu. Namni sooma qabu sababa balaa ykn sababa biraatiin dhiigni baay’ee yoo dhangala’e sooma isaa irratti rakkoon hin jiru. Sababa kanaan yoo dhukkubsatee dadhabe garuu sooma isaa cabsee nyaachuu danda'a.
10. Dubartiin Ramadaana soomachuun qoricha farra laguu fayyadamuun yoo fayyaa ishee irratti rakkoo tokkollee hin fidne rakkoo hin qabu. Guyyoota Ramadaanaa, leeylatul qadrii, sochiiwwan tokko tokko yeroo hajjii fi umraa soomana irraa akka hin hafneef qoricha laguu dhaabuuf fayyadamuun, yoo fayyaa ishee irratti rakkoo tokkollee hin fidne rakkoo hin qabu. Garuu qorichi kun miidhaa cinaa waan qabuuf dubartiin sun tekluf yoo of hin galchine gaariidha. Yoo kiniinii fayyadamte yoo soomtee hojii ibaadaa raawwatte fudhatama qaba.
11. Meeshaaleen yaalaa, qorannoon, qoricha fi qorsa ulfa ittisuu gadameessa/ qaama saalaa dubartii keessa galfaman sooma hin balleessan
"Yaadachiisa:
Lakkofsa tokkofaa irratti
Ibsa gayaa kennuu barbaachisa
Fakkee nyaaf yoo dawaan kan gama garaachaa seene
Sababa dibbeen gurraa dhohuutiin gafa san soomni nibbada jedhan ulamaa,iin
Ammas lakkofsa 8 imaamu ahmadiin biratti koobaan sooma ni balleessa
Koreen fatwaa ulamaa'a su'uudii hundinuu ni bada jedhu
Sooma Ramadaanaa ilaalchisee murtoowwan yaalaa kunniin Qur’aanaa fi Hadiisa akkasumas manneen barnootaa Imaamota afran irratti kan hundaa’an yoo ta’u, hayyoota bara keenyaatiin kan kennamee fi kan qindaa’ani dha.
Share godhaa warra hin beekne beeksisaa
Dr. Muhammed Kedir
'a_rahmata
lubuspecializedcenter.com