Dr. Gurmeessaa

Dr. Gurmeessaa To give self-help advices and self awerness
To give timely news and updates for people
To deliver health tip in Afan Oromo for audience.
(1)

02/05/2025

DHUKKUBA NERVII
Narviin sirnoota qaama keenyaa isaan gurguddaa keessaa tokko yoo ta'u; ergami isaa inni guddaan ergaawwaanii fi ajaja qaama keessaa daddabarsuu fi to'achuudha. Miirawwan garaagaraa kan akka dhukkubbii arguu fi kkf kan fuudhus narvii kanadha.
Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of keessa qaba. Kana keessaa garuu kan yeroo baay'ee nama dhibuu fi kanan har'a kaasuu barbaade dhukkuba narvii kan gara alaa (peripheral neuropathy) kan jedhamudha.
************
Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa?
-Qaama keenya keessumaa miilaa fi harka keenya gubuu
-Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooduu.
-Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu
-Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu.
*********
Dhukkuboota kana yeroo hedduu maaltu nutti fidaa?
-Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa
-Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B1 B6 B12
-Sanyiidhaan ykn genetics
-Alkoolii hedduu dhuguu
-Miidhama qaamaa kanneen akka kufaatii, caba fi kkf kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an.
-Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu
-Qorichoota dhukkuba biraaf fudhataman kan akka kaanserii; HIV fi kanneen biroo
*****************
Akkamiin ofirraa ittisuu ykn gargaaruu dandeenyaa
-Boqonnaa ga'aa fi sochii qaamaa ga'aa walitti fufaa ta'e gochuudhaan
-Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu qabna.
-Alkoolii kan dhugnu yoo ta'e xiqqeessuu ykn dhaabuu
-Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu
-Dhangala'aa ga'aa dhuguudhaan hirriba ga'aa rafuu
-Yoo kana hundaan nutti fooyya'uu baate gara mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu qabna.
Fayyaan faaya
© Dr. Gurmeessaa

02/05/2025

GOSOOTA MATAA DHUKKUBBII
***************************
Mataa dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kanneen armaan gadii kun sadan warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabudha.
***************************

1. GOSA MATAA DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Headache) [Fakkii: A] kan jedhamu kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Mataa dhukkubbiin kun, mallattoo dabalataa hin qabu, mataa dhukkubbii qofa! Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata. [Fakkii A]
***************************

2. MATAA DHUKKUBBII MAAYIGIREENII (Migraine Headache) [Fakkii: B]: Inni kun dhukkubbii isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree kan dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dha’atu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegalu dha. Maayigreeniin mataa dhukkubbii irratti dabalataan, mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa. Yeroo kana namoonni mataa dhukkubbii gosa kana qaban akka mataan dhukkubbii kun isaanitti ka'uuf jedhu ni beeku.
Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Waan nutti kaasu beeknee, akkuma dhuunfaa keenyaatti irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisuu dide hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaan ajajamu fudhachuu qabna.
***************************

3. MATAA DHUKKUBBII KILAASTERII (Cluster Headache) [Fakkii: C]: Inni kun gosoota mataa dhukkubbii bal'aa trigeminal autonomic cephalgia jedhamu keessatti kan argamu ta'ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan: ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caaludha. Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaa dhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko irriba keessaallee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan akkka darbu ibsu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu.
***************************
Fayyaan Faaya.

BALAQQAMA KONKOLAATAA KEESSAA (MOTION SICKNESS)Qabxiilee 6 nu gargaaran!1. Deemsa eegaluun dura nyaata baay'isanii soora...
01/05/2025

BALAQQAMA KONKOLAATAA KEESSAA (MOTION SICKNESS)

Qabxiilee 6 nu gargaaran!

1. Deemsa eegaluun dura nyaata baay'isanii soorachuu dhiisuu.

2. Nyaata zayita hedduu qabu, nyaata foolii cimaa qabu, alkoolii fi wantoota caffeine of keessaa qaban akka bunaa irraa of qusachuu.

3. Namooti rakkoo kana qaban wal bira kaa'uu dhiisuu fi waa'ee waan kanaa haasa'uun haasa'uu dhiisuu.

4. Konkolaataa keessa yoo kan danda'amu ta'e, bakka sochiin itti xiqqaatu (kara fuulduraa) taa'uu.

5. Zinjibila (ginger) shayiidhaan danfisanii dhuguun, Akkasumas loomii xuuxaa deemuu.

6. Qoricha dhibee kanaaf oolu mana qorichaa ykn pharmacy irraa bitachuun fayyadamuu dha.

***************
Fayyaan Faaya!

Gargaarsa duraa CABA LAFEE (BONE FRUCTURE)**********1. Dhiiga dhaabuu. Inni kun isa jalaqabaa yoo ta'u namni yeroo gabaa...
01/05/2025

Gargaarsa duraa CABA LAFEE (BONE FRUCTURE)
**********
1. Dhiiga dhaabuu. Inni kun isa jalaqabaa yoo ta'u namni yeroo gabaabaa keessatti kan lubbuun darbu waan cabeef osoo hin taane bakka cabaa sanaa dhiigni garmalee lola'uun waan qaama keessaa dhumuufi. Kanaaf haala keessa jirru irratti hundaa'ee kafana qulqulluudhaan bakka cabe irratti dhiibbaa (preessure) uumnee dhaabuu qabna.

2. Haga Ogeessa fayyaa bira geenyutti sosochoosuu dhiisuu. Bakka cabe sana sosochosuun yokaan ammoo dhidhibuuf yaaluun rakkoo biraa fida waan ta'eef bakkumanni jirutti qabnee osoo hin sosochoosiin mana yaalaan ga'uu qabna.

3. Waanta baay'ee qorraa ta'e fkn cabbii yoo arganne kafanaan cuubnee bakka miidhame sana ittiin qabbanessuu ykn dilaleessuun akka baay'ee hin kulkulleef ( inflammed) hin taaneef gargaara.

4. Yoo namni cabe kun of dadhabuu, of wallaaluu, fi kkf agarsiise yoo ciibsinee gara mana yaalaa geessinu mataa isaa gadi aansuu ykn miilla isaa level mataa isaa olitti qabnee (shock position) demsisuu qabna.
***********
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa (Ispeeshaalistii dhibee keessaa)
source: Mayo clinic

HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)MALLATTOO●Lafaan martoo, mataa dhukkubbii, gurra keessaa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatt...
24/04/2025

HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)
MALLATTOO
●Lafaan martoo, mataa dhukkubbii, gurra keessaa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu
●Garmalee dadhabuu ykn afuuraa cituu, dha'annaan onnee otuma taa'anii akka nama fiiguutti namatti dhaga'amuu fa'i.

KA'UMSA
1. Dhiigni dhangala'uu (balaa adda addaa irraa, yeroo da'umsaa, marsaa laguu, kintaarootii fi kkf)

2. Hir'ina nyaataa waliin walqabatee kan dhufu (hir'ina viitamin B, hir'ina elementii ayirenii (Iron) fi Folate fa'i)

3. Sababa dhibeewwan biraa kan akka dhukkuba kalee, dhukkuba busaa fi dhukkuba garaachaa.

4. Raammoo garaa (hook worm) kan mar'umaanitti maxxanee dhiiga xuuxu (keessumaa namoota miilla qullaa deeman kan miidhu)

NYAATA KAM NYAANNEE OF WAL'AANNAA?
●Hundee diimaa.
●Timaatimaa fi loomii.
●Tiruu beeyladootaa
●Kuduraalee fi muduraalee.
●Damma fi Aannan
Hub: Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu. Kunis xuuxamuu elementii iron waan hir'isuuf.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)

Qorichi Minoxidil "Minooksidiil" jedhamu kun qoricha rifeensa dhiirotaa mataa (scalp) irraa haphateef gargaaru dha. RIFE...
22/04/2025

Qorichi Minoxidil "Minooksidiil" jedhamu kun qoricha rifeensa dhiirotaa mataa (scalp) irraa haphateef gargaaru dha.

RIFEENSA AKKAMIIF KENNAMA?
Qorichi kun FDA (Bulchiinsa to'annaa nyaataaf qorichaa Ameerikaa) dhaan kan eyyamni kennameef dhumuu fi haphachuu rifeensa mataa dhiirota uumamaan dhufu (hereditary hair loss) kan irra keessa buqqee mataa irratti mul'atu yaaluuf yoo ta'u, dhiirota umuriin isaanii waggaa 18 ol ta'aniif dha. Qorichi kun moluu (baldness), kan fuuladura buqqee mataa irraan mul'atu yaaluuf akkasumas rifeensota bakka biraa akka areedaa, gaara ijaa fi kkf yaaluufis kan hin oolledha.
Namootni qoricha kana rifeensa bakka biraa irraa dhumeef (akka areedaa, gaara ijaa, dhumaatii rifeensaa sababa biraa) fayyadaman "off-label" yokaan beekamtii alatti ta'a jechuudha.

CARRAAN RIFEENSA FOOYYESSUU ISAA HAGAMII?
Qorannoo qorannootti garaagarummaa qabaatus giddu galeessaan namoota fayyadaman keessaa harka 2/3ffaa ni hojjeta. Jijjiiramni rifeensa irratti kan argamu ammoo giddu galeessaan erga fayyadamuu eegalanii ji'oota 4 haga 6tti dha.

AKKAMIIN DALAGAA?
Qoricha minoxidil jedhamu kun kan hojjatu marsaa guddina rifeensaa keessatti turtii itti rifeensi guddina eegalu ariifachiisuu (shortens the length of time in the shedding (telogen) phase) fi rifeensi akka guddataa turu (increasing the length of time the hair follicle is in its growth (anagen) phase) dhaani.

MIIDHAA CINAA (SIDE EFFECTS) AKKAMII QABAA?
Qorichi kun akkuma qoricha kanneen biroo namoota tokko tokko irratti miidhaa cinaa (side effects) qabaachuu danda'a. Miidhaawwan kunis namoota fudhatan keessaa lakkoofsaan xiqqoo kan ta'an irratti kan mul'atan yoo ta'a, kan akka:
●Buqqee mataa hooksisuu, diimachuu, goguu fi qunca'uu.
●Bakka godhatan sanitti finnisi ba'uu
●Fuula dhiitessuu, rifeensa fuularratti (bakka hin barbaachifnetti biqilchuu) fa'i.

Fayyaan Faaya

21/04/2025



-Yaalaa fi qorannoo fayyaa walii gala daa’immanii
-Hordoffii guddina daa’immanii
-Qorannoo guddina daa’immanii fi yaala isaa
-Yaalii Ariifachiisaa daa’immanii
Labooratoorii guutuu bu’aa qorannoo amansiisaa waliin

Ispeeshaalistii Dhibee Daa’immanii Giddu Gala Yaala Addaa Lammiittii Argattu

Wixaata Hangaa Sanbataa Xiqqaattii
Sa’aati 2:00 hangaa 11:00

Yeroo tokko tokko osoodhuma taa'anii onneen akka waan akka waan utaaltee ba'uu hedduu isin dha'attee beektii? Maalirraa ...
05/04/2025

Yeroo tokko tokko osoodhuma taa'anii onneen akka waan akka waan utaaltee ba'uu hedduu isin dha'attee beektii? Maalirraa ka'uu mlaa? Yoo maal ta'e mana yaalaa deemuu qabnaa?
************************************************
1. Waantoota qaama si'eessan kamiyyuu kan akka: bunaa, jimaa, tamboo, kookaayinii fi kkf yoo fayyadaman.
2. Jijiirrama hoormoonii qaamaa, keessumaa dubartoota keessatti kan akka marsaa laguu, ulfaa (pregnancy, fi marsaan laguu hafuu (menopause)
3. Sababa kamiin illee gaafa qaamni keenya ho'u ykn dhaqna gubaa (fever) yoo qabaatan.
4. Sochii qaamaa cimaa (straneous exercise) yoo taasisan.
5. Miirota kanneen akka aarii, sodaa fi gadda cimaa ta'an yoo namatti dhaga'aman.
6. Hoormooniin xannacha taayirooyidii irraa maddu (thyroxine) yoo haga barbaadamuu ol oomishamamee qaama keessa faca'u, fkn ucuba mormaa (goiter) yoo hormoonii kana oomishu.
********************************************
Waantoonni armaan olitti kaasne kun kan ofii isaaniin dhiisanii fi yeroo baay'ee kan miidhaa hin qabnedha. Garuu yoo dha'achuun onnee cimaa ta'ee (osuma taa'ani akka nama fiiguutti dha'atee) fi waantoo armaan gadii kana walfaana qabaanne mana yaalaa deemnee ogeessa haasofsiisuu qabna.
1. Miira dhukkuubbii ykn namatti ulfaachuu laphee (chest)
2. Yoo waa hojjachuuf jedhan haafurri nama cituu (shortness of breath).
3. Ofwallaaluu, lafaan maramuu (fainting or dizziness).
********************************************
© Dr. Gurmeessa
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)

04/04/2025

Qorannoon "TAAYIFOOYIDII fi TAAYIFASII" hagam amansiisaadha?

QABXII 1ffaa; Taayifooyidii fi Taayifasiin waliin nama qabatuu?
● "Taayifooyidii fi Tayifasiitu na qabate" yoo jedhamu hedduu dhageessu, nutis akkasuma dhageenya.
● Taayifooyidii fi Taayifasiin, gosa jarmoota adda addaan kan dhufan, akkaataan daddarbuu isaanii guutummaatti walirraa adda kan ta'e, dhukkuboota garaa garaati malee, obbolaan lakkuu, kan yeroo mara harka wal qabatanii deeman, altakkaatti nama qabatan miti.
● Akka tasaa (carraa xiqqoo taate) garuu lameenuu nama qabuu danda'u.
***********************

QABXII 2ffaa: Taayifooyidiin nama keessa taa'ee namatti dammaqa moo akka haaraatti nama qabataa?
● Taayifooyidiitu qaama keessaa natti ka'e (dammaqe) yoo jedhamu dhageessanii ykn jettanii beektu ta'a.
● Taayifooyidiin garuu akka dhukkuboota nama waliin jiraatanii (chronic disease), akka dhukkuba asmii, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa fi kkf kan nama keessa jiraatee, yeroo barbaade namatti dammaqu/cimu miti. Dhukkuba baakteeriyaan dhufu, kan altakkaa yoo nama qabate, yoo qorichi kennamu guutummaatti fayyamudha.
● Nama keessa taa'ee namatti dammaqa osoo hin taane akka haaraatti garuu debi'ee nama qabachuu danda'a.

*****************
QABXII 3ffaa: Qorannoon taayifooyidii fi taayifasii hagam amansiisaadha?
● Hospitaala, buufataalee fayyaa fi manneen yaalaa dhuunfaatti namoonnii yoo dhukkuba taayfooyidiin ykn taayifasiin, yokaan ammoo lameeniin akka qabman itti himama. Qorannoon dhukkuba taayfooyidiif godhamu gosa hedduutu jira. Kan biyya kanatti yeroo hedduu argamu garuu serologic test kan 'Widal test' jedhamu dha. Qorannoon kun gatiin isaa salphaa fi hojjachuun isaas kan hin rakkisne dha. Biyyoonni sooreyyii hin taane akka biyya keenyaa kanaaf kan qorannoo isa kana fayyadaman.
● Qorannoon kun dhukkuba taayifooyidii ni argisiisa. Garuu dhukkuba taayifooyidii kan duraan nama qabee namarraa bades (fayye) poositivii (positive) godhee mul'isa. Kanaaf qorannoon ykn testiin kun posatiiva ta'e jechuun dirqama amma dhukkuba taayfooyidii qabna jechuu miti. Qabaachuus dhiisuus dandeenya. Kanaaf yoo qorannoon kun positive ta'u mallattoo dhukkubsataa (clinical correlation) waliin walitti dhufee malee, qofaa isaa odeeffannoo inni kennu ga'aa miti.

Maal godhugaa "Kan qaban qabatanii fincaa'u" jedha Oromoon yoo mammaaku. Waanuma jiru malee qorannoo isa sirrii (kan akka taayifooyidiin amma nama qabee jiru sirriitti mul'isu), antigen test fi bacterial culture jedhaman humni keenya hin danda'u. Haa ta'u garuu waan jiru hawaasni beekuu qaba!
***********************

Dr. Gurmeessaa H
(Ispeeshaalistii dhibee keessaa)
Fayyaan Faaya.

BISHAAN fi FAYYAA******************● Bishaan nama tokkoof guyyaatti barbaachisu haga kana jechuun rakkisaadha. Sababni i...
03/04/2025

BISHAAN fi FAYYAA
******************
● Bishaan nama tokkoof guyyaatti barbaachisu haga kana jechuun rakkisaadha. Sababni isaas, haala qilleensaa (ho'aa fi qorraa), haala hojii (hojii cimaa nama dafqisiisu fi hojii salphaa) fi kkf irratti hundaa'ee wal caala waan ta'eef. Haa ta'u malee namni ga'eessi tokko guyyaatti bishaan litira 2 haga 3 akka dhugu ni gorfama.
● Bishaan kan dhuguu qabnu osoo qaamni keenya "dheebodhe" jedhee nutti hin himiin ta'u qaba. Kana gochuun ammoo faayidaalee armaan gadii kana qaba!
*********************
1. Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba.
2. Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara.
4. Mataa dhukkubbii ykn mataa bowwuu dandeettii nurraa ittisuu qaba.
5. Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu irratti sammuun keenya bishaan sirriitti argachuun baayyee barbaachisaadha.
6. Ulfaatina qaamaa humnaa ol ta’e hir’isuu irratti ni gargaara.
7. Namoota alkoolii dhuganiif miira nama jibbisiisu kan erga alkoolii dhuganii booda namatti dhufu (hangover) ni ittisa.
***************
Fayyaan faaya

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Gurmeessaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Gurmeessaa:

Share

Category