Dr. Shimelis

Dr. Shimelis Health tips in afaan oromoo♨️
Online health consultance
Doctors life
Bonus info...

Mallattoolee  Ciccimoo Yeroo Ulfaa👉 Dhiigni qaama saalaatiin bahu 👉 Dhangala’aan akka bishaanii baay’inaan/kan huccuu ji...
25/10/2024

Mallattoolee Ciccimoo Yeroo Ulfaa

👉 Dhiigni qaama saalaatiin bahu
👉 Dhangala’aan akka bishaanii baay’inaan/kan huccuu jiisu yookin foolii qabu qaama saalaatiin dhangala’u
👉 Qaamni (harki,fuulli ykn miilli) dhiita’uu
👉 Bowwoo mataa hamaa, gubaa qaamaa fi dhukkubbii cimaa laphee jalaa
👉 Qaamni ollachuu(hurgufamuu) fi of-wallaaluu
👉 Afuurri hanqachuu/hargansuu/
👉 Daa’imni garaa keessaa socho’uu erga eegalee sochiin isaa yoo xiqqaate ykn yoo dhabame

Haati ulfaa tokko mallattooleen armaan gadii kun yoo irratti mul’ate ykn of irratti argite hatattamaan gara dhaabbata fayyaa deemuu qabdi

18/05/2024
18/05/2024

SINGIGGOO
♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️
👉 Singiggoon gubaatii qara laphee yemmuu asiidiin garaachaa (Hydrochloric acid) gara ujummoo nyaataa laphee keenya keessa jirutti (Esophagus) ol deebi'u uumamuudha.
👉 Rakkoon kun hawaasa keessatti baay'inaan kan argamuudha

♨️ Mallattoo isaa
➪ Gubaatii qara laphee-nyaata booda fi haalkan ykn yeroo ciisan kan namatti hammaatu
➪ Deeffuu
➪ Nyaata liqimsuu dadhabuu
➪ Qufaa

♨️ Furmaata

🔅Haala jireenyaa sirreessuu
➫ Yeroo rafan boraatii fayyadamuu
➫ Nyaata si'a tokkoon baay'isanii nyaachuu irra xixiqqeessanii itti deddeebi'anii nyaachuu
➫ Nyaata erga nyaatanii sa'aatii 3 dura ciisuu dhiisuu
➫ Alkoolii dhuguu dhiisuu
➫ Buna baay'inaan dhuguu dhiisuu
➫ sigaaraa aarsuu dhiisuu (yoo kan aarsan ta'e dhaabuu)
➫ Nyaata dhukkubicha namatti kaasu kan akka coomaa,nyaata zayitni itti baay'ate,nyaata qimamii/mi'eessituun itti baay'ate,chokkoleetii ,Cuunfaa loomii faa nyaachuu dhiisuu
➫ Ulfaatina qaamaa hir'isuu
➫ Dhiphina/aarii hir'isuu

🔅Qoricha fudhachuu
➪ Antacids
➪PPI-omeprazole, Pantoprazole...
➪ H2 blocker- Cimetidine, Ranitidine...

🔅Yaala baqaqsanii hodhuu (surgery)
➪Mala armaan oliin hin dhaabbatu yoo ta'e karaa surgery furmaata argachuu danda'a

Waa'eWaa'ee Fayyaa

Address

Addis Ababa

Telephone

+251913938047

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Shimelis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category