Dr Gutema Abdelkarim Jemal

Dr Gutema Abdelkarim Jemal Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr Gutema Abdelkarim Jemal, Doctor, Addis Abeba.

Fedhii nyaataa dhabuu daa’immanii maaltu fida?……………………..*Maatiin hedduun umurii ta’e irratti daa’imman isaanii fedhii ny...
13/06/2024

Fedhii nyaataa dhabuu daa’immanii maaltu fida?
……………………..
*Maatiin hedduun umurii ta’e irratti daa’imman isaanii fedhii nyaataa dhabuun(hir’achuun) akka isaan yaaddessu beekamaadha.
*Haa ta’u malee ulfaatinni fi dheerinni qama isaanii hanga umurii sanatti eegamu waliin kan wal simu yoo ta’e waan hedduu nama yaaddessu jiraachuu dhiisuu mala.
*Sababni isaas fedhiin nyaataa fi hanga nyaatni daa’imman barbaadan daa’ima tokkoo garbiraa biratti akkasumas umurii adda addaatti garaagarummaa qaba waan ta’eefi.
……………………………………..
Waantota fedha nyaataa daa'immanii hir’isan!
1.Dhibamuu - Daa’imman akkuma nama guddaa yeroo dhukkubsatan ( fkn -garaa kaasaa,busaa.qufaa,tonsilli fi kkf..) fedhiin Nyaataa isaanii ni hir’ata. Kun mallattoo dhukkubsachuudha malee ofii dhukkuba miti.kanaafuu yeroo dhibeen kana fide yaalamu/dhiisu akkuma mallattoolee garbiroo fedhiin Nyaataa ni deebi’a.

2. Umurii – Daa’imman naannoo wagga lamaa eegalee hanga naannoo wagga ja’aatti sababa ariitiin Guddina qaamaa irratuuf fedhiin nyaataa ni irrata. Fakkeenyaaf daa’imman dhalatanii wagga jalqabaa wagga tokkotti giddu galeessaan ulfaatinni 7kg fi dheerina 25cm dabalu. Wagga lammaffaa keessatti ammo giddu galeessaan ulfaatina 2.5kg fi 12cm dabalu. Kanaaf wagga jalqabaa waliin yoo ilaalame waggaa lammaffaatti nyaata xiqqaa isaan barbaachisa waan ta’eef fedhiin nyaataa isaan qabanis hir'achuu mala.

3. Dhibee paaraasayitoota adda addaa garaacha miidhan qabaachuu. Sababa haala qulqullinna eegachuu dhabuu daa’immaniin kanka’e dhibeen paaraasaayitoota adda addaan dhufu daa’imman biratti ni heddummata. Kunis hedduminaan osoo garaa kaasaa fi dhukkubii garaa hin fidiin dura fedhii Nyaataa hir’isa.

4. Hir’ina dhiigaa qabaachuu. Daa’imman sababa adda addaan yoo hir’ina dhiigaa godhatan mallattoolee akka amala dhabuu ,dhadhabbii qabaachuu ,fedhiin Nyaataa hir’achuu ni jiraata.

5. Qorichoota. Qorichoonni dhibee daddarboo adda addaaf kennaman amala yeroof fedhii Nyaataa hir’isuu qabaachuu danda’u.

6.Hanqina vaayitamin

Address

Addis Abeba

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Gutema Abdelkarim Jemal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category