Dr. Hajjii Nagawoo

Dr. Hajjii Nagawoo Aimed at providing issues related to health.

NAMA TALAALLII HEPAATAAYITAS B FUDHACHUU QABU*******************************Hepaataayitas B (Dhukkuba shimbirroo) dhukku...
26/10/2025

NAMA TALAALLII HEPAATAAYITAS B FUDHACHUU QABU
*******************************
Hepaataayitas B (Dhukkuba shimbirroo) dhukkuba haalaan namarraa namatti daddarbuudha. Haalli tatamsa'ina isaa kan HIV tiin wal bira qabnee yoo ilaallu kan hepaataayitas B tu irra hamaadha. Dhangala'aa (hancufa, dhiiga, dhangala'aa qaama saalaa dubartii fi mi'oo) nama dhibee kanaan qabameetiin wal tuttuquudhaan namarra namatti daddarba. Kana malees yeroo da'umsaa haadharraa gara ilmootti ni dabra. Dhukkubni kun yoo tallaalamne guutumaa guututti kan ofirraa dhoorkuu dandeenyuudha
Eenyuutu tallaalamuu qaba?
---------------------------------------------
✍ Daa'imman hunda
✍ Nama yeroo hedduu dhiiga namaa fudhatu
✍ Maatii keeysaa namni dhukkuba kana qabu yoo jiraate
✍ Daa'ima haadha dhibee kana qabdu irraa dhalate
✍ Ogeeyyii fayyaa hunda

Kanaafuu carraa argattanitti fayyadamtanii of tallaalchisuun baayyee bareedaadhaa
《Dhukkubsatanii dawaa barbaaduurra, dursanii of eeguutu wayya》

Galatoomaa!!
Fayyaa hin dhabinaa, fayyaan faaya!!

Dr. Hajjii Nagawoo

"Kaansariin Maali? Maalirraa Nama Qaba? Akkamitti Ofirraa Ittifna?"***********************************************Kaansa...
11/10/2025

"Kaansariin Maali? Maalirraa Nama Qaba? Akkamitti Ofirraa Ittifna?"
***********************************************
Kaansariin yeroo seelonni qaama keenya guddina seeraan alaa (abnormal) taasisan uumama. Dhukkubni kun qaama kamuu hubuu danda’a, gosoonni isaa immoo 100 ol ta’u. Kaansariin maqaa qaama jalqaba hubeen yoo waamamu, dandeettii faca’uu fi qaama biraa miidhuu qaba. Addunyaarratti, kaansariin dhukkuba onneetti aanee nama lubbuu namaa baasun sadarkaa lammaffaa irratti argama; kaansarii sombaa sadarkaa duraa, kaansarii harmaa nama qabuudhaan sadarkaa lammaffaarratti yoo argamu nama ajjeesudhaan sadarkaa shanaffaa irratti argamu. Afrikaa fi biyya keenya keessatti, kaansarii ulaa gadaameessaa, tiruu fi harmaa ummata hedduu hubaa jira.

Namoonni kaansariin qabamuuf carraa olaanaa qaban keessaa: warra umriidhaan raaganii fi fira kaansarii qabame qaban, warra tamboo xuuxan, akoolii baay’isan, garmalee furdatan, sochii qaamaa dhabanii fi nyaata kuduraa fi muduraa hin sooranne. Dubartoonni wal-qunnamtii saalaa dhiira hedduu waliin raawwatan carraa kaansarii ulaa gadaameessaa (cervical cancer) olaanaa qabu. Akkasumas, vaayrasii tiruu (hepatitis), HPV, HIV fi baakteeriyaan garaachaa (H. pylori) sababa ta’u. Ifa aduu garmaleef saaxilamuun kaansarii gogaa (melanoma) fida.

Mallattoon kaansarii qaama hube irratti mul’ata. Fakkeenyaaf: kaansarii sombaa qufaa, hafuura kutuu fi dhiiga akkee agarsiisa; kaansarii harmaa iita’uu, halluu gogaa jijjiruu fi fiixee harmaa shuntuuruu fida; kaansarii garaachaa fi mar’imaan boolii dhiiga qabu, gogiinsa garaa fi sardamsiisa fida; kaansarii tiruu garaa dhukkubbii, ijaa fi gogaa halluu keellotti jijjiruu agarsiisa; kaansariin gogaa iitaa gurracha fida. Walumaagalatti, gubaa, dadhabbii, madaala hir’achuu fi iitaa xiqqoo bobaa jala, mormaa fi gudeeddii keessatti mul’achuu danda’a.

Kaansarii irraa eeguuf, maatii keessaa namni kaansarii qabuu yoo jiraate qorannoo duraa (screening) gochuu, dubartoonni harma isaanii yeroo yerootti ilaaluun jijjirama addaa yoo argan ogeessa fayyaa waliin mari’achuu qabu. Tamboo xuuxuu dhaabuun, alkoolii dhiisuu, sochii qaamaa gochuu, kuduraa fi muduraa soorachuun, wal-qunnamtii saalaa haadha warraa qofa waliin raawwachuun, dhukkuba garaachaa yaalamuun, furdina hir’isuun fi ifa aduu irraa of eeguuf uffata sirrii fi dibata ittisa aduu fayyadamuun barbaachisaa dha.

Kaansarii dursanii ofirraa ittisuun haalan barbaachisadha. Yoo mallatooleen isaa Isinirratti mul'atan amma hatattamaan gara hospitaala deemuun qorannoo gochuun dirqama.
***********************************************
Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamza Jemal
Associate Prof

Dr. Hajjii Nagawoo

Qo’annoowwan baayyeen dammi fayyummaa qaamaaf baayyee akka barbaachisu agarsiisu. Faayidaalee isarraa argannu keessaa mu...
22/09/2025

Qo’annoowwan baayyeen dammi fayyummaa qaamaaf baayyee akka barbaachisu agarsiisu. Faayidaalee isarraa argannu keessaa muraasa

1. Madiinummaa qaamaa/ dandeettii dhukkuba ittisuu gabbisa

2. Madaa fayyisa

3. Dhukkuba onneef

4. dallansuu sombaa waan xiqqeessuuf asmii fi dhukkuboota sombaa xiqqeessuuf gaariidha

5. Fayyummaa mari’umaaniitiif barbaachisaadha

6. Naarvii qaamaa gabbisuuf ni gargaara

7. Qabiyyeen sukkaara damma keessatti argamuu sukkaara qaama namaa gar malee waan ol hin kaasneef namootni dhibee sukkaaraa qabanis of eeggannoon fayyadamuu danda’u faayidaa waan qabuuf.

8. Seeliin qaama namaa gar malee akka of hin baayyisne ittisuu keessattis gahee akka qabu agarsiisa kana jechuun dhibee akka kaansarii ittisuufis gahee qaba

Dr. Hajjii Nagawoo

✍🏿✍🏿✍🏿DHIPHACHUU BANTUUF CUFTUU ONNEE (stenotic valve disease of the heart)  ✍🏿✍🏿✍🏿Namoonni tokko tokko dhiphachuu onnee...
21/09/2025

✍🏿✍🏿✍🏿DHIPHACHUU BANTUUF CUFTUU ONNEE (stenotic valve disease of the heart)

✍🏿✍🏿✍🏿Namoonni tokko tokko dhiphachuu onneeti nuun jedhan jechuun yeroo himatan ni dhagaha.
Maal jechuudha? Maalirraa dhufa? Mallattoon , yaalli hoo?

✍🏿✍🏿Onneen gola afur qabdi. Isaanis addaan qoodee kan jiru bantuuf cuftuu (valve) waan jedhamuudha. Bantuuf cuftuun tun dhiigni gola tokko kan itti aanutti tartiibaaf yeroo isaa eeggatee akka marsaa dhiigaa geggeessuuf tajaajilti. Haa ta’uutii yeroo tokko tokko dhukkubaan hubamuudhaan dhiphachuun yookiin baldhachuun muudachuu danda’a. kunis sababoota garagaatiin dhufuu mala garuu biyya keennatti beekamaan dhukkubbii qoonqoo (throat infection) yeroo daa’imummaa muudatuudha.

✍🏿✍🏿Dhukkubni kun mallattoo malee yeroo dheeraa turuu mala garuu adeemsa keessa dhiphachuun bantuuf cuftuu kun yeroo dabalaa deemuu mallattoo agarsiisuu jalqaba. Mallattooleen kunniin girrisa/rukuttaa laphee (palpitation), hafuura wol hanqisuu (shortness of breath), dadhabbii qaamaa, qufaa fi dhiiga tufsiisuu (cough), mila lamaan irraa jalqabee qaama dhiitessuu ta’uu danda’u. yaalli isaa immoo qoricha dabalatee sadarkaa sadarkaadhaan hanga yaala baqaqsanii yaaluutti deemuu danda’a. dhibeen kun hordoffii wolirraa hin cinne barbaachisa yoo gorsa ogeessaatiin ta’e malee.

Fayyaan waan hunnda!!

Dr. Hajjii Nagawoo

Nama jabaa jaarraa kanaa yoo jenne ni deemsisa.Namni Entrance 9 qofa akkamitti dhaba dhibba jaha keessaa. Kun dubbisuun ...
14/09/2025

Nama jabaa jaarraa kanaa yoo jenne ni deemsisa.
Namni Entrance 9 qofa akkamitti dhaba dhibba jaha keessaa. Kun dubbisuun xiyyeeffannoo barumsaa kennuun hangam akka nama milkeessu agarsiisa. Barataan kuun hoo maal ta’eeti??

DALLANSUU TIRUU/DHUKKUBA SIMBIRAA (HEPATAAYITISII)--------Dhibee kanarratti:--HIIKA-SABABA -MALLATTOOLEE FI-TOOFTAALEE I...
13/09/2025

DALLANSUU TIRUU/DHUKKUBA SIMBIRAA (HEPATAAYITISII)
--------
Dhibee kanarratti:-
-HIIKA
-SABABA
-MALLATTOOLEE FI
-TOOFTAALEE ITTISAA gabaabinaan kan ilaallu ta’a.


Dhukkubni / dallansuun Tiruu ykn afaan meedikaalaan”Heppatayitasii “kan jedhamu rakkoo fayyaa yeroo tiruun teenya sababa gara garaatiin madoofte/dallante kan dhufuudha. Kunis hawaasa keenya biratti "Dhukkuba simbiraa" jedhamuun beekkama. Sababni moggaasa maqaa kanaas akka namootni baay'een jedhanitti -dhukkubichi kan nama qabu yogguu simbirri halkanii fincaan ishee namarratti fincoofte jedhaniiti waan amananiifi. Dhuguma akkasiree? Deebii asii gaditti argattu.

# SABABOOTA (causes)

Ilaalcha hawaasa tokko tokkootiin dallansuun tiruu kun kan nama qabu fincaan simbira halkanii yeroo nu tuqe /namarra bu’e jedhamee amanama. Garuu akkas osoo hin taane dallansuun kun kan muudatu yoo sababa gara garaan Tiruun teenya miidhamtee madooftedha.
Wantootni Tiruu miidhuu fi madeessu kun maali yoo jenne- kanneen armaan gadiiti:Vaayirasii Tiruu/Hepatitis Virus/

👉🏾 Alkoolii baay'isanii dhuguu
👉🏾 Qorichoota Tiruu miidhan humnaa ol fudhachuu fi summii dhuguu ykn liqimsuu
👉🏾 Ummamaan qaama isaanii keessatti summii Tiruu isaanii miidhuu namootni oomishanis jiru/Autoimmune hepatitis/
👉🏾 Qorichoota aadaa kan dhugan tokko tokko.

Kanneen armaan olii keessaa kan Dhukkuba Tiruuf nama saaxiluu irratti argaman harka caalaan vaayirasii Tiruu fi Alkoolii dhuguu baay'isuudha.

Dhukkubicha maalfa'i?

Dhukkubichaaf sababa kan ta'an baayyee ta'anis hundumtuu Tiruu madeessuun/ dallansiisuun kan dhufan waan ta'eef mallattoon dhukkubichi agarsiisu baay'een wal fakkaata. Haala turtii isaaniitiin Dhukkuba Tiruu bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya:

**Dhukkuba Tiruu Battalaa/Acute Hepatitis/- kun mallattoo dhukkubaa yeroo gabaabdudhaaf qofa mul'isee ofumaan badu kan danda'uudha. yeroo bayyee ji’a 3 - 6 kan turuudha.

Mallattoolee mull'achuu danda'an:
* halluun ijaa fi gogaa qaamaa gara keellootti jijjiiramuu
* fincaan bifaan gurracha'uu
* garmalee nama dadhabsuu
* nyaata jibbisiisuu
* balaqqamsiisuu
* gara-kaasaa
* garaa dhukkubbii
* Jismii/foon/ keessa nama nyaachuu
* ulfaatinni qaamaa sababa tokko malee hir'achuu
* dhagna gubsiisuus danda'a fi
kanneen birooti.
Tiruu miidhamtee turte deebitee of haaromsitee hojii isheetti yoo deebite mallattoolee kun ni badu

** Dhukkuba Tiruu buleessa /Chronic Hepatitis/ji’a 6 ol

kun jalqaba yogguu tiruun keenya miidhamtu mallattoo tokkoyyuu osoo hin agarsiisne cal jedhee Tiruun keenya adadumaan miidhamaa adeemtee yogguu sadarkaa cimaarra geesse mallattoo kan mull'isuudha: mallattoolee armaan olii dabalatee kanneen armaan gadii agarsiisuu danda'a:
* balaqqama ykn bobbaa dhiigaan wal make.
* garaa dhiitessuu, miilas dhiitessuu danda'a.
* hafuura kutaa
* bitaa namatti galuu/confusion/
dhumarratti gara kaansarii tiruuttis jijjiiramuu danda’a.

ITTISAA

Hunda dursa sakatta’iinsa fayyummaa qaama keenyaa taasisuu. itti aansuun:-
👉🏾 Fakkeenyaan vaayirasii tiruu hin qabaannee yoo ta’e Vaayirasii Tiruutiin akka hin qabamne of eeguu. Innis taalaalli fudhachuudhaan. Ogeessota Fayyaa dabalatee hawaasni kamuu fudhachuu danda’a.
👉🏾 Alkoolii baay'isuu dhiisuu. Dhiirri qaruura lamaa ol, dubartii tokko ol dhuguu hin qaban guyyaatti.
👉🏾 Qoricha kamuu ajaja fi akkaata ajaja ogeessa fayyaatiin qofa fudhachuu. summii fi nyaata summa'e irraa of eeguu.
👉🏾 Namoota mallattoolee armaan olii irratti mulla'ate dhiiga isaanii fi dhangala'aa qaama isaanii keessaa bahu tuquu irraa of qusachuu. Namoota akkasii gara mana Yaalatti fudhachuu rakkoo isaa baruus barbaachisa.

Dr. Hajjii Nagawoo

👉🏾👉🏾 DHIBEE SUKKAARAA FI ONNEE MAALTU WOLITTI FIDA??👉🏾👉🏾Gabaasni dhabbata fayyaa addunyaa bara 2021 bahe akka ibsutti ad...
01/08/2025

👉🏾👉🏾 DHIBEE SUKKAARAA FI ONNEE MAALTU WOLITTI FIDA??

👉🏾👉🏾Gabaasni dhabbata fayyaa addunyaa bara 2021 bahe akka ibsutti addunyaarratti namoonni miliyoona 18 ta’an sababa dhukkuboota daddarboo hin ta’iniin umrii woggaa 70 gaditti lubbuu dhabaniiru. isaan keessaa parsaantiin 73 biyyoota guddinnarra jirantu miidhaman. Dhibeen daddarboo hin ta’in kunniin immoo wol duraa duubaan dhibee onnee, kaansarii, dhukkuboota sombaa fi dhibee sukkaaraati. isaan keessaa kutaa kanaan dhibee sukkaaraaf onnee hamma tokko haa ilaallu.

👉🏾👉🏾Dhibeen kun lamaan akkamiin wol qabatu, akkasumas bifa akkamiitiin fayyummaa namaa hubu?

👉🏾👉🏾Dhibee sukkaaraa kan jedhamu seeliin qaama namaa maddaa anniisaa isaatiif giluukoosii akka barbaachisutti yoo hin fayyadaminiidha. kanarraa ka’uudhaan gilukoosiin seeliidhaan waan hin fudhatamneef hidda dhiigaa keessatti kuufama. kunis qabiyyeen sukkaara dhiigaa gar malee hamma barbaachisuun olitti akka ol bahu taasisa. sukkaarri dhiiga keessatti kuufame kun dhiigaan waan naana’uuf sirna qaamaa hunda irratti adeemsa keessa dhiibbaa suuta suutaa geessisaati dhufa. Dhiibbaa san keessaa inni hangafti onnee dadhabsiisuudha. onneen hidda dhiigaa kan soorataa fi ooksajiinii geejjibuuf kan koronarii (coronary artery )jedhamu qabdi. hiddi dhiigaa kun sababbii kamiinuu miidhame taanaan onneen ni miidhamti. wantoota hidda dhiigaa koronarii miidhan yookiin ujummoo isaa dhiphisan keessa inni hangafti dhibee sukkaaraati. Yeroo yerootti hordoffiin dhibee sukkaaraa sababbiin barbaachisuuf keessaa inni tokko xaxaa (complications ) kana hambisuuf.

👉🏾👉🏾Akka biyya keenyaattiis dhibeen kunniin sadarkaa dabaluu irratti argamu. Haa ta’u malee hubannoon hawaasa biratti qixa sirriin waan hubatame hin fakkaatu. innis hordoffii addaan kutuu, qoricha akka ogeessii gorsetti fudhachuu dhabuu fi yeroo hordoffiif dhufan qorannoo barbaadamu hojjachiisuu dhabuu irratti hanqinni baayyeen ni muldhata. kanaaf rakkoo akkasii sirreessaan dhaamsa!

Dr. Hajjii Nagawoo

Big shout out to my newest top fans! 💎Mendelleh Hundaol Miesso Qeliye, Haakime Bushura, Æbe B Gæd, Dibaba Yaddeessa, Ade...
19/06/2025

Big shout out to my newest top fans! 💎

Mendelleh Hundaol Miesso Qeliye, Haakime Bushura, Æbe B Gæd, Dibaba Yaddeessa, Adem Borema, Sabasaf Mideksa Mideksa, Sadik Kedir, Fiqiruu Fayera, Gemechu Gumi, Wako Wiz Øŕø, Firan Koni Fikadu, Diinaa Ol Tesfaye Idosa

Drop a comment to welcome them to our community,

03/06/2025
DHIPHINNI SAMMUU (STRESS) Maal namatti fiduu danda'aa??******************************1. Dhukkuba onnee: Dhiibbaa dhiigaa...
29/05/2025

DHIPHINNI SAMMUU (STRESS) Maal namatti fiduu danda'aa??
******************************
1. Dhukkuba onnee: Dhiibbaa dhiigaa olkaasuu, dha'annaa onnee dabaluu fi karaalee birootiin deemee dhukkuba onneef nama saaxila.

2. Mataa dhukkubbii namatti fida, kan duraan jiranis namatti jabeessa.

3. Dhukkuba garaachaa (Dhukkuba garaachaa namatti fiduu caalaa, isa duraan jiru garmalee namatti jabeessa).

4. Dhukkuba Alzheimer's jedhamu kan dandeettii waa yaadachuu namaa balleessuun beekamu (memory loss) namatti fida.

5. Umurii malee qaamni ofii dafee dulloomuu fi akka dadhabu taasisuu.

6. Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa (type 2 DM). Hagi sukkaara qaama keessa jiru akka hin to'atamne taasisuun namatti hammeessa.

7. Dhukkuba Asmiif haga ta'e akka saaxilamnu akka nu taasisu qorannoowwan ni mirkaneessu.

8. Walumaa galatti umurii namaa gabaabsa (premature death) namatti fida.
******************************
Fayyaan Faaya
Dr .Gurmeessaa

Dr. Hajjii Nagawoo

👉🏾👉🏾👉🏾👉🏾DHIBEE GARAACHAA (GASTRITIS)👉🏾👉🏾Rakkoo namoonni baay'een yaalaaf dhufan  himatan keessaa tokko waa'ee dhukkubbii...
27/05/2025

👉🏾👉🏾👉🏾👉🏾DHIBEE GARAACHAA (GASTRITIS)

👉🏾👉🏾Rakkoo namoonni baay'een yaalaaf dhufan himatan keessaa tokko waa'ee dhukkubbii lapheeti. Maaltu isin rakkise yoo jedhamanii gaafataman? Ana wanti na rakkise guddaan laphema kanatti ibidda na qabee asii ta ka'e dugugguruu duddaa irra na guba, matatillee ol na fiiga, nyaanni na ulfaatee na singiggeessu fi akka waan ol na deebisuullee ni kajeela. Yeroo baay'ee mana yaalaa deemee garaacha qabda naan jedhan? waan jedhu himatu.
Wanti hubatamuu qabuu fi anaaf gaafii ta'e:- ..........garaacha moo dhukkuba garaachaa jedhamuu qaba ture?

👉🏾👉🏾Maraafuu mee dhukkubni garaachaa (gastritis) kun maaliidha?..........dhukkubbiin kun rakkoo namoota hedduu sababoota garagaraatiin nutti dhufan ta'ee kan yeroo wantoonni kunniin garaacha keenya dallansiisuun akka madaa'u ykn quunca'u taasisan nu muudatuudha.

👉🏾👉🏾Sababoota kanniin keessaa ijoowwan:-

1. Dhugaatii alkoolii baay'isuu
2. Tamboo xuuxuu
3. Dhipachuu (stress)
4. Qorichoota muraasa (aspirin, co***ne)
5. Nyaata summaa'e soorachuu (food poisoning)
6. Baakteeriyaa (helicobacter pylori)
7. Yeroo tasa dhangala'aan hadhooftuu garaachatti ol deebi'u fi kkf
Mallattooleen dhukkubbii kanaa muraasni
1. Gubaa lapheerraa ka'uun dugugguruu dugdaa irratti dhagahamu
2. Haqqisiisuu/ lolloojjuu
3. Nyaanni namatti ulfaatuu(indigestion)
4. Deefachuu(belching)
5. Hafuura kutuu ( altokko tokko qufaa)
6. Bowwoo fa'a ta'uu mala

👉🏾👉🏾Hubadhaa!!!

Rakkoon kun yeroo dheeraaf yoo namarra ture xaxaa (complication) qabaachuu mala. Isaan keessaa gurguddoon:-
1. Dhiiguu ( bleeding)
2. Uramuu garaachaa (perforation)
3. Guduunfamuu bahiinsa garaachaa( gastric outlet obstruction)
Yaalaa rakkoo kanaa keessa inni hangaftii fi murteessaan of eeggannoo nyaataa fi dhugaatii irratti godhamuu dha!! ( kana jechuun wantoota akka sababaatti kaafne irraa of eeguudha) kanarra dabarraan yeroon mana yaalaa deemuun ogeessa mari'achiisuudha.
Fayyummaa fayyaa keennaa haa eegnu, haa hordofnu!

Dr. Hajjii Nagawoo

Address

Asella

Telephone

+251935372824

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Hajjii Nagawoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Hajjii Nagawoo:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category