Atinaaf health education

Atinaaf health education Baga nagaan dhuftan! Dhukkuba yookaan rakkoo fayyaa kamiyyuu yoo qabaa

Fuula kana irratti odeeffannoo fayyaa waliigalaa, barnoota fayyaa fi gorsa fayyaa salphaa Afaan Oromo tiin ni qoodna.
⚠️ Hubachiisa: Barreeffamni fi videon fuula kanaa barnootaaf qofa.

22/04/2026

39c4-8e1a18cb-402f

13/04/2026

Check out Mahi the Gunner❤'s LIVE streams on TikTok! Watch, follow, and discover the latest content from Mahi the Gunner❤.

23/02/2026

With Masho Kondo – I just got recognized as one of their top fans!

08/02/2026
25/01/2026

Bishaan dhuguun maaliif barbaachisaa dha?
Bishaan gahaan dhuguun qaama qulqulleessa, dadhabina hir’isa, sammuu ni jajjabeessa. Guyyaa guyyaan yoo xiqqaate cuuphaa 6–8 dhuguun ni gorfama.
👉 Barnootaaf qofa

23/02/2024

Guddachuu Xannacha piroostaatii (Benign prostatic hyperplasia (BPH)
dhukkuba dhiirota miidhu yoo ta’u, yeroo baay’ee namoota umurii isaanii naannoo 50 oli miidha.
BPH kan uumamu xannachi piroostaatii kan ujummoo fincaanii jalatti argamu fi ujummoo fincaanii marsee jiru yeroo guddatudha. Sababni sirrii BPH ammallee hin beekamne, garuu umurii fi jijjiiramni hormoonii gahee akka qabu amanama.

Mallattoolee Dhibee BPH
-Fincaan jalqabuu fi dhaabuuf rakkachuu
-Fincaan sirriitti yaa'uu diduu
-Halkan deddebi'anii Fincaaniif ka'uu
-Fincaan nama sarduu
Mallattoowwan kun qulqullina jireenyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisu.

Wal’aansi isaas hamma mallattoolee fi haala dhuunfaa irratti hundaa’a.
Isaanis jijjiirama akkaataa jireenyaa fi qoricha irraa kaasee hanga baqaqsanii Yaaluutti ta’uu danda’u.
Mallattoolle armaan olii yoo argitan ogeessa fayyaa marsisuun gaariidha.

Fayyaa ta'aa!!!
Dr Tahir Hirpo

01/11/2022

Faayidaa Aannan Loonii
********************************************
Aannaan loonii qabiyyee nyaataatiin baayyee baadhaadhaa. Keessattuu viitaaminoota fi albuudoota qaamaaf barbaachisaa sirritti of keessaa qaba.
Viitaamina B12 viitaamina D, albuuda kaalsiyemii fi pootaasiyemii kan nyaanni baayyeen sirritti ofkeessaa hin qabneen badhaadhee jira.

* Aannan Loonii madda keessaa nyaataa kan " pirootoonii guutuu/ complete protein" of keessaa qabuudha. Amiinoo asiidii barbaachisoo saglan qaamni keenya qixa sirriitiin akka hojjatu gargaaru hunda of keessaa qaba.
Pirootooniin hojiilee barbaachisoo qaamni keenya hojjatu kan akka guddina qaamaa,seelii miidhamte suphuu fi Madiinummaa qaamaa keenya to'achuurratti gahee olaanaa bahata

* Fayyaa fi jabeenya lafeetiif barbaachisaadha.
Albuuda kaalsiyemii, foosfarasii, pootaasiyemii fi viitaamina k waan of keessaa qabuuf fayyaa lafeetiif murteessaadha
Galatoomaa!!

14/10/2022

Yeroo tokko tokko osoodhuma taa'anii onneen akka waan akka waan utaaltee ba'uu hedduu isin dha'attee beektii? Maalirraa ka'uu mlaa? Yoo maal ta'e mana yaalaa deemuu qabnaa?
************************************************
1. Waantoota qaama si'eessan kamiyyuu kan akka: bunaa, jimaa, tamboo, kookaayinii fi kkf yoo fayyadaman.
2. Jijiirrama hoormoonii qaamaa, keessumaa dubartoota keessatti kan akka marsaa laguu, ulfaa (pregnancy, fi marsaan laguu hafuu (menopause)
3. Sababa kamiin illee gaafa qaamni keenya ho'u ykn dhaqna gubaa (fever) yoo qabaatan.
4. Sochii qaamaa cimaa (straneous exercise) yoo taasisan.
5. Miirota kanneen akka aarii, sodaa fi gadda cimaa ta'an yoo namatti dhaga'aman.
6. Hoormooniin xannacha taayirooyidii irraa maddu (thyroxine) yoo haga barbaadamuu ol oomishamamee qaama keessa faca'u, fkn ucuba mormaa (goiter) yoo hormoonii kana oomishu.
********************************************
Waantoonni armaan olitti kaasne kun kan ofii isaaniin dhiisanii fi yeroo baay'ee kan miidhaa hin qabnedha. Garuu yoo dha'achuun onnee cimaa ta'ee (osuma taa'ani akka nama fiiguutti dha'atee) fi waantoo armaan gadii kana walfaana qabaanne mana yaalaa deemnee ogeessa haasofsiisuu qabna.
1. Miira dhukkuubbii ykn namatti ulfaachuu laphee (chest)
2. Yoo waa hojjachuuf jedhan haafurri nama cituu (shortness of breath).
3. Ofwallaaluu, lafaan maramuu (fainting or dizziness).
********************************************

07/10/2022

Jinjibila / Zinjibila /Ginger
*****************
Keemikaalli "Gingerol" jedhamu kan Jinjibila keessatti argamu, faayidaalee armaan gadii nuuf kenna:

- Feedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala.
- Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa.
- Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir'isa
- Nyaati garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa eega.
- Vaayiresii qufaa dadhabsiisuun fooyyee nuu kenna.
- Dhukkubbii maashaa keenyaa erga ispoortii hojjannee booda nutti dhufu hir'isa.
- Dhukkuba kulkulfannaa buusaa fi lafee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa.
- Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa sana dhufan nurraa dhorka.
- Qabiyyee qaamaa yoo baay'ate dhukkuba.
Fayyaan faaya
**************
Fayyaan Faaya

Address

Oromia, West Hararge Zone
London

Telephone

+251923963293

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Atinaaf health education posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Featured

Share