Dr Lemma.Com

Dr Lemma.Com Odeeffannoo Waa'ee fayyaa, Mala ittisa dhukkubootaa adda addaa hubanno hawaasa keenyaf kennuu fi hawaasa fayya qabeessa gochuuf.

FAAYIDAA AVOKAADON DAA'IMMANIIF QABU...................................................umurii ji'a ja'aa eegalee wantoot...
29/06/2025

FAAYIDAA AVOKAADON DAA'IMMANIIF QABU...................................................
umurii ji'a ja'aa eegalee wantoota daa'imman akka nyaata dabalataatti eegaluu fi argachuu qaban keessaa tokko Avokaadoo dha. sababni isaas : -
**Gosa coomaa(fat) gaarii ta'e (monounsaturated fats) kan guddina qaamaa fi sammuuf (for brain development and myelination) baay'ee barbaachisaa ta'e hedduu qaba. Akkasumas gosa coomaa kan gaarii hin taane "cholesterol" jedhamu kan of keessaa hin qabne dha.
✍️vaayitaaminoota, elementootaa fi micro- nutrient kan fayyaa daa'immaniif barbaachisan hedduu of keessaa qaba.
✍️qopheessuuf kan yeroo hin fudhanneefi salphaa ta'edha.
✍️nyaata carraa allergy(sinsinnaa'uu qaamaa ) fiduu isaanii xiqqaa ta'an keessaa tokko avokaadoo dha.
✍️hanga kaalorii gaarii ta'e kan daa'immaniif barbaachisu qaba.
✍️amala farra baakteeriyaa fi ittisoo dhibee adda addaa cimsuu hedduu qaba. fii kkf
Galatoomaa!
Dr Abera Olani
Dr Lemma.Com

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU********************Buna dhuguun biyya keenya keessatti dhugaatii isaa irra darbee faayidaal...
19/06/2025

FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU
********************
Buna dhuguun biyya keenya keessatti dhugaatii isaa irra darbee faayidaalee hawaasummaa hedduuf akka oolu beekamaa dha. Qorannoo baayyeen biyyoota guddataniin as ba’aa ture yeroo baayyeef miidhaa isaa irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo ammaa kana faayidaalee bunni fayyaa namaatiif keessattuu fayyaa sammuutiif godhu qorannoo hedduun as ba’aa jiru. Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu:
********************
FAAYIDAA
1. Dammaqina (alertness) namaaf kennuu isaatiin kan beekamu bunni barattootaa fi namoota hojii halkanii hojjetaniin baayyinaan dhugama. Kanas kan godhu bunni kemikaala Sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuu fi hirriba namatti fidu hir’isuuniidha. Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hin ta’in foolii isaatiin illee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himamaa. Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaaf bunni akaawamuu aara isaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kisii isaaniitti baatanii deemaniif.
2. Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha.Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baayyinaan burqu gochuu danda’a. keemikaalli kun faayidaa baayyee inni qabu keessa tokko Sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuu dha. Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuu isaanii cimsuu irra darbee dullumaan walqbatee dhibee dagachuu (alzhemer) irraa akka ittifaman gochuu akka danda’u bu’aan qorannoo ni agarsiisa .
3. Dhibee mukuu (depression) ittisuu. Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuu isaanii kanneen hin dhugne iraa dhibbeentaa 15(15%) ni hir’ata.
4. Carraa of ajjeesuu (su***de) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baayyeen isaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama. Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas 50% ni hir’isa.
5. Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuu isaanii ni dabala

Hawaasin keenya Offi_eggannoo cimaa haa tasisuu!! ++++++++++++++++++++++++++++++++++👉Hubannoodhaf..!!  Dhibee (Maariyyee...
13/06/2025

Hawaasin keenya Offi_eggannoo cimaa haa tasisuu!!
++++++++++++++++++++++++++++++++++
👉Hubannoodhaf..!!
Dhibee (Maariyyee Jaldeessaa) offirra ittisa..... Dhukkuba jaldeessaa jedhame beekamu kun..Biyya keenya fi Naannoo keenya keessatti eddo tokko tokkootti mul'achuu eggale jira....
Kanaafuu Hawaasi Keenya offi_egganno cima akka godhan yaadachiisina..... yeroo mallatoon dhukkubchaa naanno keessanti mul'aate dafaato ogeessota fayyaa nannoo keessan jiranti beeksisa.
((⬆️⬆️⬆️⬆️))⬆️)))⬆️⬆️⬆️)))
1,MALLATTOOWWAN ISAA
●Dhagna gubaa,mataa dhukkubbii, dhukkubbii dugdaa, dhukkubbii qoonqoo, dadhabbii.
●Xannachootni mormarra jiran dhiita'uu.
●Waan akka dhiitaa xixiqqoo (shifoo) qamaa irra faca'uu (kan suura irra jiru sana).
3,DADDARBIINSA ISAA
●Waltuttuqqaa nama vaayireesii kaanaan qabame waliin [walqunnaamtii saalaa dabalatee]
●Waltuttuqqaa meeshaalee fi uffataa waliin fayyadamuun.
●Waltuttuqqaa bineensota ykn baayladoota vaayirasii kanaan qababaman waliin.
●Darbee darbee haxxiffuu fi qufaa (keessumaa namni sun sombi isaa dhibee kanaan hubameera yoo ta'e)
3, ITTISA ISAA
●Talaallii isaa fudhachuu
●Walii tuttuqaa irraa ofeeggachuu
●Harka keenya yeroo mara bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachuudha.
Dr Lemma.Com

Qorichoota manumatti dhukkuba Cirracha Hadhooftuu/Hamootii Dhabamsiisan➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛Afuuffeen hadhooftu iddoo dhangala'oon...
20/05/2025

Qorichoota manumatti dhukkuba Cirracha Hadhooftuu/Hamootii Dhabamsiisan
➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛
Afuuffeen hadhooftu iddoo dhangala'oon cooma bulleessuf fayyadu ittii kuufamu ta'ee, nyaata akka coomaattii tajaajilu erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda, gara mar'umaan xiqqaatti dabarsiti. Cirrachi hadhiiftuu afuuffee/qalqalloo dhangala'oo hadhooftuu baatu kana keessatti uumama.
---
Cirrachi hadhooftuu akaaku lama qaba:

1- Cirracha hadhooftuu daalatti: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabuufi yeroo hedduu kan argamuudha.

2- Cirracha hadhooftuu gurraattii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn magaala bifa biyyee kan qabu yoo ta'u innis kompawondii bilurubin Jedhamu kan dhigaa keenya kessatti argamuu irra uumama.
------
Cirracha Afuuffee Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:
🔹Nyaata cooma hedduu qabu baayyinaan fayyadamuu.
🔹Fuduraaf kuduraa adda addaa fayyadamuu dhabuu.
🔹Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
🔹Furdinnaa qaamaa gar malee dabaluu
🔹Sababa ulfaatiin kan dhufu
🔹Dhukkuboota dhiigaan wolqabatan qabaachuu fi kkf.
---

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu:

▵ Singiggoo laphee jalaa
▵Garaa keenya gubbaa gara harka mirgaatti ykn jidduu irratti dhukkubbiin badaa deebi'u namatti dhagahamu.

▵Nyaata zayitiin itti baay'ate yoo nyaannu miira dhukkubbii fi lolloojjii qabaachuu

▵ Dhukkubbii ceekuu mirgaa irratti namatti dhagahamuu.
▵ Lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin jiraachuu.

▵ Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.
▵ Hoo'ii qaamaa jiraachuu
▵ Ijji keenyaa boora/keelloo ta'uu
▵ Gogaan namaa daalacha ta'uu
----

Furmaata Cirracha Hadhooftuu:

Mala 1
🔹Hundee diimaa firri giddug-galeessa 1
🔹Kaarotii firii giddu-galeessa 4
🔹Kiyaara(cucumber) firii 1
• waan sadan kana walitti makuun juusii gochuun guyyaatti yeeroo lama dhuguu.

• Mala kana torban lamaaf itti fuufnaan fedha Rabbiitiin cirracha Afuuffee hadhooftuu irraa fayyaa taatu.

Mala 2.
🔹Firii applii(apple fruit) giddu-galeessa 2 juusii goona.

Dhukkubni Vaayireesii Tiruu Hepatitis B yaalamee fayyuu akka dandayu beektu??Dhibee Kanaaf yaalli wabii guutuu qabu ni j...
20/05/2025

Dhukkubni Vaayireesii Tiruu Hepatitis B yaalamee fayyuu akka dandayu beektu??
Dhibee Kanaaf yaalli wabii guutuu qabu ni jiraa💯
Hanga dhumaatti obsaan dubbisi..

Akkuma beekkamu
"Tiruun lubbuu qaamaati; yoo miidhame, qaamni guutuun ni miidhamaa"Ilmi Namaa – Lubbuu Tokkoo - Tiruu Tokko Qaba." Tiruu isaa yoo dhabe lubbuu ofii dhabuun waan Oolu miti!
Tiruun qaama keenya keeysaa guddaa fi hojii hedduu ulfaataa raawwatanu keessaa isa ijoo ta’eedha.

Garuu Tiruun yokan Liver keenya Uumamaan Cimaadha dandeettii dhukkubootaa fi Rakkoowwan garaa garaa injifachuu fi irraa dandamachuu cimaa ta'e qaba!
Garuu Tiruun dhukkuboota akka Vaayireesii (HBV)*n yoo miidhame, hojiiwwan isaa hojjechuu Dadhabuu fi fayyaan isaa jeeqamuun waan Oolu miti!.

Hepatitis B jechuun dhukkuba vaayireesii HBV jedhamu irraa kan dhufu, yoo ta'u tiruu (liver) irratti miidhaa kan geessisu dha.
Vaayireesichi tiruu seenee seelota tiruu (hepatocytes) irratti haleellaa miidhaa geessisa. Kunis tiruun akka danfquu fi gubatu taasisuu fi hanga kaansariif nama saaxiluu danda'aa!

Akka gabaasa Dhaabbata fayyaa Addunyaatti
Dhukkubni kun addunyaa irratti namoota miiliyoona 296 ol qabee jira. Waggaa waggaan lubbuu namoota miiliyoona 1 ol galaafataa jira, dhukkubni kun biyya keenya Iddoo hedduutti hin beekamne Akkasumas dhibeen kun Utuu Mallattoo hin Mul'isiin dhokatee qaama keeysa tura waan ta'eef Yeroon dhukkubichaa arguun yokan ofirratti beekuun nama rakkisa.

Vaayireesichi yoo qaama keessa ji’a 6 ol ture, Gara dhukkuba Tiruu yeroo dheeraa tti jijjiiramaa,kunis rakkoo cimaa fida.

Kitaabota yaalaa, qorannoowwan saayinsaawaa fi gabaasa dhaabbilee fayyaa addunyaa kan akka (WHO) fi (CDC) akka agarsiisanitti, namni tokko yoo vaayireesii (HBV) qabamee gara
Dhukkuba Tiruu yeroo dheeraa tti jijjiirame Vaayireesiin kun
qaama keessa waggaa 20 hanga 30 oliif qaama isaa keeysa turuu dandayaa kunis turtii keessa Dhibbeentaan rakkoo cimaa dabalataa (complications) saaxilamuu fi lubbuu galaafachuu danda’an hedduudha.

FOOLII AFAANII BADAA (HALITOSIS)Fooliin afaanii badaa ta'e hariiroo fi walitti dhufeenya nama waliin qabnu wantoota miid...
16/05/2025

FOOLII AFAANII BADAA (HALITOSIS)

Fooliin afaanii badaa ta'e hariiroo fi walitti dhufeenya nama waliin qabnu wantoota miidhaan keessaa isa tokko. Kanaan alas yaaddoo guddaa fi rakkoo xiinsammuttif nama saaxiluu danda'a. Haa ta'u malee rakkoon kun gargaarsa ofif goonu fi yaala haala salphan ta'en furamuu danda'anidha.
Foolii afaanii badaa qabachuu keenya yeroo baayyee kan beekuu dandeenyu namoota nutti dhihaatan irraayi kunis abbaa manaa, haadha manaa, hiriiyaa fkkf).
Namoonni muraasni ta'an foolii xiqqoo ykn osoo foolii hoomatuu hin qabaatin Yaaddoo fi dhiphina keessa galan jiraachu danda'u.

Sababoota foolii afaanii badaaf nama Saaxilan ( Risk factors)
Foolii afaanii badaa rakkoolee fidan keessaa; harka 85%ol kan ta'an rakkoolee afaan keessaattin walqabaate yoo ta'u, harki hafan immoo rakkoolee(dhibee) funyaanii, saayinasii(sinus),qoonqoo,Somba, liqimsiitu, ykn garaachaan kan dhufan jedhamee yaaddama.
Mee tokkon tokkon yaa ilaallu!!
🙊Qulqullina Afaan keenyaa eeggachuu dhiisuu - Yeroo hundaa nyaata erga nyaanne booda afaan keenya osoo hin qulqulleessin yoo dhiisne, baakteriyaan afaan keenya keessatti walhoruun akka foolii badaa qabaatu godhuu.
🙈 Tamboo aarsuu
🙈Goginsa afaanii( Rakko xannacha hancufaan waal qabatee fi bishaan gahaa dhuguu dhiisuu fi qorichoota hancufni akka hin oomishamne godhan
🙈Nyaata akka qullubbii adii, diimaa fi mi'eessituwwan garaagaraa qaban nyaachuu
🙈Infeekshiinii afaan keessaa:- tortoruu ilkaanii, dhukkubbii irga ilkaanii fi madaa afaan keessaa
🙈 Funyaan, qoonqoo fi saayinasii keessatti kulkullii fi infeekshiniin uumaamu

Akkamitti Foolii badaa afaanii ofirraa ittisuu dandeenya?
1,Ilkaani fi Arraba keenya yeroo hundaa rigachuu fi qulqulleeffachuu
(guyyaatti yoo xiqqaate al 2 qulqulleffachuu,buruushii ilkaanii ji'a 2-3 jiddutti jijjiiruu fi gonkumaa waliin fayyadamuu hin qabnu.
2, ,Bishaan gahaa dhuguu ( guyyaatti burcuqqoo 6-8)tti
3,Nyaata sukkaarri itti baay'ate (mi'aan)hir'isuu.

Halkan Abjuun Wal-qunnamtii Saalaa Godhuun: Maaliifi Akkamitti Dhufa?Namni kamiyyuu halkan abjuu garaagaraa ni abjoota. ...
16/05/2025

Halkan Abjuun Wal-qunnamtii Saalaa Godhuun: Maaliifi Akkamitti Dhufa?

Namni kamiyyuu halkan abjuu garaagaraa ni abjoota. Abjuu keessaa tokko immoo abjuu wal-qunnamtii saalaa (s*x dreams) jedhuudha. Kun dhiiras ta’ee dhala irratti yeroo hunda mul’achuu baatus, baay’inaan dargaggoota ganna 21 gadii irratti ni mul’ata.

Qorannoon Ameerikaa keessatti gaggeeffame tokko akka mul’isutti:

Dhiironni 83% ol

Dubartoonni 85% ol
yoo xiqqaate yeroo tokkoof halkan wal-qunnamtii saalaa abjooyuun, qaamni isaanii ofumaan bakka saalaa irraa dhangala’uu (ej*******on) ykn dhangala’aa saalaa (vaginal lubrication) ni agarsiisu jedha.

Sababni isaa maali?

Yeroo rafamu dhiigni gara qaama saalaa namaa deemuu ni dabala. Yoo namni yeroo sanatti waa'ee saal-qunnamtii, ykn nama jaallatu abjoo'e, qaamni saalaa fedhii mul'isuun akka ofumaan socho'u taasisa. Kunis sababa hormoonota qaama keessa jiranii fi firii yaadaa halkan abjuutti mul’atuudha.

Kun rakkoo agarsiisa moo hin taane?

Abjuu akkasii ilaalchisee yaaddoon guddaan akka hin uumamne beekuu qabna. Kun halluu qaama namaa ta’ee, mallattoo fayyaa hin taane miti. Garuu yoo yaaddoo cimaa siif ta’ee ykn guyyaa guyyaa yaada saalaa of-irraa dhabuu hin dandeenye taanaan, gorsa ogeessa fayyaa sammuu ykn ogeessa fayyaa hawaasaa irraa barbaadachuun ni barbaachisa.

Maaltu gargaara?

1. Saal-qunnamtii yeroo yerootti godhuu – Namni evreequmsii halkan itti baay’atu yeroo baay’ee wanti kun yeroo dheeraa saal-qunnamtii irraa fagaachuu irraa dhufuu danda’a.

2. Yaada saalaa of irraa hir’isuun – Yeroo hirriba dura yaada garaa garaa sirrii irratti xiyyeeffachuudhaan hirriba seenuun ni gargaara.

3. Of-duubatti deebisuu (ma********on) hir’isuun – Namoonni yeroo baay’ee ofirraa fedhii baasuun fedhii sammuu isaanii dabalu; kana hir’isuu dandeenya.

4. Qaama qulqulleessuu – Dhiironni fi dubartoonni yeroo abjuun saalaa raawwatame, ganama ka’anii naannoo qaama saalaa isaaniitti qulqulleeffachuu qabu. Kunis fayyaa fi qulqullinaaf murteessaadha.

follow Dr

FINNIISAA FI WAL-QUNNAMTII SAALAA********************************************GAAFFII:Doktor, namoonni baay’een akka jedh...
11/05/2025

FINNIISAA FI WAL-QUNNAMTII SAALAA
********************************************
GAAFFII:
Doktor, namoonni baay’een akka jedhanitti — finniisni (acne) fi wal-qunnamtii saalaa (s*xual activity) hariiroo kallattii qabu jedhu. Dhugaa moo soba?

DEEBII:
Eeyyee, dhugaa dha. Wal-qunnamtii saalaa fi finniisni (acne) hariiroo tokko tokko qabaachuun isaanii ragaalee saayinsaawaa irratti mirkanaa’eera.

Kanaaf, yeroo wal-qunnamtii saalaa goonu ykn yaada/hawaasa saalaa qabnu, hormoonota akka testosteronii, estroojiinii fi kkf irratti jijjiirama ni uumama. Hormoononni kunneen madaallii isaanii eeguun:
– gogaa keenya qulqulleessuu,
– dhiibbaa dhiigaa dabaluun dhiiga gara gogaa geessu dabaluu,
– akkasumas gogaa keenya bareechuu fi carraa finniisaa hir’isuu irratti gahee ni qabu.

Garuu kun jechuun namni finniisa qabu hundi wal-qunnamtii saalaa dhabee jira jechuu miti!

SABABOOTA FINNIISAA (ACNE) FIDUU DANDA’AN

1. Dhiphina (stress) — dhiphinni hormoonota jijjiira, carraa finniisa dabala.

2. Samuna fi dibata gogaaaf hin taanee fayyadamuun — gogaa cufuun finniisa fida.

3. Sanyii maatii (genetic factors) — yoo maatii keessatti jiraate, carraan finniisaa ni dabala.

4. Infection gogaa irratti (bakteerii P. acnes) — gogaa keessatti baakteeriin dabaluun finniisa fida.

5. Jeequmsa hormoonotaa — keessumaa ijoollee ganna guddina (adolescence) keessatti mul’ata.

6. Qorichoota tokko tokko — fakkeenyaaf steroids fi qorichoota hormoonota jijjiiran.

7. Nyaata sukkaara fi kaarboohayidireetii baay’ee qabu — insulin dabaluun finniisa cimsuu danda’a.

8. Durbummaa (kan dhiiraa fi dubaraa) fi wal-qunnamtii saalaa irraa fagaachuu — Kun sababa cimaa miti. Ragaan saayinsii hin jajjabeessu. Kanaaf, finniisni mallattoo qulqullummaa ykn yakka (deficiency) miti.

XUMURA

Finniisni dhukkuba gogaa beekamaa fi haala baay’ee irra-deebiin uumamu ta’ee, sababa adda addaa qaba. Wal-qunnamtii saalaa qofa waliin hidhachuuf ragaan gahaa hin jiru.

**********************************
Fayyaan Faaya!
Dr Lemma.Com

Taa'umsa daa'ima gadameessa keessaa===================Haalli taa'umsa daa'imaa wayita ulfaa hanga ji'a 8tti murtaa'aa mi...
05/05/2025

Taa'umsa daa'ima gadameessa keessaa
===================
Haalli taa'umsa daa'imaa wayita ulfaa hanga ji'a 8tti murtaa'aa miti. Kana jechuun teessumni daa'ima ji'a 8 gadii guyyaa dha gara guyyaatti jijjiirama. Haa ta'u malee wayita guyyaan da'umsaa dhiyaachaa deemu taa'umsi daa'imaa murtaa'aa fi carraan jijjiramuu isaa xiqqaadha. Haalli taa'umsa daa'imaa wayita kana akka armaan gadii ta'a.
• 95% Mataan gara balbala gadameessaatti garagaluu. Wayita kana harmooliin ciniinfatanii da'uu danda'u.
• 3% taa'umsi/udduun gara balbala gadameessaatti garagaluu. Karaan/Mali da'umsaa ulaagalee adds addaa irratti hunda'a.
• Persentaan baayyee xiqqoo ta'an wayita daa'imni dalga ciisuudha. Kun wayita hordoffii yoo mul'ate ogeessa fayyaan hanga tokko jijjiramu mi danda'a. Wayita ciniinsuu yoo argame maali da'umsaa opereeshiniidha.
Kanaaf taa'umsi daa'ima gadameessa keessa jirtu yoo sirrii ta'uudha baate haadharrattis ta'e daa'ima irratti rakkoo hamaa fiduu waan danda'uuf hordoffii wayita ulfaa haalaan fudhachuun barbaachisaadha. Ogeessonni fayyaa kan buufata fayyaa irraa hojjettanis haala taa'umsa daa'imaatti xiyyeffannoo akka kennitaa Kan jedhu dhaamsa kooti.
Galatoomaa

Dr

Ijoollee Dhiiraa dhaqna qabsiisuu Kan qabnu umurii meeqarratti?Maatiin hedduun ilmi isaanii akka dhaqna qabatuuf umurii ...
05/05/2025

Ijoollee Dhiiraa dhaqna qabsiisuu Kan qabnu umurii meeqarratti?

Maatiin hedduun ilmi isaanii akka dhaqna qabatuuf umurii gaarii taʼe ni gaafatu. Umuriin dhaqna qabaaf filatamaa ta'e mucaan dhalatee guyyaa 8ffaa irraa kaasee hanga dhuma ji'a sadaffaattidha.

Sababiin isaas፡
1. Umurii kanatti daa'imman dhukkubbii xiqqaatu itti dhaga'ama

2. yeroo dhaqna qabaa sochii xiqqaa waan taasisaniif hin rakkisani

3. gara fuulduraatti waa'ee dhaqna qabamuusaanii kana (kan opereshinichaa) yaadannoo hin qabaatan

Duudhaaleen amantii irra caalaan isaanii dhaqna qabaan dafee akka godhamu gorsu.

Dhaqna qabaa ga'eessotaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, dhaqna qabaan daa'immanii tooftaalee salphaa ta'aniin Kan hojjatamu yommuu ta'u fayyuufis yeroo gabaabaa itti fudhata.

Dhiironni ijoollummaatti dhaqna qabaman yeroo baayyee iddoon madaa yeroon booda sirriitti fayyaa waan deemuuf godaannisni uumamu fooyya'aadha (sirriitti hin muldhatu).

Muuxannoo keenya irraa malli Amartii/qubeelaadhaan dhaqna qabuu akka gaariitti kan hojjetu daa'imni umuriin isaa ji'a afurii gadii yeroo dhaqna qabamudha. Umriin kun haadha mucaa kunuunsituufis ta'ee daa’imaaf baay’ee mijataadha.

Dr. Dassaleny Abdiisaa
Ispeeshaalistii baqaksanii yaaluu
Madda:- Hakim
Hundi keessan galatoomaa!!

Dabalataaf YouTube Dr Iliyas podcast subscribe godhaa!!

Faayidaa Maangoo================Maangoon mootii ykn hangafa kuduraaf muduraa jedhamee beekama.  albuudota fi vitaminoota...
05/05/2025

Faayidaa Maangoo
================
Maangoon mootii ykn hangafa kuduraaf muduraa jedhamee beekama. albuudota fi vitaminoota hedduus of keessaa qaba
Faayidaawwan maangoo kunniinis:
1 : dhibee kaanserii nurraa ittisa. Inzaayimoonni Maangoo keessatti argaman(phenol, qiercitem, galic acid, astraglam, fisetim) kanneen jedhaman humna kaanserii ofirraa dhorkuu qabu. Akkasumas maangoon fiberii dhangala'aa "peekitin jedhamu kan ofkeessa qabudha. Nyaata fiberii baayinaan qaban nyaachuun kaanserii garaachaaf mar'umaanii nurraa ittisa. Kanaaf maangoon fiberin badhaadhaa waan taheef haala ajaa'ibaan kaanserii kana nurraa ittisa.
2,: fayyaa gogaa qaama keenyaaf nii gargaara. Maangoon qaawwan xixiqqoo gogaa keenyaa cufamuurraan kan kahe dhukkuboota dhufan kanneen akka "Finniisaa" nurraa dhorkuu danda'a. Kunis Qola Maangoo irraa quncisuun ykn baasuun gogaa qaama keenyatti dibuun daqiiqaaa 10 f tursuun kan tahudha. Akkasumas maangoo nyaachuun gogaan qaama keenyaa akka lallaafuf calaqqisu taasisa.
3: dandeettii yaadachuu sammuu namaa nii dabala. Maangoon glutamic acid kan jedhamu waan of keessaa qabuuf dandeettii yaaduu sammuu keenyaa nii dabala.
4: hir'ina dhiigaa nurraa ittisa
5:fedhii wal qunnamtii saalaa ( libido) nii dabala. Maangoon hormoonii fedhii wal qunnamtii saalaa dabalan madaaluun fedhii wal qunnamtii saalaa dabala. Kanaaf namootni baayyeen waliin bultii keessatti rakkoo akkasii waan qabaniif Faayidaa qaba.
6:fayyummaa ija keenyaaf nii gargaara. Maangoon vitamin A ofkeessaa waan qabuuf hooqsisuu ijaa, gubuu ijaafi dhibee ijaa kan biroo nurraa dhorka.
7:namoota dhibee sukkaaraa qabaniif baayyee gargaara.
👇👇👇👇👇📌
Dr Lemma.Commma.Com

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Lemma.Com posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Lemma.Com:

Share

Category