𝑫𝒓 𝑴𝒐𝒉𝒂𝒎𝒎𝒆𝒅 𝑲𝒆𝒅𝒊𝒓

𝑫𝒓 𝑴𝒐𝒉𝒂𝒎𝒎𝒆𝒅 𝑲𝒆𝒅𝒊𝒓 Education is the most powerful weapon we use to change the world.

13/08/2025

Namoota callisoo( introvert)
****
Namoonni amala callisuu qaban, hedduu dubbachuu caalaa warra dhaggeeffatanii fi yeroo hedduu anniisaa fi gammachuuf iddoo kophaa ykn garee xiqqoo kan filataniidha. Namoonni amala akkanaa qaban miidhaa daa'immummaa ykn qaana'aa ykn sodaatoo tahanii osoo hin taane uumamaan amala kana kan kennamaniidha. Namoonni akkanaa keessa isaanii sirritti dhaggeeffachuuf iddoo tasgabbii filatu. Amaloonni isaanii kanneen armaan gadiiti.

1. Nama hedduu wajjiin haasawuu hin jaalatan ykn namatti saffisaan hin dhiyaatan. Garuu nama itti dhiyaatan wajjiin dhooksaa tokko malee taphatu. Hiriyoota hedduu hin qaban. Kanaaf nama filatanii itti dhiyaatan lubbuurra jaalatu.

2. Yeroo dubbatan jechoota isaanii xiinxalan malee akkuma dhufetti hin dubbatan. Jechi kiyya nama biraa miidhuu danda'a moo jechuun of dhiphisu.

3. Dubbii namni dubbatuu fi sochii fuulaa ilaaluun dhugaa, fakkeessuu ykn soba namaa salphatti irratti baruu danda'u. Namni tokko maal akka barbaadu fuularraa ilaalanii hubachuu danda'u. dandeettii kana uumamaan badhaafaman. Garuu eenyuyyuu isaan hubachuu hin danda'u. Sababni isaa miira, rakkinaa fi dhukkubbii isaanii dhookfachuu waan danda'aniif.

4. Yoo garee keessatti hirmaatan jalqaba hin dubbatan. Ajandaan irratti dubbatamu yoo isaan barbaachise qofa qooda irraa fudhatu ykn yoo gaafataman qofa deebisu. Waan isaan hin ilaalle keessa hin seenan.

5. Yeroo hedduu kophummaa ykn nama muraasa wajjiin hariiroo waan qabaataniif, qaama biraan akka boonuu ykn oftuuluutti lakkaa'aman. Garuu amala uumamaa isaaniiti malee boona hin qaban.

6. Yeroo hedduu dubbisuu, barreessuu fi uumama xiinxaluu jaalatu. Kanarraa kan ka'e ofitti amanummaa fi hojii isaanii irratti raawwii olaanaa galmeessu.

7. Iddoo namoonni itti baay'atu, ifaan heddummaatuu fi jeequmsaa dhaquu hin barbaadan. Iddoo akkanaa deemuu irra mana isaanii kophaa taa'uutu boqonnaa sammuu kennaaf.

27/04/2025

Barachuu fi Barachuu-dhabuu
*******************************
Barachuun waan dansaadha. Barnoonni gama hedduun addunyaa jijjiiree jira. Jireenya guyyaa-guyyaa keenna nuuf salphisee jira. Salphisuu irra taree waan ciccimoo hedduu, wan laaftuu irraa maayii godhee jira. Kun bu’aa barumsaati. Barumsi wantoota salphisuu irra taree ofis salphisee jira. Ofis xiqqeessee, maallaqaan of gurguree jira. Barnoonnii fi beekumsi jireenya salphisuuf otoo xaaranii, san keessa isaanis tuffatamuu jalqaban.

Wantootni jireenya keenna salphisan hedduun beekumsa gad-fagoo fi qorannoo yeroo dheeraa fudhateen argaman. Erga argaman boodas—barnoonni fi beekumsi—akka isaan fayyadamtootaf salphaa ta’an cichanii hojjatan. Namuu barnoota xiqqoon akka isaanitti tajaajilamuu danda’u godhan.

Mee jecha kana fakkeenyota lamaan kanaan gadiitiin haa ilaalluu: bilbilli harkatti qabannee deemnu—barnoota, qorannoo fi beekumsa cimaa yeroo dheeraa fudhateen booda argame. San booda maallaqa argachuuf otoo dorgoman, yeroo gara yerootti, bilbiloota salphaan—xaarii xiqqoon—fayyadamuu dandeennu kalaqan.

Dur namni fira Ameerikaa jiru dubbisuuf, xalayaa barreessa. Xalayaan sun ammoo barnoota malee hin barrooftu. Yoo xiqqaate dandeetti qubee laakkayanii barreessuu gaafatti. Yeroo dheeraa booda fira san bira geetti. Barnoonni “email” fide. Yeroo itti xalayachi nama gahu gabaabse. Barnoonniifi beekumsi itti fuufee sagalee warabanii erguu fide. Barreessaa ooluun hafee sagalee waraabanii wolii erguun akka jiraatu godhe. Gama kanaan barnoonni gaafas qarxam godhee of nyaachise. Kunis nan gahu jedhee, application-oota wol ilaalaa (video)-n dubbatan kalaqe. San booda, gama wolqunnamtiitiin, feetu dhakaa nyaadhu jedhame—barnoonni.

Lammaffaa maal seetan—uffata maashiniin ‘singer’ bikkee hodhe uffattee, bilbila barnootaa fi qorannoo meeqa booda hojjatame qabattee, midhaan qorannoo meeqaan booda xaa’oon gabbise nyaataa, qoricha jaarraa heddu keessatti barnootaan fooyya’ee dhihaate liqimsaa, konkolaataa baroota keessatti beekumsaan fooyya’aa dhufe yaabbataa, baankii deemtee maallaqa beekumsaan sirna dijitaalaatti geeddaramee siif daddabarfamuuun qoma kee dhiibdee— barnoonni maal godha jettamii?

Jireenya hunda salphisee—waan maallaqaan bitamu godhee—barnoonni faayidaa maal qaba akka jettu kan si godhes barnoota ta’uu yeroo tokko tokko yaadadhu! Kanaaf, beekumsiifi barnoonni jireenya salphisuuf otoo xaaranii, san keessa ofii isaanii salphatan jedhe! Yeroo Gaarii!
By Dr Nuredin Luke

19/05/2024
09/05/2024
03/04/2024

Bofti kan summmii (poison) qabu, bofa hundaa miti. Haa ta’uu bofti yoo nama ciniinu (keessumaa kan summii qaban) mallattoo akkamii argisiisu, maal gochuu qabna, maal gochuu hin qabnu kan jedhu haa ilaallu.

MALLATTOO
■ Bakka bofti ciniiname sanatti madaan xiqqoon (puncture wound) argamuu.
■ Bakki ciniiname sun diimachuu, dhiita’uu, qunca’uu ykn luqqa’uu, dhiiguu.
■ Dhukkubbii cimaan akkasumattis yoo harkaan tuqan bakka sanatti namatti dhaga’amuu.
■ Olguurraa ykn haqqee fi teessisaa.
■ Hafuura baafachuu dadhabuu ykn hafuurri nama cituu.
■ Onneen ofii garmalee akka nama fiigaa jiruutti dha’achuu.
■ Iji ofii seeraan laaluu dadhabuu ykn namatti dukkanaa’uu.
■ Afaan ofii keessatti dhandhamni ykn miirri akka shaaraa ykn sibiilaa namatti dhaga’amuu.
■ Garmalee gororuu ykn garmalee dafqi qaamarra dhangala’uu.
■ Qaamni ofii adooduu ykn miirri itti dhaga’amuu dhiisuu.

WAAN GODHAMUU QABAN.
■ Yoo bofti ciniinte sun bakka san jirti ta’e yokaan ajjeefamteetti ta’e, suuraa ishee qabaachuun ykn kaafachuun gosti bofa sanaa kam akka ta’e adda baasuudhaan yaalamuuf hedduu gargaara.
■ Akka dhiigni daddafee summii bofaa sana bakka jalqabaa fuudhee qaama keessa waliin hin geenyeef:
● Namni bofti ciniine tasgabbaa’uu qaba.
● Waantoota akka bunaa fi alkoolii yeroof dhuguu hin qabu.
● Haala (position) isa/ishee boqochiisuun ciisuun dha.
■ Waan akka sibiilaa fi meeshaalee miidhaginaa akka qubeelaa harkaa, ambaarii harkaa ykn Faaya morma irraa fi kkf qaama nama ciniinamee irraa baafamuu qabu.
■ Bakki bofti ciniinte sun sirriitti saamunaa fi bishaaniin battalumatti miicamuu qaba.

WAANTOOTA GODHAMUU HIN QABNE.
■ Yoo bofti naa ciniine sun kan du’e ta’e illee gara mataa isaa baachuu ykn tuttuqquu yaaluun tasumaa balaa namatti fida, bofa sana qabuu dhaaf yaaluunis tasumaa sirrii miti.
■ Bakka ciniiname sana waan akka kirrii ykn fo’aa fa’iin hidhuun dhorkaadha, rakkoo cimaafis nama saaxila (bakka tokko tokkotti akka jedhamu bakka ciniiname sana gad hambisanii qaama ciniiname sana hidhuun ni fayyada kan jedhu waan jiruuf).
■ Bakka ciniiname ykn qaama ciniiname sana summiin akka ba’utti jedhanii waan qara qabuun kukkutuu ykn mumuranii dhiigsuun tasumaa summii seene sana hin baasu waan ta’eef kana gochuu irraa of qusachuudha.
■ Summii keessaa baasuuf jecha bakka ciniiname sana ciniinuu, xuuxuu fi kkf irraa ofa eeggachuudha.
■ Qorichoota dhukkubbii dhorkan akka aspirin, ibuprofen fi kkf haga mana yaalaa ga’amutti ofii ofiin fudhachuuf irraa of qusachuudha.

Fayyaan Faaya!!!!

25/03/2024

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?

Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabu ta’e dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).

ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhattee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaanii carraa Rh poozatiivii ta’uu ol'aanaa qaba.
Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu kun Rh+ ta'e, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagatti illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfi irraa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)

RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha immunooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu dha. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda (yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e), haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.

Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa RH nagatiivaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.

Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
Fayyaan Faaya!

Dhukkuba Onnee (Heart Diseases)============================•  Gosoota dhibee onnee:- miidhama onnee/xiqqachuu dhiigaatii...
24/03/2024

Dhukkuba Onnee (Heart Diseases)
============================
• Gosoota dhibee onnee:- miidhama onnee/xiqqachuu dhiigaatiin (Heart attack), Infekshinii onnee (Endocarditis), Dhukkuba ujummoo dhiigaa mashaa onnee(CAD), rakkoo dha’annaa onnee (Arrhythmia), uumamaan rakkoo onnee (Congenital Heart Defects) fa’iidha.
Dhukkuba onneef waantota nama saaxilan:
• Dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa, dhukkuba sukkaaraa, furdina qaamaa, alkoolii dhuguu , tamboo xuuxuu, nyaataa fayyaalessa hin taane, qoricha ajaja ala fayyadamuu, rakkoo hirriiba fi sochii qaamaa taasisuu dhiisuu.
Mallattoolee mul’atan:
• Dadhabsiisuu, afuurri nama hanqachuu, halkan ukkaamamuu, dhiita’uu qaamaa, dhawannaan onnee dabaluu, qufaa, ulfaatinni dabaluu, dhukkubbii onnee, qomaa fi ceekuu gara bitaa fa’a.
Toftaalee Ittisaa fi waan taasifamuu qabu:
 Sochii qaamaa taasisuu, nyaata fayyaalessa soorachuu, ulfaatina qaamaa eeggachuu, tamboo xuuxuufi alkoolii dhuguu dhiisuu, hanga dhiibbaa dhiigaa fi kolesteroolii hordofuu, dhiphina hir’isuu fi haala fayyaa ofii hordoffii taasisuudha.
Source: BEFO

Yeroo Aafxiraa***************Akkuma woliigalaatti yeroo afxiraa waan dhangala'aa ta'e fudhachuudha: bishaan, nyaata dhan...
11/03/2024

Yeroo Aafxiraa
***************
Akkuma woliigalaatti yeroo afxiraa waan dhangala'aa ta'e fudhachuudha: bishaan, nyaata dhangala'a heddu of keessaa qabu, cuunfaa fuduraa. Aakkasumallee waan dibatni itti baay'ate waan akka coomaa fa'a dhiisuudha.
---
---
Lulluuqqiif ykn sooma hiikuuf:

* Timira: timirri waan sooma ittin hiiknu ykn lulluuqannu keessaa isa ijoodha. Timirri ammoo gulukoosii/sukkaara qaamni keenya humnaaf barbaadu, akkasumas albuudota qaamaaf barbaachisoo ta'an kan akka pootaashiyeemii, koopparii, maangaaniiziifi akkasumas waan Fiber jedhamu kan qaamaan hin bulloofneefi gogiinsa garaafi madaala ulfaatinna qaamaa eeguuf gargaaru of keessaa qaba.

* Dhugaatiiwwan akka bishaanii, aananii, juusii (cuunfaa fuduraa) fudhachuun sooma hiikuun ykn lulluuqachuunis gaariidha. Bishaan humna dabalataa otoo hin kennin dheebuu qaamni qabu baasuu danda'a. Kan hafan ammoo aanaan, juusiin faati dabalataan gulukoosiifi wontoota biroo qaamaaf barbaachisan of keessaa ni qabu.

* Fuduraawwan (Fruit) -- fuduraawwan akka muuzaa, maangoo, burtukaanaa, mandariinaa, aappilii, anaanaasii, paappayaafi kkf fudhachuun sooma hiikun ykn lulluqachuunis gaariidha.

* Shoorbaa: shoorbaa midhaanii, shorbaa fuduraa fi kuduraa, akkasumas shoorbaa foon xiqqeessee qabuun sooma hiikuun, wontoota qaamaaf barbaachisanii fi humnaa kennaan ni qabaata.
---
---
Lulluuqqii booda nyaatni nyaatamu aadaa naannoo naannoo irratti hundaa'uun garagara. Garuu nyaanni nyaannu kun otoo waan akka garbuuf qamadii irraa tolfaman, fuduraaf kuduraa, bu'aawwan aananii akkasumas madda pirootiinii kan ta'an foon, qurxummii, kallee/buuphaafi baaqelaa qabaatanii gaariidha. Kanniin hunda yeroo tokko hin jenne, garuu akaakuu nyaataa shanan kana keessaa yoo xiqqaatee tokko tokko qabaatan gahaadha.
---
---
Garuu nyaataaf dhugaati garmalee mi'aayaniifi dibatni itti baay'ate dhiisa. Erga nyaanne boodas sochii qaamaa sasalphaa ta'an fakkeenyaaf deemsa (walk) gochuun gaariidha.
---
---
Fayyaa naaf ta'aa!
Baga geettan, Ramadan Kariim!
Ramadaana itti milkoofnu nuuf haa ta'u!
---
©Dr. Nuredin Luke

01/03/2024

Wontoota TIRUU miidhan:
**************************
¶- Yeroo dheeraaf alkoolii baay'isanii dhuguu.
¶- Qoricha hanga fudhatamuu qabuu ol fudhachuu
¶- Qorichoota aadaa kan faayidaa qabaachuu fi dhiisuun isaanii, akkasuma hammi ittiin fudhataman (dose)n isaanii hin beekamne kana fayyadamuu.
¶- Tamboo xuuxuu.
¶- Furdina garmalee qabaachuu.
¶- Qulqullina nyaata fi dhugaatii eeguu dhabuu.

¶- Saalqunnamtii ofeeggannoo hin qabne gochu,
¶- Dhiigaa fi dhangala'oo biroo kan qaama nama biraatii bahaniif saaxilamuu.
¶- Waan qara qabu woliin fayyadamuu. Sadan kun dhukkuboota vaayirasii tiruu yeroo dheeraa nama wojji turaniif nama saaxiluu danda'u.

---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

BUNA DHUGUU******************* Bu'aan qorannolee woggota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti...
17/10/2023

BUNA DHUGUU
*******************
Bu'aan qorannolee woggota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti:

Bunni keemikaala 'Kaafiin' jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si'eessuun kaka'umsaa fi humna namaa uumuun, miira dadhabbii hirdhisuun, beekama. Hammi 'Kaafiniin' nama si'eessuu fi jijjirraa haalaa-amalaa namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba.

Kaafiniin:
● Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba

● Baattuun hadhooftuu akka dhangala'aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si'eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hirdhisa.

● Kaafiniin amala "Theophylline" qoricha yeroo tokko tokko dhukkubaa Asmii yaaluuf kennamuun wolfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babaldhatan gochuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi nama mudatu ni hirdhisa. Kaafiniin kana gochuuf garuu buna sinii hanga afuri dhuguu nama barbaachisa.

● Carraa dhukkuba sirna narvii kan qaamni ajaja malee akka sosocho'uu fi hollatu godhu "Parkinson's Disease" ni hirdhisa. Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessoo, Dhukkuba Onnee Akka Tasaa, Kaansiriilee qaama garagara hirdhisu irratti gahee muraasa wohii qabaachuu akka danda'u qorannoolen dhihoo bahan ni muldhisu.

● Kaafiniin qorichoota dhukkubbi woyyeesan (antipain) heddutti makamuun dhukkubbi woyyeessuu irratti gahee qaba. Akkasumas dhugaatilee humna kennan (energy drink) adda adda keessatti dabalamuun humna akka kennu ni godhama. Qorichoota ulfatinna qaamaa hirdhisuuf tajaajilan irratti dabalamuun namonni humna argatanii sochii qaamaa akka godhan si'eessuf jecha itti dabalamee ni tolchama.

---
● Sammuun keenya si'eessummaa Kaafinii kana barachuu danda'a. Kanaaf araada namatti ta'uu, si'a'inna san argachuuf hamma dhugnus yeroo gara yerootti akka daballu nu gochuu danda'a. Dhuguu barree tasa addaan kutuun ammoo bowwoo, biibbaa, tasgabbii dhabuuf nu saaxila.

● Kaafiniin hobbaatiin godhee daa'ima gadaamessa keessatti guddinna irra jiru bira waan dhaquufi akkasumas haadhootii ulfaa irratti dafee dhiiga keessaa waan hin xuuxamnee fi hamma dhiigaa hobbaatiif daa'imni argatan waan hirdhisuuf yoo baay'ate ulfi akka nama irraa dhangala'u gochuu danda'a. Kanaaf haati ulfaa takkaa fi ulfaayuu barbaaddu guyyatti buna sinii lamaa olii otoo fayyadamuu baattee ni gorfama.

● Hormoonota hirriba akka rafnu godhan irratti dhiibbaa gochuun hirriba sirritti akka hin rafne ykn nu hin qabne gochuu danda'a. Haalli kun garuu adaduma namni bunaa dhugaa Kaafiiniin wolbaratuun hirdhataa deema. Haala kanaaf garuu buna gara galgala yeroo hirribaaf deemanitti dhuguu dhiisuun ni danda'ama.

● Onnee si'eessuun yeroo gababduuf dhahannaan onnee fi sosocho'iinsi dhiigaa akka dabalu gochuu danda'a. Akkasuma yeroo gababduu dhugame san booda jirtuuf dhiibbaa dhiigaa kan olkaasu ta'ullee; dhiibbaa dhiigaa dhaabbiin ol hin kaasu.

● Namoota Cinqaa Sammuu qaban irratti, kaafiiniin hedumminaan (sinii afurii ol yeroo tokko) yoo fudhatame sodaa, tasgabbii dhabuu, naasuufi cinqaa san itti hammeessuu danda'a. Garuu namoota Muukuu qaban irraa muukuu woyyeessuu irratti gahe qaba.

● Namoota tokko tokko irratti gubaa-laphee aasidiin garaachaa gara kallatti kokkee oldeemuun uumamu (GERD) - 'Qaar' isa jedhaniin san hammeessuu danda'a. Akkasuma haadholii garmalee buna baay'isan irratti carraa lafeen haphachuu ni dabala.

---
Bunni Kaafiniin alas Vaayitaminoota (B2, B3, B5) fi albuudota akka magnesium, manganese, potassium of keessaa waan qabuuf wolnyaaticha garagara qaama keessatti godhanis garagaaru danda'a.

Daa'immaniif ijoollee umriin isaanii woggaa 12 gadi ta'an buna akka hin dhugne gorfama. Dhahanna onnee fi dhibbaa dhiigaa dabaluun, sodaaf cinqaan,hirriba dhabuun, jijjiramni haalaa-amalaa isaan mudachuu waan danda'ufi.
---
---
Fayyaa ta'aa!
Bunaaf nagaa hin dhabinaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

Address

Awassa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when 𝑫𝒓 𝑴𝒐𝒉𝒂𝒎𝒎𝒆𝒅 𝑲𝒆𝒅𝒊𝒓 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to 𝑫𝒓 𝑴𝒐𝒉𝒂𝒎𝒎𝒆𝒅 𝑲𝒆𝒅𝒊𝒓:

Share

Category