31/03/2026
Fayyaan Faayaa !
Fooyya'insa Istaandaardii Bu'uraalee Misoomaa Dhaabbiilee Fayyaa Fooyyeessuuf Bahee Hospitaalaa Tokkummaa Asallaa fi Buufataa Fayyaa Haliilaa Keessatti hojiirra oolee hoggansa Magaalichaattin daawwatameera .
Daawwannaa kanarratti argamuudhaan haasaa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayee akka jedhanitti Akka Magaalaa Asallaatti kenna tajaajilaa iddoo hundattii foyyeessuuf hojii guddaan hojjatamaa kan jiru ta'u ibsuun , dawwaanaa Hospitaala Tokkummaa Asallaa fi Buufata fayyaa Haliilaa keessatti taasisan Istaandaardii Bu'uraalee Misoomaa dhaabbilee fayyaa fooyyeessuuf bahee Mooraa Hospitaallichaa fi Buufata Fayyaa Haaliilaa keessatti hojirra ooletti kan gammadan ta'u ibsuun hojiin iddoo hundatti cimee akka itti fufuuf Obbo Simeen dhaamanii jiru
Istaandaardii qulqullinaa fayyaa hojjataa mirkaneessuu, ittii quufinsa maammilaa dabaluu, naannoo hojii hawwataa fi mijjata taasisuuf kan gargaaruu fi Mootummaan hawaasaa fayyaa buleessa horachuuf rifoormii fayyaa taasiseen dhaabbileen fayyaa istaandaardii fayyaa guuttachuun kenna tajaajila fayyaa akka milka'uuf Inisheetiivii bara 2018 hojiirraa oolchaa jiraachuu fi dijiitalayizeeshinii dhabbiilee fayyaa hojiitti hikuun hojjachaa jiraachuu kan himan ammoo Itti Gaafatamaa Waajjiraa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaan.