Dr.Edaso medium clinic, Nagelle Arsi

Dr.Edaso medium clinic, Nagelle Arsi Dr Edaso medium clinic is located at Negelle Arsi,giving Quality care by highly experienced health professionals! YOUR HEALTH MATTERS!

🩸 Heemoreejik FiiveriiDhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'in...
12/11/2025

🩸 Heemoreejik Fiiverii
Dhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.

Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'insa qaamaa fi Dhiiga qaama keessa dhangalaasuun waan mul'atuuf.
Kanaafuu Namni tokko yoo ho’a qaamaa fi dhiiguu qabaate, gara buufata fayyaa saffisaan geeffamuu qaba.
Maalitu namatti fidaa? Yeroo hedduu vaayirasiin dhufa.

Fakkeenya vaayirasoota kana keessaa:
❌️Ebola Virus
❌️Lassa Fever
❌️Crimean-Congo Hemorrhagic Fever
❌️Yellow Fever
❌️Dengue Fever
❌️Rift Valley fever
❌️Marburg Virus fi kkf
Dhibeen kunneen biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi naannoo ho’a qaban keessatti argamu — akkasumas biyyoota akka Itoophiyaa fi naannawa ishee keessatti illee ni mul’atu.

⚠️ Akkamitti Dhibeen Kun Tamsa’a?
Vaayirasoonni garaagaraa karaa garaagaraatiin tamsa’u, garuu haala waliigalaa karaan tamsa’uu danda’u:
🔸️Bineensaa/Wantoota nama hin taane irraa gara namaatti: fkn jaaldeessa, Simbirroo, hantuutaa fi kkf
🔸️Foon bineensota dhukkuba kana qaban nyaachuun yookaan harkaan qabachuun.
🔸️Ilbiisotaan ciniinamuutiin fkn Mosquito kan jedhamtu
🔸️ Nama irraa gara namaatti:
dhiiga, yookaan dhangala’aa qaamaa dhukkubsataa qaqqabuun.
🔸️Aadaa/sirna awwaalaa gorsa fayyaa hin eegne, nama dhukkuba kanaan du’e harkaan qabachuun.

🧠 Mallattoo fi Alamoota Dhibee
Mallattoon Heemoreejik Fiiverii kanaa yeroo hedduu:
🔅Ho’a qaamaa olka’e fi hollachiisuu altokkotti jalqabuu
🔅Mataa dhukkubbii jabaa, qaama caccabsuu
🔅Humna dhabuu, dadhabbii akka malee ykn fedhii nyaata dhabuu
🔅Garaa kaasaa, oldeebisaa fi garaa dhukkubbii
🔅Dhiiguu afaan, funyaan yookaan gogaa irraatti argamu
🔅Ija diimessuu, yookaan keelloo taasisu (jaawundisii)
🔅Yoo didee hammaate : shookii, of wallaalchiisuu, yookaan qaama keessa tokkoo fi isaa ol dadhabuu/organ failure

🏥 Yaalaa fi Qoricha
Dhukkuba Heemoreejik Fiiveriif yerooo hedduu qorichi addaa hin jiru, garuu yaaliin hatattamaan kennamu lubbuu oolchu danda’a.
Yaalaa isaa maal irratti xiyyeeffata:
🔹️Dhiigaa fi dhangala'aa qaama keessaa yaa'ee deebisanii bakka buusuu
🔹️Qorichaan hoo'insa qaamaa to’achuu
🔹️Dhukkuboota biroo dabalataan dhufu malaan ittisuu
🔹️Nama dhukkubsataa sana kophaatti baasuun namoota birootti akka hin dabarreef eeguu.
🔹️Dhukkuboota muraasaaf talaalliin (vaccine) ni jira.

🛡️ Ittisaa fi To’annoo
Ofii fi maatii keetii akkasumas hawaasa kee eeguuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu:
1. Of eeggannoo dhuunfaa
✅ Dhiiga yookaan dhangala’aa qaamaa nama dhukkubsataa waliin wal hin tuqiin.
✅ Harka kee yeroo hunda bishaan qulqulluu fi Saamunaan (soap) dhiqi.
✅ Yoo nama dhukkubsataa gargaartu giloovii harkaa fi uffata ittisaa/protective clothing fayyadami.

2. Naannoo qulqulleessuu
✅ Mana fi naannoo kee qulqulleessi.
✅ Nyaataa bakka sirriitti cufaa qabu keessa kaa'i
✅ Agoobaraa fi qorichoota ilbiisota balleessan fayyadami.
✅ Biyyee fi bishaan dhaabbataa naannoo kee qulqulleessi.

3. Ittisa hawaasaa
✅ Dhukkuba ho’aa qaamaa fi dhiiguu yoo mul’ate, dafii gara mana yaalaa deemi ykn ministeera fayyaa beeksiisi.
✅ Qajeelfama ministeera fayyaa/Biiroo eegumsa Fayyaa hordofi.
✅ Sirna awwaalchaa yeroo taasisamu ofiikee eegi — qaama du’ee harkaan hin tutuqiin .

credit to:

Dr. Gadaa(Ispeeshalistii Dhibee Keessaa)

public alert!
12/11/2025

public alert!

Tokko!
02/11/2025

Tokko!

Check out Dr. Edaso Gose Medium Clinic🩺’s video.

Kilinika humna hawaasaa jiddugala godhate!
31/10/2025

Kilinika humna hawaasaa jiddugala godhate!

270 likes, 4 comments. “Dr edaso Gose Medium Clinic Negele Arsi”

10/09/2025

Happy 2018 Ethiopian New Year for all Ethiopians!

04/09/2025

Check out Bulcha U 🧘’s video.

Address

Ethiopia, Oromia
Arsi Negele

Telephone

+251916070869

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Edaso medium clinic, Nagelle Arsi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Edaso medium clinic, Nagelle Arsi:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram