Asella Town Administrative Health office

Asella Town Administrative Health office Governmental organization

''Dhiigaa Kennuun Jireenya Lubbuu Haa Deeggarruu"Fulbaana 13,2018_ Bulchiinsa Magaalaa  Asallaatti Sagantaan Arjooma dhi...
23/09/2025

''Dhiigaa Kennuun Jireenya Lubbuu Haa Deeggarruu"

Fulbaana 13,2018_ Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Sagantaan Arjooma dhiigaa taasifamee jira.

Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Hojii kenna tajaajilaa lammummaa keessaa hojiiwwan ijoo hojjatamaa jiru keessaa dhiiga waliitti qabuun lubbuu du'arraa baraaruuf hojii hojjetamaa jiruun arjoommni dhiigaa ittifufiinsaan gaggeeffamaa jira.

Sagantaan arjooma dhiigaa kunis Qindeessummaa waajjiraa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaan kan geggeeffamee yoo ta'u guyyaa har’a Sagantaa Arjooma dhiigaa taasifameen, Hoggantoonni Seektara Bulchiinsa Magaalaa Asallaa, Hojjattonni , ogeessootnii fayyaa/hojjattoonni fayyaa, dhaabbilee fayyaatti tajaajila kennaa jiranii fi qaamooleen hawaasaa gara garaa hirmatanii jiru.

Namootni waamicha arjooma dhiigaa kana irratti hirmaatanis kan dhiiga arjooman Gammachuun akka ta'ee fi fuula duraattis ji'a sadi'i sadi'iin kennuuf fedhii akka qaban dubbachuu isaanii ibsanii jiru.

Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti. Waliigaltee waada hojirraa oolmaa karoora bara 2018; Hogganaa fi Qindees...
30/07/2025

Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti. Waliigaltee waada hojirraa oolmaa karoora bara 2018; Hogganaa fi Qindeessitoota ,Hogganaa fi Daarektaroota fi IA Daarektaraa waliin waadaa waliigalan mallatteessaniiru.

22/07/2025
06/07/2025
Oduu Gammachiisaa Jiraattota Bulchiinsa Magaalaa Asallaa fi Nannawaa ishee hundaaf !Waxabajjii 20,2017-Buufatani   Fayya...
27/06/2025

Oduu Gammachiisaa Jiraattota Bulchiinsa Magaalaa Asallaa fi Nannawaa ishee hundaaf !

Waxabajjii 20,2017-Buufatani Fayyaa Asallaa Hoospitaalaa Jalqabaa Tokkummaatti ol guddate .

Sadarkaa Hoospitalatti ol guddachuu Hoospitaalaa Jalqabaa Tokkummaattin wal qabaatee Biiroon Fayyaa Oromiyaa deeggarsa meeshaalee fayyaa Qarshii Miliyoona 40 olitti tilmaamuu deeggarsaa taasiseera .

Meeshaaleen deeggarsaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa taasifamee kunis Koree Qindeessituu Bulchiinsa Magaalaa Asallaa, Hoggansaa Magaalaa fi kutaalee hawaasaa garagaraattin simatameera.

Caamsaa 4,2017- Waajjirri  Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa  Asallaa Gamaaggama Raawwii  Hojii  Garee Fayyaa Maatii ji'oottan ...
12/05/2025

Caamsaa 4,2017- Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Gamaaggama Raawwii Hojii Garee Fayyaa Maatii ji'oottan salganii qoratee .

Gamaaggamni kunis raawwii hojii Garee Fayyaa ji'oota saglan darbanii seektara fayyaa keessatti hojjatamaa turan ciminaa fi hanqina adda baasuun tajaajila fayyaa Maatii fooyyessuuf kan xiyyeeffate dha jedhameera .

Itti Gaafatamaan Waajjiraa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Fiqaaduu Xilaahuun sagantaa kanarratti argamuun akka jedhanitti,
fayyaa hawaasaa eeguuf mootummaan tarsiimoo fayyaa hojiirra oolchuun hawaasa gama hawaasummaan fayyadamaa taasisaa jiru ta'uu eeranii, Dhaloota fayyaan isaa eegamee fi dhibeerraa bilisa ta'e uumuun immoo imala badhaadhinaa eegalame milkeessuun biyya jabduu fi kabajamtuu ijaaruu keessatti bakka olaanaa qabaa jedhaniiru .

Itti Gaafatamaan Waajjiraa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaan haasaa taasisaniin , lammiin fayya buleessi hojjetatee of jijjiiruun biyya jijjiira waan ta'eef milkaa'ina hojii fayyaaf mootummaan xiyyeeffannoo addaa itti kennuun tarsiimoo fayyaa hawaasa fayyadamaa taasisu hojiirra oolchuun dhaabbilee fayyaa baballisaa kan jiruu ta'uu eerunii, keessattuu hawaasni tajaajila karaa qulqullina,ariitii fi baayyina qabuun qe'ee isaatti akka argatuuf hojjatamaa jiraachuu ibsanii jiru.

Dabalataniis Obbo Gosaan akka ibsanitti , Buufatanii fayyaa Haliilaa fi Asallaa akkuma Oromiyaattuu buufataalee fayyaa foyya'aa ta’anii fi gandoota keessa gandii Cilaaloo , Walkeessa ,Hanquu fi Kombolchii sadarkaa raawii foyyeeraa jiraachuu koree Supparviizyinii Oromiyaarraa dhufee mirkaneessuu isaanii gamaaggamaa kana keessatti ibsanii jiru.

Hundeeffama mana maree Sirna nyaataa fi Nuutiriishinii irratti mariin qooda fudhattoota waliin geggeeffamaa jira!-------...
03/05/2025

Hundeeffama mana maree Sirna nyaataa fi Nuutiriishinii irratti mariin qooda fudhattoota waliin geggeeffamaa jira!
---------------------------------------------------
Ebla, 23,2017-Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Hundeeffama mana maree Sirna nyaataa fi Nuutiriishinii irratti mariin qooda fudhattoota waliin karaa milkaa'ina qabuun geggeeffamuurratti argama.

Dookumantiin Dambii fi Hundeeffama mana maree sirna nyaataa fi Nuutiriishinii irratti ka'umsa Mariif ta'u karaa Ogeeyyii Waajjiiraa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaattin hirmaattota waltajjiifi dhiyaachaa jira.

Dhaloota fayyaa qabeessa oomishaa,dorgomaa fi bu'a qabeessa ta'e horachuuf rakkoo hanqina nyaatan dhufu qolachuun murteessaa ta'uus ibsame jira.

Inshuraansiin Fayyaa Hawaasaa Wabii Fayyaa Hawaasaati!Guraandhala 20/2017, Bulchiinsa Magaalaa  Asallatti  Gamaaggamni r...
28/02/2025

Inshuraansiin Fayyaa Hawaasaa Wabii Fayyaa Hawaasaati!

Guraandhala 20/2017, Bulchiinsa Magaalaa Asallatti Gamaaggamni raawwii Hojii IFH hanga ammaa bakkaa Hoggansi Magaalaa fi Gandaa argamanitti qoratamee .

Gamaaggama raawwii hojii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa kanarratti argamuudhaan haasaa baniinsaa kan godhan Itti Gaafatamaan Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Muhaammad Huseen akka jedhanitti , Hojiin IFH hojii kamiyyuu Caalaa dursa kennineef itti fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf kan hojjannu waan ta'eef Hooggansi kamiyyuu cichinee hojjannee fayyadamummaa ummataa keenyaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Kanaaf Inshuraansiin Fayyaa hawaasa baasii tajaajila fayyaa humnaa olii irraa baraaruu fi aadaa wal deeggaruu kan cimsuu waan ta'eef Hooggansi fi hawaasni keenya tajaajila fayyaa guutuu ta'e dhugoomsuuf Inisheetiviiwwan fayyaan hojjetamaniif xiyyeeffannoo kennee hojjechuu akka qabu Obbo Muhaammad ibsanii jiru.

Sanadaa barreeffama mariif oolu qopheessuun, Kaayyoo gamaggamaa hojii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaatiin Ciminootaa mul'atan itti fufsiisuun hanqinootaa fi rakkoowwan jiran adda baasuun kallattii hojii fuulduraa kaa'uuf waltajjii barbaachise ta'uu kan ibsan ammoo I/G Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaani.

Xumura sagantaa irrattis gandoota raawwii hojii inshuraansii fayyaa Hawaasaattin Sadarkaa Magariisaa ,Keelloo fi diimaa galmeessan adda baasuun waraqaan ragaa kennameefii jira.

Haaluma kanaan , Gandii Haaliilaa , Hundee Guddinaa fi Kombolchii Magariisaa , Cilaaloo fi Walkeessaan Keelloo keessatti yoo madaalamaan Gandii Buusaata, Hanquu fi Burqiituun gandootaa raawwii IFH gadii aanaa galmeessuun diimaa keessatti madaalamanii jiru.

Amajjii 23, 2017- Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti baatiin fayyaqabeessummaa haadhoolii mata duree tajaajila kunuunsa da’u...
31/01/2025

Amajjii 23, 2017- Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti baatiin fayyaqabeessummaa haadhoolii mata duree tajaajila kunuunsa da’umsaan duraa dhaqqabamaa, haqaqabeessaafi qulqullina qabu yeroon jalqabsiisuun fayyaa haadhoolii haa mirkaneessinu' jedhuun kabajamee.

kaayyoon kabaja baatii fayya qabeessummaa Haadhoolii kunis fooyya’iinsa tajaajila fayyaa haadhooliifi daa’immaniif kennamu akka xiyyeeffannoo argatuufi jedhameera .

Tajaajila kunuunsa da’umsaan duraa dhaqqabamaa, haqa qabeessaafi qulqullinaan kennuun fayya qabeessummaa haadhoolii kan mirkaneessu ta'uus himameera .

Inshuraansiin Fayyaa Hawaasaa wabii fayyaa hawaasaati !Sadaasa 21,2017-  Waajjirri  Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa  Asallaa ...
30/11/2024

Inshuraansiin Fayyaa Hawaasaa wabii fayyaa hawaasaati !

Sadaasa 21,2017- Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Bara kana miseensa Inshuraansii Fayyaa hawaasaa kuma 21 fi 891 horachuuf hojjatamaa jiraachuu beeksise .

Waajjirichi haala karoora horannaa miseensa Inshuraansii Fayyaa hawaasaa milkeessuun danda'amuurratti qooda fudhattoota wajjiin marii gaggeessaa jira.

Address

Asella

Telephone

+251223315997

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asella Town Administrative Health office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram