Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa

Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa To save people's life,you are the person to take an action .How and when to call an Ambulance

19/05/2026



Kabajamoo Bulchaa Aanaa Gommaa Obbo Fuad Raya Abagisa Buufata Fayyaa Jimaatee Darruutti argamuun Daawwannaa hojii taasis...
13/05/2026

Kabajamoo Bulchaa Aanaa Gommaa Obbo Fuad Raya Abagisa Buufata Fayyaa Jimaatee Darruutti argamuun Daawwannaa hojii taasisan.
Guyyaa 4/9/2018 Kabajamoo Bulchaa Aanaa Gommaa Obbo Fuad Rayyaa Buufata Fayyaa Jimaatee Darruutti daawwannaa hojii taasisaniiru!
Daawwannaa kana keessatti hojiiwwan mootummaa fi tajaajila mootummaa keessaa hojii inisheetivii haaraa keessaa tokko kan ta’e hojii kutaa ECD maalirra akka jiru, sirni kenninsa tajaajila fayyaa maal akka fakkaatu, hojii “Borokoo Nyaata Koo” maalirra akka jiru, hojii sign post maalirra akka jiru, akkasumas tajaajilli mana kaardii akkamitti akka kennamaa jiru irratti daawwannaa fi hordoffiin taasifameera.
Yeroo daawwannaa kanaattis rakkooleen jiran maal akka ta’an ogeeyyii buufata fayyaa irraa gaafatameera. Rakkoolee xixxiqoo keessoo buufata fayyaatti mul'atan kanaaf Kabajamoo Bulchaan Aanaa Gommaa Obbo Fuad Rayyaanis rakkoolee kana yeroo gabaabaa keessatti furuuf hojii irratti ni hojjenna jechuun ogeeyyii buufata fayyaa jajjabeessanii,itti dabaluun “Isin hojii keessanitti jabaadhaa; hawaasa keessan tajaajilaa” jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

10/04/2026
Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa Gamaggamaa Hojii Fayyaa Kurmaana 3ffaa GaggeesseEbla 01, 2018Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa...
09/04/2026

Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa Gamaggamaa Hojii Fayyaa Kurmaana 3ffaa Gaggeesse
Ebla 01, 2018
Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa bakka bu’oota buufataalee fayyaa fi hojjettoota waajjira irraa hirmaachisuun gamaggama hojii ji’oota sagalii gaggeeffamaa ture geggeessee jira.
Gamaggamni kun haala raawwii hojii fayyaa waliigalaa irratti xiyyeeffachuun, milkaa’ina galmaa’e akkasumas hanqinoota kurmaana darbe keessatti mul’atan adda baasuuf kan kaayyeffate ture. Hanqinootni mul’atan irratti mariin bal’aan gaggeeffamee, furmaanni isaanii irratti kallattii kaa’amee jira.
Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa obbo Mohammadsani Alii akka jedhanitti, “Gamaggamni akkasii hojii keenya fooyyessuuf bu’uura cimaa dha. Hanqinoota keenya sirnaan adda baafachuun furmaata itti fufiinsa qabu irratti hojjechuun barbaachisaa dha,” jechuun ibsaniiru.
Dabalataanis, hojiiwwan itti aanan keessatti tajaajila fayyaa qulqullina qabu fi gahumsa qabu kennuuf hojiin waloo cimee akka itti fufu dhaamaniiru.

  🥰🥰
08/04/2026

🥰🥰

📍 Aanaa Gommaa, Ganda Balfoo Koncheetti Daawwannaan hojii fayyaa gaggeeffamee. Bitootessa 27-2018================Guyyaa ...
05/04/2026

📍 Aanaa Gommaa, Ganda Balfoo Koncheetti Daawwannaan hojii fayyaa gaggeeffamee.
Bitootessa 27-2018
================
Guyyaa Har’a Aanaa Gommaatti daawwannaan hojii keessummoota biyya keessaa fi biyya alaa milkaa’inaan gaggeeffameera. Daawwannaan kun hojii ittisaa fi to’annoo dhukkuba Onkooseerkariis (Hooqxoo) irratti xiyyeeffate ture.

Gandichatti bakka tisisii gurraachi (batoo dhukkubaa kanaa) itti argamu daawwachuun, keessummoonni haala dhugaa irratti hundaa’uun hojii gaggeeffamaa jiru hubachuu danda’aniiru.

Dhabbatni Carter Center waggoota kudhan ol ta’aniif Aanaa Gommaatti deeggarsa cimaa kennaa ture. Guyyaa har’aa immoo hojii mootummaa fi hawaasa waliin qindoominaan hojjetamaa jiru ilaaluun dinqisiifataniiru.

Saganticharratti, Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa obbo Mohammadsani Alii simannaa ho’aa taasisuun, gara fuulduraattis keessummoota simachuuf qophii guutuu qabaachuu ibsaaniiru. Akkasumas, qindoomina Dhabbataa Carter Center waliin qabnu daran cimsinee hojii waloo itti fufsiisuuf murannoo keenya ibsineerra.

👉 Hojii waloo keenya cimsee, hawaasa keenya dhukkuba irraa ittisuuf haa tumsinu!

Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaatti Sagantaan Saaqinsa Duula Pooliyoo Marsaa 5ffaa Ifatti EegaleBitootessa 18/2018Waajjira F...
27/03/2026

Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaatti Sagantaan Saaqinsa Duula Pooliyoo Marsaa 5ffaa Ifatti Eegale
Bitootessa 18/2018
Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaatti sagantaan saaqinsa (Launching Ceremony) duula talaallii dhibee pooliyoo marsaa 5ffaa ifatti eegalameera.
Akkuma beekamu, daa’imman talaalchisuun dhibee pooliyoo ittisuun ni danda’ama. Kanaafis, Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa duula qindaa’aa kana keessatti daa’imman umurii waggaa 0–5 keessa jiran 60,000 ol ta’aniif Bitootessa 18–21/2018tti talaaluu karoorfatee hojiitti galeera.
Sagantaan saaqinsaa kun Aanaa Gommaa, Ganda Qottaatti kan gaggeeffame yoo ta’u:
I/G Paartii Badhaadhinaa Aanaa Gommaa Aadde Fatiyaa Hussein
I/G Siyaasaa Aanaa Gommaa Obbo Misganuu Waaqollee
I/G Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa Obbo Mohammadsani Alii
akkasumas keessummoonni sadarkaa Godinaa fi hojjettoonni mootummaa garaagaraa bakka argamanitti ifatti eegalchiifameera.
Dabalataanis, duula kanaan:
Daa’imman talaallii osoo hin fudhanne hafan adda baasuun
Daa’imman naannoo fagoo fi baqaqa laagaatti argaman bira gahuun
Dubartoota dhibee fiistulaa qaban adda baasuun yaalii bilisaan akka argatan taasisuun
hojiilee dabalataa waliin qindaa’anii hojjetamaa jiru.
Kanaafuu, hawaasni Aanaa keenya hundi hubannoo gahaa qabaachuun:
Daa’imman talaalchisuun dirqama maatii ta’uu
Talaalliin mirga daa’immanii ta’uu
hubachuun daa’imman isaanii akka talaalchisan kabajaan isin hubachiifna.
“Daa’imman Talaalchisuun – Dhibee Pooliyoo Ittisuun ni Danda’ama!"

25/03/2026
Aanaa Gommaatti leenjiin talaallii nOPV2 marsaa 5ffaa ogeeyyii fayyaaf kennamee milkaa’inaan xumurameera.Leenjiin kun gu...
25/03/2026

Aanaa Gommaatti leenjiin talaallii nOPV2 marsaa 5ffaa ogeeyyii fayyaaf kennamee milkaa’inaan xumurameera.
Leenjiin kun guyyaa Bitootessa 16/07/2018 Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa waliin qindaa’een gaggeeffame. Kaayyoon isaa ogeeyyii fayyaa duula talaallii nOPV2 marsaa 5ffaa, catch-up campaign (ZD fi UV), akkasumas hojii qindoomina qabu kanneen akka adda baasii dhibee TB fi rakkoo ijaa irratti hubannoo isaanii cimsuuf ture.
Dabalataan, hanqinoota marsaa 4ffaa keessatti mul’atan irratti gamaggamni bal’aan gaggeeffamee, rakkooleen akka hin deebineef kallattii furmaataa irratti waliigalameera.
Qooda fudhattoonni hundi duulaa talaallii Bitootessa 18/07/2018 irraa eegalu irratti daa’imman hunda bira ga’uun milkaa’ina galmeessisuuf kutannoo isaanii ibsaniiru.
Hawaasni Aanaa Gommaa fi naannawwan ishee daa’imman isaanii umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’an Bitootessa 18–21/2018tti akka talaalchisaan waamichi dhiyaata.

Aanaa Gommaatti Deeggarsi Nyaataa Namoota PLH Waliin Jiraatan 30'f Taasifame.Guyyaa Guraandhala 8, 2017 ALItti, Aanaa Go...
17/03/2026

Aanaa Gommaatti Deeggarsi Nyaataa Namoota PLH Waliin Jiraatan 30'f Taasifame.
Guyyaa Guraandhala 8, 2017 ALItti,
Aanaa Gommaatti namoota PLH waliin jiraatan 30'f deeggarsi nyaataa taasifameera. Deeggarsi kun fayyaa isaanii tiksuu fi nyaata madaalawaa akka argatan gargaaruuf kan kennamedha.
Deeggarsi taasifame kun nama tokkoof:
✅️Daakuu qamadii kiiloogiraama 25
✅️Zaayitaa liitira 5
✅️Paastaa 12 waliin kan kenname yoo ta’u, walumaagalatti namoota 30 fayyadamoo taasisuun raawwatameera.
Tilmaamni baasii deeggarsa kanaaf oole qarshii 200,050 ol ta’uun ibsameera.
Deeggarsi kun namoota PLH waliin jiraatan jajjabeessuu fi haala jireenya isaanii fooyyessuuf gumaacha guddaa qabaachuun himameera.

Address

Gomma District
Agaro

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa:

Share