Qor-Fayyaa Beeyladaa

Qor-Fayyaa Beeyladaa Qor-Fayyaa Beeyladaa
Utubaan fayyaa hundaa Fayyaa Beeyladaati. Dursi fayyaa beeyladaaf!

28/08/2025
05/08/2025

๐ƒ๐‡๐”๐Š๐Š๐”๐๐€ ๐‡๐ˆ๐‘'๐ˆ๐๐€ ๐Ÿ๐ข ๐๐€๐‹๐€๐€๐ ๐ƒ๐‡๐”๐…๐€๐
โ„๐•ฆ๐•œ๐•œ๐•ฆ๐•“๐•’ ๐•™๐•š๐•ฃ'๐•š๐•Ÿ๐•’ ๐•Ÿ๐•ช๐•’๐•’๐•ฅ๐•’๐•Ÿ ๐••๐•™๐•ฆ๐•—๐•’๐•Ÿ
โ€Ž-Hanqina pirootiinii : gudina dhabuu, qacaacuu,hammi oomishaa gad bu'uu
โ€Ž-Hanqina maayineraalotaa:hanqina kaalsiyeemii:Hypocalcemia hanqina koopparii, hanqina magniziyeemii, hanqina selenium, hanqina ayiranii, hanqina potaasiyemii, sodiyeemii fikk
โ€Ž-Hanqina sukkaaraa ykn xannee: ketosis, gulukoosii qaamaa xiqqaachuu,
โ€Ž-Hanqina Vaayitaminii: humna dhabuu, gogaan qunca'uu, qeensi dacha'uu keessattu lukkuu, humna itti qaamaa gad bu'uu
โ€Ž๐”ป๐•™๐•ฆ๐•œ๐•œ๐•ฆ๐•“๐•’ ๐•ค๐•’๐•“๐•’๐•“๐•’ ๐•˜๐•’๐•ฃ๐•’๐•’ ๐•˜๐•’๐•ฃ๐•’๐•’๐•Ÿ ๐••๐•™๐•ฆ๐•—๐•ฆ
โ€Ž-Bokokkii: marga bokoksu dheeduu fi hudhamuun kan dhufu
โ€Ž-Garaa ciniinnaa: Mar'ummaan sababa garaa garaan cufamuun, qaamni miidhamuun dhufu
โ€Ž-Garaa qabuu: Garaachi yeroo daakuu dhiisee taa'uun,
โ€Ž-Caba lafee:sababa adda adaan dhufa
โ€Ž-Dhukkuba jigoo: dhiitoo harmaa
โ€Ž-Dil'uu buusuu dhadhabu
โ€Ž-Dhaluu dadhabuu
โ€Ž-Dhukkuba dhiitoo qaama saalaa
-Qaamni hormaataa gad bahee deebi'uu dhiisuu

โ€Ž๐ŸŒIttisaa fi to'annoo dhukkuba waliigalaa
โ€Ž-Talaallii kennuu
โ€Ž-Yaali saffisaa keennuu
โ€Ž-Beeylada dhukkubsate adda baasuun yaaluu
โ€Ž-Beeylada haara qoraannoon dura warra fayyaatti dabaluu dhorkuu
โ€Ž-Nyaata madaalawaa kennuu
โ€Ž-Dawaa maxxannee torbee lama lamaan kennuu
โ€Ž-Bakka dheedumsa beeyladaa jijjiiruu
โ€Ž-Ilbiisota dhabamsiisuu
โ€Ž-Beeylada guyyaa guyyaa fayyummaa isaanii hordofuu
โ€Ž-Qorannoo garaa garaa faffaca'insa fi argaminsa dhukkuba irratti gochuu
โ€Ž-Hojii walootiin hojjachuun dhukkuba daddarbaa dhorkuun warra ijooti.
โ€Ž
โ€ŽCopyright 2๐ŸŒ25
แตแตƒแตƒแถ แถ โฑโฑ
ยน.แตˆสฐแต˜แตแตแต˜แต‡แตƒ สทแตƒหกหฃแตƒหฃแตƒแตƒ สทแตƒแตƒโฟ สฐแต˜โฟแตˆแตƒ แต’แถ  แตแต‰แต‰หขหขแตƒแต—แต—โฑ สฐแตƒแตแตแตƒแต—แต˜ แตแตƒแตƒหกโฑแถ แตƒ'โฑแตˆสฐแตƒ?
ยฒ.แตˆสฐแต˜แตแตแต˜แต‡แตƒ สทแตƒหกหฃแตƒหฃแตƒแตƒ แตƒแตแตแตƒแตโฑแต—แต—โฑโฑโฟ แต แต’สณแตƒแต—แตƒแตแตƒ, สทแตƒหกแตˆสฐแตƒแตƒโฟแตƒแตแตƒ?
ยณ.แต‡แตƒแตแตแตƒ แต แต’สณแตƒโฟโฟแต’แต’โฟ แตแตƒสฐแตƒแตƒ สฐโฑโฟ สฒโฑสณสณแต‰ แตƒแตแตแตƒแตโฑแต—แต—โฑ แต—แต’'แตƒแถœสฐแต˜แต˜โฟ แตˆแตƒโฟแตˆแตƒแตƒ'แตƒแตแตƒ?
โด.แตˆสฐแต˜แตแตแต˜แต‡โฟโฑ สฐแตƒแตแตƒแตƒโฟ แตแตƒแตโฑ,? แตƒ. แต‡แตƒแตƒแตแต—แต‰สณโฑสธแตƒแตƒ, แต‡. แต›แตƒแตƒสธโฑสณแตƒหขโฑโฑ, แถœ. แถ แตƒโฟแตแตƒหขโฑโฑ, แตˆ. แตแตƒหฃหฃแตƒโฟโฟแต‰แต‰, แต‰. สฐแตƒโฟแต โฑโฟแตƒแตƒ แถ โฑ แต‡แตƒหกแตƒแตƒ, แถ . แถ โฑหกแตƒโฟโฟแต’แต’ สฐโฑโฟ แต แตƒแต‡แต˜

05/08/2025

๐ƒ๐ก๐ฎ๐ค๐ค๐ฎ๐›๐จ๐จ๐ญ๐š ๐›๐ž๐ž๐ค๐š๐ฆ๐จ๐จ ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ๐˜†๐—น๐—ฎ๐—ฑ๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—บ๐—ถ๐—ถ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ป:
โ€Ž๐Ÿญ. ๐——๐—ต๐˜‚๐—ธ๐—ธ๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ธ๐˜๐—ฒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ฑ๐—ต๐˜‚๐—ณ๐—ฎ๐—ป
โ€Ž-Abbaa sangaa:Anthrax
โ€Ž-Abbaa gorbaa:Blackleg
โ€Ž-Manjalloo:Tetanus
โ€Ž-Sombeessaa:TB, CBPP CCpP
โ€Ž-Gororsaa: OP, BP
โ€Ž-Albaasaa:John diseases,Salmonellosis, E. Coli
โ€Ž-Gatachiisaa:Brucellosis,
โ€Ž-Maraamartisaa:Listeriosis
โ€Ž-Forforeessa/dirmammeessa gogaa:Dermatophilosis
โ€Ž-Boccoqqii gogaa: Bovine farcy
โ€Ž-Dhig-finceessaa:Clostridoum hemorrhagic
โ€Ž-Golfaa/taayifooyidii:Salmonellosis
โ€Ž-Cuummessaa ijaa: Morexella,pink eye
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿฎ.๐——๐—ต๐˜‚๐—ธ๐—ธ๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ ๐—ฉ๐—ฎ๐—ฎ๐˜†๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐˜€๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ฑ๐—ต๐˜‚๐—ณ๐—ฎ๐—ป
โ€Ž-Maraachaa saree: Rabies
โ€Ž-Citteessaa gogaa:LSD, Sheep and goat pox
โ€Ž-Gombisaa lukkuu:Newcastle
โ€Ž-Laamshessaa lukkuu:Mareks
โ€Ž-Balaqii fardaa:African horse sickness
โ€Ž-Maariyyee bushaayee:PPR
โ€Ž-Hamdarroo:Contagious ecthema
โ€Ž-Baasaa/qabbana/kotte baqaqsa:FMD
โ€Ž-Dirmammuu fardaa: African arthtitis
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿฏ.๐——๐—ต๐˜‚๐—ธ๐—ธ๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ด๐—ฎ๐˜€๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ฑ๐—ต๐˜‚๐—ณ๐—ฎ๐—ป
โ€Ž-Forforii gogaa:Dermatophytosis
โ€Ž-Biichee:Epizootic lymphangitis
โ€Ž-Summii murtuu dheegee: Ergotism toxin
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿœ.๐•„๐•’๐•ฉ๐•ฉ๐•’๐•Ÿ๐•Ÿ๐•–๐•– ๐•œ๐•–๐•–๐•ค๐•ค๐•’๐•’ ๐•—๐•š ๐•’๐•๐•’๐•’๐•Ÿ ๐•“๐•–๐•–๐•ช๐•๐•’๐••๐•’ ๐•ž๐•š๐•š๐••๐•™๐•’๐•Ÿ
โ€Ž-Gandii: Trypanosomiasis
โ€Ž-Dhiig-finceessaa: Babesisosis
โ€Ž-Raammoo sombaa: Dictyocaulosis
โ€Ž-Raammoo tiruu:Fasciolosis
โ€Ž-Raammoo garaachaa: Hononchosis, roundword
โ€Ž-Raammoo miinii:Tapeworm
โ€Ž-Raammoo mar'ummaanii:๐•„๐•’๐•’๐•˜๐•’๐•’ :ascariasis, fikkf
โ€Ž-Raammoo gogaa:Flariasis
โ€Ž-Silmii:Ticks
โ€Ž-Siisoo/manjii:Mange mites
โ€Ž-Injiraan:Lause
โ€Ž-Tafkii:Fleas
โ€Ž-Muunyalee:Tunga penetrata
โ€Ž-Titiisa gammoojjii:Tse tse -Titiisa hiddaa:Stomoxy
โ€Ž-Bookee ciniinisa :culicoids spps
โ€Ž
...,





๐Ÿ‡ซ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡พ ๐Ÿ‡พ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ณ ๐Ÿ‡ซ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡พ ๐Ÿ‡ฆ
๐Ÿ‡ถ ๐Ÿ‡ซ ๐Ÿ‡ง 2๐ŸŒ25

05/08/2025

โ€Ž๐——๐—›๐—จ๐—ž๐—ž๐—จ๐—•๐—”๐—” ๐—™๐—œ ๐—™๐—”๐—ฌ๐—ฌ๐—”๐—”
โ€Ž๐…๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐š jechuun haala sirri sirni qaamaa, dalagaa fi gochaa si'ata ta'e itti raawwatu dha. kan haala gaarii xinsammuu, dalagaa qaama, hawaasummaa fi siyaasawaa rakkoo irraa bilisa ta'e dha. Egaa fayyaan miidhame jechuun dhukkubni yeroo mul'atutti.
โ€Ž
โ€Ž๐ƒ๐ก๐ฎ๐ค๐ค๐ฎ๐›๐š jechuun haala sirni qaamaa, yeroo itti dalagaa isaa isa sirri dalaguu dhiisuudhan, dalagaa ala ta'u ykn dadhabu jechuu dha. Kun immoo hamma oomishaa fi jireenya irratti dhiibbaa kan uumu dha. Dhukkubni lubbu qabeeyyi maraa qabuu kan danda'u biqiloota, bineeldota fi nama kan walqabatuu dha.
โ€Ž๐Ÿ‘‰Dhukkubni kan irraa ka'u dhiibbaa, lubbuqabeeyyiin xixxiqqoo sirna qaama, lubbuqabeeyyi gurguddoo irratti fidanii dha.
โ€Ž
โ€Ž๐Ÿ‘‰Akkasumas dhukkubni sababii miidhaa balaa ala fi keessa irraa dhufu, kana male hir'ina nyaataa irraa kan ka'us ni mul'ata
โ€Ž
โ€Ž๐ŸŒDhukkuboota lubbu qabeeyyi xixxiqqoo kanneen akka baakteeriyaa, vaayirasii, fangasii fi maxxannee xixxiqoon dhufan ni mul'ata. Akkasumas maxxanneen qaama keessaa fi alaa nyaata saamuudhaan dhukkubas fiduu ni danda'u.

โ€Ž๐Ÿ‘‰Dhukkuboota lubbu qabeeyyi xixiqqoon dhufan nama namatti, beeyladaa beeyaldatti akkasumas namarra beeyalada, beeyladaa namatti daddarbuun hubaati guddaa fiduu danda'u. Dhukkuboota daddarboo kanneen jedhaman karaalee addaa addaan daddarbuu kanneen danda'anidha. Nyaata faalame, bishaan faalame, tuttuqqiidhan, hargansuu(qilleensan), karaa gogaa seenuu dhan, ciinninna bineensan, karaa dhiigaa fikk daddarbuu danda'u.
โ€Ž๐Ÿ‘‰Dhukkuboota beeyladaa baay'inaan irra jireessa gara namaatti daddarban galmaa'anii kan jiranidha. Dhukkubni daddarbaa hawaasti hubamu irra caalaa nyaata faalame soorrachuu dhaan. Dhukkuba akka garaa ciniinaa fi dugda kutaa, taayifooyidii.
๐Ÿ‡ฌ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ฆ ๐Ÿ‡ซ ๐Ÿ‡ซ ๐Ÿ‡ฎ ๐Ÿ‡ฎ
1.แต แต’สณแตƒโฟโฟแต’แต’โฟ, สทแตƒหกแตˆสฐแตƒแตƒโฟหขโฑ แตˆสฐแต˜แตแตแต˜แต‡แตƒ แต‡แตƒสณแตƒ แตแตƒแต แต‡โฑสธสธแตƒ แตแตƒแตโฑแต—แต—โฑ แต‰แต‰แตแตƒหกแต‰?
2.แต แต’สณแตƒโฟโฟแต’แต’ แตแตƒแตแต—แต˜ แตˆแต˜สณหขแตƒ แตแตƒโฟ โฟแตƒแตแตƒแตƒ แตแต’แต’ แต‡แต‰แต‰สธหกแตƒแตˆแตƒแตƒ?
3.แตแตƒสณแตƒแตƒ แตแตƒสณแต˜แตแตแตƒแตƒ แถ แตƒสธสธแตƒแตƒ แถ โฑ แตˆสฐแต˜แตแตแต˜แต‡แตƒแตƒ แตแตƒแตƒหกโฑ?
แตˆแต‰แต‰แต‡โฑโฑ แตแต‰โฟโฟแตƒแตƒ, แถ แตƒสธสธแตƒแตƒโฟ แถ แตƒแตƒสธแตƒ
โ€Ž ๐ŸŒ๐Ÿ‡ถ ๐Ÿ‡ซ ๐Ÿ‡ง แต แต’สณ-แถ แตƒสธสธแตƒแตƒ แต‡แต‰แต‰สธหกแตƒแตˆแตƒแตƒ 2015
โ€Ž

05/08/2025

Big shout-out to my newest top fans! Joo Solomon, Najjash Amadin, Adem Taju

01/01/2025

Happy New Year 2025! May this year inspire you to achieve great success, cultivate fruitful experiences, and foster love and unity in all your relationships. Let us also take a moment to appreciate the invaluable contributions of veterinarians as they care for our beloved animals. Here's to a fulfilling year ahead!

01/01/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Tekalign Fantahun, Gannatii Tasfaa Baqala, Nimona Abdi, Tadale Mokenen, Jaarso Harsu, Musa ล hafa Hundesa, Dajanee Abarraa, Diriba Tesfa Jaleta, Abalfahi Gaali Abba Sanbii, Chala Keneni Bersisa, Jamal Hasan Hasan, Amaalee Taarikuu Dhibbarraa, Abbe Sanyi Mooti, Adisu Shiferaw, Hayu Birhanu, Bontu Taraqu Bantu, Bakalche Bacha Terfa, Lelisa Bayisa Dagaga, Chala Asefa, Demeke Saphoy, Asfaw Abera, Yisiak Meseret, Gammachiis Abarraa, Birhanu Dulo, Kasahun Dereje, Sami Chala, Bededa Dengule, Bilisumma Tasfaye, Lalisee Tasfayee, Ahmad Xaahir, Gemechu Aman, Samuel Gudisa

๐Ÿ‘‰  in indexed_journal  beekamoo ta'an fayyaa beeyladoota huban, akka marsariitii armaan gadii kanatti, maxxanfamee jira,...
18/12/2024

๐Ÿ‘‰ in indexed_journal
beekamoo ta'an fayyaa beeyladoota huban, akka marsariitii armaan gadii kanatti, maxxanfamee jira, yaadaa qabdan nuuf qoodaa horaa bulaa.

Plants are important components in the life of humans and animals... However, plants can be to both animals and humans when ingested๐Ÿ‘‰ leading to poisoning... This presents to and can impede economic growth
This paper has been published in indexed wiley journal of Toxicology [Author: ,A., and ,D.,2024]
๐Ÿ‘‰

Plants are important components in sustaining the life of humans and animals, balancing ecosystems, providing animal feed and edible food for human consumption, and serving as sources of traditional ...

Deemsi gara fuulduraatti, Qor-Fayyaa Beeyladaa haala addaatiin jalqabbii irra jiraHaala qorannoo, data analyses, anayse ...
23/08/2024

Deemsi gara fuulduraatti, Qor-Fayyaa Beeyladaa haala addaatiin jalqabbii irra jira
Haala qorannoo, data analyses, anayse tools, ArcGIS fi kkf qabatee dhiyaachuuf jira
Software garaa garaa hasla salphaan argachuuf karaa telegram waan salphatuuf telegram irraan kan update ta'e argachuu ni dandeessu kanaaf telegram channel join gochuun waan barbaachisu wal yaadachiisaa wal barsiifna
Research akkaata barreessuu, analyse salphaa hanga walxaxaatti jiru Akkasumas akkaataa waraqaa publish itti godhan karaa salphaa wal barsiisaa wal jajjabeessina
Kanaa page keenyas guddisaa
Telegram kana join godhaa, invite taasisaa,
https://t.me/qor_fayyaabeeyladaa

Horaa bulaa deebanaa

20/08/2024

Thanks for being a top engager and making it on to my weekly engagement list! Leencoo Leenjisaa, Siraj Ahmed, Fikir Desalegn

     godhaa  Hakiimni fi ogeessi fayyaa beeyladaa yeroo maraa aarsaa of gochuun ogummaa isaanii kan bahani dha. Keessatt...
18/08/2024


godhaa

Hakiimni fi ogeessi fayyaa beeyladaa yeroo maraa aarsaa of gochuun ogummaa isaanii kan bahani dha. Keessattu dhukkuboota daddarboo ta'aniin ni saaxilamu.Yeroo maraa karaa salphaa fi hin yaadamneen dhukkuba gatachiisaa isa jedhamuun ni saaxilamuu, keessattu of eeggannoo dhabinsa waldhaansa baqaqsanii yaaluu fi dil'uu baasuu(retained of placenta) sababa meeshaalenii fi reagent of eeggannoo jiraachu dhabuutiin. Akkasumas dhangala'oo beeylada gatattee jirtu tuttuquun rakkoo hamaa dha. Dhukkubni bruseellosisii kun beeylada irraa namatti darbuudhaan, namni akka dhala hin godhanne taasisa( ) kun dhiira irratti ni beekama. Kanaaf of eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.
๐Ÿ™๐Ÿ‘‡
Mee gaaffii kana deebisaa # Gaaffii
1. Dhukkubni biruseelloosisii maaliin dhufaa??
2. Sanyii baakteeriyaa dhukkuba kana fidu gosa beeyladaa faana tarreessaa???
3. Dhukkubni kun yeroo jalqabaa qofaaf sa'a gatachiisa deebi'ee hin gatachiisu maaliif???
4. Dhukkubni biruseellosisii kun maaliif rimaa ji'a gara dhumaa ji'a 6,7 hanga 8 gidduutti gatachiisaa???
5. Dhukkubni gatachiisaa akkamitti to'atama????
5. Dhukkubni biruseellosisii ulfa dubartoota irraa ni baasaa??? yoo hin baasu ta'e sababii isaa maalidhaa???

hirmaadhaa deebii message jalatti barreessaa
Horaa bulaa deebanaa




haa kennamu

Address

Oromia
Ambo
+251

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qor-Fayyaa Beeyladaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram