Dr Jibril Jemal

Dr Jibril Jemal Fayyaan bu,uura!

16/06/2024
31/05/2024

Dhukkuba Fanxoo/ Syphilis Dhukkubni fanxoo, baakteeriyaa "Treponema pallidum" jedhamuun namatti dhufa.

Karaalee ittiin nama qabu keessaa muraasni:
1. karaa quunnamtii saalaa
2. Haadha irraa ilmootti yeroo ulfaaf dahumsaa fi karaalee biroo

Dhukkubni kun sadarkaalee gurguddaa 3 qaba.

Fanxoo sadarkaa 1ffaa/ primary syphilis

Fanxoon sadarkaa kana irra jiru shiffitaa xixiqqaa/gurguddaa ykn immoo madaa dhukkubbii hin qabne naannoo qaama saalaatti mul'achuu dandaha.

Mallattooleen kun erga dhibee kanaaf saaxilamanii guyyoota muraasaa hanga torbanootaa keessatti namarratti mul'atu.

Yoo yaalii yerootti hin arganne ofuma isaan yeroo turtii torbaanotaa hanga ji'oota muraasaa gidduutti baduun gara fanxoo sadarkaa itti aanuutti jijjiiramuu ni dandaha.

Fanxoo sadarkaa 2ffaa/Secondary syphills

Mallattoon Fanxoo sadarkaa kana irra jiruu shiffitaa qaama saalaa qofaatti otoo hin daangeffamiin qaama hundarra facahu ykn immoo shiffitaa gurguddatee bakka tokkotti walitti qabamefaa tahuu nii dandaha.

Sadarkaa kana irrattillee yaala otoo hin argatiin yoo hafe shiffitaan/ madaan kun ofuma isaatiin yeroo turtii ji'oota muraasa gidduutti baduu nii dandaha.

Haa tahuutii malee mallattoon isaa bade jechuun dhukkubichi qaama keessaa bade jechuu miti.

Dhukkubni fanxoo sadarkaa lammaffaa booda ji'oota ykn waggoota hedduuf riphee mallattoo otoo hin argisiisiin qaama keessa turuu ni dandaha.

Sadarkaan fanxoo akkasii kun "latent phase" jedhama.

Sadarkaan inni dhumaa Fanxoo sadarkaa 3ffaa/Tertiary syphilis jedhama.

Fanxoon sadarkaa kana irra jiru qaama keenya keessaa kaanneen akka sammuu, onnee fi bakkee biroo irratti mul'achuu ni dandaha.
Mallattooleen isaatiis qaama miidhame irratti hundaaha.
Dhukkuba fanxoo kana adda baasuuf maloota gargaarani fi yaali isaa itti fufa.

Baga geessan, baga ittiin nu gahe!
09/04/2024

Baga geessan, baga ittiin nu gahe!

TeetanasiiDhukkubni Teetanasii kan baakteriyaa kolstiridiyemi teetani jedhamuun kan dhufu yoo tahu baakteeriyaan kun dan...
28/03/2024

Teetanasii

Dhukkubni Teetanasii kan baakteriyaa kolstiridiyemi teetani jedhamuun kan dhufu yoo tahu baakteeriyaan kun dandeettii waggoota dheeraaf awwaara fi waantoota akka sibiila dandaa'e waliin turuu qaba. Erga karaa madaa adda addaa qaama keenya seenee booda sirna narvii keenyaa huba. Kunis summii hamaa qaama garmalee miidhu" tetanospasmin" jedhamu qaama keessati gadhi dhiisuun maashaaleen qaama keenyaa hundi akka kottoonfatan taasisuudhaan nama goggogsa. Haaluma kanaan maashaalee hargansuu kottoonfachiisee akka hin diriirre taasisuun qilleensa dhowwee du'aaf nama saaxila. Dhukuba hamaa kana akkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa?
Dhukkubni Teetanasii eega nama qabatee gara dhukkubaatti jijjiiramee booda qoricha fayyisu yokaan dudduuba deebisu hin jiru.
Osoo nu hin qabiin garuu akkuma qaamni keenya madaa'een madaa osoo hin tuffatiin buufata fayyaa yokaan hospitaalas deemnee talaallii" TAT " jedhamu yoo fudhannee rakkoo hamaa kana jalaa of baasuu dandeenya.

23/03/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Musa Mohamed, Mudin Geremu, Fami Nega, Onnataa Sabaa, Alamarew Zewge, Qonje Adisu, Abdi Malik Mahamed, Muhe Ka Haro Dumal, Zerihun Gedafa, An Kan Bariiti, Shebe Ararsa, Ozil Gutama, Mumee Abrahim, Mahammad Abdi, Mohammed Rashiid Mummed, Abrhm Boneya, Milkesa Nugusa, Sabaanboon K Burqaa, Milki Tasfa Milkoo, Abdii Sabaa, Magersa Ahmed, Kedir Rabo, Bilisee Nigatu Ararsa, Kader Aloo, Gamme Busa Dagago, Ilillii Marsineet Kumarraa, Abdiisaa Jal-qajeelchaa Lammii Abdii, Abdi Mahammadsham, Muraad Mohammed, Æbdullee Abdullee, Nini Sufi, Lelisa Fayisa, Ibraahim Naasir Xaahaa, Kedir Sharif, Kalid Sanyii Sabboontotaa, Ansar Jabal, Nageso Nebi Beriso, Abrahim Mahamad, Mahammadsaafii Abadir, Ashim Wakeyo, Hacaluu Tujubaa, Chala Mohammed, Hora Meddarro, Chala Jilo, Ka Abee Sh Jundaa, Asladdiin Muummee, Ittuu Humbanaa, Margee Tesfaye, Dalil Sharif, Tokkumma Amaan

Faayidaalee TIMIRAA************************ Timirri dafee waan daakkamuuf ittin lulluqachuun garaacha keenya kan sooman ...
20/03/2024

Faayidaalee TIMIRAA
***********************
* Timirri dafee waan daakkamuuf ittin lulluqachuun garaacha keenya kan sooman oleef gaariidha.
* Timira yeroo sooma lulluqannu nyaannu dafee beela nu baasa. Nyaata heddus yeroo tokkon akka hin nyaanne nu godha.
* Timira nyaachuun garaachi keenya bullayinsa nyaata biraatiif dhangala'oo barbaachisan gadi lakkisuun akka qophahu godha.
* Hamma "Glucose" ykn sukkaraa ol'aanaa ta'e of keessa qaba, humnas ni kenna.
* Fiber (nyaata qaamaan hin bulloofne) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa ni hanbisa.
* Dabalataan Timirri Vaayitaminoota (Folic acid, B6, A) fi albuudota akka Potaashiyeemii, Maangaanizii, Kaalshiyeemii, Maaginiziyeemii, Ayiranii fi Koppeerii of keessaa waan qabuuf:
~ Jabinna lafeetiif
~ Dhiibbaa dhiigaa haga tokko hirdhisuuf
~ Hirdhinna dhiigaa woyyessuuf
~ Fayyummaa Ijaafi Sirna Narvii keenyaaf faayidaa guddaa qaba.
---
---
Ramadan Mubaraak
Baga Nagahaan Geessan!
-

18/03/2024

TIMIRAA FI DUBARTII ULFAA
************************************************
1. Cimimmuu gabaabsuuf:- Timirri turtii Cimimmuu namarraa gabaabsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Dubartiin gaafa dahuuf dhihaatte guyyaatti timira yoo xiqqaate timira firii 6 kan nyaattu yoo ta'e , yeroo Cimimmuun isii qabe gadaameessaan isii akka dafee banamuu fi laaffatu waan godhuuf daftee akka nagayaan hiikamtuuf gargaaraa. Kanaaf fakkeenyi Haadha nabi Iisaa maryamaa yeroo Cimimmuun qabdu rabbiin gufuu timiraa hurguftee akka timira nyaattu ajajee ture. Isiniis nyaachuudhaan nabi iisaa / Iyyasuus kiristoos ( nageenyi rabbii irratti haa jiratuu) deesse
2. Lafeen dugugguruu daa'imaaa akka banaa hin taane godhuuf fayyada!!
3. Hanqina dhiigaa yeroo ulfaa dhufu dhoorka!! . Dubartiin ulfaa albuudaa aayiranii jedhamu kan hanqina dhiigaa dhoorkuuf fayyadu yeroo kaanirra dachaan 2n waan barbaadduuf timira yoo sooratte laaftumatti argachuu dandeessi!!
4 . Dhukkuba sukkaraa yeroo ulfaa qofa nama qabu nurraa Qolata/ prevent gestational diabetes/
5. Gogiinsa garaa hirisuuf
Fayyaa hin dhabinaa
Dr. Abdulfetah Ibrahim

Akkaataan nuti ilkaan itti rigannu, irgi ilkaanii keenya akka hin hubamneef akkasumas, qulqullina ilkaan keenyaa sirriit...
17/03/2024

Akkaataan nuti ilkaan itti rigannu, irgi ilkaanii keenya akka hin hubamneef akkasumas, qulqullina ilkaan keenyaa sirriitti akka eegamuuf kan nu gargaaru ta'uu qaba.
Guyyaa tokko keessattis si’a lama (2) ilkaan keenya qulqulleessuun barbaachisaadha. Kanaaf, ilkaan keenya gaafa rigannu kan armaan gadii kana hordofuun faayidaa ni qabaata.

1. Nyaata nyaannee erga xumurree booda, ilkaan gidduutti wantoota hafan ilkaan gidduudhaa baasuu (fkn Haanxaa qulqullina qabu fayyadamuun).

2. Rigaa ilkaanii kan mukarraa qophaa’us ta’e kan ammayyaa ‘brush’ fayyadamuun ilkaan keenya rigachuu. Gaafa rigannus, ilkaan gara olii jiran irra keessaa gara gadiitti akkasumas kan gara gadii jiranis jalaa gara oliitti rigachuu qabna. Kunis qulqullina ilkaanii irratti dabalataan irgi ilkaanii keenya akka hin miidhamneef fayyada.

3. Rigaa ilkaanii ammayyaa ji’a sadi sadiin jijjiiruu qabna.

4. Ilkaan keenya yeroo rigannus, yoo xiqqaate daqiiqaa lamaaf (2) rigachuu qabna.

5. Ilkaan hundumaa, keessumaa lafa irgi ilkaanii fi ilkaanni keenya itti wal argu sirriitti rigachuu qabna.

6. Rigaa ilkaanii kan qulqulleessituu arrabaa qaban fayyadamuun arraba keenya qulqulleessuu.

7. Yeroo kuduraalee asiidummaa of keessaa qaban kan akka Burtukaanaa fi Loomii nyaannee xumurru ilkaan keenya daqiiqaa dheeraadhaaf (fkn daqiiqaa 30) rigachuun nurra HIN jiraatu, Kunis ilkaan asidiin sanaan dadhabe, dabalataan yoo rigamu miidhamuu waan maluufidha.

***********
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa

TAMBOO XUUXUUN MIIDHAA AKKA FIDU HUNDI KEENYA NI BEEKNA TA’A! GARUU MIIDHAA HAMAA AKKASII TA’UU ISAA HUBANNEE,  HUBACHII...
20/01/2024

TAMBOO XUUXUUN MIIDHAA AKKA FIDU HUNDI KEENYA NI BEEKNA TA’A! GARUU MIIDHAA HAMAA AKKASII TA’UU ISAA HUBANNEE, HUBACHIIFNE HAWAASA KEENYA HAGA DANDEENYE HAA BARAARRU!
Tamboo xuuxuun hammi isaa walcaalaa tahus qaama keenya hundaa irratti miidhaa garmalee hamaa geessisa. Akka dhaabbatni National institute for drug abuse jedhutti namoota dhukkuba kaansariin du’an keessaa harki 30 % tahan sababa tambootiin kan ka’edha. Biyya keenya keessatti qoratamuu baatus akka CDC jedhutti biyya ameerikaa keessatti waggaatti yoo xiqqaate namootni 480,000 sababa tamboo xuuxuutiin lubbuun isaanii darba. Sirna qaamaa keenya keessatti dhiibbaa dhufan keessaa warri hangafni fi muraasni:
• kaansarii sombaa (namoota kansarii sombaan qabaman keessaa harki 87% warren tamboo xuuxanidha)
• dhibee sombaa kan somba akka hin arganneef ukkaamsu (obstructive lung disease),
• dhukkuba asmii warra duraan qabutti cimsuu,
• dhukkuba onnee ( heart attack),
• dhukkuba sammuu keessatti dhiiguu (stroke),
• kaansarii qaamota biro akka afuuffee fincaanii, kaansarii ulaa gadameessaa, kaansarii rajiijii, kaansarii garaachaa, kaansarii tiruu fi kanneen biro.
• Dubartoota ulfaa daa’ima dhalatu iratti rakkoo garaagaraa fida
Namootni tamboo xuuxuu addaan dhaaban carraan dhukkuboota sababa tamboo xuuxuun dhufanii baayyee gadi bu’aa deema. Kanaafuu tamboo xuuxuu dhiisuu keenyaa fi tambooo xuuxuu dhaabuu keenyaan ofii keenya, maatii keenya, hawaasa keenya rakkoo fi miidhama guddaa irraa oolchina
GALATOOMAA!

CIRRACHA KALEE  (RENAL STONE)Akkamiin ittisuu dandeenyaa?******************1. Bishaan sirriitti (guyyatti haga liitira l...
15/01/2024

CIRRACHA KALEE (RENAL STONE)
Akkamiin ittisuu dandeenyaa?

******************
1. Bishaan sirriitti (guyyatti haga liitira lamaa) dhuguu, Keessumatti namoonni naannoo hoa'aa keessa jiraatanii fi yeroo baay'ee dafqan bishaan ga'aa dhuguu qabu.

2. Nyaata ashaboon itti baay'atee fi yeroo hunda pirootinni itti baay'ate soorachuun irraa of qusachuu.

3. Ulfaatinni qaamaa humnaa ol yoo ta'e, ulfaatina ofii hir'isuu.

4. Dhukkuboota sirna bullaa'iinsa soorataa kanneen akka IBD, chronic diarrhoea fi kkf namoonni qaban carraan dhukkuba kanaan qabamuu isaanii olka'aa waan ta'eef of eggannoo sirriitti taasisuu.

5. Qorichoota akka diuretics (qoricha nama finceessu) fi calcium based anti acids yeroo dheeraaf fudhachuun irraa of qusachuu.
************

Fayyaan Faaya
By Dr. Gurmeessaa H

HUBANNOO HAADHOOLII DURAAN OPIREESHINIIN SI'A TOKKOON DAHANIIF  🔥Akkuma beekamu haadholiin tokko tokko sababoota      ad...
19/11/2023

HUBANNOO HAADHOOLII DURAAN OPIREESHINIIN SI'A TOKKOON DAHANIIF

🔥Akkuma beekamu haadholiin tokko tokko sababoota
adda addaaf opireeshiniin akka dahan beekamaadha.

🔥Haati duraan deesse tokko yoo xiqqaate waggaa lama
opireeshinii taate sana irraa fageessitee ulfaa'uu
qabdi. Kunis faayidaa armaan gadii qaba:

✅ Madaan gadameessaa kan duraanii sun jabaatee
haalaan yoo fayye wayita ulfaa ykn dahumsa itti
aanutti gadameessi akka hin tarsaaneef fayyada.

✅ Dhiigni wayita dahumsa duraa sana dhangala'e
iddootti deebi'a.


HAADHOLIIN DURAAN OPIREESHINIIN DAHAN MAAL BEEKUU QABU⁉️

💎Ragaa opireeshinii kan ogeessi fayyaa isaaniif kenne
gatuu hin qaban.

💎Opireeshinii dahumsaaf ta'an irraa ulfi itti aanu yoo
xiqqate waggaa lama (ji'a 18) fagaachuu akka qabu
beekanii otoo mana yaalaatii hin bahiin qusannoo
maatii fayyadamuu qabu.

💎Hordoffii yeroo ulfaa haalaan fudhachuu fi karaa
kamiin dahuu akka qaban ogeessa fayyaa mariisisuu
qabu. Hordoffii yeroo ulfaa hanga torban 28-32 tti
buufata fayyaa naannoo isaanitti gochuu, sana booda
hanga dahumsaatti hospitaalatti ilaalamuu qabu.

💎Dahumsi opireeshinii boodaa buufata fayyaatti osoo
hin taane hospitaalatti ta'uu qaba.

💎Haadholiin opireeshiniin al-tokko dahan dahumsi itti
aanus opireeshinii qofaan osoo hin taane ciniinfatanii
dahuu danda'u.

💎Yeroo dahumsa jala gahan ciniinsuun osoo isaan hin
qabiin hospitaalatti dhiyaatanii jiraachuu qabu.

💎Yoo ciniinsifatanii da'uu hin barbaanne opireeshiniin
dahuuf mirga guutuu qabu. Garuu miidhaa fi faayida
ciniinsifatanii dahuu fi opireeshiniin dahuu ogeessa
fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.

Dr. Tezera G.

Address

Asella

Telephone

+251967537694

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Jibril Jemal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category