14/08/2024
!!!!Gaaffii Inbox π₯
Walqunnamtiin saalaa dhiira ni miidha jedhamaa akkami??
Akkuma beekkamu wanta addunyaa kanaa hunda isaa faayidaa fi miidhaa isaa sirriitti beeknee seeraan akka itti fayyadamnu uumaan mirga guutuu nuuf kennee jira, kan beekne immoo walbeeksisuu qabna, kanaaf gaaffiin olitti ka'e kun namoota baayyeen yeroo garagaraatti nuuf ka'ee jira, nutiis akkas jennaπ
Walqunnamtiin saalaa, keessattuu nama wal jaalatanii fi waliif amanamaniif baayyee barbaachisaa fi faayidaalee heddus qaba, garuu faallaa kanaatin walqunnamtii saalaa namoota baayyee waliin gochuun nama tokko hamaa isa miidhuu fi gabbii yoomuu duubatti hin deebine keessa isa galchuu danda'a. Miidhaa isaa keessaa muraasni; ulfi hin karoorfamne akka uummamuu fi xaxaalee isaa, akkasumas dhukkuboota takka nama qabnaan hin fayyineef fknf HIV, vaayirasii tiruu(HBV) fi kkf fa'aan qabamuu, fi kkf fa'a fiduun faayidaalee irraa argachuu malluus osoo hin argatin hafuun sirumaayyu yaaddoo fi dhiphina biraaf nama saaxiluu danda'a, dabalataanis gammachuu yeroo saniitif jennee, jireenyi keenyaa fi maatii keenyaa gara fuulduraatti akka baduu gochuu danda'a. Walumaa galatti walqunnamtiin saalaa daangaa hin qabnee fi fedhii jara lachuu hanga hin taanetti, jara lachuu (dhiiras dubaras) hamaa miidhuu danda'a, garuu walqunnamtiin saalaa namoota wal jaalatanii fi waliif amanamaniif faayidaalee heddu qabaachuu danda'a; isaaniis:-
*Dandeettii dhibee dandamachuu qaamaa (madiinummaa) ni dabala
*Fayyummaa onneef heddu gargaara
*Dhiibbaan dhiigaa akka too'atamuuf ni gargaara
*Miira dhukkubbii kamuu ni hir'isa
*Hirriba gaarii rafuuf ni tolaa
*Dhiphina sammuu hamaa nurraa ittisa
*Si'aa'inna fi dandeetti waa yaadachuu ni dabala
*Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuf nu gargaara
*Ofitti amanamummaa ni dabala
*Carraa dhibee kaanserii tokko tokkoo ni hir'isa fknf kaanserii xannacha 'prostate'
*Dulluma ni hir'isa, keessattu namoota umriin isaanii 45 ol ta'aniif
*Rakkoo fincaa'an qabachuu dadhabuu dubartoota ni hir'isa, keessattu dubartootaa umriin raaganiif
*Fayyummaa qaama saalaaf, saala lachuufuu ni gargaara
*Dhukkuba sammuu keessatti dhiiguu fa'a ni hir'isa
*Rakkoolee walqunnamtii saalaa waliin walqabataan kanneen akka ka'uu dhabuu qaama saalaa, fedhii dafanii xumuruu fi kkf ni fooyyessa
*Carraa dhala argachuu ni dabala
*Dhukkuboota akka iddoo birootti argamuu keessoo gadameessaa(endometriosis) fa'a ni qolata
*Hariiroo, wal amanuu fi jaalala ni cimsaa fi kkf.
Halkan gaarii isinif haa ta'u!!!
Galatoomaa!!!
Dr. Faayoo
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!