CHIRO Health Center

CHIRO Health Center Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from CHIRO Health Center, Medical and health, Chiro, Asebe Teferi.

27/09/2025

Qoricha haawaasni hedduun ittin of wal'aanaa jiru kana gabaabinaan irraa dubbana maqaan qoricha kanaa kibriit Jedhama Afaan Arabiitin/weeyruu jechuudhan beekkama Naannoo hedduutti.

Share godhi obboleeyyan keetif dhuguma isaan barbaachisa.

Naamonni miidhaa ija namaa ,falfala fi sheyxana Jinnii adda addaatin Tuqaman foolii isaa nisodaatu ,nijibbu.Inni diina Sheyxanaa jinnii hundaati waan ta'eef.

Mee dhukkuboota hamma tokko kan isaan wal'aanaman ilaalla.

1] Falfala/sihrii fi ija namaa budaa kamuuf qoricha.haalli fayyadamaa kasala irratti buusun Falfala fi ija namaa kan iddoo hojiitif iddoo hojii sanitti guyyaa torbaaf Aarsudhaan.nama itti godhamee sanis galgala yeroo hirriibaf qophaawe galgala Torbaaf itti Aarsudhaan.

2] dhukkuba baarillee kamuu gaaza Adii wajjiin dibuudhan aduu keeysa teeysa. Guyyaa sadii qofatti balleeysa.Vaasiliinin wajji walitti makuun sirritti walfudhachiisun itti dibuudhan.dhukkuba gogaa kamuu.

3 ] Dhukkuba faalij murrii wajjiin waliiti dabaluun zeyta zeeytun wajjiin danfisuun ittin shukkumudhaan.

4] dhukkuba forforiif dhadhaa Addaanoo wajjiin walitti makuun dibuudha.

5] dhukkuba Baras wal'aansa isaa keeysatti hedduu gahee guddaa qaba.

6] dhukkubbii mataa kan qilleensa irraa ta'eef murrii wajjiin Aarfatuudhan.

7] dhukkuba kintaarootii /burootif dhadhaa Addaanoo zeyta zeytun fi murrii /Karbee wajjiin walitti makuun sirritti walfudhaachistee iddoo sanitti dibuudhan guyyatti yeroo lama.

Hubachiisa yeroo falfalli fi summiin ija namaa miidhaa Jabduu geeysisaa jirtu kanatti Qoricha kana manaa dhabuun hin ta'u.

Share follow like gochuun Nuhordofaa hawaasa kiyya walbiraan gahaa !!

22/09/2025

Ajaaiba Qorichummaa qunnii dhukkuba kamiifuu yoo Torbaan tokkoof sirnaan fayyadamte fayyaa gammachuu gaarii ofitti gmmaddu argatta.
Qoricha dandeeytii addaa qabu kan miidhaa homtuu hin qabne!

Garuu Qunnii Alaa dhuftu tanaatu hedduu filatamtuudha.

IRRA DEEBIN DUBBISAA ITTI FAYYADAMAA Dhugumatti qoricha Jabaadha I

Faayidaa Qunniin Fayyaa keenyaaf Qabu.
Maqaan isaa Ingiliffaan
(Cyperus Rotundus) Jedhama

Qunniin Biqiltoota Qobaa jaraa Dhukkuboota Fayyisuu danda'anu keessaa isa Tokko Biyyi jalqaba Akka dawaatti itti Fayyadamuu jalqabde Awustireliyaadha. Yeroo kana Garuu Qoricha Aadaa keessatti biyyoota 92 tu itti Fayyadamaa jira Qorichoota Ammayyaa Hedduutu irraa Oomishamee Addunyaatti Gurguramaa jira.
Qunniin mootii Biqiltoota Qoricha Aadaati.

Dhukkuba Garaachaa fi Marrimaanii Ulfaata Ta'an yokan Namarraa tureef dawaadha Summii fi Baakteeriyaa fayyaa garaachaa fi marrimaanii miidhanu Qaama keessaa Qulqulleessee dhabamsiisaa Bokoka garaa fi Haqqisiisaa-oldeebisaa. Fi Namoota garaa baasaa yoo kaan garaa kaasaan irraa dhaabbachuu Dideef Dawaa Ajaa'ibaati Dhukkuboota Garaa keessaa Hedduudhaaf Dawaadha. garaa Ciniinnaa Namarraa Balleessa.
Kiintaarotii garaa keessaa Utuu hin Uumamin Dafee Nama keessaa Balleessaa Namni Mallattoo dhukkuba kiintaarotii Ofirratti Argee biqiltuu kanatti ha fayyadamu!!

Mataa Bowwuu yeroo Qorraa Namatti ka'uuf dawaadha
Dhukkuboota Sammuu kan Akka (Alzheimer's) yokan dhukkuba Sammuun Namaa Akka Waa dagatuu fi Ballisee hin yaadne Namarraa ittisa Akkasumas dhukkuba(Parkinson's) jedhamu kan Hiddoota Sammuu cufee Akka dhiigni gahaan gara Sammuu tti hin dhaqne godhee maraatummaa fayyaa dhabuuf Nama Saaxilu Namarraa ittisa dhukkuba kanneen yaaluu danda'a. Dhukkuba Gaggabdoo Sammuu keessaa ka'u Fayyada

Ulfaatina Qaamaa Humnaa Olii fi Cooma humnaa olii tiruu fi Qaama keessaa Hirrisa. Kolestiroolii dhiiga keessaa Hirrisa
Summii Garaachaa fi dhiiga Tiruu keenya miidhu Nu keessaa Qulqulleessa.

Dhukkuba Sinbiraatiif Dawaadha Daakuu isaa Faallaana Xiqqaa Tokko Bishaan Burcuqoo Tokkotti Naqamee Danfisamee Calalamee ganama garaa duwwaatti dhugama

Fayyaa Kalee Cimsa Infeekshinii Kalee fi ujummoo Fincaaniif Baayyee Gaariidha Nama fincaan keessaa ba'uu Dideef Dawaadha. Cirracha Kaleetiif hin ta'u.

Dubartii Daa'ima hoosiftu Aannan Akka harma keessa baayyatu Taasisa

Address

Chiro
Asebe Teferi

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when CHIRO Health Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram