13/12/2023
FAAYIDAA HIRRIBAA FI FURMAATA NAMA HIRRIBNI QABU DIDEEF;
Rafuu malee meeqa keenyatuu faayidaa hir'ibaa beeka?
Hirribni akkuma nyaataa akka nu barbaachisuu hoo?
Amaloota ilma namaa uumaan badhaase keessaa tokko kan ta'e,hirribni adeemsa Uumaaman seelotni guyyaa guyyaan itti of haroomsanidha.
Hirribni ilma namaaf faayidaa hedduu qaba;isaan keessaa muraasni:-
1.Dandeettii Dhibee dandamachuu (Madinuuma) qaama keenyaa ni dabala
2.Dandeettii waa yaadachuu, waan haaraa kalaquu,Si'aa'inna fi xiiyyefannoo hojii keenyaa nuf dabala
3.Bu'aa bahii jireenya ilma namaa keessatti muudatan hundaa haala salphan akka furruu fi murtee gaarii akka murteessinuuf hedduu gargaara
4.Ulfaatinni qaama keenyaa akka madaalawaa ( garmalee hin furdanne fi hin qal'anne) ta'uf gahee guddaa taphata
5.Walqunnamtii saalaa gaarii ta'e gaggeessuuf hedduu fayyada.
6.Dhiphina sammuu hamaa ta'e nurraa balleessa
7.Carraa dhibee Sukkaaraa Gosa 2ffaan (type 2 DM) qabamuu keenya ni hir'isa
8.Fayyumma onnee keenya fi rakkoolee onnee waliin walqabatanii dhufan ni hir'isa
9.Dhiibbaan dhiigaa akka too'atamu godha
10.Walitti dhufeenya fi walii galtee gaarii namoota naannoo keenyaa waliin akka qabannu hedduu nu gargaara
Namni tokko Hir'iba gahaa rafe kan jedhamu sa'a meeqa?
Sa'aan namni tokko guyyatti rafuu qabu,Umrii fi nama irratti hunda'a. Daa'imman sa'a baayyee rafu; akkuma Umriin isaanii dabalaa deemun sa'aan isaan rafan hir'achaa deema.
Namni ga'eessi tokko sa'a 6-8 rafuun gahaadha jedhamee yaaddama.
🙈Silaa hirribni faayidaa kana hundaa qaba,yoo nu qabuu dide furmaanni isaa hoo, maali?
1,Sa'aa walfakkatattii yeroo hundumaa gara mana hirribaa deemuu fi hirribayis sa'aa walfakkatatti ka'uu.
2,Hanga dandeenyun wantoota irra rafnu/siree, boraatti fi uffata nuf mijatu filachuu, akkasumas qulqullina isaanii eeguu.
3,Nyaata yeroo rafuus jennu:-
-Garmalee quufnees ta'e osoo beelofnu rafuu hin qabnu.
- Wantoota nama si'eessan kanneen akka bunaa, shaayii, tamboo aarsuu fi kan biroo fayyadamuu dhiisuu
4,Mana hiribaa keenya mijataa gochuu; kan ifni itti hin baay'anne fi sagaleen nama jeequ hin qabne gochuu
5,Guyyaa guyyaa rafuu dhiisuu
6,Sochii qaamaa guyyaa yeroon, osoo sa'an hirribaa hin gahiin gochuu,akkuma sochii qaamaa gooneen gara hirriba deemun hin gorfamu
7,Wantoota nu dhiphisaniif furmaata laachun hanga danda'amen dhiphina hir'isuu.
8,Teempirechara kutaa hir'ibaa keenya mijataa gochuu
9,Yeroo rafuuf qophooftan hangi sa'a tokkoo yoo nama hafu; wantoota nama tasgabbeeessan gochuu, fknf dubbisuu,garuu wantoota nama yaachisanii fi garmalee nama si'eessan gochuu hin qabnu fknf filmii,Tv, akkasumas meeshalee elektirooniksii kan akka moobayillii, koompitaraa fa'a yeroo rafuf jennu ifni isaan gadi lakkisaan akka hin rafne nama waan gochuu danda'anif, yeroo rafuf jennu osoo fayyadamu baattanii ni gorfama.
10.Yoo siree irratti hirribni nu qabu dide ; ka'uun hojii hojjechuu,san booda yoo hirribni nutti dhufe gara siree deebi'un rafuu.
11. Kanneen armaan olii hundaa goonee,kan rafuu hin dandeenye yoo ta'e fayyaa keenya irratti miidhaa geessisuu waan danda'uf ogeessa fayyaa mari'isiisu qabna.
Rakkoolee Fayyaa Hirriba waliin walqabatan kan biroo yeroo biraa isiniif dhiheessina.
Galatoomaa!!!
Maddi; Healthline, sleep foundation. Org,mayo clinic.
Haaromsaa Zarihuun
Galatooma!!