29/06/2024
Dhukkuba Dhiibbaa Ijaa (Gilaaakoomaa/ Glaucoma) የዓይን ግፊት ህመም
=====================================================================
Tarii ogeessa fayyaatin dhukkuba dhiibbaa ijaa (Gilaakoomaa) akka qabdan yookiin immoo dhukkuba kanaaf caalmatti saaxilamaa ta’uu keessan isinitti himameera ta’a. yookiin immoo nama dhukkuba Kanaan qabame naannoo keessanitti beekuu dandeessu. Tasumaa dhukkubni kun maal akka ta’e hin beektanis ta’uu mala. kanas ta’ee sana, Gilaakoomaan maali, jireenya fi dandeettii arguu keenyaa irratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a qabxiilee jedhan beekuun barbaachisaa dha.
Gilaakoomaan dhukkuba narvii agartuu keenyaa isa dhaamsa karaa ifaatiin ija keenya seenu fuudhee gara sammuu geessu irratti miidhaa qaqqabsiisudha. Narvii agartuu jennee kan waamnu kun seelota heddu qaqalloo ta’an fi funyoo elektrikaa fakkaatan irraa kan ijaarame ta’uu isaa irraa kan ka’e dabaluu dhiibbaa ijaatin salphaadhumatti miidhamuu danda’a. narviin agartuu haala Kanaan miidhame immoo dhaamsa gahaa fuudhuu fi gara sammuu keenyatti geessuu irratti dadhabaa waan adeemuuf dandeettin arguu ija miidhamee gadi bu’aa dhufa. haa ta’u malee, miidhan bifa kanaan narvii irra qaqqabu kun sadarkaa cimaa irra hamma gahutti namni dhibee kanaan qabame osoo of irratti hin barin yaala malee turuu ni danda’a. miidhaan kun dabalaa adeemuun sadarkaa olaanaa irra yeroo gahu ykn guutumaan guututti narviin agartuu yeroo miidhamu dhaamsi ija irraa gara sammuu deemu dhaabbachuun jaamina ijaa fida. Funyoon elektirikaa tokko yemmuu miidhaan irra gahu yookiin yoo citu funyoo kana suphuun ykn geeddaruun tajaajila irraa argachuun kan danda’amu yemmuu ta’u narviin ija keenyaa garuu erga miidhamee booda narvii kana jijjiiruun yookiin suphuun dadhabina ykn jaamina ijaa hambisuun hin danda’amu. Karaa birootiin yoo ibsamu, dhukkubni kun mallattoo tokko malee osoo hin beekamin dhibee hamaa dandeettii arguu keenyaa suuta suutaan dhabamsiisuudha. Haaluma wal fakkaatuun bal’ina dirree agartuu dhiphisuun ija dadhabsiisuun jaaminaaf nama saaxila. Kanaafuu, furmaanni jiru tokko qofa yoo ta’u, innis rakkoo dhibee kanaan dhufu hir’isuuf osoo dhukkubichi miidhaa hamaa hin geessisin yeroon qorannoo ijaa sirrii ta’e taasisuu fi gosoota yaalaa garagaraa ogeessa fayyaatiin kennaman fayyadamuudha. Dhukkubni Gilaakoomaa jaamina agartuu fiduun sadarkaa addunyaatti dhibee Moora ijaatti aanee sadarkaa lammaffaa irra kan taa’u yoo ta’u, akka biyya Itiyoophiyaatti immoo dhibee mooraa fi Tiraakoomaatti aanee sadarkaa sadaffaa irra jira. Jaaminni dhibee mooraa fi Tiraakoomaan dhufu erga yaalli baqaqsanii yaaluu godhamee booda namoonni agartuu isaanii dhukkubaan dura turee yookiin itti dhihaataa ta’e horachuu kan danda’an yoo ta’u jaamina yookiin hir’ina agartuu ijaa sababa Gilaakoomaatiin dhufu garuu of duuba deebisuun tasumaa hin danda’amu. Kanaaf jecha rakkoon dhukkuba Gilaakoomaatiin dhufu hedduu yaachisaa fi sodaachisaa ta’a. kanaafuu kaayyoo guddaan yaala kennamuu guyyaa dhibeen barame irraa kaasee miidhaan dabalataa akka hin uumamnee fi cimaa akka hin adeemne gochuu dha. dhugaa jiru kana immoo namoonni dhibee kana qabanii fi fuulduratti saaxilamoo ta’uun itti himame sirriitti hubachuu qabu.
Dabalataanis akka dhibee moora ijaa yaala yeroo tokko godhameen fayyuu kan hin dandeenye waan ta’eef, guyyaa dhukkubichi barame irraa kaasee osoo addaan hin kutin
umrii guutuu deddeebi’uun hordoffii yaalaa gochuun dirqama ta’a.
Gilaakoomaa maaltu fida? What is the cause of Glaucoma?
=====================================
Akkuma qaama keenya kanneen biroo ijji keenya hojii ilaaluu isaa kan idilee sirnaan akka hojjatuuf wantoonni akka qilleensaa, bishaanii, nyaataa fi kkf isa barbaachisu. Ijji keenya boca kubbaa fakkaatu kana qabatee akka turu kan isa dandeessisu dhangala’aa bishaan fakkaatu (bishaan ijaa) yoo ta’u, dhangala’aan kun boca ijaa eeguun cinaatti kutaalee keessa ijaatiif wantoota barbaachisu geessuu fi xuraawaa adeemsa gubama soorataa keessatti uumamu dhabamsiisuuf tajaajila. Kubbaan tokko akka kubbaatti tajaajila isa irraa eeggamu kennuuf keessa isaatti dhiibbaan qilleensaa gahaa ta’e jiraachuun dirqama. Kubbaa kana keessa dhiibbaan jiru yoo gadi bu’e yookiin immoo dabale kubbicha irra miidha qaqqabsiisa. Haaluma wal fakkaatuun hammi dhangala’aa ija keenya keessa jiruu yoo gadi bu’e yookiin yoo dabale, ijji keenya hojii isaa idilee akka sirnaan hin hojjanne gochuu irra darbee ija keenya irra miidhaa qaamaa geessisa. Akkuma armaan olitti ibsame Gilaakoomaan kan uumamu yemmuu dhangala’aan ijaa yookiin bishaan ija keenyaa hamma barbaadamuu ol kuufamuun(dhiibban ijaa dabaluun) narvii ijaa kan dhaamsa ija irraa gara sammuu geessu kana irra miidhaa qaqqabsiisuu dha. dimshaashumatti, Gilaakoomaan kan uumamu yeroo hammi dhangala’aa ija keenya keessatti argamuu dandeettii ijji keenya baachuu danda’uu ol darbuun dhiibban ijaa narvii agartuu irratti miidhaa geessisuu dha.
Wantootni Gilaakoomaaf nama saaxilan maal fa’a? What are the risk factors for glaucoma?
=====================================
Dhukkubni kun sanyii, saala, umurii fi amantaan osoo hin qoodin kutaa hawaasaa kamuu miidhuu kan danda`uudha. haa ta’u malee wantootni dhibee kanaaf caalmatti nama saaxilan gurguddoon kanneen armaan gadiiti.
1. Umuriin dabalaa adeemuu (waggaa 40 fi achii ol); akkuma umuriin dabalaa adeemuun carraan dhukkuba Gilaakoomatiif saaxilamuu dabalaa adeema.
2. Sanyii gurraacha (hortee Afrikaa) ta’uu
3. Maatii keessaa (obboleettii, obboleessa, haadha, abbaa) namni Gilaakoomaan qabame yoo ture/jiraate.
4. Dhukkuboota qaamaa biroo (dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhibee onnee, bowwoo..."migraine")
5. Rakkoolee ijaa fuullee ijaatin/marayaan yaalaman (qaroo fagoo fi qaroo dhihoo)
6. Ija balaa rukuttaa fi dhukkuba biraatiin miidhaan irra gahe
7. Hir’achuu furdina gurraattii ijaa (haphachuu gurraattii ijaa)...thin cornea
8. Qorichoota yeroo dheeraaf fudhataman (keessumattuu koortizoon/Isteerooyid kan of keessa qaban)
Gilaakoomaan jiraaachuu isaa akkamitti beekama?How do we know someone has Glaucoma?
=====================================
Namni tokko dhibee Gilaakoomaa qabaachuu fi dhiisuu isaa beekuu kan danda’u ogeessa ijaa muuxannoo gahaa qabuun qorannoon ijaa barbaachisu hundi erga godhameefii booda. Keessumattuu namni tokko Gilaakoomaa qabaachuu fi dhiisuu adda baasuuf qorannoowwan bu’uuraa armaan gadii kunneen godhamuu qabu.
1. Dhiibbaa ija keessaa safaruu.
2. Furdina gurraattii ijaa/koorniyaa safaruu.
3. Meeshaa addaa fayyadamuun kallattiin narvii ijaa ilaaluun miidhaa jiru adda baasuu fi yoo jiraate immoo sadarkaa irra jiru safaruu.
4. Meeshaa addaatiin dirree agartuu ijaa safaruu
Qorannoowwan asii olitti tuqaman kunneen erga taasifamanii booda namni tokko Gilaakoomaa qabaachuu fi dhiisuu akkasumas sadarkaa inni irra jiru tilmaamuun filannoowwan yaalaaf ta’an irratti ogeessi fayyaa dhukkubsataa mariisisuun yaalii barbaachisu irratti murtii kenna. Yeroo qorannoon taasifamu kanatti namootni Gilaakoomaa irraa bilisa ta’anii garuu carraan fuulduratti qabamuu isaanii bal’aa ta’e waggaa waggaatti yeroo tokko qorannoon ijaa akka taasifamuuf gorsi ni kennamaaf.
Yaalli Gilaakoomaa maali? What is the treatment for glaucoma?
=====================================
Qabxiin guddaan namni dhibee Gilaakoomaa qabu tokko cimsee beekuu fi amanuu qabu, hir’achuun dandeettii arguu sababa Gilaakoomatiin dhufe yaala kamiinuu tasumaa bakka duraan turetti deebisuun akka hin danda'amneedha. faayidaan yaala godhamuu miidhaan narviin ijaa irra gahu bakka jirutti akka dhaabbatu yookiin caalatti akka hin miidhamne gochuuf akka ta’e sirritti beekuu qaba.
Gosoonni yaalaa Dhibee Gilaakoomaatiif godhamanii gurguddoon sadii ( yaala qorichaa, yaala cararii ifaa/laser/ fi yaala baqaqsanii yaaluu Gilaakoomaa) yoo ta’an kaayyoon isaanii guddaan dhiibbaa ija keessa jiru hir’isuudhaan miidhaan caalu akka hin dhufne ittisuu fi yoo jiraates miidhaa kana xiqqeessuudha.
Gilaakoomaa ittisuun ykn Jaamina Gilaakoomaan dhufu xiqqeessuun akkamitti danda’ama? What to do to prevent or minimize sight loss from Glaucoma?
=====================================
Akka waliigalaatti wantootni bi'uuraa armaan gadii yoo qixaan hubataman dandeettii arguu ija ofii tursiisun, gilaakoomaan yoo jiraates miidhaa isaa xiqqeessun ni danda'ama.
1. Umriin keessan yoo afurtama darbe, maatii keessa namni Gilaakoomaan qabame yoo jiraatee fi akkasumas dhibeewwan qaamaa biroo kan Gilaakoomaaf nama saaxilan yoo jiraatan miidhaa isaa kana hambisuun waan danda’amuuf, waggaatti yoo xiqqaate yeroo tokko qorannoo ijaa guutuu taasisuu.
2. Dhaabbilee fayyaa kan mootummaas ta’ee kan dhuunfaa kanneen tajaajila qorannoo Gilaakoomaa kennan beekuu.
3. Waa’ee Gilaakoomaa irratti hubannoo qabdan cimsuu fi akkamitti ija keessan akka miidhu beekuu
(ምንጭ መጽሐፍ: የዓይን ጤናና ክብካቤ በፕ/ር የሺጌታ ገላዉ ከገፅ 47-70 በከፊል የተወሰደ)
Dr Gudina Milkessa (Ophthalmologist)
Kilinika G/G Ijaa Qaroo
Ambo