Gadaa Medicine

Gadaa Medicine Odeeffannoo fayyaa hawaasa keenya biraan gahuuf hojjanna!

19/07/2025


Dhukkubbii qomaa (laphee) gara bitaa kan dabalataan gateettii bitaa fi dugda duubaatti namatti dhagahamu yeroo gabaabaa keessatti lubbuu namaa dabarsuu danda'a waan ta'eef, salphisanii ilaaluun gaarii miti. Du'a namoota, duratti naguma ture mee, nagaa na gaafateen bira darbe, kaleessa walumaan nagaan waliin hojjachaa oolle mee, maaloo, maaltu isa argate!!! Nama jechisiisan keessaa isa tokko ta'uu danda'a.
Qorannoo waaraa godhanii ilaallamuun barbaachisaadha.

Fayyaa qaama saalaa fi walhormaataa eeggachuu (Sexual and reproductive health tips🙄🤔)✏°°°°°°°°°°Qaamni saalaa kan dhiira...
19/07/2025

Fayyaa qaama saalaa fi walhormaataa eeggachuu (Sexual and reproductive health tips🙄🤔)
✏°°°°°°°°°°
Qaamni saalaa kan dhiiras ta'ee kan dubartii yoo kunuunsa ykn eeggannoo barbaachisaa ta'e hin goonuf ta'e, madda dhukkuboota hedduu, hanga dhala dhabuu fi rakkoo fayyaa yeroo dheeraa ta'uu danda'a. Keessattuu qaamni saalaa shamarranii foddaa gara keessa qaama namaa waan ta'eef(door to abdomen🙄), wanti karaa buqushaa olseene hanga keessoo garaachaatti olfulla'uu danda'a. Rakkoowwan dhufuu malan kunneen, sababa qulqullina gahaa dhabuu, miidhaa sababa balaa adda addaatif dhufu, dhukkuboota walqunnamtii saalatiin daddarban, fedhii ofiin ofirraa baasuu qulqullina hin qabne, fi sababa barteewwan duubatti hafoon uumamuu danda'u.

Rakkoon fayyaa walhormaataas waan armaan olitti laallen baayyee kan walirraa hin fagaanne yoo ta'u, fedhii saalqunnamtii gaarii dhabuu, dhala argachuu dadhabuu fi maatii gaarii uummachuu(family health) hanqachuu dabalata.

Mee gabaabumatti fayyaa qaama saalaa fi sirna wal hormaataa eeggachuuf wantoota nuti gochuu qabnu haa ilaallu🙄.

1) Warri shamarranii yeroo kamiyyuu hanga danda'ametti waan kamiyyuu gara qaama saalatti galchuu dhiisuu. Fknf, keessa qaama saalaa qubaanis ta'ee meeshaan dhiquu dhiisuu, kondomii fayyadamuu irra saalqunnamtii hin barbaachisne durumaa gochuu dhabuu, qubaan ykn waan biraa qaama saalatti galchuun fedhii ofirraa baasuu dhiisuu fi kkf.

2) Naannoon qaama saalaa jiidhee yeroo dheeraf akka hin turre eeguu. Kunis sababa wayyaa jiidhaa uffachuu ykn fedhii keessa galuudhaan qaamni saalaa dhangala'aa maddisiisee jiidhinsa qabachuun ta'uu danda'a.

3) Warreen dhiiraa qunxurroo murachuu🙄. Gogaa hin barbaachisne fuuldura qaama saalaa teessu sana ogeessaan ofirraa kutuun riiskii fayyaa qaama saalaa fi dhukkubootaa ni hir'isa.

4)Walaqunnamtii saalaa daangaa hin qabne irraa of eeggachuu. Isa kanaaf ibsa bal'aa waan isin barbaachisu natti hin fakkaatu.

5) Walqunnamtii saalaa booda fincaan fincaa'uu fi bishaan qulqulluudhaan qaa

03/05/2024
Dubbisaa share godhaa!
26/04/2024

Dubbisaa share godhaa!

Gosoota dubartootaa gaayelaaf hin taane (Women who can't maintain marriage🙄🤔)
✏°°°°°°°°°°
Gaayela milkaa'aa fi itti fufiinsa qabu uummachuun salphaa miti. Namoota tokko tokkoof yoo danda'ameyyuu kaanif hawwii galma hin geenye yeroon ta'u jira. Dubartootaaf ammoo waayeen gaayelaa hin qoofamu. Dhiira caala isaantu itti dhiphata waan ta'eefi. Umurii isaanii daa'ima argachuuf murteessaa ta'etti jaarsa argachuu waan barbaadaniif baayyee yaadda'u.

Dubartoota gaayela milkaa'aa qabaachun isaaniif salphaa hin taane haa ilaallu.

1) Warra akka malee bareedan( the most beautiful women). Waan miidhagduuf dhiironni baayyeen ishii hawwu. Kunimmoo miira oftuulummaa ishii keessatti uuma, filannoo baayisti, miidhagina ishee gara maallaqaatti jijjiiruu barbaaddi. Kunimmoo akka ishiin dhiira jijijjiirtu ishee godha. Osuma kana gootuu umuriin waan deemuuf jaarsa malee hafuu dandeessi.

2) Dubartii baay'ee baratte( The Most educated women). Dubartiin mastersii, ykn phd qabdu takka gaayela gaarii qabaachun harkuma waaqaa jira🤔. Ciminni isaanii akka dhiiran waliif hin galle taasisa. Kaampaaniiwwan gurguddaa deemii gaafadhu, dubartoonni hedduun singiliidha ykn hiikaniiru.

3) Dubartii maatiin ishii abbaa qabeenyaa ta'e. Isaan kunis hedduu ulfaatodha, dhiira hin bulfatan. Jireenya qananii keessatti guddatte waan ta'eef jaarsaf ajajamtee jiraachuun itti cimachuu danda'a😉.

4) Akka malee kan amantii jabeessitu. Dubartiin akkasii ykn dhirsa hin argattu ykn ni hiikti. Sababni isaas isheen gorsa jaarsaa fudhachuu hin dandeessu, ishiin akka amantiin jedhutti qofa waan deemtuf abbaa warraa isheetiif akka garaa hin taatufi.

5) Dubartii mana ciffaraa fi dhugaatii baayyistu. Ishiin akkasii akka waan jireenyi har'a qofa ta'eetti fataa jechuu feeti. Dhiirri ishiitti dhufus yeruma tokko bu'eet gatee biraa deema. Kanarraa kan ka'e dubartiin akkasii daa'ima abbaan walii hin beekkamne guddisaa hafti🙄.

Fayyaa fi Walqunnamtii Saalaa follow godhaa!

23/04/2024

Fayyaa qaama saalaa fi walhormaataa eeggachuu (Sexual and reproductive health tips🙄🤔)
✏°°°°°°°°°°
Qaamni saalaa kan dhiiras ta'ee kan dubartii yoo kunuunsa ykn eeggannoo barbaachisaa ta'e hin goonuf ta'e, madda dhukkuboota hedduu, hanga dhala dhabuu fi rakkoo fayyaa yeroo dheeraa ta'uu danda'a. Keessattuu qaamni saalaa shamarranii foddaa gara keessa qaama namaa waan ta'eef(door to abdomen🙄), wanti karaa buqushaa olseene hanga keessoo garaachaatti olfulla'uu danda'a. Rakkoowwan dhufuu malan kunneen, sababa qulqullina gahaa dhabuu, miidhaa sababa balaa adda addaatif dhufu, dhukkuboota walqunnamtii saalatiin daddarban, fedhii ofiin ofirraa baasuu qulqullina hin qabne, fi sababa barteewwan duubatti hafoon uumamuu danda'u.

Rakkoon fayyaa walhormaataas waan armaan olitti laallen baayyee kan walirraa hin fagaanne yoo ta'u, fedhii saalqunnamtii gaarii dhabuu, dhala argachuu dadhabuu fi maatii gaarii uummachuu(family health) hanqachuu dabalata.

Mee gabaabumatti fayyaa qaama saalaa fi sirna wal hormaataa eeggachuuf wantoota nuti gochuu qabnu haa ilaallu🙄.

1) Warri shamarranii yeroo kamiyyuu hanga danda'ametti waan kamiyyuu gara qaama saalatti galchuu dhiisuu. Fknf, keessa qaama saalaa qubaanis ta'ee meeshaan dhiquu dhiisuu, kondomii fayyadamuu irra saalqunnamtii hin barbaachisne durumaa gochuu dhabuu, qubaan ykn waan biraa qaama saalatti galchuun fedhii ofirraa baasuu dhiisuu fi kkf.

2) Naannoon qaama saalaa jiidhee yeroo dheeraf akka hin turre eeguu. Kunis sababa wayyaa jiidhaa uffachuu ykn fedhii keessa galuudhaan qaamni saalaa dhangala'aa maddisiisee jiidhinsa qabachuun ta'uu danda'a.

3) Warreen dhiiraa qunxurroo murachuu🙄. Gogaa hin barbaachisne fuuldura qaama saalaa teessu sana ogeessaan ofirraa kutuun riiskii fayyaa qaama saalaa fi dhukkubootaa ni hir'isa.

4)Walaqunnamtii saalaa daangaa hin qabne irraa of eeggachuu. Isa kanaaf ibsa bal'aa waan isin barbaachisu natti hin fakkaatu.

5) Walqunnamtii saalaa booda fincaan fincaa'uu fi bishaan qulqulluudhaan qaama saalaa dhiqachuu. Kana gochuun dhiiraafis ta'ee dubartiif baayyee barbaachisaadha.

6) Yeroo qaama saalaa qulqulleeffatan fuulduraa gara duubatti qulqulleessuu. barbaachisaadha.(Keessattuu warra shamarraniitiif buqushaarraa gara hudduutti ta'uu qaba). Maalif jettanii akkan nan gaafanne😆🙄

7) Dhiironni paantiis ta'ee surree naannoo qaama saalaa waxxaree qabu uffachuu irraa of qusachuu.

8) Rifeensa naannoo qaama saalaa akka malee gadi qabnee haaduu irraa of eeguu. Keessattuu chiikonni gaafa wal beellaman saphii quncisanii haaddachuun suni hiv dabalatee dhukkuboonni biroo salphumatti akka daddarbaniif karaa banuu danda'a.

9) Hirriiba gahaa rafuu, dhiphinaa fi rakkoo hawwaasummaa kamuu furuu fi walumaa galatti yoo rakkoo kamiyyuu ofirratti kan arginu ta'e gara mana yaalaa deemudhaan ogeessa mariisisuun rakkoo fayyaa qaama saalaa fi saalqunnamtii akkasumas walhormaataa furachuun barbaachisaadha.

Fayyaa fi Walqunnamtii Saalaa follow godhaa!

Address

Debre Libanos

Telephone

+251917104857

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadaa Medicine posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Gadaa Medicine:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram