23/08/2024
Dhukkuba Narvii (peripheral neuropathy)
Narviin wayyaa elektirikii qaama keenyaa kan kutaalee qaama keenyaa adda addaa irraa gara sammuu fi lafee dugdaatti ergaa dabarsuudha.
Qaama keenya keessatti narviin gosoota gurguddoo sadii yoo ta’u, isaanis narvii miiraa, sochii qaamaa fi of danda’eedha.
Narviin miiraa ergaa dhukkubbii, ho’a qaamaa, fi haala madaalawaa sammuutti dabarsu Narviin kun yeroo dhukkubsatu dhukkubbiin akka dhukkubbii waraanuu, miira gubaa, qaamni namaa akka raammoo ta’u qaama keessaa fi kutaa qaamni hin dhiita’in waan dhiita’e fakkaata. Madaallii dhabuu, gurra keessatti bilbilamuu fi garaan namaa mar’achuus ni danda’a.
Narvii sochii qaamaa/motor nerves: Narviin kun maashaalee fi ujummoolee to’atu, yeroo dhukkubni isaan mudatu maashaan akka dadhabu, qaamni akka dadhabu, akkasumas teessoo irraa ka’uuf rakkachuu danda’a.
Narvii of danda’e/Autonomic nerves: Narviin kun hojii keessoo qaama keenyaa kan nuti hin beekne to’atu. Dha'annaa onnee, garaachaa fi hojii somba keenyaa osoo nuti hin beekin to'atu.
Namni tokko wantoota armaan olitti tarreeffaman hunda waliin ykn dhuunfaan mudachuu danda’a. Narviin tokko qofatu miidhamuu danda’a. Fakkeenyaaf, sababa dhukkubbii narvii gidduugaleessaatiin harka tokko qofatu miidhamuu danda’a.
Sababoota
1. Dhukkubni nadaayii, kun biyyoota guddatan keessatti baay'ee hin mul'anne yoo ta'u, biyya keenya keessatti garuu ni mul'ata.
2. Dhukkuba sukkaaraa, namoota dhukkuba sukkaaraa qaban keessaa gara walakkaan yeroo tokkotti dhukkubbiin narvii ni mudata. Keessattuu sukkaara dhiiga isaanii yeroo dheeraaf olka’aa yoo ture kun rakkoo qaba. Namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban sukkaara isaanii to’achuu qabu sababiin isaas osoo hin uumamin dura ittisuun waan hin danda’amneef, garuu erga uumamee booda qusachuuf.
3.Hanqina vitaaminii: Yeroo hanqinni vitaamin B12, vitaamin D, dhukkubni narvii ni uuma.
3.Infeekshinii: Vaayirasii adda addaa. HIV, Dhukkuba Tiruu b, c fi kkf.
4.Madaa/Inflammation keessoo
5.Hormoonii taayirooksiinii dhabuu
Kanneen armaan olitti tarreesse kanneen ijoo yoo ta’an, sababoonni biroo dhibbaa ol ta’an jiru. Dhukkubsattoota harka sadii keessaa tokkoof, qorannoon gadi fageenya qabu ta'us, sababni isaa ammallee beekumsa fayyaatiin hin beekamu.
Qorannoo barbaachisu
1. Qorannoo qaama guutuu ogeessa fayyaa leenji'een
2. Dhukkuba sukkaaraa, HIV fi dhukkuboota shakkaman biroo armaan olitti ibsaman adda baasuu
3. Qorannoo elektiroomayogiraafii fi dabarsuu narvii
4. MRI fi kanneen biroo haala dhukkubichaa irratti hundaa'uun
Filannoo wal’aansaa
1. Miila ykn harka yeroo dhukkubbiin ka'u daqiiqaa kudhaniif bishaan qabbanaawaa keessa cuuphuu Kun qoricha manaa salphaa ta'ee fi namoota dhukkubbii salphaa qaban hedduudhaaf kan hojjetudha.
2. Paracetamol/Ibuprofen fudhachuu: Kunis dhukkubbii salphaadhaaf mana keessatti fudhachuun ni danda’ama.
Kan armaan olitti ibsame yoo hin fooyya’in dhukkubbiin cimaan yoo ta’e qoricha hakiimni ajaje
1. Qoricha tasgabbeessuu gosa adda addaa
2. Qorichoota farra yaaddoo: Isaan kun irra caalaa yaaddoodhaaf kan hojjetaman ta’us, qoricha rakkoo narviitiif ajajaman keessaa isa gaarii dha. Ogeeyyiin fayyaa hakiima hin taane tokko tokko osoo hin beekin dhukkubsattootatti kun qoricha farra yaaddoo ta’uu isaa itti himu Yaaddoo qabdaa? Dhukkubsataa akka burjaajessu ni ilaalama. Haala kana keessatti odeeffannoo doktora gaafachuun gaariidha jedheen yaada.
3. Qorichoota dhukkuba gaggabdoof ajajaman
4. Kireemii fi looshinii dibachuu
5. Fiiziyooteraapii/ gosa sochii qaamaa ogeessa fayyaatiin kennamu
6. Baqaqsanii hodhuu keessattuu yeroo wanti narvii irratti dhiibu jiru.
Nagaatti
Dr. Shems (ogeessa baqaqsanii hodhuu)
Telgram Group
https://t.me/HyMedCare
Telgram Channel
https://t.me/HyMedC
Facebook link
https://m.facebook.com/hymedcaretelehealth?mibextid=LQQJ4d
TikTok
https://www.tiktok.com/?_t=8mpUZQvsF5p&_r=1
Instagram
https://www.instagram.com/hymedcare1?igsh=Y2JpaHNiN3c2ZW1y&utm_source=qr
Website
hymedcare.com
Home page | Hymedcare