Dr.Murad Jemal

Yeroo Timaatima 🍅 Bifa Adda Tana Qabu Argattu Hunda Nyaachuu Irraa Of Qusadhu.  Bu'aa Bofa 🐍 Ciniinnaa irraa kan ka'e ta...
26/11/2024

Yeroo Timaatima 🍅 Bifa Adda Tana Qabu Argattu Hunda Nyaachuu Irraa Of Qusadhu.

Bu'aa Bofa 🐍 Ciniinnaa irraa kan ka'e ta'uu akka danda'u Yaadonni Kennamee Jira. Bofa fi Reptiles Biroo Darbee darbee Fuduraalee 🍑🍓 Yeroo Beela'an Ciniinuu, Akkaataa Battee fi Simbirroonni 🦇 Pawpaw Bilchaate Nyaatan Wal Fakkaata.

Of Eeggannoon Keessan Wantoota Summii Qaban Bineensonni Fuduraalee Keessatti Lilmoodhaan Naqaman Akka Hin Nyaanne Si Eega.

Maddi balaa du'a tasaa saal-qunnamtiirratti mudatuu maali?Gaa'elli umamaan waan gammachiisaadha. Hundeen hariiroo gaa'el...
02/10/2024

Maddi balaa du'a tasaa saal-qunnamtiirratti mudatuu maali?

Gaa'elli umamaan waan gammachiisaadha. Hundeen hariiroo gaa'elaa miidhassuufi gochi dhiirsiifi niitiin itti gammadan inni guddaa saal-qunnamtiidha.

Shaakala madda gammachuu namoota lama gidduu kana darbee darbee rakkoo tasaa yeroo itti mudatu ni mul'ata.

Namoonni osoo qunnamtii saalaa raawwataa jiranii balaa du’a tasaaf saaxilamuu haalli itta dana'an, ykn lamaan haalli infekshiniin itti qabaman ykn yeroo raawwachaa jiran itti dhukkubsachuu danda’u ni jira.

Dhiirri osoo dubartii gubbaa jiruu ykn dubartiin osoo dhiira jala qunnamtii saalaa keessa jirtuu dhiira jalatti du'uu dandeessi.

Namoonni tokko tokko sababa jeequmsa saalaatiin du'uun isaanii gabaasni adda addaa kan dhiyaate yoo ta'u, kunis namoota hedduu ajaa'ibsiisa.

Namoonni gariin taateen kun haaluma addunyaa baramaadha yoo jedhan, kaan ammoo yeroo baay’ee taateewwan kanaaf, keessttuu kanneen gaa’elaan alatti walqunnamtii saalaa raawwatan komatu.

Hedduun ammoo taateen akkanaa fakkaatu mudachuu hin amanan.

HIR'INNA NYAATAA===============-Nyaatni faayidaa gurguddoo lama qaba       -Anniisaa        -Ijaarsa *Beela -nyaatni fud...
08/08/2024

HIR'INNA NYAATAA
===============
-Nyaatni faayidaa gurguddoo lama qaba
-Anniisaa
-Ijaarsa
*Beela -nyaatni fudhannuu anniisa qaamaaf barbaachisuun wolsimuu yoo dhabee kan dhufuudha.
*Rakkoo nyaataa
-Hanqinna fi
-Baay'innaan fudhachuu
*Hanqinnii nyaata walgituu dhabuu nyaata aanniisaa omishuu fi ijaarsaaf qaamaaf oolu hanqina nyaata qabu jedhama.
-Yeroo gabaabaa ji'aa 3 gadi
-Yeroo dheeraa ji'a 3 oliiti.
Hanqina nyaataa maaltu fida?
-Dhabiinsa nyaataa-hiyyumaa fi balaa
-Harma haadhaa gahaa argachuu dhabuu
-Ilaalcha dogongoraa waa'ee nyaataa irratti qabaachuu
Dhukkubootan qabamuu
*Rakkoolee Hanqinni nyaataa fidu!
1-Du'aatii umrii malee
2-Qancaruu
3-Ittisa dhibee dadhabsiisu
4-Sammuun dadhabuu-hojii dhabdummaa
Hanqinna nyaataa hamaa
-Huqqinna qaamaa
-Iita
-Lachuu
*Mallatoolee ogeessaan adda baafaman heddu qabu
Guyyaa micireen uumamee jalqaba soorata madaalamaa argachuu
Page keenya follow godhaa

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkam...
04/08/2024

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?
*********
Gartuu dhiigaa negativa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabuu ta’ee dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatiiva jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+)dha
*********
ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISUU DANDA'A
Dubartiin gartuu dhiigaa negativaa (Rh-ve) qabdu tokko dhiira gartuu dhiigaa pozativa (Rh +ve) qabu waliin ga’eela yoo godhattee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaan poozativii carraa ta’uu ol'aanaa qaba. Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu Rh+ ta'u, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka alagatti illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfi irraa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kuufamuu (fetal ascites)
*********
RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha iminooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.fi
2. Erga deessee booda yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaallamee RH +ve ta'e, haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.
*********
Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa negativaa (Rh-ve) qabdu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa negativa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatte mucaan isaanis gartuu dhiigaa negativa(Rh-ve) waan qabaatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D )
Galatoomaa

WAA'EE ULFAA FI DAUMSAA IRRAA MURAASA""""""""""*"""""""""**1. Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatinni ishii kan duraa irr...
02/08/2024

WAA'EE ULFAA FI DAUMSAA IRRAA MURAASA
""""""""""*"""""""""**
1. Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatinni ishii kan duraa irratti Kg 8-12 ni dabalti

2. Qabiyyeen (volume) dhiiga ishii kan duraa irraa dhibbeentaa 40 - 50 (40% - 50%) ni dabala.

3. Dha'annaan onnee ishii haga duraa irraa daqiiqaatti 10 - 15 ni dabala.

4. Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa'amee ji'a 4 - 5 tti eegala.

5. Mucaan garaa keessa jiru/tu guyyatti yoo xiqqaate si'a 12 socho'a/ti.

6. Ulfaatinni obbaatii (placenta) 1/6 ffaa ulfaatina mucaati.

7. Dubartiin tokko erga deessee, madaan qaama hormaata isheerra hin jiru tanaan yeroo kamittuu walqunnamtii saalaa rawwachuu dandeessi (gama fayyaatiin).
Erga Dhiigni dahumsaa/daataan dhaabbatee booda

8. Dubartiin tokko erga desseen ykn erga irraa baheen booda yoo harma hoosisuu baatte, torban 3 - 4 keessatti ulfa'uu dandeessi.

9. Harma hossisuun ulfa itti aanu ittisuuf ni gargaara.

DHIBEE SUKKAARAAKutaa-2ffaa♨️ Dhibee sukkaaraatiif maaltu nu saaxilan 1. Sochii qaamaa gochuu dhiisuu2. Furdina garmalee...
01/08/2024

DHIBEE SUKKAARAA
Kutaa-2ffaa
♨️ Dhibee sukkaaraatiif maaltu nu saaxilan
1. Sochii qaamaa gochuu dhiisuu
2. Furdina garmalee (BMI >25)
3. Umurii waggaa 45 fi isaa ol
4. Sanyii-Fira dhihoo dhibee sukkaaraa qaban qabaachuu
5. Dhukkuba sukkaaraa yeroo da’umsaa qabaachuu
6. Daa’ima ulfaatina 4 KG ol ta’ee dahuu
7. Dhibee koleestiroolii qabaachuu
8. Dhibee dhiibbaa dhiigaa
9. Tamboo/ sigaaraa xuuxuu
10. Dhibee ovarii qabaachuu...

👉 Namoonni wantoota armaan olitti eeraman tokko illee qaban yoo xiqqaate waggaa sadi sadiin dhibee sukkaaraa qoratamuu (screening) qabu

♨️Yaala Dhibee Sukkaaraa

➪ Gosa isaa irratti hunda’uun yaala garagaraa qaba, isaanis

⓵. Yaalii Qorichaan Alaa
Yaaliin kun namoota dhibee sukkaraa qaban kamiyyuu ni fayyada. Isaniis

◍ Sochii qaamaa gochuu- Yoo xiqqaate guyyatti diqaaqaa 30f sochii qaamaa gochuu

◍ Haala nyaataa sirreessuu-nyaata sukkaara of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu/hir'isuu

◍ Ulfaatina qaama ofii hamma sirrii ta'etti to'achuu

⓶. Yaala Qorichaa

➪ Qorichi kennamu gosa dhiibee sukkaaraa irratti hunda’a,haaluma kanaan
◍ Dhibee sukkaraa gosa 1ffaaf qoricha lnsuuliinii jedhamu liilmoon kennama. ◍ Dhibee sukkaaraa gosa 2ffaaf qorichi bifa kiniinin fi lilmoon kennamu danda’a.

♨️ Of eeggannoo namoonni dhibee sukkaara qaban gochuu qaban

➪ Hordoffi yeroo yeroon mana yaalatti taasisuu.
➪ Hordoffi malee qoricha farmasiidhaa bitachuun fayyadamuu dhiisuu.
➪ Qoricha osoo hin dagatiin yeroo isaa eeganii fudhachuu.
➪ Mallattoo yeroo sukkaarri olka’uu fi gad bu’uu beekuun hatattaman yaalamuu.
➪ Yeroo mallatton sukkaaraa gad bu’uu mul’atu wantoota sukkaara qaban yeroof fayyadamu.
➪ Wantoota qara qabaniin akka hin warraanamneef of eeggannoo addaa taasisuu fkn luka duwwaa deemuu dhiisuu,
kophee nama qabu keewwachuu dhiisuu
➪ Gorsa ogeessaa irratti hundaa’un yeroo yeroon qorannoo dhiibbaa dhiigaa, kalee, ijaa, hidda dhiigaa, kolestiroolii fi narvii taasisuu.

♨️ Dhibee sukaaraan akka hin qabamneef maal gochuu qabna?

Dhibee sukkaaraa keessattu gosa 2ffaan namni kamiyyuu qabamuu danda’a. Kanaaf of eeggannoo armaan gadii gochuu qabna:-
1. Dhibee sukkaaraa duraaf (prediabetes) qoratamuu
2. Dhibee sukkaara dura (prediabetes) yoo qabaanne of eeggannoo namoonni dhibee sukkaaraa gochuu qaban raawwachuu
3. Wantoota dhibee sukkaaraaf nu saaxilan armaan olitti eeraman yoo qabanne qorannoo(screening) taasisuu
4. Guyyaadhaan iddoo tokko taa’aa ooluu hir’isuu fi sochii qaamaa taasisuu (Exercise)
5. Furdina qaamaa hir’isuu
6. Nyaata fayyaa namaaf gaarii ta’an soorachuu fkn nyaata akka coomaa fi kaarbohaydireetii baay’inaan of keessaa qaban hir’isuu; Kuduraa fi muduraa , nyaata pirootiniin badhaadhan soorachuu
7. Yeroo tokkotti nyaata baay’ee nyaachuu dhiisuu
8. Tamboo/Sigaaraa xuuxuu dhiisuu
9. Bishaan ga’aa guyyaadhaan dhuguu
10. Dhiphina (stress) hir’isuu
Waa'ee fayyaa
Galatoomaa

DHIBEE SUKKAARAAKUTAA  1FFAA♨️Maalummaa Isaa➪ Dhibeen sukkaaraa wayita hammi sukkaaraa dhiiga keessatti argamu yeroo dhe...
30/07/2024

DHIBEE SUKKAARAA
KUTAA 1FFAA
♨️Maalummaa Isaa
➪ Dhibeen sukkaaraa wayita hammi sukkaaraa dhiiga keessatti argamu yeroo dheeraaf hamma barbaachisuu (normal value) ol ta'uudha.
➪Kunis sababa hormoniin insuliinii jedhamu sababa adda addaan xiqaachuu ykn dalagaa isaa sirnaan hojjechuu dhabuun kan uumamuudha.
➪ Insuliinin qaama rajijii jedhamu kan garaa keessatti argamuun oomishama.
➪ Dhibeen sukkaaraa nama kamiyyuu qabuu danda’a.

➪ Addunyaa kanarratti namoonni miliyoona 500 ol dhibee sukkaaraa kan qaban yoo ta'u,
akka biyya keenyatti namoonni miliyoona 2 ol dhibee kana waliin jiraatu
➪Dhibeen kun dafee yaala hin argatu taanaan rakkoo adda addaa namarraan gaha,
Dhibeen sukkaaraa;
👉 miidhama kalee sadarkaa dhumaa,
👉 Jaaminna ijaa fi
👉 muramuu miilaa fiduun sadarkaa 1ffaa irratti argama.

➪ Namoonni miliyoonan laakka'aman dhibee kana waggaa tokko keessatti lubbuu isaanii dhabu

➪Namni tokko dhibee sukkaaraa qaba kan jedhamu osoo nyaata hin nyaatin(sa'aatii 8 oliif) hammi sukkaara isaa irra deddeebiin 126 mg/dl ol yoo ta'eedha.

♨️Gosoota Isaa
Dhibeen sukkaaraa gosoota gurguddoo 3 qaba,isaanis;

1. Dhibee sukkaaraa Gosa 1ffaa ( Type 1 diabetes mellitus )-Gosti kun sababa hir’ina hormoonii insuliinin kan dhufu yoo ta’u, namoota umuriin isaanii waggaa 30 gad ta’eeratti hedduummaata

2. Dhibee sukkaaraa Gosa 2ffaa (Type 2 diabetes mellitus)-sirnaan hojjechuu dhabuu hormoonii insulinii (insulin resistance) fi hanga tokko hir’achuu hormoonii kanan dhufa.
Namoota dhibee sukkaraa qaban 90 - 95% gosa kanadha. Irra caalatti namoota waggaa 30 olii irratti argama

3. Dhibee sukkaaraa yeroo ulfaa (Gestational diabetes)-Dhibee sukkaara yeroo ulfaa qofa argamuudha

♨️ Mallattoolee Dhibee Sukkaaraa

➪ Baay’ee dheebochuu ykn amma amma bishaan dhuguu
➪ Fincaan yeroo kaanirra dafee dafee nama qabuu
➪ Yeroo hedduu beela’uu
➪ Ulfaatinna qaamaa hir'isuu
➪ Dadhabbii qaamaa
➪ Madaan dafee fayyuu dhabuu
➪ Infeekshinii garagaraan deddeebi'anii qabamuu
➪ Qulqulleessanii arguu dadhabuu (namatti duumessaa'uu)

♨️Xaxaaleen (Complication) Dhibee Sukkaaran Wal Qabatanii Dhufan

➪Iddoo 2tti qoodamee ilaalamuu danda'a,
isaanis
⓵.Xaxalee yeroo gabaabatti dhufan (Acute complication)

➪ Sukkaarri baay’ee dabaluu (DKA/HHS)
➪ Sukkaarri baayee gadi bu’uu (Hypoglycemia)

⓶.Xaxalee yeroo dheeraatti dhufan (Chronic Complication)
1. Dhibee kalee
2. Dhibee ijaa
3. Dhibee narvii
4. Dhibee onnee
5. Istrookii
6. Dhibee hidda dhiigaa
7. Dhibee garaachaa
8. Dhibee qaama wal hormaataa fi kkf
Waa'ee fayyaa
Galatoomaa

QORICHOOTA YEROO ULFAA FUDHATAMUU HIN QABNE==========1.NSAIDS(Aspirine,Diclofenac,Ibuprofen,Indomethacin….etc): keessuma...
29/07/2024

QORICHOOTA YEROO ULFAA FUDHATAMUU HIN QABNE
==========
1.NSAIDS(Aspirine,Diclofenac,Ibuprofen,Indome
thacin….etc): keessumaa torbee28 booda(3rd trimester). Onnee daa’imaa irratti miidhaa qaba( closure of ductus arteriosus)

2.Statins(Atrovastatine,Simvastatine,Levostatine…etc): qorichootni kun kolestrolii haadhaa gadi buusu, kolestrooliin ammoo guddina daa’imaaf barbaachisaadha

3.Warfarin: rakkoo dhalootaa fiduu danda’a( multiple birth defects)

4.Testestrone: rakkoo dhalootaa fiduu danda’a

5.Misoprostol: ulfa irraa baasa( miscarriage)

6.Sulfamethoxale/trimethoprim(Bactrim): keessumaa torbee 28 boodafudhatamuu hin qabu

7.Nitroimidazole(Metronidale and Tinidazole): keessumaa torbee 12 jalqabaa irratti(1st trimester) fudhatamuu hin qabu.

8.Griseofulvin: ulfa irraa baasa( spontanous abortion)

9.Methotrexate: rakkoo dhalootaa fida. Fkn ‘cleft palate’

10.Thalidomide: rakkoo dhalootaa fida. Fkn harkaa fi ykn miilli uumamuu dhabuu ykn gabaabbachuu.

11.Estradiol

12.Clomiphene citrate: rakkoo dhalootaa fida

13.Medroxyprogestrone acetate: rakkoo dhalootaa fida

14.Vitamin A: ulfa baasuu danda’a, rakkoo dhalootaas ni fida

15.Danazol: uumama sirna qaama walhormaata daa’imaa dhalaa(durbaa) irratti rakkoo fida

16.Finasteride: guddina sirna walhormaata daa’ima dhiirarrtti rakkoo fida

17.Tetracycline: rakkoo lafee fi ilkaan daa’imaa fida

18.Chloramphenicol: dhukkuba ‘gray baby syndrome’ jedhamu daa’imatti fida

19.Isoniazid: daa’imatti gaggabdoo fi miidhaa tiruu fida

20.Sodium Valporate: rakkoo sirna narvii daa’imaa fida

21.ACE inhibitors( Enalapril,Captopril,Lisinopril,….etc): rakkoo guddina daa’imaa ,rakkoo dhalootaa fi du’aatii daa’ima gadameessa keessaa fida

22.Lithium: xannacha tayroydii fi onnee daa’imaa miidha.
23.Phenytoin: ‘cleft lip/palate fida

24.Anticonvulstants(Trimethadione,Valporic acid,Carbamazepine,):rakkoodhalootaa fidu

25.Androgens: rakkoo dhalootaa fidu
HUB: kanneen armaan olitti eerraman malee qorichootni baayyeen yeroo ulfaafudhatamuu hin qabne jiru.

Qoricha Teessoo dubartootaa dabalaa jedhamee dargaggootaan fudhatamaa jiru miidhaa guddaa akka fidu ibsame.Magaalaa Finf...
24/07/2024

Qoricha Teessoo dubartootaa dabalaa jedhamee dargaggootaan fudhatamaa jiru miidhaa guddaa akka fidu ibsame.

Magaalaa Finfinneetti qorichi “Prednisolone” jedhamu kan teessuma dubartootaa dabaluuf fudhatamu namoota hedduu dhukkubaaf saaxilaa jiraachuun gabaafame.

Lakkoofsi dargaggoota “Prednisolone” fudhatanii dabalaa jira jedhame.

Dhukkubsattoota asmii fi warra qorichi kun barbaachisuuf ajaja ogeessa fayyaatiin kennamuu kan qabu “Prednisolone”, lakkoofsi dargaggoota ajaja ogeessaa malee fudhatanii dabalaa jira jedhame.

Keessattuu, Dubartoonni ulfaa yeroo qoricha kana fudhatan of eeggannoo guddaa gochuu akka qabanis ibsameera. “Prednisolone” Yeroo ulfaa gara ji’oota jalqabaatti wayita fudhatamu daa’ima irratti rakkoo ciccituu qoonqoo fi ulfaatina daa'imaa gadi bu'uu akka fidus himameera.

“Prednisolone”, dubartoonni furdina waliigalaatiifi Teessuma isaaniif jecha fudhachaa kan jiran yoo ta'u, kanaanis dhukkuboota adda addaatiif saaxilamaa jiraachuu isaanii , Ispeeshaalistiin kutaa balaa tasaa fi ogeessi dhukkubsattoota hammaataa Hospitaala Abeet, Doktar Abirahaam Jenberuu raadiyoo fi televijiinii Bisraatitti himaniiru.

Qorichichi Qaama namaa kan ballisuu fi Dhukkubaa sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa infekshiniiwwan garaagaraa, kaanserii, dhukkuba ijaa , dhukkubaa maadaa'uu garaachaa, akkasumsa dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu namaa kan dadhabsiisu tahu isaa ogeeyyiin fayyaa ibsaniiru.

Dabalataan “Prednisolone” ajaja doktoraatiin yeroo fudhatamuyyuu haala walfakkaatuun osoo hin taane, qorichichi fudhatamuu yeroo jalqabee kaasee hanga guyyaa xumuraatti hangi qorichichaa hir'achaa adeemuu qaba. Kana yoo hin taane garuu qorichichi araadallee akka tahu ibsameera.

Dr. Abiraham Janberuun itti dabaluudhaan akka jedhanitti, qorichi kun qaama namaa yeroo dabalu, bakka barbaadametti qofa osoo hin taane, bakka hin barbaadamnetti qaama namaa akka dabaluu danda’u dubbataniiru.

27/06/2024

Odeeffannoo Arifachiisaadha! Ammuma Walii qoodaa namoota baayyee biraan gahaa !..
Konkolaataan kun kan yatii-monniifi misk-iinonni hedduun ittiin tajaajilamaniidha .

Konkolaataa kun kan ustaaz Nuuruu Turkii ti.
Amma galgala kana naannawaa sa'aatii 11:15 'nii kheessa bakka hojii isaanii magaalaa Finfinnee naannawaa Addis sefer Askoo balbala kaaffee Afnaan jedhamuu hata-meera.
Lakkoofsi gabatee AA 29921 koodii 3
Konkolaataa doolfiinii haalluu meetii/siilvariiti.

Odeeffannoof yoo argattan lakkoofsa bilbilaa armaan gadii kana irratti bilbilaa
👇
0911958452/0911715649

Tumsa gootanu hundaaf Rabbii Mindaa isaa isiniif haa herreegu.

❓ Kana beektuu ❓ Garmalee yaadda'uun (cinqamuun) saayinsii keessatti beekumsa olaanaa ta'ee fudhatama.  Namoonni caalaat...
18/06/2024

❓ Kana beektuu ❓

Garmalee yaadda'uun (cinqamuun) saayinsii keessatti beekumsa olaanaa ta'ee fudhatama. Namoonni caalaatti yaadda'an (cinqaman)sammuu ol'aanaa qabu.

Address

Center
Asella

Telephone

+251939141452

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Murad Jemal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Murad Jemal:

Share

Category