Hospitaala Baddannoo/በደኖ ሆስፒታል/Bedeno Hospital

Hospitaala Baddannoo/በደኖ ሆስፒታል/Bedeno Hospital Bedeno Hospital is a Primary Hospital Located in East Hararge: Bedeno Woreda; Inaugurated in 2011 EC.

 !Gurraandhalaa 20/06/2018, Balaa konkolaataa Umameen namoota irrattii miidhaan qaqqabee jira. Balaan konkolaataa kan Uu...
27/02/2026

!
Gurraandhalaa 20/06/2018, Balaa konkolaataa Umameen namoota irrattii miidhaan qaqqabee jira. Balaan konkolaataa kan Uumame Konkolaata namoota fa’ee Magaalaa Baddannoo irraa Gara Magaalaa Burqaa Imalaa Osoo jiruu Iddoo Aradda Hindheessa Ja’amtuu itti Fireenin makiinaa Isuzu harkaa bahuun kan Umaameedha.

👉Haaluma Kanaan Namoota Konkolaata Kana irra turan Kan Balaan Du’aa irra gahe =0, Kan Miidhaa Cimaan irra gahe Nama = 4 Kan Midhaa Giddugalaa fi Salphaa irra gahe =2, Walii Gala Namoota 6 tahuu yalaa Hatattamaa godhamee fi tajaajila argatanii jiran.
Namootaa Miidhaa cimaan irra gahe keessaa ergaa yaalaa duraa godhameef booda yaalaa dabalataaf kan ergaman(Refer) kan tahan namoota 4 dha.
👉Haala qindoominaa olaanaa fiajaaibsiisaa taheen Ogeessotta Hospitaalotaa keenyaa Doctoroota, Narsoota Kutaa Raajii,Laboratory fi Farmaasii, OBS/GYN, Waardiyoota hospitaala Hojjataa Bulchinsaa fi Akkasumaas Poolisoota Aanaa Baddanno waliin tahuun Qindoominaa hojjachuun Namoota Balaan irra gahee kana Tajaajila Gahaa fi Saffisaa argadhataan waan godhaniif haalaan galatooma jenna!!.

👉 Dhumarratti Hojii Qindoomina Hojjataan Hospitaalaa kana hojjattan kan dinqisiifatan tahuu Hoj/Gaggeessaan Hospitaalichaa Obboo Yasin Umar ibsuun Balaan akkanaa kunii naannoo kanatti daddeebbiin mudatuuf, Hawaasa naannichaa Sochoosuun kutaa yaala hatattamaa (Emergency) kana akka Baballisan himani jiran!!

Gurraandhala 12/06/2018Yuunivarsiitii Haramaayaa Dhaabbata Gargaarsa Christian Relief Service waliin ta'un Hospitaala Ba...
21/02/2026

Gurraandhala 12/06/2018
Yuunivarsiitii Haramaayaa Dhaabbata Gargaarsa Christian Relief Service waliin ta'un Hospitaala Baddannootif Deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa taasifamee jira.

Akka Hospitaala Baddannootti Deeggarsii nuuf taasifame qorichoota wal'aansa daa'immani fi hordoffi ulfaa haadholif oolu Itti gaafatama garee SBFR fi ogeessa faarmaasii kan tahee obbo Nibraas idris Hospitaala baddannoo bakka bu'uun, bakka bu'oota Yuunivarsiitii Haramaayaa Dr Birraa Mahammad fi Dhaabbata Gargaarsa Christian Relief service kan tahan Prof.Ogastin Sisey bakka argamanitti sirna walharka fudhinsa deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa taasifamee jira.

Yuunivarsiitii Haramaayaatti Daayreektoreetii daayreektara dhaabbilee fayyaa ol'aanaa kan ta'an Dr.Birraa Mahammad yaada kennanin Yuunivarsiitii Haramaayaatti manni hojii Itti Aanaa Pireezadaanti tajaajila hawaasa fi qorannoo rakkoolee gama dhiheessi qorichaa dhaabbilee fayyaa biratti mul'atan furuf dhaabbilee gargaartoota fi hawaasa Diyaaspooraa waliin qindominaan hojechaa akka jiru Eerani, deeggarsichii gama fayyyaatin itti fayyadama hawaasa mirkaneessuf kan taasifame ta'u ibsaniru.

Daayreektaroota meedikaala dhaabbilee fayyaa deeggarsa argatan yaada kennanin deeggarsa taasifame rakkoo dhiheessi qorichaa furu fi du'a haadholii fi daa'immani xiqqeessuf tattaaffi taasifamaa jiru deeggaru irratti faayidaa guddaa akka qabu eerani deeggarsichi daran cime itti fufu akka qabu dhaamaniru..

Yuunivarsiitii Haramaayaatti Barsiisa fi bakka bu'aa dhaabbata gargaarsa Christian Relief Service kan ta'an Prof.Ogastin Sisey yaada kennanin dhaabbatichi rakkoo hawaasa bu'uura gochudhaan deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa taasisu isaa haariiroo Yuunivarsiitii Haramaayaa waliin qabu kan agarsisu akka ta'e eerani,deeggarsichi kenninsa tajaajila fayyaa fooyyeesuf kan gargaaru akka ta'e ibsaniru.

Guraandhala 10/6 /2018

Kabajamoo Shek Ibrahim Sharaf Miseensa Mana Marii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseen Boordii Hosp. Keenyaa Yaa'...
15/02/2026

Kabajamoo Shek Ibrahim Sharaf Miseensa Mana Marii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Miseen Boordii Hosp. Keenyaa Yaa'ii Mana Marii Caffee irratti yero sagalee isaanii kannatan.

  Guyyaa 06/05/2018 E.C, Gareen ogeeyyii Fayyaa fi Maanaajimantii Hospitaalaa Malkaa Balloo gara Hospitaala Baddannoo dh...
14/01/2026


Guyyaa 06/05/2018 E.C, Gareen ogeeyyii Fayyaa fi Maanaajimantii Hospitaalaa Malkaa Balloo gara Hospitaala Baddannoo dhufanii muuxannoo hojiirra oolmaa Reformiilee adda addaa hojii Kanna Tajaajilaa foyyeessan fudhachuuf daawwannaa hojii taasisaniiti jiru.

Jalqaba irratti Hoji gaggeessaan ol'aanaan Hospitaala Baddannoo Obbo Yaasin Umar Keessummootan Baga nagayaan dhuftan ega jedhaniin booda Hospitaalli Malkaa Balloo yeroo dhihenyatti hojii keessa galee fi Ummata Fageenya Daandii Bahaa(Asfaalti) irraa fagoo tahe waantajaajiluuf waliinhojjachuun baayyee murteessaa tahuu himuum
muuxannoo fi haala adeemsa Hospitaala keenyaa ilaaluuf dhufuu keessaniif galatoomaa erga jedhaniinii booda hojiirra Olmaya Reformiilee Gara garaa kana milkeessuun rakkoolee hawaasaa hudhaa tahan guyya guyyaan furuu waan taheef hedduu murteessaadha jedhaniiti jiran.

Gareen Ogeeyyoota Hospitaalaa Malkaa Balloo Kan Hoji Gag/
Hospitaalichaa Obbo Mahammad Abdootiin durfamu adeemsa hojii qulqullina tajaajila fayyaa, bulchiinsa fi tajaajila hawaasaaf kennamu kutaalee tajaajila hospitaala Baddannoo hunda erga ilaalanii booda muuxannoo ciccimoo arguu isaaniitti hedduu gammaduu ibsataniiti jiru .

Daawwannichi walitti dhufeenya, waliigaltee fi waljijjiirraa muuxannoo wal gidduutti jajjabeessuuf carraa gaarii ta'uu ibsuun
Dhuma irratti Gareen Hospitaalaa Malkaa Balloo immoo galata guddaa hoggantoota fi hojjettoota Hospitaala Baddannoo hundaaf dhiheessanii, muuxannoo kana hojii isaanii keessatti tajaajila fayyaa qulqullina qabu fi Reformiilee kana hojii irraa oolchinee rakkoolee hudhaa tajaajilaa tahe ittiin furuuf waadaa galuun daawwannichi xuxumurameeti jira.

🤝 Waliirraa barachuun injifannoo dha!
🌱 Qulqullina tajaajila Fayyaa Jabeessuun Tajaajila Gaarii Ummataaf!!!

06/01/2026

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Ayyaana Dhalachuu Iyyasuus Kiristoosiin Isin gahe!

Ayyaanicha yeroo Kabajnu Kan Rakkate gargaaruun Tajaajilamaa kunuunsuun Aadaa Waliinii cimsuun tahuu qaba.

Ayyaanichi Kan Gammachuu Akka Isiniif Ta'u Hawwina!

~@@@~

ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች በሙሉ እንካን የገና በአል በሰላም አደረሳችሁ ።

የገና በዓል ሲከብር የተቸገሩ ወገኖችን በማገዝና በመደገፍ እንዲሁም ተገልጋዮችን የማገልገል, የአብሮነትና የመቻቻል ባህልን በማጠናከር ሊሆን ይገባል።

በድጋሚ ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች በአሉ የደስታ የሰላም እና የጤና እንዲሆን እመኛለን።

Ayyaana Gaarii
መልካም በአል!

Bedeno Hospital
በደኖ ሆስፒታል

Guyyaa 2/04/2018(Kaleessa)👉Gareen Hospitaala Baddannoo itti Hojii Gaggeessaan olaanaan Hospitaalichaa Obbo Yaassin Umari...
12/12/2025

Guyyaa 2/04/2018(Kaleessa)
👉Gareen Hospitaala Baddannoo itti Hojii Gaggeessaan olaanaan Hospitaalichaa Obbo Yaassin Umarii fi qindessaa SBFR Obbo Nibras Idiris,akkassumaas Ogeessa Godina irraa ramadaman Obbo Umar Husseen waliin tahuun, Aanaa Qumbiitti duula talaallii pooliyoo akka Qindoominaan,saffiissaa fi qulqullinaan akka kennammuuf Hog/ W/F/A/Qumbii Obbo Jamalnu Mmdkamal fi Koree Manajimentii Wajjiraa waliin mariachuun kallattiin hojiitti akka galan godhaniiruu.

👉Akkasumaas Hospitaala jalqabaa Hariiroo bakka hogganaan hospitaalichaa Obbo Ibsaan Mamàd argamannitti dawwachuun haallii kenna tajaajilaa maal akka fakkattuu ilaaluun muuxannoo fi yaada waldeeggarsaatin,jajjaabbeessaniiru.
👉Gareen Hospitaala Hariiroos Gama isaaniitiin deggarsaa fi muuxannoo hospitaala lamaan walirraa irraa argatanittii gammadduu ibsanii, fuulduraafis hariiroo isaanii cimsanii kana caalaa akka of jijjiirraan kaasuun, tumsaa godhameefis galatteeffatniiru.

Guyyaa 3/04/2018.(Guyyaa Harraa)
👉Inisheetive Biiroon Fayyaa Oromityaa kaaye Hospitaalli Buufata Fayyaa irratti Taj/Operashiinii jalqansiisuu ja'u Hojirraa Oolchuuf Aanaa G/Odaatti Buufataa mag/Burqaatti OR jalqabsiisuuf karoora qabatee ture galmaan gahuuf,itti gaafatamaa W/F/A Golaa Odaa Obbo Yuusuf waliin tahuun Haalaa ijaarsaa fi qophii mana OR irra jiru dawwattaniiru.
👉 Kanaanis yeroo dhihootti xumursiisuun meeshaa barbaachisuu deggarruun OR Buufata Burqaatti eegaluuf qophiin jiru sadarkaa gaarii irra jiraachuu mirkanneeffattaniiru.
Itti dabaluun initiative garagaraa wajjirra fayyaa Aaanaa oomishamaa jiran dawwachuun muuxannoo walirra qooddachuun, wal hubannaa gaarii uumuun waligaluun xumuramee jira.

Guyyaa 29/03/2018👉Qindoomina Waajjira Fayyaa Aanaa Baddannoo, Hospitaala Baddannoo fi wajjiira Bulchinsaa Aanaa Baddanno...
08/12/2025

Guyyaa 29/03/2018
👉Qindoomina Waajjira Fayyaa Aanaa Baddannoo, Hospitaala Baddannoo fi wajjiira Bulchinsaa Aanaa Baddannoo waliin tahuun magaala baddannootti Duulaa Arjoomaa dhiigaa taasifameen haalaa kanaan dura hin baratamneen, Dhiigaa Unit 106 walitti qabuun Baankii dhiigaa mag/maayaa wajjin tahuun seenaa haaraa hojjattameera.
👉❣Kana milkeessuuf hojjattonnii sektaaralee adda addaa irra hojjattan, hojjattaa seektaraa fayyaa fi akkassumaas hojjattoota ogeessaa hospitaala baddannoo dhiigaa Arjoomuun lubbuun takkallee sababa dhiigaa dhabuutin akka hin duunee jechuun dhiigaa arjoomuun hospitaa fi Aanaa maqaa gaarii itti hortaniif galatoomaa.
🙏🙏💪💪👏👏Quuqama fi Fakkeenyummaa kessaniif hedduu galatooma.👌👌👏👏🫶🫶❣❣❣🙏🙏

  Guyyaa 18/03/2018 E.C, Gareen ogeeyyii Fayyaa fi Maanaajimantii Hospitaalaa Hariiroo  gara Hospitaala Baddannoo dhufan...
27/11/2025


Guyyaa 18/03/2018 E.C, Gareen ogeeyyii Fayyaa fi Maanaajimantii Hospitaalaa Hariiroo gara Hospitaala Baddannoo dhufanii muuxannoo hojiirra oolmaa Reformiilee adda addaa hojii Kanna Tajaajilaa foyyeessan fudhachuuf daawwannaa hojii taasisaniiti jiru.

Jalqaba irratti Hoji gaggeessaan ol'aanaan Hospitaala Baddannoo Obbo Yaasin Umar Keessummootan Baga nagayaan dhuftan ega jedhaniin booda Hospitaalli Hariiroo fi Baddannoo Ummata 'Catchment' tokko keessa jiru waan tajaajilaniif waliinhojjachuun baayyee murteessaa tahuu himuum
muuxannoo fi haala adeemsa Hospitaala keenyaa dhufuu keessaniif galatoomaa erga jedhaniinii booda hojiirra Olmaya Reformiilee Gara garaa kana milkeessuun rakkoolee hawaasaa hudhaa tahan guyya guyyaan furuu waan taheef hedduu murteessaadha jedhaniiti jiran.

Gareen Ogeeyyota Hospitaalaa Hariiroo Kan Hoji Gag/
Hospitaalichaa Obbo Ibsaa Mahammaiin durfamu adeemsa hojii qulqullina tajaajila fayyaa, bulchiinsa fi tajaajila hawaasaaf kennamu kutaalee tajaajila hospitaala Baddannoo hunda erga ilaalanii booda muuxannoo ciccimoo arguu isaaniitti hedduu gammaduu ibsataniiti jiru .

Daawwannichi walitti dhufeenya, waliigaltee fi waljijjiirraa muuxannoo wal gidduutti jajjabeessuuf carraa gaarii ta'uu ibsuun
Dhuma irratti Gareen Hospitaalaa Hariiroo immoo galata guddaa hoggantoota fi hojjettoota Hospitaala Baddannoo hundaaf dhiheessanii, muuxannoo kana hojii isaanii keessatti tajaajila fayyaa qulqullina qabu fi Reformiilee kana hojii irraa oolchinee rakkoolee hudhaa tajaajilaa tahe ittiin furuuf waadaa galuun daawwannichi xumurameeti jira.

🤝 Waliirraa barachuun injifannoo dha!
🌱 Qulqullina tajaajila Fayyaa Jabeessuun Tajaajila Gaarii Ummataaf!!!

Guyyaa 12/3/2018 Dhaabbata Project C.U.R.E., Islamic Relief Association fi Yuniversitiy Haramaayaa waliintahuun Meeshaal...
21/11/2025

Guyyaa 12/3/2018 Dhaabbata Project C.U.R.E., Islamic Relief Association fi Yuniversitiy Haramaayaa waliintahuun Meeshaalee wallaansaa Bara dabree Hospitaala keenyaaf dhiheessan Tajaajila irra Oolmaa fi faaydaa Hawaasa tajaajilame irratti mullate jiila Miseensa Mana Marii Caffee M. N. Oromiyaa fi Bakka Bu'aa Dhaabbata Sadeenii kan tahan Kabajamoo Dr Eliyaas Ahmedsadiqiin durfamu Daawwatanii jiran.

Haala Hundeeffamafa fi Tajaajila Hospitaalli Baddannoo kannaa jiru jalqaba irraa kaasee ballinaan gama Hojigaggeessaa Hospitaala Obbo Yasin Umariin ibsi ballaan eega itti kanname booda kutaa tajaajilaa irratti daawwatameeti jira.

Hospitaalli Baddannoo osoo meeshaan project cure hin dhufin tajaajilaa irratti akkami, erga meeshaan dhufee booda tajaajilli jiru hangam takka foyyaa'insa qabaa jedhani kutaa tajaajilaa hundaa irraa deemun Oggeessota fi tajaajilamtoota biratti qaaman argamun dubbisani jiran.

Dr Eliyaas Eega Iddoo tajaajilaa daawwatan booda yaada kannaniin Kenna Tajaajilaa Hospitaalli kannaa jiruu fi Haala Hojii irra Oolmaa Meeshaalee Yaalaa kanatti bayyee kan gammadan tahuu ibsuun fuulduraafiis Deeggarsa Barbaachisu hundaan kan bira dhaabbatan tahuu wa'ada galaniiti jiran.

Daawwii guyyaa arraa kana irratti Ogeeyyiin Miidiyaa Bebekkamoon ijoollee Qaxalee naannoo bahaa kana sochoosaa jiran kan akka MUE MAX fi Murte Show1 faan irratti hirmaataniiti jiran

Keessumoota keenya hundaan Baayyee Galatoomaa jannaan.

Guyyaa 20/02/2018 E.C, Gareen ogeeyyii Fayyaa fi Maanaajimantii Hospitaalaa Gursum  gara Hospitaala Baddannoo dhufanii m...
30/10/2025

Guyyaa 20/02/2018 E.C, Gareen ogeeyyii Fayyaa fi Maanaajimantii Hospitaalaa Gursum gara Hospitaala Baddannoo dhufanii muuxannoo hojiirra oolmaa Reformiilee adda addaa hojii Kanna Tajaajilaa foyyeessan fudhachuuf daawwannaa hojii taasisaniiti jiru.

Jalqaba irratti Hoji gaggeessaan ol'aanaan Hospitaala Baddannoo Obbo Yaasin Umar Keessummootan Baga nagayaan dhuftan ega jedhaniin booda muuxannoo fi haala adeemsa Hospitaala keenyaa kana akkuma ministeerri fayyaa nuuf ragaa baheen itti amantanii gara keenya dhufuu keessaniif galatoomaa erga jedhaniinii booda hojiirra Olmaya Reformiilee Gara garaa kana milkeessuun rakkoolee hawaasaa hudhaa tahan guyyaan furuu waan taheef hedduu murteessaadha jedhaniiti jiru.
Itti aansuun Medical directariin Hospitaala Baddannoo akka jedhanitti Reformiileen kun rakkoolee Hedduu waan nurraa fureef hedduu murteessaa tahuu ibsaniiti jiru.
kaayyoo waliigala daawwaannaa kanaa, muuxannoo fi tarsiimoo hojiirra oolmaa reformii Hospitaala Baddannoo keessatti argamu hubachuuf, akkasumas waliirraa baruu fi waliif qooduu irratti xiyyeeffate.

Gareen Ogeeyyota Hospitaalaa Gursum Kan Hoji Gag/
Hospitaalichaa Obbo Abdi Umariin durfamu adeemsa hojii qulqullina tajaajila fayyaa, bulchiinsa fi tajaajila hawaasaaf kennamu kutaalee tajaajila hospitaala Baddannoo hunda erga ilaalanii booda muuxannoo ciccimoo arguu isaaniitti hedduu gammaduu ibsataniiti jiru .
Hoggantoonni fi hojjettoonni Hospitaala Baddannoo immoo haala hojiirra oolmaa reformii "Taskforce" ibsa bal'aa kennaniitu jiru.

Daawwannichi walitti dhufeenya, waliigaltee fi waljijjiirraa muuxannoo wal gidduutti jajjabeessuuf carraa gaarii ta'uu ibsuun
Dhuma irratti Gareen Hospitaalaa Gursum immoo galata guddaa hoggantoota fi hojjettoota Hospitaala Baddannoo hundaaf dhiheessanii, muuxannoo kana hojii isaanii keessatti tajaajila fayyaa qulqullina qabu fi Reformiilee kana hojii irraa oolchinee rakkoolee hudhaa sirnaa tahe ittiin furuuf waadaa galuun daawwannichi xumurameeti jira.

Kabajamtoota Maatii Hospitaala Keenya!Akkam jirtu?Hospitaalli Baddannoo Eega Eeybifamee Hojii Jalqabe, Waggottan Shan la...
26/09/2025

Kabajamtoota Maatii Hospitaala Keenya!
Akkam jirtu?
Hospitaalli Baddannoo Eega Eeybifamee Hojii Jalqabe, Waggottan Shan lakkoofsisee jira.
Eega Hojii jalqabee as Tajaajila Sadarkaa Hospitaala jalqabaa irraa eggamu bara baraan fooyyeessuun hojii Ajaa'ibsiisaa Hawaasa naannoo isaatiif kannaati jira.
Haatahuu malee,baay'inni Hawaasa Hispitaala kanatti fayyadamu baayyee fi Itti fayyadamni Tajaajilamaa bara baraan dabalaa waan jiruuf dhipphinni kutaalee tajaajilaa hojii qulqulluufi si'ataa akka hin kennamne gufuu taheera. Rakkoo Kana ilaaluun Boordiin Hospitaalichaa yero yeroon Gamaaggamaa fi marii Hawaasa Aanichaa waliin gaggeeffameen blockiin dabalataa tajaajila kanaaf oolu,akka ijaaramu irratti waliigalamee jira.
Qo'annoo fi qorannoo gaggeeffameen bara kana Hirmaannaa Hawaasaatiin Blockii sadii ijaaruuf Sochiin ballaan godhamaati jira.
Kana keessaa Marii Bulchaan Bul/Aanaa Baddannoo fi Walitti Qabaan Boordii Hosp. Kab/Obbo Abrahim Yuyyee Mana Marii Bulchiinsaa fi Mana Marii Hawaasaatiin Blockii Fayyaa Haadhoolee fi Daimanii Qar. Miliyoona Sagal (9,000,000) ijaaruuf Baajata qabatanii jiru.
Blockiin lamaan hafan Hirmaannaa Hawaasaatiin ijaaruuf
Block Acct "Bedeno Hosp Resource Mobilization" jadhu banamee jira.

CBE=1000719437177
Siinqe=1099969361210

Kanaaf Deeggartootni Hospitaala keenyaa rakkoo hawaasa keenyaa hubattaniifi tumsuu barbaaddan akka nu bira dhaabbattanii,hawaasa keenya rakkoo kanarraa baraarree tajaajila si'ataafi qulqulluu argatan namuu waan dandahuun hirmaachuu akka qaban koreen Boordii Hospitaalaa dhaamsa dabarfatanii jiran.

🌲✅Boordii Hospitaala Baddannoo✅🌲

"Ergaa bara haaraa 2018  baga geessanii" Hojii gaggeesaa ol'aanaa Hospitaala Baddanno  kabajamoo obbo Yaasin umer  Adam ...
11/09/2025

"Ergaa bara haaraa 2018 baga geessanii"

Hojii gaggeesaa ol'aanaa Hospitaala Baddanno kabajamoo obbo Yaasin umer Adam ayyaana bara haaraa 2018 Sababeeffachuun ergaa baga geessani dabarsaniiru.

"Kabajamtoota hojatoota hospitaala keenya fi kabajamtoota hawaasa tajaajilamtoota Hospitaala keenyaa fi kabajamtoota ummata biyya keenyaa baga waqtii gannaa dabarsitanii baga ifa barii birraa agartan, baga geessan jechuun barbaada. Bariin birraa abaaboo miidhagduu, magariisummaa naannoo fi foolii urgaa achirraa madduun simmannu hawwii guddaan ,addaatti immoo ayyaanaa bara kana addaa kan godhuu' "eebbifaammuu hidhaa guddichaa laga Abbayaa Dafqaa ilmaan Itoophiyaatiin kan ijaaramee seensaa bara 2018 kanaatti eebiifaamuun isaa " Ayyaana bara haaraa 2018 addaa isa taasiisee jira. Asuumaan Ummaanni Itoophiyaa hundi baga gammaddaan jedhan.

Fayyaan Buuura waan hundaati. Fayyaan jiraannan hawwii keenya dhugoomsina,kanaaf bara haaraa 2018 kanati badhaadhina fayyaa hawaasaa keenya milkeessuuf kan itti hojjannu fi kenniinsa tajaajila fayyaa keenya kan duriin addati si'ataa,dhaqqabamaa fi qulqullina qabatu gochuuf kan itti hojjannuu fi tajaajila fayyaa kennaa jirru babalisuun kan itti hojjannu akka nuuf tahu jechaa irra deebi'ee baga ittin isin gahe, baga barii birraa agartan yemmuun jedhu gamachuu guddaatu nati dhagahama." Jechuun hawwii qaban ibsanii jiru.

Ammas Irraa Deebi'uun Barri Haara 2018 Bara Milki,Bara Badhaadhinna,kan Gammachuu bara Quufaa fi Gabbinaa isiniif Haa ta`u.
🌼🌻🌻🌻Ayyaana Gaarii! 🌻🌻🌻🌼🌼🌼🌼🌼

Hoji gaggeesaa ol'aanaa Hospitaala Baddannoo Kabajamoo Obbo Yaasin umar.

Address

Bedeno Hospital
Bedeno

Telephone

+251253320642

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hospitaala Baddannoo/በደኖ ሆስፒታል/Bedeno Hospital posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Hospitaala Baddannoo/በደኖ ሆስፒታል/Bedeno Hospital:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category