𝑫𝒓 π‘΄π’π’‰π’‚π’Žπ’Žπ’†π’… π‘²π’†π’…π’Šπ’“

  • Home
  • Ethiopia
  • Awassa
  • 𝑫𝒓 π‘΄π’π’‰π’‚π’Žπ’Žπ’†π’… π‘²π’†π’…π’Šπ’“

𝑫𝒓 π‘΄π’π’‰π’‚π’Žπ’Žπ’†π’… π‘²π’†π’…π’Šπ’“ Education is the most powerful weapon we use to change the world.

19/05/2024
03/04/2024

Bofti kan summmii (poison) qabu, bofa hundaa miti. Haa ta’uu bofti yoo nama ciniinu (keessumaa kan summii qaban) mallattoo akkamii argisiisu, maal gochuu qabna, maal gochuu hin qabnu kan jedhu haa ilaallu.

MALLATTOO
β–  Bakka bofti ciniiname sanatti madaan xiqqoon (puncture wound) argamuu.
β–  Bakki ciniiname sun diimachuu, dhiita’uu, qunca’uu ykn luqqa’uu, dhiiguu.
β–  Dhukkubbii cimaan akkasumattis yoo harkaan tuqan bakka sanatti namatti dhaga’amuu.
β–  Olguurraa ykn haqqee fi teessisaa.
β–  Hafuura baafachuu dadhabuu ykn hafuurri nama cituu.
β–  Onneen ofii garmalee akka nama fiigaa jiruutti dha’achuu.
β–  Iji ofii seeraan laaluu dadhabuu ykn namatti dukkanaa’uu.
β–  Afaan ofii keessatti dhandhamni ykn miirri akka shaaraa ykn sibiilaa namatti dhaga’amuu.
β–  Garmalee gororuu ykn garmalee dafqi qaamarra dhangala’uu.
β–  Qaamni ofii adooduu ykn miirri itti dhaga’amuu dhiisuu.

WAAN GODHAMUU QABAN.
β–  Yoo bofti ciniinte sun bakka san jirti ta’e yokaan ajjeefamteetti ta’e, suuraa ishee qabaachuun ykn kaafachuun gosti bofa sanaa kam akka ta’e adda baasuudhaan yaalamuuf hedduu gargaara.
β–  Akka dhiigni daddafee summii bofaa sana bakka jalqabaa fuudhee qaama keessa waliin hin geenyeef:
● Namni bofti ciniine tasgabbaa’uu qaba.
● Waantoota akka bunaa fi alkoolii yeroof dhuguu hin qabu.
● Haala (position) isa/ishee boqochiisuun ciisuun dha.
β–  Waan akka sibiilaa fi meeshaalee miidhaginaa akka qubeelaa harkaa, ambaarii harkaa ykn Faaya morma irraa fi kkf qaama nama ciniinamee irraa baafamuu qabu.
β–  Bakki bofti ciniinte sun sirriitti saamunaa fi bishaaniin battalumatti miicamuu qaba.

WAANTOOTA GODHAMUU HIN QABNE.
β–  Yoo bofti naa ciniine sun kan du’e ta’e illee gara mataa isaa baachuu ykn tuttuqquu yaaluun tasumaa balaa namatti fida, bofa sana qabuu dhaaf yaaluunis tasumaa sirrii miti.
β–  Bakka ciniiname sana waan akka kirrii ykn fo’aa fa’iin hidhuun dhorkaadha, rakkoo cimaafis nama saaxila (bakka tokko tokkotti akka jedhamu bakka ciniiname sana gad hambisanii qaama ciniiname sana hidhuun ni fayyada kan jedhu waan jiruuf).
β–  Bakka ciniiname ykn qaama ciniiname sana summiin akka ba’utti jedhanii waan qara qabuun kukkutuu ykn mumuranii dhiigsuun tasumaa summii seene sana hin baasu waan ta’eef kana gochuu irraa of qusachuudha.
β–  Summii keessaa baasuuf jecha bakka ciniiname sana ciniinuu, xuuxuu fi kkf irraa ofa eeggachuudha.
β–  Qorichoota dhukkubbii dhorkan akka aspirin, ibuprofen fi kkf haga mana yaalaa ga’amutti ofii ofiin fudhachuuf irraa of qusachuudha.

Fayyaan Faaya!!!!

25/03/2024

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?

Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabu ta’e dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).

ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhattee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaanii carraa Rh poozatiivii ta’uu ol'aanaa qaba.
Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu kun Rh+ ta'e, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagatti illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfi irraa ba'uu (abortion)
-Hir’ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Du’aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)

RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha immunooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu dha. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi ji’a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda (yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e), haati deesse sa’aa 72 keessatti haadhaf kenama.

Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa RH nagatiivaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.

Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
Fayyaan Faaya!

Dhukkuba Onnee (Heart Diseases)============================β€’  Gosoota dhibee onnee:- miidhama onnee/xiqqachuu dhiigaatii...
24/03/2024

Dhukkuba Onnee (Heart Diseases)
============================
β€’ Gosoota dhibee onnee:- miidhama onnee/xiqqachuu dhiigaatiin (Heart attack), Infekshinii onnee (Endocarditis), Dhukkuba ujummoo dhiigaa mashaa onnee(CAD), rakkoo dha’annaa onnee (Arrhythmia), uumamaan rakkoo onnee (Congenital Heart Defects) fa’iidha.
Dhukkuba onneef waantota nama saaxilan:
β€’ Dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa, dhukkuba sukkaaraa, furdina qaamaa, alkoolii dhuguu , tamboo xuuxuu, nyaataa fayyaalessa hin taane, qoricha ajaja ala fayyadamuu, rakkoo hirriiba fi sochii qaamaa taasisuu dhiisuu.
Mallattoolee mul’atan:
β€’ Dadhabsiisuu, afuurri nama hanqachuu, halkan ukkaamamuu, dhiita’uu qaamaa, dhawannaan onnee dabaluu, qufaa, ulfaatinni dabaluu, dhukkubbii onnee, qomaa fi ceekuu gara bitaa fa’a.
Toftaalee Ittisaa fi waan taasifamuu qabu:
οƒΌ Sochii qaamaa taasisuu, nyaata fayyaalessa soorachuu, ulfaatina qaamaa eeggachuu, tamboo xuuxuufi alkoolii dhuguu dhiisuu, hanga dhiibbaa dhiigaa fi kolesteroolii hordofuu, dhiphina hir’isuu fi haala fayyaa ofii hordoffii taasisuudha.
Source: BEFO

Yeroo Aafxiraa***************Akkuma woliigalaatti yeroo afxiraa waan dhangala'aa ta'e fudhachuudha: bishaan, nyaata dhan...
11/03/2024

Yeroo Aafxiraa
***************
Akkuma woliigalaatti yeroo afxiraa waan dhangala'aa ta'e fudhachuudha: bishaan, nyaata dhangala'a heddu of keessaa qabu, cuunfaa fuduraa. Aakkasumallee waan dibatni itti baay'ate waan akka coomaa fa'a dhiisuudha.
---
---
Lulluuqqiif ykn sooma hiikuuf:

* Timira: timirri waan sooma ittin hiiknu ykn lulluuqannu keessaa isa ijoodha. Timirri ammoo gulukoosii/sukkaara qaamni keenya humnaaf barbaadu, akkasumas albuudota qaamaaf barbaachisoo ta'an kan akka pootaashiyeemii, koopparii, maangaaniiziifi akkasumas waan Fiber jedhamu kan qaamaan hin bulloofneefi gogiinsa garaafi madaala ulfaatinna qaamaa eeguuf gargaaru of keessaa qaba.

* Dhugaatiiwwan akka bishaanii, aananii, juusii (cuunfaa fuduraa) fudhachuun sooma hiikuun ykn lulluuqachuunis gaariidha. Bishaan humna dabalataa otoo hin kennin dheebuu qaamni qabu baasuu danda'a. Kan hafan ammoo aanaan, juusiin faati dabalataan gulukoosiifi wontoota biroo qaamaaf barbaachisan of keessaa ni qabu.

* Fuduraawwan (Fruit) -- fuduraawwan akka muuzaa, maangoo, burtukaanaa, mandariinaa, aappilii, anaanaasii, paappayaafi kkf fudhachuun sooma hiikun ykn lulluqachuunis gaariidha.

* Shoorbaa: shoorbaa midhaanii, shorbaa fuduraa fi kuduraa, akkasumas shoorbaa foon xiqqeessee qabuun sooma hiikuun, wontoota qaamaaf barbaachisanii fi humnaa kennaan ni qabaata.
---
---
Lulluuqqii booda nyaatni nyaatamu aadaa naannoo naannoo irratti hundaa'uun garagara. Garuu nyaanni nyaannu kun otoo waan akka garbuuf qamadii irraa tolfaman, fuduraaf kuduraa, bu'aawwan aananii akkasumas madda pirootiinii kan ta'an foon, qurxummii, kallee/buuphaafi baaqelaa qabaatanii gaariidha. Kanniin hunda yeroo tokko hin jenne, garuu akaakuu nyaataa shanan kana keessaa yoo xiqqaatee tokko tokko qabaatan gahaadha.
---
---
Garuu nyaataaf dhugaati garmalee mi'aayaniifi dibatni itti baay'ate dhiisa. Erga nyaanne boodas sochii qaamaa sasalphaa ta'an fakkeenyaaf deemsa (walk) gochuun gaariidha.
---
---
Fayyaa naaf ta'aa!
Baga geettan, Ramadan Kariim!
Ramadaana itti milkoofnu nuuf haa ta'u!
---
Β©Dr. Nuredin Luke

01/03/2024

Wontoota TIRUU miidhan:
**************************
ΒΆ- Yeroo dheeraaf alkoolii baay'isanii dhuguu.
ΒΆ- Qoricha hanga fudhatamuu qabuu ol fudhachuu
ΒΆ- Qorichoota aadaa kan faayidaa qabaachuu fi dhiisuun isaanii, akkasuma hammi ittiin fudhataman (dose)n isaanii hin beekamne kana fayyadamuu.
ΒΆ- Tamboo xuuxuu.
ΒΆ- Furdina garmalee qabaachuu.
ΒΆ- Qulqullina nyaata fi dhugaatii eeguu dhabuu.

ΒΆ- Saalqunnamtii ofeeggannoo hin qabne gochu,
ΒΆ- Dhiigaa fi dhangala'oo biroo kan qaama nama biraatii bahaniif saaxilamuu.
ΒΆ- Waan qara qabu woliin fayyadamuu. Sadan kun dhukkuboota vaayirasii tiruu yeroo dheeraa nama wojji turaniif nama saaxiluu danda'u.

---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Β©Dr. Nuredin Luke

BUNA DHUGUU******************* Bu'aan qorannolee woggota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti...
17/10/2023

BUNA DHUGUU
*******************
Bu'aan qorannolee woggota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti:

Bunni keemikaala 'Kaafiin' jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si'eessuun kaka'umsaa fi humna namaa uumuun, miira dadhabbii hirdhisuun, beekama. Hammi 'Kaafiniin' nama si'eessuu fi jijjirraa haalaa-amalaa namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba.

Kaafiniin:
● Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba

● Baattuun hadhooftuu akka dhangala'aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si'eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hirdhisa.

● Kaafiniin amala "Theophylline" qoricha yeroo tokko tokko dhukkubaa Asmii yaaluuf kennamuun wolfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babaldhatan gochuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi nama mudatu ni hirdhisa. Kaafiniin kana gochuuf garuu buna sinii hanga afuri dhuguu nama barbaachisa.

● Carraa dhukkuba sirna narvii kan qaamni ajaja malee akka sosocho'uu fi hollatu godhu "Parkinson's Disease" ni hirdhisa. Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessoo, Dhukkuba Onnee Akka Tasaa, Kaansiriilee qaama garagara hirdhisu irratti gahee muraasa wohii qabaachuu akka danda'u qorannoolen dhihoo bahan ni muldhisu.

● Kaafiniin qorichoota dhukkubbi woyyeesan (antipain) heddutti makamuun dhukkubbi woyyeessuu irratti gahee qaba. Akkasumas dhugaatilee humna kennan (energy drink) adda adda keessatti dabalamuun humna akka kennu ni godhama. Qorichoota ulfatinna qaamaa hirdhisuuf tajaajilan irratti dabalamuun namonni humna argatanii sochii qaamaa akka godhan si'eessuf jecha itti dabalamee ni tolchama.

---
● Sammuun keenya si'eessummaa Kaafinii kana barachuu danda'a. Kanaaf araada namatti ta'uu, si'a'inna san argachuuf hamma dhugnus yeroo gara yerootti akka daballu nu gochuu danda'a. Dhuguu barree tasa addaan kutuun ammoo bowwoo, biibbaa, tasgabbii dhabuuf nu saaxila.

● Kaafiniin hobbaatiin godhee daa'ima gadaamessa keessatti guddinna irra jiru bira waan dhaquufi akkasumas haadhootii ulfaa irratti dafee dhiiga keessaa waan hin xuuxamnee fi hamma dhiigaa hobbaatiif daa'imni argatan waan hirdhisuuf yoo baay'ate ulfi akka nama irraa dhangala'u gochuu danda'a. Kanaaf haati ulfaa takkaa fi ulfaayuu barbaaddu guyyatti buna sinii lamaa olii otoo fayyadamuu baattee ni gorfama.

● Hormoonota hirriba akka rafnu godhan irratti dhiibbaa gochuun hirriba sirritti akka hin rafne ykn nu hin qabne gochuu danda'a. Haalli kun garuu adaduma namni bunaa dhugaa Kaafiiniin wolbaratuun hirdhataa deema. Haala kanaaf garuu buna gara galgala yeroo hirribaaf deemanitti dhuguu dhiisuun ni danda'ama.

● Onnee si'eessuun yeroo gababduuf dhahannaan onnee fi sosocho'iinsi dhiigaa akka dabalu gochuu danda'a. Akkasuma yeroo gababduu dhugame san booda jirtuuf dhiibbaa dhiigaa kan olkaasu ta'ullee; dhiibbaa dhiigaa dhaabbiin ol hin kaasu.

● Namoota Cinqaa Sammuu qaban irratti, kaafiiniin hedumminaan (sinii afurii ol yeroo tokko) yoo fudhatame sodaa, tasgabbii dhabuu, naasuufi cinqaa san itti hammeessuu danda'a. Garuu namoota Muukuu qaban irraa muukuu woyyeessuu irratti gahe qaba.

● Namoota tokko tokko irratti gubaa-laphee aasidiin garaachaa gara kallatti kokkee oldeemuun uumamu (GERD) - 'Qaar' isa jedhaniin san hammeessuu danda'a. Akkasuma haadholii garmalee buna baay'isan irratti carraa lafeen haphachuu ni dabala.

---
Bunni Kaafiniin alas Vaayitaminoota (B2, B3, B5) fi albuudota akka magnesium, manganese, potassium of keessaa waan qabuuf wolnyaaticha garagara qaama keessatti godhanis garagaaru danda'a.

Daa'immaniif ijoollee umriin isaanii woggaa 12 gadi ta'an buna akka hin dhugne gorfama. Dhahanna onnee fi dhibbaa dhiigaa dabaluun, sodaaf cinqaan,hirriba dhabuun, jijjiramni haalaa-amalaa isaan mudachuu waan danda'ufi.
---
---
Fayyaa ta'aa!
Bunaaf nagaa hin dhabinaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
Β©Dr. Nuredin Luke

Namni qoricha guyyaan irra darbe ( )  tasa yoo liqimse maaltu ta'a?-----------------------------------------Namni qorich...
16/10/2023

Namni qoricha guyyaan irra darbe ( ) tasa yoo liqimse maaltu ta'a?
-----------------------------------------
Namni qoricha guyyaan isaa irra darbe(Expired ) ta'e fudhate maal ta'a isa jedhutti dhufuu kootin dura , "Expiration date" jechuun guyyaa dhumaa qaamni qoricha oomishe sun waa'ee ciminaa fi nageenyumaa(safety ) qoricha sanaarratti itti gaafatamummaa qabu jechuudha. Dhaabbanni sun qorichi sun guyyaa san booda akka hin fudhatamnellee ni dhorka jechuudha. Haa ta'uutii garuu darbee darbee tarii otoo hin beekin ykn hubannoo dhabuudhaan namoonni qoricha guyyaan isaa irra darbe kana yeroo fudhatan ni dhagahama.Erga fudhatee booda hoo maaltu ta'uu danda'a?
πŸ‘‰Ciminni/ dandeettin fayyisuu qoricha sanaa gadi bu'a. Sun ammoo namtichi sun qoricha fudhachaan jira jedhee otoo yaaduu garuu ammoo dhukkubni isaa sun fayyuu dhabuudhan sadarkaa hamaarran isa gahuu mala.

πŸ‘‰Qabiyyeen keemikaalaa(Chemical composition) qorichi sanaa guyyaa kanaa kaasee ni geeddarama.keemikaalli inni itti Jijjiirame kun ammoo nageenyi isaa wanti beekame waan hin jirreef caalatti kan nama miidhu ta'uu mala.kanaaf qorichi sun guyyaa san booda akka summiitti ilaalamuu mala.

πŸ‘‰Qorichoonni guyyaan irra darbe tokko tokko guddinaa fi walhormaata baakteeriyaa tokko tokkoof haal mijataa uuma. Sun ammoo dhukkubni baakteeriyaa sanaan nutti dhufu hamaa akka ta'uu fi qoricha birootinillee namni sun akka hin fayyine taasisa.

HUBACHIISA :Qoricha guyyaan irra darbe ogeessi fayyaa hin ajaju. Otoo hin mirkaneeffatinis hin kennu. Ta'iin kun tarii uumamuu kan danda'u qoricha mana ture fudhachuu,mana qorichaarraallee tasa dogongoraan itti gurguramuu fi dukkaana ykn shaqaxarraa kan bitattan ta'u mala.kanaaf yeroo haalli akkanaa uumamu "Expired date" qorichootaa otoo hin ilaalin akka hin fudhanne isiniin jechuun barbaada.

Fayyaa fi Ashaboo nyaataa****************************Ashaboon nyaataa akkuma faaydaa qabu; yoo baay'inaan fudhanne rakko...
09/10/2023

Fayyaa fi Ashaboo nyaataa
****************************
Ashaboon nyaataa akkuma faaydaa qabu; yoo baay'inaan fudhanne rakkoolee fayyaa hedduuf nu saaxiluu danda'a. Yeroo ammaa kanatti dhukkuboonni daddarboo hin taanee fi addunyaa keenya gatii guddaa kafalchiisaa jiran keessaa harki caalu sababa ashaboo fi sukkaara baay'inaan fayyadamuu kan wal qabataniidha.

Namni tokko guyyatti ashaboo nyaataa giraama 5 gad fudhachuu qaba. Garuu yeroo ammaatti namni tokko giddu galeessaan hanga 11gm guyyatti fudhata. Kuniis dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuboota sirna marsaa dhiigaa, kaanserii garaachaa, ulfaatinni qaamaa dabaluu fi dhukkuboota kaleef nama saaxila.

Addunyaa keenya irratti waggatti namoonni Miiliyoona 1.89 tahan dhukkuboota ashaboon nyaata keessatti baay'achuun wal qabataniin ni du'u. Kanaafuu fayyummaa keenya eeggachuuf hamma ashaboo fudhannuu xiqqeessuun hedduu barbaachisa.
// --//
'Ee Fayyaan tun hin goomtuu
Eega qabamanuu batachuun hin ooltuu
durumaan eeggachuun hin ooltuu'

Dr Mahammad kadiir

05/10/2023

Dhukkuboonni daddarboo hin taane kan yeroo ammaa addunyaa kana raasaa jiranii fi rakkoo fayyaa hamaa namoota hedduu ta'an haala jireenyaa keenyaan kan wal qabataniidha.

Adii sadeen eeggadhaa!

04/10/2023

Sukkaaraa fi wantoota sukkaarri itti baay'ate nyaachuu dhiisuun fayyummaa keenya haa eeggannu!

03/10/2023

Dubra kittaanuu/ absumaa godhuu
****************************************
Meeshaan dubraa san narvii kuma 8 ol of keessaa qabdi! Kuniis narvii fiixee meeshaa dhiiraa ( g***s p***s) irra jiru dachaa lamaan caala jechuudha! Narviileen kunneen miira kakaasuu fi yeroo walqunnamtii saalaa gammachuu argachuuf gargaaru!

Qinxiriin dubraa( cl****is) huddumatti irraa qunqumtee yoo lafa keesse ,fedhiin isii zeeroo seenee teessaniituma wal ilaaltan malee wanti addaa tokkolleen hin jiraatu!

Yeroo akkanaa tokko quufee tokko agabuu bula jechuudha! Kanaaf suutuma walirraa jechuutu gaariidha!

Fayyaa hin dhabinaa!!
Dr Abdulfetah Ibrahim

09/09/2023

WANTOOTA KUDHAN MAATIIN DAA'IMMAN/IJOOLLEE WALIIN GOCHUU HIN QABNE.
============================================

1. Itti Iyyuu/lallabuu (screaming)

Daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuun/lallabuun madaa (goddaannisa) sammuu fi miiraa yeroo dheeraa taheef kan saaxiluu fi reebicha caalaa akka hamaa tahetti amanu hayyootni tokko tokko.
Daa'imman yeroo itti iyyan sirni narvii isaanii deebii kennuu waan dhaabuuf sammuun isaanii waan itti iyyamuuf san fudhachuu dhaaba. Kuni immoo daranuu itti dabalanii akka iyyan nama godhus sammuu daa'immanii caalatti hadoochaa adeema.
Haaluma kanaan daa'imni itti iyyamaa guddate rakkoo xinsammuu fi dhibee sammuu kan akka dallansuu baay'isuu, ofitti amanamummaa dhabuu, mukuu, dhiphinaa fi rakkoo haala namoomaa (personality disorders) garagaraatif saaxilamuu danda'a. Kanaafuu daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuu irraa of qusachuun yoo tasa itti iyyine tahes of tasgabbeessun sossobanii dhiifama gaafachuun barbaachisaadha. Dhiifama gaafachuun miira itti dhagahamerraa fayyisuun cinatti dogoggora uumame sirreessuun akka danda'amuu fi itti gaafatamummaa kan barsiisuudha.

2. Komachuu/quba itti qabuu (blaming)

Komatuun hariiroo ni laaffisa, ofitti amanamummaa gadi buusa, ijoolleen yeroo waan badaa hin hojjennellee ittisa irratti akka argaman kakaasa. Anas b. Maalik, yeroo sana daa’ima waggaa 10 ture, akkana jedhe: β€œAni waggaa sagal Rasuula Ψ΅Ω„Ω‰ Ψ§Ω„Ω„Ω‡ ΨΉΩ„ΩŠΩ‡ ΩˆΨ³Ω„Ω… tajaajileera waa’ee waanan hojjedhe, maaliif akkas akkan godhe, ykn waa’ee waan ani hin hojjenne, ati maaliif hin goone jedhee hin beeku. ” Yeroo mucaa keessaniif yeroo dubbattu wanti afaan keessan bahu qeeqa, komachuu fi ajaja qofa ta'ee fi faaruu, jechoota jaalalaa, jaalala ykn bashannana baay'ee xiqqaa ta'e yoo jiraate akka warraatti nama isaan barbaadan osoo hin taane mucaa isaaniif madda gadhee taata jaalala ykn deeggarsa argachuuf gara koottaa.

3. Ajaja baay'isuu (nonstop order)

Osoo hin amansiisin, osoo hin barsiisin ykn fakkeenyummaan itti hin agarsiisin ajaja itti baay'isuun daa'imman roobootii akka gochuuti, gaafa guddatan waan ajajaman kamiyyuu gaaffii tokko malee osoo itti hin amanin kan raawwatanii fi fakkeessaa jiraatu. Daa'imman waan itti himan caalaa waan itti agarsiisan irra qabatu waan taheef fakkeenyummaan itti agarsiisaa barsiisuun caluma jedhanii ajajaa oolurra filatamaadha.


4. Sodaachisuu (threatening)

Sodaachisuun/doorsisni diddaa daa'imman agarsiisan yeroof irra aanuf fayyadus turi turii keessa daa'imman ni miidha. Ilaalchi doorsisaan horatamu miira dhugaa hin tahinii fi fakkeenyummaa qabu yoo tahu daa'imman jireenya sodaan guutame akka jiraatan ykn yoo doorsifaman malee homaa akka hin hojjennetti amanaa jiraatu.

5. Itti Kofluu/qoosuu (sarcasm/making fun)

Daa'imman itti koflanii rifachiisuu fi qaanessuun daa'imman sodaachaa miira of shakkiin guutamee fi ofitti amanamummaa hin qabneen akka guddatan isaan taasisa.

6. Arrabsoo/Abaarsa (cursing)

Daa'imman arrabsuu fi abaaruun arrabsoo fi abaarsa isaan barsiisuudha. Wanta ittiin isaan arrabsine san dursa haadha fi abbaa irratti, itti aansee miseensa maatii biroo, hiriyyoota isaanii fi namoota alaa biroo irratti fayyadamu. Kunimoo ijoollee naamusa hin qabnee fi guddis-badii kan isaan taasisuu fi hariiroo namoota waliin qabaatan irratti dhiibbaa uuma.

7. Walbira qabuu/madaaluu (comparing)

Daa'imman keessan nama kamiinuu waliin hin madaalinaa, keessattuu obboleeyyan. Wal bira qabuun miira hinaaffaa, aarii fi of ittisuuf (self defense) isaan saaxila. Ofitti amanamummaa gadi aanaa horachuun nama biratti fudhatamaa ykn gaarii akka hin taanetti amananii guddatu. Karaa tahe kamiinuu.namoota biroo irraa fudhatamumma fi xiyyeeffannoo argachuuf garmalee tattaafataa jiraatu.

8. Gorsa Itti Fufiinsa Qabu (continuous advice)

Dandeettiin xiyyeeffannaa daa'immanii daqiiqaa 3 hanga 5 waggaa umrii isaanii kan hin caalleedha. Fkn. daa'imman umriin isaanii waggaa 3 tahe daqiiqaa 9 hanga 15 caalaa waan tokkotti xiyyeeffatuu hin danda'an. Sa'aatii dheeraaf itti fufiinsaan gorsuun akka nuffanii ergaa barbaachisuuf xiyyeeffannaa hin kennine godha.

9. Amanuu dhabuu (mistrust)

Daa'imman amanuu dhabuu fi yeroo hunda akka isaan waan sirrii tahe gochuu hin dandeennetti shakkii itti baay'isuu fi waanuma hunda jala deemanii qulqulleessaa oolun ofitti amanamummaa isaanii kan miidhuu fi of danda'anii waan tokko murteessuf akka rakkatan isaan godha. Dabalataanis shakkii kan baay'isaanii fi ofittis tahee namatti amanamummaa guutuu waan hin qabaannef hariiroo fi walqunnamtii iftoomaa tahe hin qabaatan.

10. Reebuu/dhaanuu (beating)

Reebichi, akkuma qoricha dhukkubbii yeroof dandamachuuf fudhachuu, rakkoo mucaan sun uumu irraa yeroodhaaf maatii dandamachiisa malee rakkoo mucaa san wal'aanuu ykn fayyisuu hin danda'u. Inumaayyuu warra malaa fi tasgabbiin amala daa'immanii sirreessuf yaalu caalaa warri ijoollee reebu amalli ijoollee yeroo gara yerootti tohannoo isaanitiin ala ta'aa deema.
Ijoolleenis daran hammaachaa deemuun badii fedhan raawwachuuf kan of duuba hin deebinee fi ofii isaanitiifis amala reebichaa (abusive behaviour) qabatanii guddachuun waanuma hundaa reebichaan argachuu akka danda'anitti yaadu.

Source: Dr. Hesham Al-Awadi, author of "Children Around the Prophet: How Muhammad β€Žο·Ί Raised the Young Companions.
=============================================
|β€’β€’
|β€’β€’β€’β€’
|β€’β€’β€’β€’β€’
Galatoomaa!
Horaa Bu

08/09/2023

Fayyaa keenya eeggachuuf;
*********************************
nyaata madaalamaa nyaachuu
Hirriiba gahaa rafuu
Shaakala qaamaa gochuu
Bishaan gahaa dhuguu
Yaada gaarii yaaduu

23/08/2023

"Black Death" -- Du'a Gurraacha
*********************************
Yeroon isaa jaarraa 14ffaa keessa ture. Bara akka ammaa saayinsiin fayyaa fi beekumsi woldhaansa hammayyaa hin babaldhanne sani. Bara talaalliinii fi qorichi ammayyaa hin beekamne sani. Dhukkuba wotu biyyoota Baha Fagoo Eeshiyaa (Chaayinaa, Indiyaa fa'a) keessatti babaldhachaa ture. Namoonni hedduun akka lubbuun darbaniifis sababa ta'aa ture.
---
---
Jalqaba bara 1347, dooniileen Kirimiyaa (amma Raashiya jala jirtu) irraa ka'uun Garba Gurraacha qaxxamuruun gara qarqara Siisilii (Xaaliyaan) gahan. Namoonni qarqara Siisilii kana dalagan gara doonilee kanaa yoo simachuuf deeman, waan kana dura isaan mudatee hin beekne argan. Imaltoonni hedduun doonilee kana irratti du'uu isaanii, kan lubbuun hafanis gar malee dhukkubsatanii du'aaf jireenya jidduu kan jiran ta'uu argan.
---
---
Isaan dhukkubsatanii lubbuun hafan gargaaruu fi isaan du'an awwaalutti ka'an. Kanuma keessa dhukkubichi isaanittis darba. Isan irraas kan biratti. Kan biraa irraas kan biraatti. Akkasitti takka lama jedhaa Ardii Awuroopaa woliin gahaa dhufe.
---
---
Sodaan, shakkiin, rifannoon, naasuun, waan godhan dhabuun, dhukkubicha wojji Ardii Awurooppaa dhuunfataa deeme. Dhukkuba kanaan qabamuu dhabuu fi yoo qabaman ammoo irraa fayyuuf waan furmaata ni ta'a jedhanii yaadan garagaraa yaaluun itti fuufe. Guyyaanis takka lama jedhaa deeme, dhukkubichis ummata fixaa deeme. Wonti garagara ni yaalame.
---
---
Kun Dallansuu Waaqati jedhamee namoonni waa balleessuu ofitti beekan bafamanii garafaman. Yahuuda (Jiwiishota) Awurooppa jiraatan isintu kanaan nu gahe jechuun fixuuttii ka'an. Bay'ee isanis ajjeesan. Dawaa ta'u mala jedhaanii fincaan ofii fincaananis dhugan. Kananis dhukkubichi harka kennachuu dide. Cimaafi hammata deema.
---
---
Martuu ana baasitti ka'e. Hakimonni mana yaalaa cufani baqatan. Qeesonni mana amantaa dhiisan. Daldalaan suuqii isaa cufe. Sirni mootumma yeroo san jiru sababuma kanaaf worraqe. Kuun magalaa dhiisee baadiyatti baqate. Beekumsi haalli dhukkubichi ittin daddarbu yeroo san waan hin jirreef, dhukkubichi baqatanille iddoma jiranitti isaanitti dhufuu qabe. Reeffi namoota du'anii hin awwalamnee Ardii Awuurophatti asi achitti muldhachuu fi irbaata bineensotaafi allatti ta'e.
---
---
Woggoota Shaniif (1347 hanga 1351 tti), 'Bubonic Plague Pandemic - Black Death' kun ummata Awuuropaa tokko sadaffaa kan caalu fixe. Akka adunyaatti ammoo ummata Miiliyoona 200tti tilmaamu fixe. Weerara hamaa Adunyaa mudate ta'ee seenaa irratti galmaaye. Lakkofsi ummata Awuroopaas kan weerara dura tureetti qixxaatuuf woggaa 150 itti fudhate.
---
---
Garuu Dhukkubni Kun, "Bubonic Plague" baakteeriya 'Yersinia Pestis' jedhamuun akka dhufu bara 1895 qoraataa lammi Siwizarlaand Alexandre Pestis jedhamuun beekame. Innis woggaa dhibba shan booda jechuudha. Baaketeriyan kunis ciniinna ilbiisotaa (bookee), tuttuqii dhangala'aa qaamaa nama dhukkubsatee irraa bahuun uffata isaanis dabalate daddarbaa ture. Yeroo san kun hin hubatamne. Kanaaf dhukkubicha irraa of eegunis cime.
---
---
Beekumsi saayinsii fayyaa fi woldhaansa ammayyaa sadarkaa amma jiru gahuuf qorannoolee woggaa heddu fudhatan keessa tare jira. Haa ta'u malee qorichoonni fi yaalli hammayyaa yeroo amma arginu hedduun kan argaman jaarraa tokkoo asi.
---
---
Seenaa darban yoo ilaalle: yeroon nuti keessa jiraataa jirru kun dagaaginni saayinsii fi babaldhinni teekinoolojiin daran saffisaa fi kan nama ajaa'ibu ta'uu hubanna. Saayinsii fi teekinolojii dagaage kana wojji deemuu otoo qabnu, duuba deebinee, woldhaansa ammayyaa lagannee, akka baroota darbanii san ofis maatii keenyas yoo miidhaaf saaxilluttu muldhata.
---
---
Dr. Nuredin Luke

Address

Awassa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when 𝑫𝒓 π‘΄π’π’‰π’‚π’Žπ’Žπ’†π’… π‘²π’†π’…π’Šπ’“ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to 𝑫𝒓 π‘΄π’π’‰π’‚π’Žπ’Žπ’†π’… π‘²π’†π’…π’Šπ’“:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category