Dr.Firaol Lechisa

Dr.Firaol Lechisa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr.Firaol Lechisa, Doctor, Arjo.

Kana booddees Yesus,“Yommuun isinii wajjin ture waa'ee kootiif seera Musee,macaafa raajotaa fi,macaafa faarfannaa keessa...
20/04/2025

Kana booddees Yesus,
“Yommuun isinii wajjin ture waa'ee kootiif seera Musee,macaafa raajotaa fi,macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru,kan ani isinitti hime,kunoo,isa kana” isaaniin jedhe. Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef. “Kristosichi dhiphachuuf,guyyaa sadaffaattis du'aa ka'uuf akka jiru,
yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru,caafameera.Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha.
Luq 24:44-48
Happy easter!

HEMOPTYSIS(DHIIGA QUFA’UU) Dhiiga qufa'uun bifa sadiin mul'achuu danda'a; akkee dhiiga faana walmake,dhiiga qulqulluu, d...
14/07/2024

HEMOPTYSIS(DHIIGA QUFA’UU)
Dhiiga qufa'uun bifa sadiin mul'achuu danda'a; akkee dhiiga faana walmake,dhiiga qulqulluu, dhiiga akkee hoomacha fakkaatu duukaa walmake
■MAALTU FIDA?
-Dhukkuboota mallattoo kana agarsiisan bakka gurguddaa 4tti qoodna:
• INFEEKSHINII SOMBAA(Daranyoo sombaa(TB),pneumonia,bronchitis fi ujummoon qilleensaa akkeen keessa baay’atee fi dheekkamee(inflamed) bal’achuu(Bronchiectasis) kan jennu fa’aarraa dhufuu danda’a)
• KAANSARII(kaansarii somba irraa ka’u yookiin kan iddoo biraatii gara sombaatti tamsa’an irraa.
• DHIBEE HIDDA DHIIGAA SOMBA KEESSA JIRAN IRRAA KAN KA’U(kanneen akka pulmonary edema(sababoota garaagaraa irraa kan ka’e dhangala’oon ujummoo dhiigaatii alatti somba keessatti kuufamuu),Pulmonary embolism(dhiigni itite ujummoo dhiigaa somba keessa jiraachuu) dhukkuboota sombaaf kalee walduukaa huban(pulmonary renal syndromes)fi kkf)
• SABABOOTA BIROO(rakkoo dhiigni itituu dadhabuu(bleeding disorders),qorichoota wal’aansaaf jecha akka dhiigni hin ititnfeef kennaman irraa fi sababa wal’aansaaf jecha meeshaaleen garaagaraa yeroo somba keenya keessa galfaman kan mudatu)
■IDDOO MEEQATTI QOODNA?
Baay’ina dhiiga qufa’amu irratti hundoofnee bakka lamatti qoodna.Isaanis Massive fi non massive jedhamu..”MASSIVE” kan jennuun hanga danuudhaan yookiin baay’ee ta’u kan ba’u yeroo ta’u innis sa’aatii 24 keessatti dhiigni 400ml yoo bahe ykn immoo al takkaatti 100ml hanga 150ml yoo baasneedha.NON MASSIVE kan jedhamu hanga armaan olitti eeramerraa gadi yoo ta’eedha.
■QORANNOO AKKAMIITU TAASIFAMA?
♢ CBC
♢ CHEST X RAY
♢ CT SCAN
♢ COAGULATION PROFILE
♢ RFT
Akka barbaachisummaa isaaniitti ilaalamuu danda’u.
■MALLATTOO KANAAF MAALTU NU SAAXILA?
♢ Tamboo xuuxuu
♢ Umurii
♢ Dhibee dhalootaan namatti dhufu cystic fibrosis jedhamu qabaachuu
♢ Madinummaan qaama namaa hir’achuu
■XAXAA ISAA(COMPLICATION)
-Mallattoon kun lubbuu keenya kan gaaga'u baay'ina dhiiga bahurraan kan ka'e hanqina dhiigaa dhufurraa qofa utuu hin taane harka caala dhiigni ujummoo dhiigaa somba keessa jiran irraa gara ujummoo qilleensaatti galuudhaan qilleensa bahuuf galuu yeroo dhorkuudha.kanaafuu battala mallattoo kana ofirratti agarre yeroodhaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
■WAL’AANSI ISAA HOO?
Wal’aansi isaa kan hundaa’u baay’ina dhiigaa bahaa jiruu fi sababa mallattoo kana fide irrattidha
Fayyaa hin dhabiinaa
Dr.Firaa'ol Lachiisaa

DU'A GURRAACHA(BLACK DEATH)-Dhukkuba jaarraa 14 keessa uummata awurooppaa harka 1/3ffaa fixe.Uummata addunyaammoo hanga ...
03/03/2024

DU'A GURRAACHA(BLACK DEATH)
-Dhukkuba jaarraa 14 keessa uummata awurooppaa harka 1/3ffaa fixe.Uummata addunyaammoo hanga uummata miiliyoona 200 tti galaafate! Namoonni dhibee kanaan du'an jalqaba kan mul'atan bara 1347 doonii kiriimiyaa irraa ka'uudhaan qarqara odola siisilii biyya xaaliyaaniitti argamtu qubatte irrattidha.

DHIBEE KANA KAN FIDU MAALI?
-Du'i gurraachi yookiis plague kan dhufu baakteeriyaa yeersiiniyaa peestis jedhamuuni.

AKKAMITTIIN DADDARBA?

-Jalqabatti bineensota akka hantuutaa(rodents) jedhaman kan hubu yoo ta'u tafkiin dhiiga hantuuta dhibee kanaan hubame sooratte yeroo hatuutichi dhibee kanan du'u soorata barbaacha namatti dabarsiti.)
-Namarraa namatti immoo kara qilleensaatiin somba keenya qabachuun fi tuttuqaa qaamaatiin illee ni darba

MALLATTOOLEE DHIBEE KANAA

-dhibeen kun mallattoo inni agarsiisu qaama inni hube irratti hundaa'uudhaan;
1.Bubonic plague(infeekshinii xannachoota qabatee keessatti akka dhiigan gochuudhaan mudaamuddii fi bobaa dhiitessee halluun gurraachatti akka jijjiiramu godha)
2.Primary septicemic plague(baakteriyichi dhiiga keessa tamsa'uudhaan mallattoolee akka gubaa qaamaa,mataa bowwuu,qorrisiisuu fida.Akkasumas qaama keenya akka tiruu fi rajiijii s ni huba)
3.Pneumonic plague(Infeekshinii sombaa fiduudhaan mallattoolee akka qufaa ,hafuura kutaa,dhukkubbii laphee fi akkee dhiigan makate nutti fida)

AKKAMITTI ITTISUUN DANDA'AMA
-Nama dhibee kanaan qabame addatti baasuu
-nannoo itti dhibeen kun tamsa'ee jirutti qoricha farra bookee biifuu
-bineeldota ofiin du'an tuttuquurraa of eeguu
-Maaskii fayyadamuudhaan akka somba keenya hin qabanne gochuu
-yoo naannoo dhibeen kun tamsa'etti saaxilamne immoo qoricha akka dhibeen kun nun qabneef fudhatamu(post exposure antibiotic) fudhachuu

XAXAA(COMPLICATIONS)
--infeekshinii onnee,sammuu,fi ijaallee fiduu da'a.

AKKAMITTI WAL'AANAMA
-Qorichoota akka (Gentamycin,streptomycin,Ciprofloxacin,Doxycycline........) dhukkubsataa irratti hundaa'uudhaan laatamu.

Waayee dhibee kanaa waloo oromoo ani baay'ee jaalladhu Obbo Zalaalam Abarraa waggaa kudhan dura akkasittiin walaleessanii ture.Guutuu walaloo isaa immoo link youtube asii gaditti argamurraa akka dhaggeeffattanin isin affeera.
-Nagaa hin dhabiinaa!!!!!!
Dr.Firaa'ol Lachiisaatiin.

=DU'A GURRAACHA=
dhukkuba akka oodaa
kan qoricha hin qabne
kan isaan qabame
kan tasa hin fayyine.
yemmuu nama qabee
lafaan nama dha'u
ayyaana abbaaf haadhaa
waaman hin dhaga'u
tokkorraa isa kaanitti
maaliin akka darbu
akkaataa deemsasaa,
beekaan quba hin qabu.

Qaalluun waansaa hin beeku
moorri hin muldhisu.
xaaxessaafi koobaan,
homaa hin fayyisu.
qalan hin sooratu,
dhibaayyuu hin simatu.

ofiisaaf gorra'a.
dhibba,dhibbaan nyaatee
ammayyuu ni beela'a
nama galaafatee
waaqa gojoma'a!

kaaniif kotteen kaata,
kaaniif koochoo qaba.
muummee namaan lixa
tulluu namaan yaaba.
mormafaa dhiitessee
mudaamuddiif bobaa
dhullaafi dhiitoodhaan
micciireetu sarbaa
ciriqii hudheetuu
liqimsituuf somba
afuura booji'ee
humna nama sarba......................

"Du'a Gurraacha (The Black death)1347-1351..... Obbo Zalaalam Aberraa Hogbarruu Afaan Oromoo keessatti ogummaa qaban fayyadamuun Walaloo dhaggeeffatamanii hi...

-DHUKKUBA SAREE MARAATTEE (RABIES)dhukkuba balaafamaa yoo mallattoo dhibichaa agarsiisan nama galaafatuudha! Kanaafuu ca...
14/02/2024

-DHUKKUBA SAREE MARAATTEE (RABIES)
dhukkuba balaafamaa yoo mallattoo dhibichaa agarsiisan nama galaafatuudha! Kanaafuu carraan du'uu keenyaa harka 100 dha jechuudha.
-DhIBEEN KUN AKKAMITTI NAMA QABA??
Dhibichi dhukkuba saree maraattee gaafa jedhamu akka maqaa isaa kan saree duwwaan namatti dhufu miti. xannacha hancufa maddisiisan keessatti wal horuudhaan bineensota akka simbira halkanii,jeedala,adala irraallee yeroo nama moccoran ykn ciniinan narvii keenya qabachuudhaan sirna narvii giddu galeessaa huba.
-Mallattoon dhibee kanaa sadarkaa dhibeen kun irra jirurratti hundaa'ee gara jalqabaa(prodromal stage) irratti gubaa qaamaa, mataa bowwuu,hoqqisiisuu,cinqamuu,iddoo ciniinamne sana nama hooksisuu fi dhukkubbiin namatti dhagahamuu. sadarkaa itti aanu irratti immoo gosa dhibichaa(enchephalitic yookiin paralytic rabies) kan jedhaman irratti hundaa'ee bishaan jibbisiisuu(hydrophobia),qilleensa jibbisiisuu(aerophobia),hancufa namatti baay'isuu(dololuu),qaama laamshessuu fa'aa nurratti mul'achuu danda'a.
-Vaayirasichaaf saxilamnee mallattoo dhibee kanaa mul'isuudhaaf guyyaa 20 Hanga ji'a sadii fudhachuu danda'a.Yeroo tokko tokko guyyoota muraasa keessattis mallattoo dhibee kanaa mul'isuu dandeenya.Namoota muraasa irratti immoo waggaa tokko boodas mul'achuu danda'a.
-MAAL HA GOONU?
-Akkuma bineensota kanaan ciniinamneen yookiis moccoranmeen yookiin hancufi isaanii madaa keenya tuqeen bakkicha samunaa fi bishaaniin daqiiqaa 15f sirriitti dhiquu.
-Sana booda gara mana yaalaa deemuudhaan yoo ulaagaa talaallii guunne talaallichi kan nuuf kennamu ta'a.

-Saree nu ciniine sana qofaatti baasnee hidhuudhaan guyyaa 10f mallattoo dhibee kanaa yoo agarsiiseef hordofuu.
-Saroota mallattoo dhibee kanaa agarsiisan ajjeesuu warra kaan immoo talaallii laachuufii.
-SAREEN DHIBEE KANAAN QABAMTE MALLATTOO AKKAMII AGARSIISUU DANDEESSI?
●Akkuma kan namaa sareenis sadarkaa dhibeen kun irra jiru irratti hundaa'uudhaan jalqaba(prodromal stage) irratti nama baqachuu,dukkana keessa dhokadhokachuun irratti mul'achuu danda'a.sadarkaan itti aanu immoo Maraachuu(Furious stage ) dha.yeroo kana immoo asiif achi fiiguu ,bishaan jibbisiisuu(hydrophobia) ,utuu hin tuqamiin nama ciniinuu(unprovoked bite),sagaleen jijjiiramuun fa'aa irratti mul'achuu danda'a....sadarkaa dhumaa(paralytic stage) irratti immoo qaamni ishee waan laamsha'uuf of dandeessee hin dhaabbattu.
Hub: saree shakkamte fayyaatti qabdanii hidhuuf jecha nama biroo balaaf akka hin saaxille eeggadhaa!
Fayyaa hin dhabiinaa.
Dr.Firaa'ol Lachiisaa

Dhibee Daranyoo sombaa(TB) Dhukkubni TB gosa baakteeriyaa maaykobaakteriyam Tiyuberkiloosis kan jedhamuun kan dhufuudha....
27/11/2023

Dhibee Daranyoo sombaa(TB)
Dhukkubni TB gosa baakteeriyaa maaykobaakteriyam Tiyuberkiloosis kan jedhamuun kan dhufuudha.Baakteriyaan kun yeroo baay’ee somba keenya kan hubu ta’us qaama keenya biraas (Lafee,mar’ummaan,Sammuu,Xannacha,kalees) hubuu danda’a.Baakteriyaan kun qaama namaa keessa galuun(infected) ta’uunii fi mallattoo dhibee kanaa agarsiisuun gargari.
-Akkaataa dhibeen kun itti daddarbu
Dhibeen kun nama dhibee kanaan qabamerraa isa fayyaatti kara qilleensaatiin (air droplets); jechuunis yeroo namichi qufa’u,Haxxiffatu fi haasa’u nama isa fayyaatti darbuu danda’a.Keessumaa nama ga’eessa(Adult) irratti baakteriyaan kun utuu mallattoo dhibee hin agarsiisiin somba keenya keessa waggaa dheeraadhaaf turuu danda’a.Sadarkaa dhibee kanaas “Latent TB”jennee waamna. Yeroo dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu qaama keenyaa gadi bu'u mallattoo dhibee kanaa agarsiisuu jalqabna(Active TB).Haa ta’u malee daa’immanii fi namoota madinummaan qaama isaanii gadi bu’aa ta’e keessatti baakteriyaan kun somba isaanii qabachuu hordofuudhaan utuu hin turiin mallattoo dhibee kanaa agarsiisuu danda’u, innis (primary TB) jedhama.
-Mallattooleen dhukkuba daranyoo sombaa
● Qufaan torbee lamaa ol turuu
● Halkan halkan nama dafqisiisuu
● Gubaa qaamaa
● Ulfaatinni qaamaa gar malee hir’achuu
● Fedhiin nyaataa hir’achuu
● Lapheen nama dhukkubuu
● Akkee dhiigaan walmake
-Wantoota dhibee kanaaf nama Saaxilan (Risk factors)
● Wantoota madinummaa qaama keenyaa hir’isan kanneen akka dhibee HIV/AIDS , Sukkaara fi qorichoota madinummaa qaama keenyaa hir’isan fudhachuu)
● Hanqina nyaataa(malnutrition)
● Tamboo xuxuu
● Dhugaatii alkoolii baay’isanii dhuguu
-Akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya
● Iddoo namni walitti qabamee jiru kan akka konkolaataa fa’aa keessatti foddaa banuudhaan qilleensi gahaa akka galu gochuu
● Namni dhibee kanaan hubame yeroo qufa’u afaan isaa haguuguu,maaskii fayyadamuu
● Maatii keessaa namni dhibee kanaan qabamuun isaa mirkanaa’e(index case) yoo jiraate miseensonni maatii qorannoo taasisuun yoo dhibee kana qabaatan wal’aanamuu.Yoo qabaachuu baatan immoo yoo ulaagaa isaa guutan qoricha akka dhibichaan hin hubamne nama godhu(TPT) fudhachuu.
-Dhibeen kun qaama namaa keessa jiraachuu isaa beekuudhaaf Qorannoowwan taasifaman
●Qorannoo dhangala’oo qaama keenya keessaa(pleural fluid,peritoneal, sputum)(Smear microscopy,culture,Gene xpert......)
●Qorannoo Raajii (X ray,Ultrasound)
● Qorannoo Saamuudaa(biopsy) qaama keenyarraa fuudhamuun
-Wal’aansa dhibee kanaa
Dhibeen daranyoo sombaa yoo yeroodhaan wal’aaname dhibee irraa fayyamuudha.
Qaama dhibeen kun hube irratti hundaa’uudhaan qorichi dhibee kanaa ji’a 6 hanga 12 tti kennamuu danda’a.Qoricha dhibee kanaa utuu addaan hin kutiin yeroo namaaf ajajameef fudhachuun dirqamadha.Yoo jalqabanii utuu hin xumuriin kan addaan kutamu ta’e baakteriyichi qorichicha faana walbaruudhaan salphaatti sadarkaa wal’aanamurra darbuu danda’a.

Fayyaa hin dhabiinaa!
Dr.Firaa’ol Lachiisaa

Update on our brother Dr. Duressa TerfaDear all ,we are very thankful for your unwavering support in treatment of our yo...
15/10/2023

Update on our brother Dr. Duressa Terfa

Dear all ,we are very thankful for your unwavering support in treatment of our young physician Dr. Duressa Terfa who got left distal femur Osteosarcoma and referred abroad for limb salvage surgery!

We come with both good and bad news!

The good news is that the limb salvage surgery was very successful and he is on a smooth post op days! ,he extended his heart felt thanks for all who stands with him ,for all who were with him by their prayers ,donation ,coordinations and in all possible ways during this critical time!!, this wouldn't have been possible without your invaluable support!!

The bad news: It is confirmed that there is also a lesion at lumbar and sacral vertebrae(L4,L5_S1) that requires another kind of surgery(spine surgery)!

Currently he is at black lion hospital taking physiotherapy for distal femur resection & mega prosthesis reconstructive surgery and neo adjuvant chemotherapy for a vertebral lesion!!

The plan is to do a spine surgery at the same Hospital (Max super speciality Hospital ,India) after taking 3 cycles of chemotherapy here in black lion hospital!. For this he needs a minimum of 1.5 Million birr additionally!

Dear esteemed supporters and kind hearts,let's help him to overcome this deadly cancer!!
Let's show him that he is not alone at this a very turning point of his life!! Let's be with him by our praying and our hands to save this young, energetic and humble physician!!

1000136089327(CBE)
(Duressa Terfa)

013201159260401(Awash Bank)
(Duressa Terfa)

1058800004097(COOP)
(Duressa Terfa)

Lubbuu kee jannataan ha qananiisu!
14/10/2023

Lubbuu kee jannataan ha qananiisu!

15/09/2023
Yooyyaa!! Duraan dursee nagaan hunda keenyaaf haatahu!!Lammii isaatif birmataan lammiidhuma isaati jechaa, gargaarsa nam...
06/06/2023

Yooyyaa!! Duraan dursee nagaan hunda keenyaaf haatahu!!

Lammii isaatif birmataan lammiidhuma isaati jechaa, gargaarsa namoomaaf obboleessa keenya Dr Dureessaa Tarfaa Ejjetaatiif haa birmannu.

Dr Dureessaa Tarfaa Ejjetaa Shawaa Lixaa, Aanaa Liiban Jaawwiitti kan dhalatee guddate yoo tahu, barumsa Sadarkaa tokkoffaa fii lammaffaa baabbichatti, kan qophaa'inaa immoo Ambootti barate. Dr Dureessaan University Jimmaa irraa waggaa tokkoof ji'a saddeet dura kan eebbifame yoo tahu, abjuu ijoollummaasaa mirkanessuun yeroo fi humna isaa wareegee, dadhabbii fi bu'aa bahii hedduu booda Harargee lixaa Hospitaala Burqaa Dhintuutti ramadamee uummata isaa haala gaariifii nuffii tokko malee tajaajiluu eega jalqabee reefu waggaan tokko lakkaa'ama. Sabnikoo hin dhukkubsatin kan dhukkubsatemmoo hin dararamiin jechuun of qusannaa tokko malee yeroo hojjetaa jirutti; Deemee tajaajiluu kan hin nuffine Dr Dureessaan har'a dhibee balaafamaan kun isatti dhufte. Obboleessi keenya Kun qorannoo dhukkubbii miila Isaa bitaa irratti yeroo dhihoo as itti dhagahamuu jalqabeef taasiseen kaanserii lafee hammaataa ( ) jedhamu irratti argamee jira.
Qorannoo gara garaa fii wal'aansaaf Finfinnee Hospitaala Xiqur Ambessaatti deddeebi'uu ergii eegalee ji'arra kan darbeefii qoricha chemotherapy jalqabee Kan jiru ta'us, yaaliin baqaqsanii hodhuu isa akka barbaachisu itti himamee jira. Yaala kanaafii qorannaa dabalataaf gara biyya alaa deemuun akka yaalamuu qabus boordiin Hospitaalichaa murteessuun riferii barreesseefii jira. Yaalii kanaaf immoo baasii hanga doolaara ameerikaa kuma 60 (miliyeena 3.3 akka jijjiirraa maallaqa baankiitti) Waan Isa barbaachisuuf lammiin Koo naaf qaqqabaa jechuun, hanga humna keessanii akka gargaartan isin gaafata. kanneen gargaaruu barbaaddaniif Akkaawuntii:

Baankii daldala Itoopiyaa
1000136089327
Duresa Terfa Ejeta

Awash International Bank
013201159260400
Duresa Terfa Ejeta

Cooperative Bank of Oromia
1058800004097
Duresa Terfa Ejeta

Hakiima dhukkubsattoota ya

ጤና ይስጥልንሀኪሙን እናድነው!የሰው ልጅ የዛሬውን እንጂ ነገ ምን እንደሚያጋጥመው አያውቅም ። ወንድማችን ዶ/ር ዱሬሳ ተርፋንም ያገጠውም ከዚ የተለየ አይደለም።  ዶ/ር ዱሬሳ ተረፋ እጀታ በ...
06/06/2023

ጤና ይስጥልን
ሀኪሙን እናድነው!

የሰው ልጅ የዛሬውን እንጂ ነገ ምን እንደሚያጋጥመው አያውቅም ። ወንድማችን ዶ/ር ዱሬሳ ተርፋንም ያገጠውም ከዚ የተለየ አይደለም። ዶ/ር ዱሬሳ ተረፋ እጀታ በምዕራብ ሸዋ ዞን ሊባን ወረዳ ተወልዶ አደገ፡፡ ከዚያም እድሜው ለትምህርት ሲደርስ የመጀመሪያ እና ሁለተኛ ደረጃ ትምህርቱን በባቢቻ እንዲሁም የመሰናዶ ትምህርቱን በአምቦ መሰናዶ ት/ቤት ተከታትሎ ከፍተኛ ውጤት በማስመዝገብ የዶክትሬት ድግሪውን ለመማር 2007 ዓ ም ጅማ ዩኒቨርስቲ ተቀለቀለ፡፡ በዩኒቨርሲቲ ቆይታውም አመርቂ ውጤት በማስመዝገብ በ 2014 በህክምና ዶክትሬት(Doctor of Medicine) ተመረቀ፡፡
በመቀጠልም በ ምዕራብ ሀረርጌ ቱሉ ዲንቱ የመጀመሪያ ደረጃ ሆስፒታል ውስጥ ለአንድ አመት ጠቅላላ ሀኪም ሆኖ በትጋት ማህበረሰቡን በማገልገል ላይ ባለበት ወቅት በተደረገለት የጤና ምርመራ ኦሰቲኦሳርኮማ (Osteosarcoma) የሚባል አደገኛ የአጥንት ካንሰር እንዳለበት ተረጋግጧል፡፡ በዚህም ምክንያት የሚወደውን ስራውን አቋርጦ በአሁኑ ሰዓት በጥቁር አንበሳ ሆስፒታል የኬሞቴራፒ ህክምና እየወሰደ እና እየተከታተለ ይገኛል፤ ሆኖም የጥቁር አንበሳ ሆስፒታል ሀኪሞች ቦርድ ሙሉ ለሙሉ ለመዳን ከኬሞቴራፒ በተጨማሪ ወደ ውጭ ሀገር በመሄድ የቀዶ ጥገና ህክምና ማድረግ እንዳለበት ወስኗል፡፡

ህክምናውን በውጭ ሀገር ለማድረግ 60,000 ዶላር እንደሚያስፈልግ ታወቋል፤ ይህ ማለትም 3.3 ሚሊየን የኢትዮጵያ ብር ሲሆን ዶ/ር ዱሬሳ ይህን ለመክፈል አቅሙ ሰለሌለው የእናንተ ደግ ኢትዮጲያውያን እርዳታ ያስፈልገዋል፡፡

ለ ወገን ደራሽ ወገን ነውና ወንድማችንን ህይወት ለመታደግ እና ወደ መደበኛ ሰራው እንዲመለስ እኛ ወንድሞቹና እህቶቹ በገንዘብም ሆነ በ ፀሎት ከወንድማችን ጎን እንድንቆም በአክብሮት እንጠይቃለን፡፡

የዶ/ር ዱሬሳ የኢ/ን/ባ የሂሳብ ቁጥር👇
1000136089327
ዱሬሳ ተርፋ እጄታ

የዶ/ር ዱሬሳ የአዋሽ ባንክ የሂሳብ ቁጥር👇
013201159260400
ዱሬሳ ተርፋ እጄታ

የዶ/ር ዱሬሳ የኦሮምያ ህብረት ስራ ባንክ የሂሳብ ቁጥር👇
1058800004097
ዱሬሳ ተርፋ እጄታ

🚨 URGENT APPEAL 🚨Dear friends and supporters,We come to you today with a heartfelt plea for help and support of Dr. Dure...
06/06/2023

🚨 URGENT APPEAL 🚨

Dear friends and supporters,
We come to you today with a heartfelt plea for help and support of Dr. Duresa Terfa

Dr Duresa Terfa is a recent Jimma University medical graduate working in a rural hospital(Burqa Dhintu Primary Hospital), has been diagnosed with osteosarcoma, an aggressive form of bone cancer. He is in desperate need of our assistance to afford the costly treatment, which is only available abroad.
Osteosarcoma is a formidable opponent, but with the right treatment, there is a hope for Dr. Duresa's recovery. He is attending his medical care(chemotherapy) at Black Lion Specialized Hospital, However the medical board has decided to refer him abroad for better investigation and management.
Dr. Duresa has dedicated his life providing healthcare to those in need, often with limited resources. Now, he finds himself facing a devastating diagnosis that he cannot overcome alone. As a compassionate community, we have the power to make a difference and show him that he is not alone in this fight.
Let's rally together to provide Dr. Duresa with the support he deserves. The cost of the treatment required, along with the expenses for travel and accommodations, is estimated to be around 60,000 USD(3.3 million ETB according to current CBE foreign currency exchange). Which has placed an overwhelming burden on his shoulders. We can help alleviate this financial strain by making a contribution, no matter how small to his dedicated treatment fund, your support means the world to him.

Commercial Bank of Ethiopia 👇
1000136089327
Duresa Terfa Ejeta

Awash International Bank
013201159260400
Duresa Terfa Ejeta

Cooperative Bank of Oromia
1058800004097
Duresa Terfa Ejeta

Thank you for your kindness, generosity, and for being a part of this life-saving journey.

Address

Arjo

Telephone

+251926715637

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Firaol Lechisa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Firaol Lechisa:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category