11/10/2025
"Kaansariin Maali? Maalirraa Nama Qaba? Akkamitti Ofirraa Ittifna?"
***********************************************
Kaansariin yeroo seelonni qaama keenya guddina seeraan alaa (abnormal) taasisan uumama. Dhukkubni kun qaama kamuu hubuu danda’a, gosoonni isaa immoo 100 ol ta’u. Kaansariin maqaa qaama jalqaba hubeen yoo waamamu, dandeettii faca’uu fi qaama biraa miidhuu qaba. Addunyaarratti, kaansariin dhukkuba onneetti aanee nama lubbuu namaa baasun sadarkaa lammaffaa irratti argama; kaansarii sombaa sadarkaa duraa, kaansarii harmaa nama qabuudhaan sadarkaa lammaffaarratti yoo argamu nama ajjeesudhaan sadarkaa shanaffaa irratti argamu. Afrikaa fi biyya keenya keessatti, kaansarii ulaa gadaameessaa, tiruu fi harmaa ummata hedduu hubaa jira.
Namoonni kaansariin qabamuuf carraa olaanaa qaban keessaa: warra umriidhaan raaganii fi fira kaansarii qabame qaban, warra tamboo xuuxan, akoolii baay’isan, garmalee furdatan, sochii qaamaa dhabanii fi nyaata kuduraa fi muduraa hin sooranne. Dubartoonni wal-qunnamtii saalaa dhiira hedduu waliin raawwatan carraa kaansarii ulaa gadaameessaa (cervical cancer) olaanaa qabu. Akkasumas, vaayrasii tiruu (hepatitis), HPV, HIV fi baakteeriyaan garaachaa (H. pylori) sababa ta’u. Ifa aduu garmaleef saaxilamuun kaansarii gogaa (melanoma) fida.
Mallattoon kaansarii qaama hube irratti mul’ata. Fakkeenyaaf: kaansarii sombaa qufaa, hafuura kutuu fi dhiiga akkee agarsiisa; kaansarii harmaa iita’uu, halluu gogaa jijjiruu fi fiixee harmaa shuntuuruu fida; kaansarii garaachaa fi mar’imaan boolii dhiiga qabu, gogiinsa garaa fi sardamsiisa fida; kaansarii tiruu garaa dhukkubbii, ijaa fi gogaa halluu keellotti jijjiruu agarsiisa; kaansariin gogaa iitaa gurracha fida. Walumaagalatti, gubaa, dadhabbii, madaala hir’achuu fi iitaa xiqqoo bobaa jala, mormaa fi gudeeddii keessatti mul’achuu danda’a.
Kaansarii irraa eeguuf, maatii keessaa namni kaansarii qabuu yoo jiraate qorannoo duraa (screening) gochuu, dubartoonni harma isaanii yeroo yerootti ilaaluun jijjirama addaa yoo argan ogeessa fayyaa waliin mari’achuu qabu. Tamboo xuuxuu dhaabuun, alkoolii dhiisuu, sochii qaamaa gochuu, kuduraa fi muduraa soorachuun, wal-qunnamtii saalaa haadha warraa qofa waliin raawwachuun, dhukkuba garaachaa yaalamuun, furdina hir’isuun fi ifa aduu irraa of eeguuf uffata sirrii fi dibata ittisa aduu fayyadamuun barbaachisaa dha.
Kaansarii dursanii ofirraa ittisuun haalan barbaachisadha. Yoo mallatooleen isaa Isinirratti mul'atan amma hatattamaan gara hospitaala deemuun qorannoo gochuun dirqama.
***********************************************
Ulfaadhaa! Fayyaan dhabinaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamza Jemal
Associate Prof
Dr. Hajjii Nagawoo