Abse Nasir

Abse Nasir Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abse Nasir, Medical and health, Harar, Addis Ababa.

28/12/2023
15/08/2023

Carraa ULFAA'UU dabaluuf:
*****************

1. Hanqaaquun ovaarii shamarranii irraa kan gadi lakkifamu, guyyaa jalqabaa marsaan laguu inni darbe itti jalqabee kaasee guyyaa 14ffaa irratti. Naannoo kanatti walqunnamtii saalaa haalaan raawwachuudha. Asirratti waan hubatamuu qabu, sanyiin kormaa erga dhangala'ee booda qaama walhormaataa shamarranii keessa HANGA GUYYAA SHANII lubbuun jiraatee obsaan eeguu danda'a. Sanyiin shamarranii garuu qophaa'ee GUYYAA TOKKO qofaaf sanyii kormaa eega.

2. Haati/shamarri umuriin ishee waggaa 35 osoo hin ga'iin yoo da'uu yaalte gaarii ta'a. Isaa olitti carraa ulfaa'uu xiqqaachaa deema.

3. Haati manaa fi abbaan manaa walbira jiraachuu. Walqunnamtii saalaa yoo xiqqaate torbanitti si'a sadii fi isaa ol rawwachuu.

4. Carraaqqi kana keessatti lamman isaanii; haraada adda addaa irraa of qusachuu (alkoolii, tamboo kkf) garmalee ulfaatina hir'isuuf dabaluu fi of dhiphisuu irraa of qusachuudha.

**************
Fayyaan Faaya

13/08/2023

DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain) yoo qabaanne akkamiin of gargaaruu dandeenyaa?

1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa'aa sadii ol (yeroo hirribaa irraa kan hafe) siree irra ciisuu dhiisuu qabna.

2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu (salphaas tahu) irraa ammoo fagaachuu qabna.

3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaf-tokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.

4. Waan dilallaa'aa ta'e yokaan ho'aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.

5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa.

6. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka'umsaa isaa baranii gagaarsaargachuun gaariidha.
*****************

Fayyaan Faaya.

Address

Harar
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abse Nasir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share