21/11/2025
Guyyaa 12/3/2018 Dhaabbata Project C.U.R.E., Islamic Relief Association fi Yuniversitiy Haramaayaa waliintahuun Meeshaalee wallaansaa Bara dabree Hospitaala keenyaaf dhiheessan Tajaajila irra Oolmaa fi faaydaa Hawaasa tajaajilame irratti mullate jiila Miseensa Mana Marii Caffee M. N. Oromiyaa fi Bakka Bu'aa Dhaabbata Sadeenii kan tahan Kabajamoo Dr Eliyaas Ahmedsadiqiin durfamu Daawwatanii jiran.
Haala Hundeeffamafa fi Tajaajila Hospitaalli Baddannoo kannaa jiru jalqaba irraa kaasee ballinaan gama Hojigaggeessaa Hospitaala Obbo Yasin Umariin ibsi ballaan eega itti kanname booda kutaa tajaajilaa irratti daawwatameeti jira.
Hospitaalli Baddannoo osoo meeshaan project cure hin dhufin tajaajilaa irratti akkami, erga meeshaan dhufee booda tajaajilli jiru hangam takka foyyaa'insa qabaa jedhani kutaa tajaajilaa hundaa irraa deemun Oggeessota fi tajaajilamtoota biratti qaaman argamun dubbisani jiran.
Dr Eliyaas Eega Iddoo tajaajilaa daawwatan booda yaada kannaniin Kenna Tajaajilaa Hospitaalli kannaa jiruu fi Haala Hojii irra Oolmaa Meeshaalee Yaalaa kanatti bayyee kan gammadan tahuu ibsuun fuulduraafiis Deeggarsa Barbaachisu hundaan kan bira dhaabbatan tahuu wa'ada galaniiti jiran.
Daawwii guyyaa arraa kana irratti Ogeeyyiin Miidiyaa Bebekkamoon ijoollee Qaxalee naannoo bahaa kana sochoosaa jiran kan akka MUE MAX fi Murte Show1 faan irratti hirmaataniiti jiran
Keessumoota keenya hundaan Baayyee Galatoomaa jannaan.