12/04/2025
KUTAA 537FFAA
GUDDAA UM 2:9 IRRAA WAAYEE MUKKEETII IDDOO DHAABAA EDEN KEESSA JIRAN 3 FI HIIKKAA ISAANII👇
Dubbistanii Yoo sinitti tole hiriyoota keessanis godhaa.
🤝 Icciitii kana beektuu laata..................?
uumamaa boqonnaa 2:9 yeroo dubbifannu akka armaan gadii jedha
✓“Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji isaaniis nyaataaf ba'eessa ta'an lafa keessaa in biqilche; mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu, mukti hamaa fi gaarii ittiin beekanis iddoo dhaabaa sana walakkaa turan.”
— Uma. 2:9
,mukkeetii Iddoo Eden keessa jiran keessaa mukkeetii sadii(3) waliin haa barannu👇
✓1"FFAA:_MUKA JIREENYAA(TREE OF LIFE).
✓2"FFAA:_MUKA BEEKUMSAA(TREE OF KNOWLEDGE)
✓3"FFAA:_DAMEE MUKA HARBUU(MARXOO ADDAAMIIF HEWAAN)
,Iddoo dhaabaa kana keessa... #1"ffaa-muka nyaatanii jireenya namaaf kennu ykn muka jireenyaa.... #2"ffaa-muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan ykn muka beekumsaa....fi #3"ffaa_mukkeetii ijji isaanii nyaataaf ba'eessa ta'e ykn Damee muka harbuuti.
'annaa keenya guyyaa har'aa keessatti mukkeetii 3"n kana gaaddidduu(fakkii) irraa gara kakuu haaraatti(qaamaatti) hiikuudhaan waliin haa qo'annu... Qulqulluun hundumaa keenya haa barsiisu.... 👏
🤝hanga dhumaatti na waliin bu'aa.💁
Uma. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁶ Yommus Waaqayyo gooftaan namicha abboomee, "Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta;
¹⁷ ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta" jedhe.
:_Waaqayyo Addaamiin akka inni Ija mukkeetii Iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa nyaatu abboomee... ,Ija muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan(muka Beekumsaa) irraa ammoo Akka inni hin nyaanneef Addaamiin Abboome?... ,Addaam yoo muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan ykn muka beekumsaa irraa nyaate du'a?......... kana deebisuuf waayee eenyummaa(maalummaa) mukkeetii kana 3'nii adda baafachuutu nurra jiraata jechuudha.🤷
MUKKEETII 3'N IDDOO DHAABAA EDEN KEESSAA............
✓1"FFAA:_MUKA JIREENYAA(muka nyaatanii jireenya namaaf kennu(tree of life)).
_um 2:9....3:24...fak 11:30.... mul' 22:2.... mul' 22:14... mul' 22:19
armaan olii waayee muka nyaatanii jireenya barabaraa argatanii nu barsiisa..... ?.... tokkoon hiiknee haa ilaallu.......
_(a)_Mukni jireenyaa-Waaqayyodha.
_(b)_Ijji muka jireenya kanaa_kristoos yesusidha.
,Ija muka jireenyaa kanaa namni yoo nyaate; jireenya barabaraa Waan argatuufitu waaqayyo dursee akka Addaam nyaatuuf Iddoo dhaabaa Eden sana walakkaa kaa'e.... Ija muka nyaatanii jireenya namaaf kennu(muka jireenyaa) kanattii Ija(jireenya kristoos) nyaatee akka mucaa waaqayyoo ta'uuf jalqaba ADDAAMIIF eyyamee ture..... garuu isattii hin nyaanne ... gara mulichaatti hin dhiyaanne.... (Ija jireenya Isaaf kennu ykn jireenya yesus Isa akka inni nyaatuuf Isaaf eeyyamame dhiiseetu,Ija muka biraa kan Isa ajjeesuu(mukaan cubbamaaf abaaramaa) Isa godhu muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan (Ija beekumsaa )irraa kutatee nyaatee du'a hafuuraa du'e ,argamsa waaqayyoo (Iddoo dhaabaa Eden) keessaas gadi-baafamee ni ari'ame,murtii waaqayyoo jala galfame... inni hojjateenis baay'een cubbamoota ta'an... isaa firdii jala galfaman.... cubbuu ta'an.... seexanaa jalatti bitaman.... Dheekkamsa waaqayyoo ta'an🤷
✓“Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.”
— Rom. 5:12
,mukni jireenya namaaf kennu(mukni jireenyaa) , jireenya waaqayyoo Isa biyya lafaaf kennameedha.
✓Mul. 22
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Kana booddees ergamichi laga bishaan jireenya namaaf kennu, isa bishaan isaa akka cabbii addaatu teessoo Waaqayyootii fi hoolichaa biraa ba'u anatti argisiise.
² Bishaanichi karaa mandarichaa walakkaa in yaa'a; lagicha gamaa gamanas muka jireenya namaaf kennu tokkotu dhaabata; mukti kun waggaatti si'a kudha lama ija waan godhatuuf, ji'a ji'aan iji irraa in argama; baalli mukichaas saba biyya lafaa fayyisuudhaaf in ta'a.
☝️caqasi mul'ata yohaannis Kun kan nu barsiisu... jireenya namaaf kennu(ijji isaa nyaatamee) jireenya barabaraa namaaf kennu, waaqayyo ilmaa Isa nama ta'ee fi . inni waggaa waggaan naqatummoo jireenya yesus Isa du'aa ka'ee jireenya barabaraa namaaf kennuudha.... inni guutummaa Biyya lafaa fayyisu ammoo ... yesus Isa nu fayyiseedha........ .yoh 15:1
✓“Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos, kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du'aa isa nan kaasa.”
— Yoh. 6:54
, waaqayyo jalqabatti Addaamiif muka nyaatanii jireenya namaaf kennu kenne ...... ,muka Isa nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan akka hin nyaanneefi yoo nyaatemmoo akka du'a hafuuraa du'u dursee akeekkachiisee ture Waan ta'eef 🤷
:_Addaam kan inni cubbuutti kufee fi kan inni du'a hafuuraa du'eef Waan Ija muka jireenya namaaf kennu dhiisee(ganee) ,muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan ykn muka beekumsaa Waan nyaateefidha.... jechuun Isa waaqayyo kakuu haaraa keessatti namoota ilmasaa tokkicha yesus kristoositti hin amanneen har'ayyuu isinitti faradameera jedhuun wal qixadha....... .yoh 3:16_18....
.yoh 5:11_12......dubbifadhaa💁
✓2"FFAA:_MUKA BEEKUMSAA(MUKA NYAATANII HAMAAF GAARII ITTIIN BEEKAN/TREE OF KNOWLEDGE).
👉UM 2:9
Kun ammoo eenyummaa Ana(mataa Ofii) kan bakka bu'uudha.... beekumsaa(mukti nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan).. anummaa namaa ykn filannoo waaqayyoon ala kan ta'e filannoo Ofiin gaggeeffamuu bakka bu'udha.
jechuun, uumamaa .. .. #2.. .. #17 irratti waaqayyoo akkas jechuun dubbata👇
✓“ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta" jedhe.”
— Uma. 2:17
☝️Muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan(Muka beekumsaa) irraa yoo nyaatte... duuta jedheen Waaqayyo Addaamiin... sitti fakkaata..?.... ,Addaam karaa waaqayyoo Isa tokkicha yoo dhiisee(ganee?.. mataa isaatii,daandii Fayyina ofiisaatii yoo filate ykn.. filannoo anummaa isaatiin yoo adeeme akka inni hafuuraan du'ee waaqayyo irraa adda Ba'u,garba cubbuu akka ta'u,yakkasaatiin illee guutummaan biyya lafaa akka cubbamu,akka firdii waaqayyoo jala galfamu,waaqayyo dursee Waan beekuuf waaqayyo isa akeekkachiise(Ija mukichattii akka hin nyaanne Abboome)...🤷
:_Waaqayyo Addaamiin yeroo tolchu;fedha bilisaa(free will) akka kenneef;... karaa waaqayyoo filachuu.... ammoo mirga filannoo mataa isaatiin adeemuu akka qabu sagaleen waaqayyoo nu barsiisa..... ta'u malee,Addaam bakka kanatti;Ija muka nyaatanii jireenya namaaf kennu(muka jireenyaa) otuu hin taane, Muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan (Muka beekumsaa) kan nyaatanii hafuuraan du'an nyaatee hafuuraan du'ee.. ilmaan namootaattis firdii hamaa fide.
✓“Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.”
— Rom. 5:12.
,Mukti nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan ykn mukni beekumsaa,bakka bu'aa filannoo waaqummaa otuu hin taane bakka bu'aa anummaati ykn filannoo mataa ofiiti malee kan waaqayyoo miti.
,Addaam muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan(karaa waaqayyoo irraa goree)... mataa isaarra adeemuun du'a hafuuraa du'e, waaqayyo irraa adda ba'e... isaatiin Sanyii ilmaan namootaatti mursiise... sanarraa jalqabee namni hundumtuu karaa... anummaan akka ba'ee galu taasifame... dheekkamsaatu lafarratti misoome... dagaage... hore.... waaqayyo irraa gore.... 'umsi kana hundumaa Addaam muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan(Muka beekumsaa)... bu'aa filannoo mataa isaatiin(karaa waaqayyoon ala ta'een adeemuu
isaatu kana fide.🤷
✓Um 3:1_8
✓Rom. 3:10_12.......
✓Ef 2:1_3...........dubbifadhaa💁
✓3FFAA:_BAALA MUKA HARBUU(MARXOO ADDAAMUMMAA)
✓“Yommus lamaanuu iji isaanii in baname, qullaa ta'uu isaaniis in beekan; kana irratti isaan baala harbuu walitti hulluuqsisanii marxoo isaa hojjetatan.”
— Uma. 3:7
kanatti;Baalli muka harbuu Kun mukkeetiima Iddoo Dhaabaa Eden keessa jiran... um 2:9 irra jiran keessaa mukkeetii Warra ijji isaanii nyaatamu keessaa tokko yoo ta'u.... 3:7 irraa Addaamiif Hewaan erga cubbuutti kufanii booda;kan MARXOO isaa tolfataniidha.
ta'u malee,.. (maalummaan) muka harbuu kanaa maal bakka bu'a yoo Naan jettan..?
:_Hojii gaarii anummaan dhufe(gaarummaa dhala namaa kufaatii booda argame) kan bakka bu'uudha..... yoo Naan jettan... Hewaan erga kufanii qullaa ta'uu isaanii baranii booda,hafuuraan ni du'ani, waaqayyoon baqatanii... Iddoo dhaabaa walakkaa dhokatanii.... isaanii dhoksachuuf(golgachuuf) baala muka harbuu walitti hulluuqsisanii MARXOO ADDAAMUMMAA ykn Qajeelummaa fi qulqullummaa namni fuula waaqayyootti hojjatatu ykn fuula waaqayyootti mudaa isaa dhokfatee qulqulluu(qajeelaa) of gochuuf tattaafatu tolfatan jechuudha....🤷
, Baalli Muka harbuu(MARXOON ADDAAMUMMAA) bakka bu'aa eenyummaa moofaa(Namummaa moofaa)... , Qajeelummaa, qulqullummaa namootaa kan bakka bu'uudha.
:_Addaamiif Hewaan baala muka harbuu kanarraa marxoo addaamummaa(gaarummaa namaa) namaa haa hojjatatan iyyuu malee.... marxoo namummaa(moofaa abaarsaa) irraa baasee... Waan lubbuu qabu(beellada qulqulluu) bakka bu'aa.. .. qalee ... isaarraa huffata hojjateefii(namummaa haaraa(kristoosiin)) Yommuu itti uwwisu argina.
🤝✓“Waaqayyo gooftaan Addaamii fi haadha manaa isaatiif uffata gogaa irraa hojjetee isaanitti in uffise.”
— Uma. 3:21
🤝✓“Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti uffattaniittu.”
— Gal. 3:27
,Addaamiif Hewaan Baala muka harbuu(marxoo baala harbuu) hojjatatanii qullaa isaanii dhoksachuuf ykn golgachuuf yaaluun isaanii.... moofaattis kakuu haaraa keessattis namoonni Qajeelummaa fi qulqullummaa mataa isaanii akka ijaarratanii fuula waaqayyoo dhaabbachuu barbaadan ibsuu barbaadeetu..... ta'u malee, Marxoo baala harbuurraa hojjatame isaanirraa baasee .. um 3:21"irratti huffata gogaa irraa hojjatee isaanitti uwwisuun isaa.... hojiin ilmaan namootaa moofaa abaarsaa akka ta'ee fi fuula waaqayyootti akka gatii hin qabne ibsuu barbaadeetu... waaqayyo dhala namaa hundumaaf huffata Qajeelummaa fi qulqullummaa ilmasaa tokkicha yesus kristoosiin akka qopheessee fi fannoorratti du'uu ilmasaatiin namummaa(eenyummaa) moofaa balleessee.. du'aa ka'insa kristoos yesusiin ammoo eenyummaa haaraa isa waaqayyo irraa dhalate akka argamsiise nu barsiisuu barbaadeetu 👏
✓“Nuyi deebinee garba cubbuu akka hin taanetti, dhagni inni cubbuu hojjetu akka badduu baafamuuf, namummaan keenya inni moofaan isaa wajjin akka fannifame in beekna.”
— Rom. 6:6
✓“Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo, inni haaraan dhufeera.”
— 2Qor. 5:17
, Mukti jireenya namaaf kennu(mukti jireenyaa) keenya waaqayyoodha... muka nyaatanii jireenya namaaf kennuu ammoo kristoos yesusidha.... nyaannee jireenya barabaraa arganne Nuti warri yesusitti amanne.
✓“Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.”
— HoE. 4:12
beekumsaa(muka nyaatanii hamaaf gaarii ittiin beekan) kan nama ajjeesu... nyaachaa jirani har'ayyuu addunyaa kanarraa danuudha.... ,amantaa Ofii(mataa isaaniin) hundeeffataniin kan jiraachaa jirani.. mataa isaaniin kan jannata galuu barbaadanii fi.. falaasamaaf beekumsa anummaa isaaniin kan waayee jireenyaa murteessuu barbaadan baay'eedha.... ,karaan Kun fuula waaqayyootti moofaa abaarsaadha.... nama
fageessa.... si'olitti abiddaatti geessudha.
MARXOON ADDAAMUMMAA Nuti fuula waaqayyootti hojjatachaa oollus bu'aa tokkollee hin qabu... ,mootummaa waaqayyoo galuuf; Nuti guyyaa guyyaan goonu,, keenya,, galuun keenya... gargaaruun keenya... baasuun keenya hundumtuu fuula waaqayyootti moofaa abaarsaadha , hin lakkaa'amu... ,wanti hundumtuu amantiidhaan karaa yesus qofaa raawwatamee dhumeera... amantee Waan fayyiteef hojii gaarii hojjachuu qabda malee... , mootummaa waaqayyoo galuuf hojii gaariin ati hojjachuu qabdu tokkoyyuu hin jiru..🤏
✓Efe. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁸ Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti;
⁹ hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti.
✓“Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuudhaan Waaqayyo biratti qajeelaa ta'ee akka hin lakkaa'amne mul'ataa dha; "Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in argata" in jedha.”
— Gal. 3:11
follow godhaa 🤝
🤌
Malkaa Alemuu
Abreham hidabusa
QOR-QALBII MIIDIYAA IRRAA
https://t.me/Abrehamhidabusaa
Nuyi Garuu kiristoos isa fannifame ni lallabna.
1QOR 1:23.
YESUUS NI DHUFA