Dr.Qalbeessaa Lammaa

Dr.Qalbeessaa Lammaa Fayyaan Faaya � Fayyaan faaya �

20/02/2024

Gubaa laphee jalaa/Singiggoo/Dhibee garaachaa
Hordofaa .. liinkii comment jalaa argattu

Congratulation Obboleessa koo hangafaa Dr. Tibebu Enkossa
21/07/2023

Congratulation
Obboleessa koo hangafaa
Dr. Tibebu Enkossa

Dr Firaa'ol fi Haadha Dr Firaa'olSeenaa Ajaayibaa******************Namoonni lamaan suurri isaanii asii gaditti mul'atu k...
03/06/2023

Dr Firaa'ol fi Haadha Dr Firaa'ol
Seenaa Ajaayibaa
******************
Namoonni lamaan suurri isaanii asii gaditti mul'atu kun Dr Firaa'ol fi haadha Dr Firaa'oli.Jarri kun seenaa bareedaa fi nama mararu tokko qabu.Inumaa seenaa dhugaa osoo hin taane Asoosama wayii fakkaata.
Haati Firaa'ol kan isheeen dhalattee guddatte lixa Oromiyaa godina Iluu Aabbaa boor ennaa ta'u barnoota ishee kutaa shanii akkuma geessen maatin ishee heerumsiisan.Haaluma kanaan Haati Firaa'ol gaafa umuriin ishee waggaa 18 dhaqqabu Firaa'ol deesse.Yeroo sanatti manni baruumsaa oolmaa daa'immanii kun waan hin turreef abbaa isaa waliin akkuma taphaatti otoo gara mana baruumsaa deddeemuu kutaa 2ffaatti darbe.Firaa'ol baruumsa isaa itti fufuun gaafa kutaa 5 xummuuru tokkoffaa baanan maatin isaa gara mana baruumsaatti waamaman.Haati Firaa'olis tokkoffaa bahuu ilma ishee kanaan baay'ee waan gammaddeef battaluma sana baruumsatti deebitee akka barattu murteessite.Fulbaanni gaafa gahu Firaa'ol fi Haati Firaa'ol walqabatanii gara mana baruumsaatti dacha'uun isaan lammanuu kutaa 6 lixanii daree tokkotti baruumsa waliin eegalan.Jarri Lachanuu barumsarratti laafoo miti. Warra daree jiru dagatanii wal dorgomuu eegalan. Dhuma waggaarrattis Firaa'ol dorgommicha moo'achuudhan Tokkoffaa Ennaa bahu haati Firaa'ol ammoo itti aansitee lammaffaa bahuun Badhaasa guurratanii gara manaa galuun barattoota,Barsiisota mana baruumsaa fi jiraattota naannotirraa dinqisiifannaa guddaa gonfataniiru.Haaluma kanaan isaan lammanuu baruumsicha otoo waliin itti fufaa jiranuu Firaa'ol umuriin isaa baay'ee ijoollee waan tureef kutaa 9tti baruumsa adda kutee biraa ennaa hafu isheen baruumsicha kutaa 10n erga xummuurtee booda barnoota DA barachuuf gara Koollajjii qonnaa Najjoo galte.Firaa'olis baruumsicha itti mudduun kutaa 12 qabxii olaanaadhaan xummuuree barnoota fayyaa muummee ''Medicine'' tiin gara Yuunivarsiitii Jimmaa yeroo deemuf jedhutti haati Firaa ammoo barnooticha eegalte xummuurun Koolajjicharraa Eebbifamtee jirtii. Firaa'olis harmee isaa bira dhaqee Eebbisiisee akkuma xummuureen gara Yuunivarsiitii Jimmaatti sokke.Anaanis kan wal barre achuma Yuunivarsiitii Jimmaatti.Firaan hiriyaa dhiyoo koo ture.Egaa haaluma kanaan jarri lachuu baruumsa akkuma qabanitti jiru.Yeroo ammaa kanatti Firaa'ol Yuunivarsiitii Arsiitti barataa Ispeeshaalistii keessoo waggaa 3ffaa ennaa ta'u,Ji'oota muraasa booda Ispeeshaalistii yaala Keessoo(Internist)Ta'uun ni Eebbifama. haati Firaa'olis ammaan tana Achuma Yuunivarsiitii Jimmaatti Barnoota Digirii ishee xummuuraa jirti.dhugaa dubbachuuf Seenan maatii kanaa baay'ee natti bareede. Seenaa kanaan wal fakkaatu argachuun ni cima.Yookaa ammoo yeroo dheeraa fudhata.Yaaddaniittuu haati fi Ilmi waggaa Afuriif daree tokko teessoo tokkorra waliin taa'anii yoo baruumsa baratan ,Sanuu wal dorgomaa!!
Dr Firaa'ol fi haati Dr Firaa'ol umurii umurii dheeraa jiraadhaa.Isinilleen maatii kanaan Waaliif jiraadhaa naa jedhaanii!
Seenicha kan qindeesse Anuma hiriyaa Dr Firaa'ol!
Horaa Bulaa!

02/06/2023

Bututtii sammuu (burnout) maaltu fidaa??
***********
¶Hojii ofii irraa bu'aa gar-malee guddaa eeguu ykn karoora ifa ta'e dhabuu.
¶Jireenya ykn hojii ofii irratti to'annaa dhabuu fi Jireenya ofiitiif madaala dhabuu..... hojii, bashanna, hariiroo maatii fi namootaa fi kkf walmadaalsisuu dhabuu.
¶Haala hojii namaaf hin mijanne, burjaajii ta'e keessaa hojjechuu.
¶Deggarsa maatii, hiriyaa fi kkf dhabuu.
¶Hojii walfakkaataa, kan jijjiirama/dorgommii hin qabne hojjechuu.
¶Nama mara gammachiisuuf yaaluu.
¶Hojiin namatti baayyachuu, Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu.
¶Waan hin dandeenye, garmalee nama muddutti waadaa galuu
******************
FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU!
******************
Dr. Dawit (Speeshalistii dhibee sammuu).

NESCAFE🙏Akka Qorannoni Gargaraa Ibsutti Bunni Nescafe Jedhamu rakko gargaratif Shamarrani Saaxila jira✍️Kaansariif Nama ...
21/05/2023

NESCAFE
🙏Akka Qorannoni Gargaraa Ibsutti Bunni Nescafe Jedhamu rakko gargaratif Shamarrani Saaxila jira
✍️Kaansariif Nama saaxila
✍️Hirriba Nama Dhabsisa
✍️Narviin Qaama keenya Akka Boqonna hin arganne godha
✍️Dhukkuba Onneetif Nama saaxila,kessaattu dhahanani onnee akka humna olii dabaluu godha
✍️Dhibee Garrachatiif Nama saaxila
✍️Fedhii Nyaata Namarra Ballessa
✍️Daa'ima Dhalatu Rakko Hedduf Saaxila
✍️Feedhi walqunnamtti saala heddu namatti dabalaa
✍️Gogaan qaama kessani akka dafee dullommu godha
✍️Dhukkubbi Lafee/Mashatiif Nama Saaxila
Hub: Aannan wajjin yoo dhugdan Rakko kana hambisu ni dandettu
Source:-Clinical osteopathy
©Dr.Qalbeessaa Lammaa

Waggaa waggaan deebita Yoo feete immoo ji’a jaa’anAyyaanni kee hin beekamu Guyyaa qabu maqaa qabuu Gaafa dhufe guyyaan k...
20/05/2023

Waggaa waggaan deebita
Yoo feete immoo ji’a jaa’an
Ayyaanni kee hin beekamu
Guyyaa qabu maqaa qabuu

Gaafa dhufe guyyaan kee
Abbaa feete qalattaa..
Hin filattu hin gaafattu
Imaanaa qabdee nyaata

Godaannis bara hedduu
Qilee washaa yaa sabsibee
Dhiiga dhugaa ilma namaa
Agabuu buluu diddee?

Haadhaa ilmaanii nyaatee
Ona goote qe’ee guutuu
Bobbaan tee milkii dhabde
Bara baraan qalbii cabuu..

Qaalii meeqa nyaatte
Qileen tee hin guutamtuu
Fooniif lafee butuchitee
Nu dhoorgatte awwaalachuu

Kan har’a immoo addaa
Ija biyyaa liqmsitee
Nama keessaa nama filte
Lammii qaroo jamsitee

Abukaatoo harmeef abboo
Abdii nyaate abdii biyyaa
Malaaf marii qabnuu
Warraa baalee mal nu wayaa?

Dhiiga bare washa
Dhiiga bare sabsibeen
Warraa beeyneef tunii oduu
Nurraa fixe firaa hedduu
Takkaa nurraa haa cufamuu
Karrii nagaa haa banamuu

Dhugaa dubbachuuf du’a hayyoota har’a dhumanii dubbachuuf amanuu dadhabee garuu qileen washaa sibsibee akka qaanyii hin qabne hin beeka. Abdii dabalatee hayyoota har’a dhuman hudda rabbii haa raaramuuf.

Oromoota kutaa biraatif haaraa ta’uu danda’a dhalattoota baalefi arsii garuu namni inni fira irraa hin nyaatin hin jiru! Ummanni kun miskiina furmaata hin barbaadu ka karaa kanatti nyaatame dagateetuma karaa kana deema! Redwan J Ahmed

Picture of the day
04/02/2023

Picture of the day

25/09/2022

Baay'inni sanyii dhiiraa(seelii ispeermii) dhiirri tokko si'a takkaatti dhangalaasu miliyoona 39-928dha. wantoota dhala dhabuu dhiirotaa fidan keessaa tokko hir'achuu seelii ispeermiidha. Kanaaf seelii ispeermii miliyoona 39 gadi ykn miililiitira tokko keessa seeliin ispeermii miliyoona 15 gadi yoo tahe hir'ateera jenna.

Wantoota guyyaa guyyaan raawwannu kan Hir'achuu seelii ispeermii fidan maalfaadha?
-Ulfaatina qaamaa garmalee
-Sochi qaamaa gochuu dhiisuu
-Uffata jalaa/paantii baay'ee nu qabu yeroo hedduu uffachuu
-Alkoolii baay'inaan dhuguu
-Tamboo aarsuu
-Yeroo dheeraaf taa'aa turuu
-Dha’icha naannoo cidhaaniifaadha
Fayyaa hin dhabinaa

RIPDr. Osman Imam, You left us too early!!!!Rest in peace my friend! Utuu uummata kee taajaajiltee hin quufiin, osoo bar...
25/09/2022

RIP
Dr. Osman Imam, You left us too early!!!!
Rest in peace my friend! Utuu uummata kee taajaajiltee hin quufiin, osoo barumsa kee hin xumuriin deemte.... nagaan boqodhu!

Address

Ambo
12211

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Qalbeessaa Lammaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category