Dr Kebenesa Derirsa

Dr Kebenesa Derirsa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr Kebenesa Derirsa, Doctor, Ambo.

🤔Namni dhibee   (Hepatitis B) qabuu fi namootni naannoo isaa jiran irraa maaltu eeggama?👇 Dhibeen kun dhibee vaayirasiin...
07/05/2025

🤔Namni dhibee (Hepatitis B) qabuu fi namootni naannoo isaa jiran irraa maaltu eeggama?👇

Dhibeen kun dhibee vaayirasiin tiruu teenya miidhuudhaan dhufu waan ta’eef, namoota biroottiis daddarbuu danda’a. Kanaaf, namni dhibamee fi warri itti dhihoo jiran wantoota armaan gadii kanneen godhuudha qaban:👇👇

1. dhibee kanaan qabame maal godhuu qaba?🤔

👉Vaayirasichi akka akka namota birootti hin dabarre of-eeggannoo godhuu:

: Dhiiga, dhangala’aa qaamaa (sexual fluids), fi meeshaa ittiin of waraane/mure irraa daddarbuu danda’a. :

👉Meeshaalee qara qaban, kan qeensaa muratan, kan rifeensaan muratanii fi kan ilkaaniin qulqulleeyfatan nama biraa waliin fayyadamuu dhabuu.

👉Qorichoota walitti fufiinsaan fudhachuu:
Yeroo baay’ee, dhibee kana wal'aanuuf qorichi ni kennama. Qorichoota ajajaman immoo, seeraan hordofuun barbaachisaa dha.

👉Alkoolii fi qoricha tiruu miidhan irraa of qusachuu:
Sababni isaas, tiruun miidhama keessa jiru yeroo sana dabalataan/daran miidhamuu waan danda’uufi.

2. itti dhihoo jiran hoo maal godhuu qaban?

👉Vaayirasii kana ittisuuf fudhachuu:
Talaalliin akka Hepatitis B'n hin daddarbine eeguu danda’u ni jira. Kanaafuu, maatii keessaa namni tokko dhibamnaan, isaan hin dhibamin immoo talaallamuun gaarii dha!

👉Qorannoo (screening) godhachuu:

Yoo talaallii hin fudhanne ta’e ykn yoo of shakkan, qorannoo dhiigaa godhuudhaan vaayirasichi akka jiruu ykn hin jirre beekuun ni danda’ama.

👉Meeshaalee qara qaban waliin qooddachuu dhiisuu:
Haadduu, lilmee, fi kkf waliin hin qooddachuu dhabuu.

👉Yeroo walqunnamtii saalaa of-eeggannoo gochuu:
fayyadamuun vaayirasicha irraa if eeguu.

👉Dhibamaadhaaf gorsa sammuutii fi abdii keennuufiidhaan jajjabeeysuu!

fayyaan faaya.

Baarollee (Ring Worm) Akkamiin Ofirraa Ittisnaa?Dhukkubni kun kan dhufu fangasiidhaan yoo ta'u maqaa Ring Worm jedhu kan...
06/05/2025

Baarollee (Ring Worm) Akkamiin Ofirraa Ittisnaa?

Dhukkubni kun kan dhufu fangasiidhaan yoo ta'u maqaa Ring Worm jedhu kan argates raammoodhaan waan dhufuuf osoo hin taane bifa inni gogaa irratti mul'isuuni dhanl. Qaamota keenya keessaa gogaa bakka kamirratti kan ba'uu danda'udha.

AKKAMIIN DADDARBAA?
1. Waliin tuttuqqaa qaamaa nama baarollee qabu waliin ykn bineensa hubame waliin.
2. Uffata, afata, filaa fi kkf namni barrollee qabu fayyadame fayyadamuudhaan.

AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNA?
1. Filtuu mataa (miidoo) fi fooxaa ittiin qaama gogfatan tasuma nama waliin fayyadamuu dhiisuu.

2. Bakka qaamni keenya baarollee qabu sana hooquu dhiisuu. Yoo hooqan qaama isa hin hubamiinitti waan faca'uuf.

3. Yeroo nama baarollee qabu waliin wal qaqqabnuu fi biyyoo ykn horii manaa tuttuqnee deebinu battaluma harka keenya sirriitti dhiqachuu!

4. Qaama keenya fi uffata ciisichaa haalaan qulqulleessinee miicuu!

5. Qaama keenya jiidhina fi ho'a irraa eeguu danda'uu fi baay'ee dafquu dhiisuu.

6. Uffata nu muddu (nu qabu) keessumaa uffata jalaa dhiphaa dhiisanii babal'aa uffachuu.

7. Yoo mallattoo akkasii ofirratti arginu shaampoo anti fungal (farra fangasii) of keessaa qabu binnee ittiin miiccachuu.

8. Yeroo rakkoon kun akka nu mudate beeknee garuu shaamoodhaan nu dhiisuu dide gara mana yaalaa deemuun qoricha farra fangasii (antifungal) dibachuun, yoo baay'ee cimaa ta'e immoo kan liqimsamu fudhachuun salphaatti waan fayyuuf gara nama fayyaatti daddabarsuun dura deemnee yaalamuu dandeenya.

halkan gaarii.

  ykn athlete’s foot qabu wantoota asiin gadii kanneen godhuudha qaba:👇 #1. Miila isaa qulqulleeyfachuufi goggooyfachuu:...
06/05/2025

ykn athlete’s foot qabu wantoota asiin gadii kanneen godhuudha qaba:👇

#1. Miila isaa qulqulleeyfachuufi goggooyfachuu:👇
Miila isaa guyyaa guyyaan sirritti dhiqee bifa gaariin goggooysuu qaba. Fangasiin bakka jiidhaa fi qilleensa hin arganne keessatti guddachuu waan danda’uuf.

#2. Harka isaa dhiqachuu:👇

Eega miila fangasiin hubame harkaan tuttuqe booda, harka isaa sirritti dhiqachuu qaba. Akka dhukkubichi gara qaama biraatti hin daddabrineef.

#3. Miiila isaa eeggachuu qaba:👇

Yeroo hunda miila qullaa deemuu hin qabu. Kophee qilleensa neeyxuuf(da'aas, sandal faa) uffachuun gaarii dha.

#4. Kaalsii amma-amma jijjiirrachuu qaba:👇

Kaalsii miilaa guyyaa guyyaan jijjiirrachuu qaba. Wal hormaata fi ittisuuf kaalsii qilleensa naquuf filachuu qaba.

#5. Qorichoota farra fangasii fayyadamuu qaba:👇

'Pharmacy' irraa dibata farra fangasii/antifungal cream ykn biifata farra fangasii/antifungal spray bitachuudhaan fayyadamuu. : clotrimazole, terbinafine, miconazole fi kkf.

#6. Kophee fayya-qabeessa filachuu qaba:👇

Kophee qilleensa keessa isaaf naqu uffachuu fi kophee miila ukkaamsituu fi miilayyi maxxantee hin taane miila jiiftu fayyadamuu dhiisuu qaba.

#7. Bakka miilaan tuttuqe qulqulleeysuu qaba(chemical fayyadamee):👇

Lafa mana keessa qullaa irra deeme, kophee kaayyatee fi boolla bishaan daakkii(swimming pool) eega fayyadame booda qulqulleeysuua qaba. Yookaan ammoo, mana keessallee sandal fayyadamuu ykn wantoota kanneen kophatti fayyadamuun, if-eeggannoo godhuudhaaf gaarii dha.

Fayyaa tahaa!

KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile***********************************Kintaarootiin iitaa qaama taa'umsaa irratti mul'atu yoo t...
06/05/2025

KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile
***********************************
Kintaarootiin iitaa qaama taa'umsaa irratti mul'atu yoo ta'u innis hiddi dhiiga deebistu kan naannoo ta'uumsatti gurmuun argamu yoo iita'u kan dhufu dha. iitaa kanaaf wontootni hedduun sababa ta'uu malu. Isaan kessaas:
* Yeroo bobbaaf taa'an baay'isanii ittanuu
* Qufaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Furdinna gar malee guddaa ta'e qabaachuu.
* Wol qunnamtii saalaa qaama taa'umsaatiin raawwachuu.
* Garaa gogsuu ykn baasaa yeroo dheeraaf nama irra ture
* Dhukkubni tiruu ykn dhukkubni biraa kan iitaa garaatiif nama saaxiluu jiraachu
* Nyaata akka fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuun wontoota rakkinna kanaaf nama siixilan keessa isaan ijoo ta'anii dha.
* Irra jireessaan ga'eeyyiiwan woggaa 20 ol ta'anifi haadholii ulfaa irratti ni hedduminnaan mul'ata.

----

----
Mallattoofi rakkinna Kintaarotii irraa dhufuu danda'an:
- IItaa qaama taa'umsaa irratti mula'atu ykn iitaa qaama taa'umsaa keessaa gadi bahe mula'tu. Kintaarootiin keessa qaama taa'umsaa kessatti bahus ni jira; inni kun sadarkaalee afur kan qabu yoo ta'u; iitaan isa kanaa fagomaa ijaan mul'achuu dhabuus mala.
- Yeroo bobbaaf taa'an nama dhukkubuu ykn miirri akkasii namatti dhagahamuu.
- Akkasumas dhukkubii malee dhiigni sagaraa irratti ykn woraqaa ittiin haxaayannu irratti argamuu.
- Naannoo ta'umsaa nama hoqsisuu/hossisuu/
- Yeroo tokko tokko sagaraan/bobbaan to'annaa malee ofuma gadi bahuu.
-Darbee darbee sirritti dhiiguu waan danda'uuf ykn dhiigni suuta suutaan dhiigu kun hanqinna dhiigaatiif nama saaxiluu danda'a.
- IItaan kunis micciramuun ykn guduumfamuun, akkasumas dhiigni ititee hidda dhiigaa naannoo saanaa cufuun dhukkubbiin hamaan tasa akka nutti dhagahamu gochuu mala. Yeroo dhukkubbiin hamaan akkasi namatti dhagahame hatattamaan mana yaalaa deemuu.
oolmaa gaarii.

Dhukkuba Onnee.....âť¶.Onneen qaama dhiiga raabsuuf gargaartudha.Dhukkuba onnee gosa adda addaattu jira. Isaan kunis kan d...
05/05/2025

Dhukkuba Onnee.....
âť¶.Onneen qaama dhiiga raabsuuf gargaartudha.
Dhukkuba onnee gosa adda addaattu jira. Isaan kunis kan dhalootan(uumamaan) dhufan fi sababoota adda addaatiin yeroo keessa kan dhufan ta'uu danda'u.
âť·.Mallattoo
*Afuurri nama ciccituu ykn hanqachuu
*Dadhabbii qaamaa fi humna dhabuu
*dhiitoo miila lamaanii kan yeroo gadi qaban dhooqatee turu. Yoo dafanii yaala hin argatin dhiitoon miila irraa gara garaa fi fuulatti ce'uu danda'a
*Onneen yeroo dhahattu namatti dhaga'amu
*Yeroo rafan boraatii baayyee(1 ol) fayyadamuuf dirqamuu
*halkan halkan nama qufaasisu fi akkitaan dhiiga makuu
*Nyaata jibbisiisuu, oldeebiisuu yaaduu
*ulfaatinni qaamaa altakkaatti baay’ee dabaluu.
*Dhukkubbii laphee
*Haalkan haalkan fincaan namatti baayyachuu(yeroo baayyee ka'uu)....
❸.Wantoota dhukkuba onneef nama saaxilan keessaa;
*umrii-carraan dhukkuba onnee qabamuu umuriin dabaluu waliin olka'aa adeema
*sanyiin-maatii keessa namni dhukkuba onnee qabu jiraachuu
*Nyaata coomni itti baayyatu baay'inaan fayyadamuu
*Ashaboo baay'inaan fayyadamuu
*Sochii qaamaa gochuu dhabuu
*Alkoolii,Sigaaraa/tamboo
*Ol ka'insa dhiibbaa dhiigaa
*Dhibee sukkaaraa, dhibee kalee
*Ulfaatina gar-malee olka'aa.....
âťą.Of eeggannoo godhamuu qabu
👉Alkoolii fi Tamboo/sigaaraa aarsuu dhiisuu
👉Sochii qaamaa gochuu
👉Ulfaatinna qaamaa ofii to'achuu(BMI18-25)
👉Nyaata sirrii ta’e filachuu; jechuun fuduraaf kuduraa nyaachuu.
👉soogidda/ashaboo xiqqeessanii fayyadamuu.
👉Nyaata akka foon diimaa, cooma, killee fi dhadhaa hir'isuu
👉dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa(hypertension), dhukkubni sukkaaraa fi dhukkubni kalee yoo jiraate haala ogeessi fayyaa ajajeen hordoffii gochuu!!!

âťş.Yaala
Namni mallattoo armaan olii kana qabu carraa dhukkuba onnee qabachuu waan qabuuf gara mana yaalaa deemee yaala isa barbachisu argachuu fi hordoffii gaha gochuun irra jiraata
hiriba gaarii isinii haa ta'u.

AMALOOTA ONNEE KEENYA MIIDHU!Onneen qaama keenya keessatti hojii guddaa fi ulfaataa hojjatuudha. Garuu yeroo baay’ee, am...
05/05/2025

AMALOOTA ONNEE KEENYA MIIDHU!

Onneen qaama keenya keessatti hojii guddaa fi ulfaataa hojjatuudha. Garuu yeroo baay’ee, amala keenya badii qabaachuun onnee keenya miidhuu danda’a. Kanaaf, amaloota gosa kanaa beekuun of eeggannoo gochuu keenya ni gargaara.

1. Ilkaan keenya qulqulleeffachuu dhiisuu

Ilkaan qulqulleeffachuu dhiisuu dhibeewwan garaa garaa qaama keenya keessatti babal’isuun danda’ama. Bakka ilkaan bal’aa keessa bakteeriyoonni walitti kuufamu, onnee irratti dhiibbaa geessisu. Dhibee ilkaan irraa gara onneetti daddarbuun dhukkuba onnee hammeessu ni danda’a.

2. Yeroo dheeraaf taa’uun (fakkeenyaaf TV yeroo dheeraaf ilaaluun)

Sochii qaamaa dhabuu fi yeroo dheeraaf taa’uun dhiphina dhiigaa uumuun dhukkuba onnee fi dhiibbaa dhiigaa dabaluun ni mala. Akka salphatti sochii qaamaa guyyaa guyyaan gochuu fi yeroo hunda socho'uun murteessaa dha.

3. Yeroo halkan rafan kurruufuu (qoquu)

Kurruun yeroo halkan dhufu yeroo baay’ee mallattoo dhibee sleep apnea jedhamee beekamu ta’uu mala. Kun ammoo onnee irratti dhiibbaa fiduun dhiphina oksijiinii fi yaaddoo onnee uuma. Yoo kurruun ni mul’ata ta’e, qorannoo gahaa akka godhamu gorsama.

4. Hirriba gahaa dhabuu

Hirriba gahaa dhabuun onnee irratti dhiibbaa cimaa fida. Hirriba gahaa (sa'aa 7-9 halkaniif) dhabuu jechuun onneen boqonnaa dhabuu jechuudha. Dadhabbii onnee, yaaddoo sammuu fi dhiphina dhiigaa fiduu danda’a.

5. Sammuun baay’ee dhiphachuu (yaaddoo fi stress)

Dhiphinni sammuu yeroo dheeraa (stress) onnee irratti dhiibbaa guddaa fida. Yoo yaaddoon yeroo dheeraaf itti fufee jiraate, onneen sa’aatii hundaa hojiirra oola; kunis onnee dadhabsiisa, fi dhukkuba onnee qaqqabsiisa.

6. Alkoolii baay’isanii dhuguu

Alkoolii hedduminaan dhuguun dhiibbaa dhiigaa dabaluun, cooma onnee kuusuun, fi dadhabbii onnee fiduu danda’a. Onneen bifa qajeelaa hojjechuu hindanda’u.
galatoomaa.

Sababoota Hanqina Nyaata Daa’immanii: 1,1-Nyaata Ga’aa Hin Taane:  Ijoolleen nyaata soorataa gahaa argachuu dhabuu danda...
05/05/2025

Sababoota Hanqina Nyaata Daa’immanii:

1,1-Nyaata Ga’aa Hin Taane:

Ijoolleen nyaata soorataa gahaa argachuu dhabuu danda’u, kunis hanqina soorata barbaachisoo ta’an fida.

⏏️Dhibeewwan:

Infeekshiniin keessumaa garaachaan fedhii soorataa dabaluu fi hanqina nyaataa fiduu danda’a.

1.1-Hiyyummaa fi Wabii Nyaataa:

Nyaata gatii madaalawaa fi soorataa ta’e argachuun daangeffamuun sababa guddaa ta’uu danda’a.

🤰Haala Nyaata Haadha:

Hanqinni nyaataa haadha yeroo ulfaa fi harma hoosisuu guddinaa fi guddina daa’imaa irratti dhiibbaa uumuu danda’a.

⏏️ Bishaan fi Qulqullina Nageenya Hin Qabne:

Qulqullina gaarii dhabuu fi bishaan qulqulluu dhabuun carraa dhukkuba garaachaa dabaluu danda’a, kunis hanqina nyaataa hammeessuu danda’a.

👉Bu’aa Hanqina Nyaata Daa’immanii:

🍅Carraa Dhukkubaa Dabaluu: Daa’imman hanqina nyaataa qaban infekshinii fi dhukkubootaaf caalaatti saaxilamu.

🥬Guddina Dadhabuu: Hanqinni nyaataa yeroo dheeraaf guddina qaamaa fi hubannoo irratti dhiibbaa uumuu danda’a.

🧆 Hanqina Hubannoo: Hanqinni nyaataa hojii hubannoo miidhuu danda’a, kunis raawwii mana barumsaa fi hojii hir’isuu danda’a.

🍠Sirni ittisa qaamaa laafaa: Daa’imman hanqina nyaataa qaban sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa waan ta’eef, dhukkuba kanaan akka saaxilaman isaan taasisa.

🥗Carraa Du’aa Dabaluu: Hanqinni nyaataa cimaan lubbuu namaa balaadhaaf saaxiluu danda’a.

1.1- Ittisaa fi Wal’aansa: 👇👇👇

🤜 Harma Hoosisuu Guddisuu:
Ji’oota ja’an jalqabaa harma hoosisuun qofa, waggoota lamaan jalqabaa nyaata dabalataa waliin harma hoosisuun itti fufuun murteessaadha.

🤜Nyaata Adda Addaa:
Daa’imman nyaata soorataa adda addaa akka argatan gochuun barbaachisaa dha.

🤜Deeggarsa Nyaataa Haadholii: Dubartoota ulfaa fi harma hoosisan soorata gahaa kennuunis fayyaa daa’immanii fooyyessuu danda’a.
🤜Wal’aansa Hanqina Nyaataa Cimaa
🤜Hiyyummaa fi wabii nyaata furu
🤜Qulqulliina Bishaanii foyyeessuu.
fayyaan faaya.

✍🏿✍🏿INFEKSHIINII UJUMMOO FINCAANII FI KALEEMallattoo yeroo baayyee himataman keessaa tokko kan infekshiinii ujummoo finc...
04/05/2025

✍🏿✍🏿INFEKSHIINII UJUMMOO FINCAANII FI KALEE
Mallattoo yeroo baayyee himataman keessaa tokko kan infekshiinii ujummoo fincaanii fi kaleeti. Innis yeroo baayyee akka kanaan gadii kanatti himatama.
Cinaa kalee lamaanii kanarra na gubaa, yoo rafullee kaleen na rarraati gara sanitti ciisee hin danda'u. Uffaa kiyyarraa fi yoo fincaa'ullee na guba, fincaan kiyyallee yoo tokko tokko ni diimata fa’a.
Ofii mallattooleen kunniin maal woliin wol qabatu isinitti fakkaata?......
dhukkuboonni mallattoolee armaan olii fidan baayyeen ka'uumsi isaanii kalee fi ujummoo fincaanii irraayi.
Mee har'a dhukkuba (infection) ujummoo fincaanii fi kalee haa ilaallu.........rakkoon kun kan dhufu yeroo baakteeriyaan(infection) ujummoo fincaanii ( mar'imaanirraa ykn qaama hormaata dubartootaarraa) seenuudhaan ujummoo fincaanii qabachuudhaan gara kaleetti ol adeemaa dhufuuaniidha. Rakkoon kun baayinaan dubartootarratti muldhata sababni isaa immoo ujummoon fincaanii(urethra) dubartootaa gabaabaa waan ta'eef.
HUBADHAA! Ujummoon fincaanii ujummoo baakteeriyaarra qulqulluu jedhamu keessaa isa tokko.......baakteeriyaanonni isa huban kan dhufan baayinaan mar'umaan keessaa karaa boobbaatiin ykn immoo qaama hormaata dubartootaa keessaayi.
Maal maaltu nutti fiduu ykn haala mijataa dhukkubichaaf uumuu mala???
1. Umrii (gara dullumaa)
2. Cirracha kalee
3. Ulfa
4. Dhukkuboota biroo ( fkn dhukkuba sukkaaraa, Hiv fi kkf)
5. Wol-qunnaamtii saalaa (baacteeriyaan salphatti akka ujummoo fincaanii seenu waan taasisuuf)
# kana iddoo fi mallattoo isaaniirratti hundaa'uun bakka lamatti qooduu dandeenna
1. Gar-olii(afuuffee fincaaniitii ol)
2. Gar-gadii(afuuffee fincaaniitii gad)
# # # isaanii maal fa'a?
1. Fincaan gubuu, jarjarsuu fi diimessuu
2. Qaama hoo'isuu ykn gubuu
3. Cinaa kalee lamaaniirra dhukkubuu (gar-olii)
4. Haqqisiisuu/hoqqisiisuu( gar-olii)
# # wolii galaatti namni rakkoo kana qabu mana yaalaa deemee ogeessa yoo mari'achiisne irra filatama!
galatoomaa.

BALAQQAMA KONKOLAATAA KEESSAA (MOTION SICKNESS)Qabxiilee 6 nu gargaaran!1. Deemsa eegaluun dura nyaata baay'isanii soora...
04/05/2025

BALAQQAMA KONKOLAATAA KEESSAA (MOTION SICKNESS)

Qabxiilee 6 nu gargaaran!

1. Deemsa eegaluun dura nyaata baay'isanii soorachuu dhiisuu.

2. Nyaata zayita hedduu qabu, nyaata foolii cimaa qabu, alkoolii fi wantoota caffeine of keessaa qaban akka bunaa irraa of qusachuu.

3. Namooti rakkoo kana qaban wal bira kaa'uu dhiisuu fi waa'ee waan kanaa haasa'uun haasa'uu dhiisuu.

4. Konkolaataa keessa yoo kan danda'amu ta'e, bakka sochiin itti xiqqaatu (kara fuulduraa) taa'uu.

5. Zinjibila (ginger) shayiidhaan danfisanii dhuguun, Akkasumas loomii xuuxaa deemuu.

6. Qoricha dhibee kanaaf oolu mana qorichaa ykn pharmacy irraa bitachuun fayyadamuu dha.
Fayyaan Faaya!

  Martun ummata isaaf gatii guddaa nama kafale dha! dhukkubbiin isaas miidhama saba isaati, rakkinaa fi miidhaa ummata i...
04/05/2025

Martun ummata isaaf gatii guddaa nama kafale dha! dhukkubbiin isaas miidhama saba isaati, rakkinaa fi miidhaa ummata isaa yeroo argu ni dhukkubsata.

Nama saba isaatiif aarsaa kafale kana sabni isaa aarsaa kafalee wal'ansifachuu qaba! Kadir keenya Waqayyoo fayyaa kee siif haa deebisu.

Faayidaa fi Miidhaa Hanqaaquu DhuguuHanqaaquu dhuguun qabiyyee pirootiinii baay’ee waan qabuuf, naannoolee fiitnessii fi...
03/05/2025

Faayidaa fi Miidhaa Hanqaaquu Dhuguu

Hanqaaquu dhuguun qabiyyee pirootiinii baay’ee waan qabuuf, naannoolee fiitnessii fi qaama ijaaruu irratti jaallatamaadha. Haa ta’u malee, hanqaaquu dhuguu dura faayidaa fi miidhaa isaa hubachuun barbaachisaadha. Ilaalcha waliigalaa armaan gadii ilaali:

Faayidaalee

1. Qabiyyee Pirootiinii Ol’aanaa: Hanqaaquun madda pirootiinii qulqullina ol’aanaa yoo ta’u, amiinoo asiidota barbaachisoo sagal hunda of keessaa qaba. Kun guddina maashaalee, suphaa fi fayyina qaamaa deeggaruu danda’a.

2. Vitamin fi Albuudni Badhaadhe: Hanqaaquun vitaminota fi albuudota akka vitamin A, D, E, B12, riboflavin, folate, ayiranii, selenium fi phosphorus of keessaa qaba. Isaan kun fayyaa qaamaa fi sammuu gabbisu.

3. Madda Cooma Fayyaa Gaarii: Hanqaaquun cooma fayyaa qabeessa — fakkeenyaaf asiidota coomaa omega-3 — of keessaa qaba. Kunis fayyaa onnee fi hojii sammuu ni cimsu.

4. Ulfaatina Qaamaa To’achuu: Qabiyyeen pirootiinii fi coomaa hanqaaquu keessatti argamu quufa siif dhaga’amu dabaluu danda’a. Kunis garmalee nyaachuu hir’isuun ulfaatina si to’achuuf gargaara.

5. Mijannaa: Hanqaaquu dhuguun (keessumaa shake ykn smoothie keessatti) yeroo jireenya hojiin cimaan jirutti pirootiinii saffisaan dabaluuf karaa salphaa ta’a.

6. Fayyadamummaa Baay’ee: Hanqaaquu nyaata fi dhugaatii adda addaatti dabaluun ni danda’ama. Warra karoora soorataa addaa hordofanif filannoo hedduu fida.

Miidhaa Hanqaaquu Dhuguun Fidu Danda’u

1. Balaa Salmonellaa: Hanqaaquu qalamaan dhuguun carraa infekshinii salmonellaa qaba — kunis summii nyaataa fida. Hanqaaquu paastiraayizeedii fayyadamuun balaa kana hir’isa.

2. Hanqina Baayootiinii: Hanqaaquun adii pirootiinii avidin jedhamu of keessaa qaba. Avidin yeroo baay’inaan nyaatamu xuuxama baayootiinii (vitamin B7) hanqisu danda’a.

3. Bullaa’insa Nyaataa: Namoota muraasa biratti hanqaaquu qalamaan nyaachuun garaachatti rakkina (gas bloating) fiduu danda’a.
halkan gaarii qabaadhaa.

 /dandruff_qabu_maal_godhuu_qaba?!🤔💊💊💊💊💊💊💊💊💊💊💊💊💊💊💊Namni foorfoor rifeensaa (dandruff) qabu, rakkoo kana hir’isuuf ykn fu...
03/05/2025

/dandruff_qabu_maal_godhuu_qaba?!🤔
đź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Šđź’Š

Namni foorfoor rifeensaa (dandruff) qabu, rakkoo kana hir’isuuf ykn furuuf wantoota armaan gadii gochuu danda’a:

#1. Shamboo farra fangaasii/dandruff fayyadamuu:
Shamboo'n , , ykn if keessaa qabu fayyadamuu. Isaan kun baakteeriyaa fi fangasii dandruff fidan ni ittisu.

#2. Rifeensa keenya dhiqachuu(hedduus tahuu'n qabu!):
Foorfoor rifeensaa akka hin daballeef rifeensa keenya torbaniitti yeroo 2-3 shamboo foorfoor/dandruff fayyadamuun dhiqachuun gaarii dha.

#3. Zeeyta rifeensaa xiqqeessuu:
Zeeytni hedduun foorfoor/dandruff waan hammeessuufi. Yoo mataan/qaamni keenya zeeytii baayyee kan maddisiisu ta’e, shamboo foorfoor/dandruff fayyadamuun qulqulleeysuun barbaachisaa dha.

#4. Oomisha rifeensa miidhu fayyadamuu dhabuu: Jeelii/jell, keemikaaloota biifamu fayyadamuu dhabuu. Akkasumaas, gar-malee gogaa mataa keenyaa hooquun, googaa rifeensa keenyaa lolchiisuudhaan miidhu fi foorfoor/dandruff hammeessuu danda'a.

#5. Qorichoota uumamaa fayyadamuu:

: Bishaan waliin makamee rifeensaan yoo dhiqatame, foorfoor/dandruff hir’isuu ni danda'a.

/Aloe_Vera: Loluu gogaa rifeensaa gadi buusuudhaan foorfoor/dandruff hir’isa.(Rifeensatti dibannee daqiiqaa 30-60 ifirra tursiisuu!)

: Gogaa mataa keenyaa jiisuudhaan gogiinsa gogaa mataa hir'isa.

#6. Nyaata fayyaa qabeessa nyaachuu: Nyaata Vitamin B, zinc fi omega-3 fatty acids if keessaa qabu nyaachuun, foorfoor/dandruff hir’isa. : Foon, baaqelaa, kuduraa fi muduraa.

#7. Dhiphina/Cinqii hir’isuu: Foorfoor/Dandruff rakkina hormoonootaatiin dhufuu danda’a. Kanaaf, yaaddoo hir’isuun hedduu barbaachisaa dha.

Yoo foorfoor/dandruff keenya cimaa ta’e ykn shaamboo fi wal'aansa uumamaa garaagaraa irra deddeebi’iin fayyadamnee hojjachuu baatan, ogeeysa fayyaa gogaa ykn mariisisuun furmaata gaarii dha.

galatoomaa.

Address

Ambo

Telephone

+251934272941

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Kebenesa Derirsa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Kebenesa Derirsa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category