Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa

Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa To save people's life,you are the person to take an action .How and when to call an Ambulance

Baga gammaddan, baga gammadnee!Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa, Faarmaasii Modeela Hawaasaa Buufata Fayyaa Chami chaggoo j...
30/12/2025

Baga gammaddan, baga gammadnee!
Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa, Faarmaasii Modeela Hawaasaa Buufata Fayyaa Chami chaggoo jalatti, magaalaa Caggoo keessatti guyyaa har'aa tajaajila isaa sirnaan jalqabsiisee jira.
Kunis tajaajila qorichaa qulqulluu, gatii madaalawaa fi yeroo isaa eeggate uummataaf dhiyeessuuf tarkaanfii guddaa kan ta’e yoo ta’u, fayyaa hawaasaa fooyyessuuf gahee olaanaa qaba.
👉 Hirmaannaa fi deeggarsa uummataa wajjin, tajaajilli kun bu’aa olaanaa akka argamsiisu abdii qabna.
Baga milkaa’e!

Baga gammaddan, baga gammadnee!Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa, Faarmaasii Modeela Hawaasaa Buufata Fayyaa Coocee jalatti,...
30/12/2025

Baga gammaddan, baga gammadnee!
Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa, Faarmaasii Modeela Hawaasaa Buufata Fayyaa Coocee jalatti, magaalaa Coocee keessatti guyyaa kalleessa tajaajila isaa sirnaan jalqabsiisee jira.
Kunis tajaajila qorichaa qulqulluu, gatii madaalawaa fi yeroo isaa eeggate uummataaf dhiyeessuuf tarkaanfii guddaa kan ta’e yoo ta’u, fayyaa hawaasaa fooyyessuuf gahee olaanaa qaba.
👉 Hirmaannaa fi deeggarsa uummataa wajjin, tajaajilli kun bu’aa olaanaa akka argamsiisu abdii qabna.
Baga milkaa’e!

Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaatti Gamaggamni Hojii Xiyyeeffannoo raawwii guyyaa 10 fi kallattii hojii ji'a tokko keennamee...
21/12/2025

Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaatti Gamaggamni Hojii Xiyyeeffannoo raawwii guyyaa 10 fi kallattii hojii ji'a tokko keennamee.
Guyyaa har’aa, I/G Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa , Obbo Mohamedsani Ali Ahmed fi Obbo Mubarik Tajuu (Ramadamaa WFG Jimmaa) gamaggamaa hojiiwwan xiyyeeffannoo ji’a tokkoo bakka daarikteeri fi I/Daarikteera buufata fayyaa ,Hojeetuu Ekisteshinii fayyaa,ogeessa buufata fayyaa fi ramadaman waajjira fayyaa argamanitti hojii guyyaa 10 gamaggamuun kallatti hojii ji'a tokkoo kennaniiru.
Hojiiwwan xiyyeeffannoo kunis :-

✅ Talaallii Ijoollee – Ijoollee zero dose, under vaccinated fi talaallii gifiraa hin guutne adda baasuun talaaluu.
✅ IFH – Miseensa haaraa horachuun fi miseensa duraanii haraofachuun, qarshiin walitti qabame akkaataa qajeelfama irratti hundaa’uun puuliitti galuu hubachuun xiyyeeffannoo guddaan hojeechuuf mirkaneessuu.
Dhaabbilee Fayyaa – Standardii dhaabbilee fayyaa hojiirra oolchuun fi tajaajila dhabbilee fayyaa mirkaneessuu.
✅ Sirna Fayyaa Cimsuu – Hojiiwwan cheekiilistii keessatti tarreeffaman akkaataa qajeelfama irratti hundaa’uun raawwachuu.
Obbo Mahammadsani Alii xumuraa irratti hojiiwwan akka TT surgery, cervical CA screening, kenninsa tajaajila dhabbilee fayyaa fi dhiheesii fayyaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabuu dhaamaniiru.

12/12/2025

Ergaa Hogganaa Waajjira fayyaa Aanaa Gommaa obbo Mohamedsani Ali Ahmed duulaa talaallii pooliyoo wal qabsisanii dabarsaniru.

Aanaa Gommaatti Duulli Qinda’aan Talaallii Pooliyoo marsaa 4ffaa eegalamee jiraa.Muddee 3-2018=============Aanaa Gommaa,...
12/12/2025

Aanaa Gommaatti Duulli Qinda’aan Talaallii Pooliyoo marsaa 4ffaa eegalamee jiraa.

Muddee 3-2018
=============
Aanaa Gommaa, Magaalaa Geembeetti,I/Gaafatamtuun Ijaarsaa paartii Aanaa Gommaa Aadde Mahabubaa Naziif fi Hogganaa Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa Obbo Mohammadsanii Aliittin duulli qinda’aan talaallii pooliyoo marsaa 4ffaa haalaa gaariin egalchifamee jiraa.

Duulli kun Gandoota Aanaa Gommaa hundaa irraatti Muddee 3–6/2018 kan raawwatamuu yeroo ta'uu; Daa’imman Umuriin isaanii waggaa 5 gadii talaallii idilee hin eegallee fi jalqabanii adda kutan adda baasuun akka talaalfaman ni taasifama.

Obbo Mohammadsanii Aliis, “Maatiin daa’imman isaanii talaalchisuun dirqama lammummaa akka bahaatan" dhaamaniiru.
Daa’imman Talaalchisuudhaan Dhibee Pooliyoo Haa Ittifnu!

Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaatti Leenjii Duula Talaallii Polio Marsaa 4ffaa keennamee ooleerraa. Sadaasaa 30,2018Waajjira...
09/12/2025

Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaatti Leenjii Duula Talaallii Polio Marsaa 4ffaa keennamee ooleerraa.
Sadaasaa 30,2018
Waajjira Fayyaa Aanaa Gomma Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaatti Leenjii Duula Talaallii Polio Marsaa 4ffaa keennuu eegalee jiraa. Duulii kun muddee 03-06-2018 akka biyyaaleessaati kan kennamuu ta'uu hubachuun haawaasni daa’imman waggaa shanii gaddii qaban hundii talaallii pooliyoo fudhachiisuun dirqama maatii akka ba’atan ergaa keenya ijoo guyyaa har'attii.

1. Sababni Leenjii / Rationale

Sagantaan kun vaayirasii polioo kan carraa darbee ykn cVDPV2 (circulating vaccine-derived poliovirus type 2) biyyattii keessatti babal’achaa jiru adda baasuufi ittisuuf qophaa’e.
Daa’imman fayya-qabeessa ta’an eeguu fi vaayirasicha daddarbu hambisuun barbaachisaa dha.

2. Kaayyoo Leenjii / Objectives

1. Daa’imman waggaa 5 gadi hunda dhibbantaa lamaan nOPV2 vaaksinii kennuu, vaaksinii duraan fudhatanii-fudhatanillee.

2. Ittisa ummata guddisuu fi daddarba vaayirasii polioo dhaabuuf.

3. Hojii talaallii yeroo sirrii (routine immunization) cimsuu sagantaa waliin qindeessuun.

4. Daa’imman vaaksinii hin fudhanne (zero-dose) fi kan hin guutamne adda baasuufi talaallii kennuu.

5. Argannoo fi hordoffii AFP (Acute Flaccid Paralysis) cimsuu, haalli polioo haaraan mul’ate si’a barbaachisaa deebii saffisaa kennuuf.

3. Qaamoleen Leenjii Irratti.

# Qaamolee Hirmaatan Lakkoofsa

1 I/A Daarektara PHCU
2 EPI Focali PHCU
3 HEF (Health Extension Facilitators)
4 Ramadamtoota PHCU

Waliigala Hirmaannaa: 103 hirmaattota irraa kan hirmaatan, ogummaa fi hubannoo isaanii duula talaallii Polio irratti cimsuuf qophaa’anii jiru.

Dhiiga Arjoomuun Lammiilee Hanqina Dhiigaatiin Lubbuu Dhabuu Malan Du'a Irraa Baraaruudha!Sadaasa 29/2018 (KAG)Godina Ji...
08/12/2025

Dhiiga Arjoomuun Lammiilee Hanqina Dhiigaatiin Lubbuu Dhabuu Malan Du'a Irraa Baraaruudha!

Sadaasa 29/2018 (KAG)

Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti Sagantaan Arjooma Dhiigaa kan gaggeeffame Hoggansa Leenjii Marsaa 3ffaa Paartii Badhaadhinaa hirmaachisuun milkaa’inaan raawwatameera.

Sagantaan kun hoggantoota leenjii humna raawwachiistummaa marsaa 3ffaa irra jiran kan dursa kennanii dhiiga isaanii arjoomuun jalqabame yoo ta’u, hojjattoonni buufataalee fayyaa, tola-ooltonni akkasumas hawaasni naannoo hirmaannaa olaanaa agarsiisaniru.

Guyyaa har’aanitti gaggeeffame kanaan:
➡️ Yuunitii dhiigaa 147 walitti qabamuu danda’e.

Kunis lammiilee hanqina dhiigaatiin du’aaf saaxilaman fayyadamoo taasisuun, lubbuu baay’ee baraaruuf gahee guddaa taphataa.

Aanaa Gommaatti Dawwanna Hojii Performance based Financing (PBF)– Buufata Fayyaa Bashashaatti taasifamee. ==============...
03/12/2025

Aanaa Gommaatti Dawwanna Hojii Performance based Financing (PBF)– Buufata Fayyaa Bashashaatti taasifamee.
==============
Sadaasaa 25-2018
Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa, Buufata Fayyaa Bashashaa irratti daawwanni hojii PBF milkaa’inaan gaggeeffame. Dawwannichi Dhaabbata Cordaid, Biiroo Fayyaa Oromiyaa (Steering Committee) fi Waajjira Fayyaa Godina Jimmaa waliin ta’uun raawwatamuu jiraa.

Buufata Bashashaa keessaatti tajaajila kennamaa jiru, hojimaata PBF, bu’aalee galmaa’anii fi haala hojiirra oolmaa tajaajilaa irratti mariin bal’aan taasifame. Baratnoota argaman irratti hundaa’uun fooyya’iinsi dabalataa akka uumamuuf kallattiin itti aanu kaa'ameera.

Tajaajila gahumsa qabu hawaasaaf dhiheessuun kaayyoo keenya!
Gommaa ni tajaajila, ni dagaaga. 💚🏥

Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa –  Gamaggamaa Hojii Ji’a Afurii gaggeesse. ==================Sadaasa 22-2018Waajjirri Fayy...
30/11/2025

Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa – Gamaggamaa Hojii Ji’a Afurii gaggeesse.
==================
Sadaasa 22-2018
Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa gamaggamaa hojii xiyyeeffannoo ji’a afurii milkaa’inaan xumuree jira. Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa, Obbo Mahammadsani Alii, haasaa baniinsaa irratti haasaa taasisaniin, gamaggamni hojii yeroo yerootti gaggeeffamu hojii karoorfame galmaan ga’uuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

Keessumattuu waggaa kana keessatti:

Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa,KTL,Hojii Zero Dose adda baasuu,TB adda basuu fi calaallii kanseerii balballaa gadameessaa fi ittisa busaa akkasumas hirmaannaa ummataa cimsuu,irratti xiyyeeffannoon kennamee jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraatiin, eksippertoonni Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa gabaasa hojii ji’a afurii dhiheessanii booda, gandoota raawwii gadi-aanaa qaban irratti kan xiyyeeffate gamaggamni gad fageenyaan gaggeefamera. Gamaggama kanaan hanqinoota jiran adda baasuun kallattii foyya’insaa fi tarkaanfiin sirreefamma fudhatamaa kan deemuu ta'uu obbo Mahammadsani Alii ibsaniiru. Kanaa malees bu’aaleen argamanis hojii fayyaa waan haalaan deggeran ta’uu ibsameera.
Kallattiiwwan Tajaajila Talaallii Daa’immanii Foyyeessuuf qabxiiwwan and armaan gadii akka hojiirra armaan gadii hojiirra oolchuu akka qabnuu itti dabaluun ibsaniru.
1. Ganda ofii Beekuu, Maatii Galmeessuu fi Daa’imman Haaraa Adda Baa­suu
- Ji’a ji’aan Abba warraa mara daawwachuun daa’imman talaallii hin jalqanne fi hafan adda baasuu.
- Faayilii maatii fi galmee EPI yeroo yerootti haaromsuu.
- Hoggantoota ganda, WDA/Idir fi hayyoota amantii waliin hojjechuun daa’imman haaraa saffisaan argachuu.
2. Daa’imman Haaraa Dhalatan Saffisaan Beekuu
- TBA, hayyoota amantii fi maatii waliin odeeffannoo dhalootaa saffisaan dabarsuuf sirna gabaabaa diriirsuu.
- Daa’imman haaraa OPV0, Hep-B fi BCG yeroo sirriitti akka argatan gochuu.
3. Daa’imman Hafan Duubatti Deebisu (Defaulter Tracing)
- Ji’a ji’aan ykn torbee torbeen tarree hafaa galmee EPI irraa baasuu.
- WDA fayyadamuun daa’imman hafan maatii isaanii irraa deebisuu.
- Maatii guyyaa deebi’iinsaa iftoomina qabu kennuu fi yaadachiisuu.
4. Beeksisa Hawaasaa fi Hubannoo Maatii Cimsuu
- Walgahii hawaasaa, marii bunaa fi gareewwan haadholiin irratti hubannoo babal’isu.
- Yaada dogoggoraa hawaasa keessa jiru haala afaanii fi aadaa beekanii hiiku.
- Hoggantoota amantii fi aadaa waliin hojjechuun deeggarsa talaallii cimsuu.
5. Tajaajila Tika Caabaa Qulqullina Qabu Mirkaneessuu
- Sagantaa guyyaa/jimaata RI itti fufiinsaan hojiirra oolchuu.
- Qabbanaa’insa, galmee sirrii fi nageenya mala qorichaa hordofuu.
- Open vial policy fayyadamuun carraa hafuu hir’isuun daa’imman hunda qorachuu.
6. Tajaajila Bahaa (Outreach) fi Moobaayil Cimsuu
- Gandoota fagoo fi gahuun rakkatu irratti xiyyeeffachuu.
- Mikiroopilaanee irratti hunda’uun tajaajila bahaa qopheessuu.
- Hawaasa, maanguddoo fi WDA waliin beeksisa guyyoota tajaajilaa taasifuu.
7. Qulqullina Daataa fi Itti Fayyadama Isaa Cimsuu
- Galmee, tallii fi rippoortii walsimsiisuun guutuu.
- Torbee torbeen PHCU waliin daataa ilaaluun daa’imman zero-dose adda baasuu.
- Defaulter chart fi monitoring chart sirnaan hojiirra oolchuu.
8. Hojii Waliin Ta’uun Damee Garaagaraa Jabeessuu
- Mana barumsaa, dargaggoota, DAs fi dubartoota hirmaachisuun beeksisa talaallii babal’isu.
- PHCU director fi focal EPI HC waliin hojjechuun deeggarsa barbaachisaa argachuu.
9. Deeggarsa fi Too’annoo Deeggarsaa (Supportive Supervision)
- Walgahii ji’a ji’aan PHCU irratti hirmaachuun rakkoo jiru ibsuu.
- Karoora fooyya’insaa fi barsiisuu hojiirra oolchuu.
10. Maatii Hirmaachisuun Bu’aa Fidu
- Maatii gorsa ifaa kennuu: dosa hunda guutuu, hafan booda saffisaan deebi’uu.
- Kaardii talaallii eegsisuu.
- WDA fi bilbala/ergaa fayyadamuun maatii yaadachiisuu.

Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa — Odeeffannoo Marbarg KenneWaajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa, balaa dhukkuba Vaayirasii Marbar...
29/11/2025

Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa — Odeeffannoo Marbarg Kenne

Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa, balaa dhukkuba Vaayirasii Marbarg irratti hubannoo uumuu fi ofeeggannoo cimsuuf hoggantoota aanaa fi gandoota hirmaachisuun leenji’i isaa gaggeesseera.

Dhibeen Marbarg yeroo ammaa naannoo Keeniyaa keessatti mul’achaa jiru sababeefachuudhan, Aanaa Gommaattis xiyyeeffannoon addaa kennamee haala itti daddarbu, mallattoolee fi tooftaa ittisaa irratti ibsi bal’aan kennamee jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa Obbo Mohammedsani Alii,
“Hubannoo uummachuun fi ofeeggannoo cimsuun, dhukkuba kana dura qolachuuf murteessaa dha,” jedhaniiru.

Waajjirri Fayyaa Aanaa Gommaa, hoggantoota fi qaama hawaasaatin waltajjii hubannoo uumuu itti fufee, balaa daddarba dhibee kanaa hir’isuuf hojii cimsaa jira.





Waajjirri fayyaa Aanaa Gommaa Hojii boonsaa hojeeta jiruuf beekamtii argatte jiraa.
28/11/2025

Waajjirri fayyaa Aanaa Gommaa Hojii boonsaa hojeeta jiruuf beekamtii argatte jiraa.

Jiilli Daayirektara Olaanaa Dhaabbata Hawaasummaa Itoophiyaa (ACSO) Obbo Samson Biratuun Durfamuu Aanaa Gommaatti Dawwan...
27/11/2025

Jiilli Daayirektara Olaanaa Dhaabbata Hawaasummaa Itoophiyaa (ACSO) Obbo Samson Biratuun Durfamuu Aanaa Gommaatti Dawwanna Hojii Fayyaa Geggeesse.

Sadaasa 18, 2018

Jiilli Daayirektara Olaanaa Dhaabbata Hawaasummaa Itoophiyaa (ACSO) Obbo Samson Biratuu durfamuun Aanaa Gommaatti argamuudhaan Keellaa Fayyaa Qottaa fi Buufata Fayyaa Bashaashaa irratti daawwanna hojii gaggeessaan.

Yeroo daawwannaan kun gaggeeffamu, bakka bu’aan Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa Obbo Abdii Nigatuu “Baga nagaan Aanaa Gommaatti, Itiyoophiyaa ishee xiqqoo kanaatti nagaan dhuftan” jechuun simannaa kabajaa ta’ee dhiyyeessaniiru.

Itti aansee, Qindeessaan Fayyaa Haadholii, daa'immanii fi dargaggoo Obbo Tewodros Seeyifuu haala waliigalaa hojiiwwan Aanaa Gommaatti qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiran gabaasa iwaliigalaa dhiheessanii jiru.

Kaayyoon daawwannaa hojii kanaa:

Hojiiwwan fayyaa qooda fudhattoota waliin hojjataman hubachuuf

Hojii talaallii kanseerii fiixee gadameessaa (HPV) jajjabeessuu fi itti fufinsa isaa mirkaneessuuf

Sagantaa Jalqabii Gaarii (Smart Start) akka itti fufiinsaan hojiirra oolu cimsuuf.

Daawwannaa sana irratti, Obbo Samson Biratuun akka jedhanitti:
“Aanaan Gommaa giddugala hojii fi muxannoo gaarii biyyaatti fakkeenya ta’uu qabdi. Waan argeen hedduu na gammachiise, qamni jijjiiramaa kana fidan hundi galata guddaa qabu.” jechuun haala hojii Aanaa Gommaa dinqisiifachuun galateeffataniiru.

Address

Gomma District
Agaro

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Waajjira Fayyaa Aanaa Gommaa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram