Simple healthy tips

Simple healthy tips Waa'ee qaama keessanii fii fayyaa keessanii irratti waan feetan nu gaafadhaa.

03/02/2023

DHUKKUBA RIYII - Rheumatoid Arthritis
*****************************************
Hawaasa keessatti maqaa woliigalaa Dhukkuba Riyii jedhamuun kan waamaman hedduu ta'anillee, isaan keessaa hardha waa'ee "Rheumatoid Arthritis (RA)" kana ilaalla.

Dhukkubni (Rheumatoid Arthritis) kun dhukkuba xooxeffannaa ykn kulkulfannaa qaamaa yeroo-dheeraaf nama wojji jiraatu ta'ee irra-jireessaan buusaawwan ykn cabsataawwan (joints) keenya kan miidhu ta'ullee qaamota biroo kan akka gogaa, ijaa, somba, onnee, kalee, dhuka lafee fi hidda dhiigaa irrattis rakkoo fiduu mala.
---

---
Ka'umsi dhukkuba kanaa sirni ittisa qaamaa keenya kan dhukkuboota fi jarmoota garagaraa qaama irraa ittisu, yoo qaamuma keenya kan fayyaa qabu (tishuuwwan buusaa qaamaa) dogongoraan rukutu kan mudatuudha. Qajeellootti maaltu akka sirni ittisa qaamaa keenya wol-rukuttaa kana akka jalqabu isa godhu beekkamuu baatullee, uumaan (genetics)n saaxilammummaa jiru irratti, wontoota ( fkn infeekshinoota vaayirasi garagaratin) guyyaa keessa dhufan irraa sirni ittisa qaamaa akkas ta'uu mala jedhamee yaadama.
---

---
Mallattoolee Dhukkuba Riyii (Rheumatoid Arthritis):

* Dhukkubbii, iitaa fi hoo'a buusaawwaanii ykn cabsataa
* Cabsata/buusaa nama-qabuu, diriiruuf kontooffachuu irratti, keessattu yeroo ganamaa fi yeroo sosochii malee turanii sochi'iif ka'anitti.
* Dadhabbii, hoo'aa fi fedha nyaataa dhabuu
---
• Dhukkubni kun yeroo jalqabaa buusaawwan ykn cabsata (joint) xixiqqoo kan akka buusaa iddoo qubbiin harkaaf lukaa, ganaa harkaafi milatti galan bira jiran huba. Adaduma dhukkubichi jabaataa deemuun buusaawwan/cabsata gurguddoo akka ciqilee, jilbaa, hidhaafi gateettii fa'as ni huba.
• Yeroo hedduu buusaawwan walfakkaatoo cinaa lachuu jiran huba (Fkn. yeroo wolfakkaatatti ciqilee bitaa mirgaa, ykn jilba bitaa mirgaa).
• Akkasumas buusaa tokkoo ol ykn buusaawwan hedduu yeroo tokkotti hubuu danda'a.
• Dhukkubbiin RA kun yeroo gara yerootti hammeenyi isaa garaagarummaa qaba. Yeroo namatti ka'ee garmalee nama dhukkubuu fi yeroo nama irraa lash jedhutu jira.
• Turtii woggootaa booda dhukkubni kun (Rheumatoid Arthritis) buusaawwan irratti miidhaa fiduun iddoo buusaa san dabsuu ykn jallisuun (deformed) gochuu danda'a.
• Akkuma jenne buusaan ala (Rheumatoid Arthritis) kun namoota %40 ta'an irratti qaamota biroos miidhuu waan danda'uuf mallatoon dabalataa qaamota miidhaman san irraa dhufuufi isaaniin wolqabatu jiraachuu danda'a.
---

---
Wontoota ykn barteewwan carraa dhukkuba RA (Riyii kanaaf) saaxilamuu keenya dabalan:

* Saala lachuu irratti muldhachuu danda'ullee dhiira caalaa dubartii irratti yeroo hedduu muldhata.
* Umrii kam irrattuu nama qabuu danda'ullee, yeroo ga'eessummaa irra muldhata.
* Yoo maatii keessaa namni dhukkuba kanaan qabame jiraate, carraan miseensi maatiis gara fuulduraa dhukkubni kun irratti muldhachuu kana nama kaanii irra ni caala.
* Sigaaraa aarsuu. Uumamaan saaxilamummaan RA kun jiraannaan sigaaraa aarsuun akka dhukkubichi nu jalqabu gochuu danda'a. Akkasumas kan jirus ni hammeessa.
* Ulfaatinna garmalee guddaa ta'e qabaachuu. Ulfaatinna hojjaa keenyaan wol-hin madaalle qabaachuun carraa dhukkuba kana horachuu keenya olkaasa.
---

---
Xaxaawwan dhukkuba Riyii (RA) kana irraa dhufan:

* Jabinna lafee keenya haphisuun ykn laaffisuun akka miidhaa ykn haala salphaa ta'een cabuuf saaxiluu dandaa'a.
* Iitaa kuufama wolrukuttaa qaamaa irraa iddoo garagaratti uumamuu danda'u (rheumatoid nodules).
* Keessi afaaniifi ijji keenyaa akka goggogu gochuu. Jiidhinni silaa keessii afaaniifii ijji keenya qabu akka hirdhatu gochuu danda'a, akkasumas saaxilamummaa dhukkuba ijaaf keessa afaanii goggogsuu kan (Sjogren's syndrome) jedhamuun hubamuu keenya haalaan dabala.
* Carraa infeekshinoota garagaraatiin qabamuu keenya olkaasa.
* Narviin buusaa harkaa akka miidhamu gochuun haalli harkaa kee akka micciramu gochuu danda'a.
* Akkasumas carraa dhukkuba Onnee fi Sombaa kan dhukkuba Riyii bifa kanaan wolqabatuu qabaachuufi carraa dhukkuba kaansarii dhiigaa sirna liimfii kan (Lymphoma) jedhamuun qabamuu olkaasa.
---
---
Maal gochuu barbaachisa?

* Beekumsa hanga ammaa adunyaa kana irra jiruun dhukkuba Riyii kana (Rheumatoid Arthritis) guutuun guutuutti yaalanii balleessuun hin danda'amu. Haa ta'uu garuu akkuma dhukkubichi nama eegaleen yoo yaala argachuu jalqaban, carraan xaxawwan hamaa isa irraa nama dhaqqabu hanbisuu keenya ol'aanadha.
* Sigaaraa aarsuu dhabuu
* Sochii qaamaa dalaguu
* Iddoo buusaa dhukkubbii qabu sanitti waan ho'aa ykn cabbii itti qabuu.
* Ulfaatinna guddaa qabaannaan isa hirdhisuu
* Mana yaalaa deemnee ilaallamuun qorannoolee barbaachisu godhachuun yaala isaa hordofuu.
* Qorichootni Dhukkuba Riyii kana woldhaanuuf kennaman xaxaawwan dalgaa heddu waan qabaniif ajaja Doktora keessanii malee yeroo dheeraaf itti fuufinsaan fudhachuun miidhaa dabalataaf isin saaxiluu mala. Kanaaf gorsaafi hordoffii ogeessaa wojjiin fudhatamuu qabu.
---
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
---
Dr. Nuredin Luke

02/12/2022

Hamuummii
=========
Hamuummiin kan namni martuu uumamaan to'annaa isaa ala godhuu fi kan namarraa namatti darbudha. Yeroo baayyee gaafa dadhaban, hirribni namatti dhufuu fi hirriba ka'an, waantoota sammuu si'eessan (buna shaayii, jimaa, tamboo, alkoolii fi kkf) irraa yeroo fagaatanfaa namatti dhufa.
Faayidaa
=======
1.Sammuu tasgabeessuu/qabbaneessuu
hamuummiin oksijiinii fi dhiigni gara sammuutti bal’inaan akka seenu godha
2.Sirna marsaa dhiigaa fi qilleensaa dammaqsuu
Oksijiiniin baayyinaan gara sombaa akka seenu gochuu fi qilleensi summaa'an baayyinaan akka ba'u gochuun
3.Fedhii saalquunnamtii kakaasuu
4.Muddama/dhiphuu/gaddabbuu hir'isuu.
sammuu tasgabbeessuun hojii sammuu fooyyeessuu
5. Dhiibbaa qilleensaa gurraa hiri'suun dhageettii fooyyeessuu.
6. Qaama ofiitii ergaa dabarsuu...'dadhabdeetta,sammu
unkee tasgabbii/qilleensa qabbanaa'aa barbaada'
Egaa hamuummiin darbee darbee dhufu fayyaalessas faayida qabeessas. Garuu yoo garmalee ta'e, guyya guyyaatti kan nama mudatuu fi deddeebi'ee dhufu ta'e, dhibee armaan gadii akeekuu danda'a
Dhibee muddamuu/dhiphuu hamaa
Dhibee hirribaa garagaraa
Dhibee sukkaaraa , dhiiga keessa sukkaarri hanqachuu
Dhibee narvii hamaa akka 'multiple sclerosis
Dhibee marsaa dhiigaa fi qilleensaa
Dhibee tiruu hamaa
====================================
Fayyaa hin dhabinaa!

© Melba Clinic Dr Dawit!

https://www.facebook.com/100050987689655/posts/615527830156801/?mibextid=xMPGFH8J1QP1ilY8
10/10/2022

https://www.facebook.com/100050987689655/posts/615527830156801/?mibextid=xMPGFH8J1QP1ilY8

Waqtiin kun waqtii Utaalloo/diifafaa fakkaata.
Yeroo dhibeen utaalloo/diifafi nu qabe manatti maal gochuu qabna?
👍Wantoota ho’aa tahan bishaanis tahe shaa’ee ykn kan biroo dhuguu ykn aara ho’asaa funyaan keenyatti qabachuu. vaayirasiin yeroo baayyee utaalloo fidu riinoovaayirasiin jiraachuuf bakka diilallaa’aa waan filatuuf yeroo waan ho’aa argatu nii du’a.kanaaf waan ho’aa fayyadamuun baayyee gaariidha
👍Dhangala’aawwan garaagaraaf fruit akka loomiifi burtukaanaa baayinaan fayyadamuu. Akkuma beekamu dhangal’aan funyaan namaaa keessaa waan dhangala’uuf dhangala’aan qaama keenya keessaa hir’achaa deema. Kanaaf dhangala’aa fudhachuun bakka buusuu qabna. Gama biraaan Fruit akka maangoo, Loomii fi birtukaanii vaayitaamin C’n waan badhaadhaniif fayyadamuun gaariidha.
Vaayitaamin C’n haguuggii ujummoo qilleensaa keenyaa jabeessun akka dhukkuba ofirraa lolu godha
👍Boqonnaa fudhachuu
👍Yoo mataa dhukkubbii hamaan nu mudate qorichoota mataa bowwuuf oolan baayyeen waan jiraniif isaaniin fudhachuu
👍Qorichooonni dhangala’aa funyaan keessaa dhaabaa kan decongestant jedhamanis waan jiraniif isaaniin bitatanii fayyadamuuniis gaariidha
👍Damma dhangala’aa fayyadamuu. Dammi kemikaala farra baakteriyaaf vaayirasii tahe waan of keessaa qabuuf qorannoo bahe akka agarsiisuutti damma fayyadamuun qufaa sababa utaalloon dhufu ittisuu keessatti gahee guddaa qaba. Kanaaf yeroo ciisichaa damma fal’aana tokko fayyadamuun baayyee gaariidha keessaayyuu daa’immaniif baayyee gaariidha. Hubachiisa daa’immaan waggaa tokkoo gadiif damma kennuun fayyaa isaaniif gaarii miti.
👍Qullubbii fi zinjibillis utaalloo nurrraa loluuf mallattoowwan utaalloon wal qabatanii dhufan nurraa fooyyeessuu keessatti gahee guddaa qaba.
👍Bishaan soogiddaan xiqqoo ho’isne qoonqqoo keenya ittiin lulluuqachuunis mallattoowwaan utaalloon wal qabatanii dhufan kannee akka dhukkubbii qoonqoofaa nurraa ittisuu keessatti gahee guddaa qaba.
👍 Bishaan ho’aa erbee xiqqoon jiisuun naannoo morma keenyaarra godhachuu faa gaariidha
Yeroo tokko tokko utaalloon namarra turuun gara sombaa deemuun Infeekshinii sombaaf nama saaxiluu danda’a. kanaaf mallattoowwan akka qufaa jiidha qabu, ho’ina qaamaa olaanaa, laphee nama waraanuu fi hafuurri namatti cituufaa yoo isin quunname mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu

21/08/2022

FAYYUMMAA KALEE KEENYAAF:
**********************************
● Qorichoota dhukkubii woyyeessuf tajaajilan (Antipain, akka diclofenac fa'a) fi qorichoota biroos baay'isanii ykn hanga ogeessi fayyaa nama ajajuu ol fuddachuu dhabuu.
● Nyaata keessatti sooqidda xiqqessanii fayyadamuu. Fuduraaf kuduraa nyaachuu.
● Bishaan gahaa ta'e dhuguu. Guyyatti Litirii lamaa olii fi haaluma dheebuu keenya/qilleeensa jiru wojjiin ilaallee dabaluus qabna.
● Alkoolii baay'isanii dhuguu dhabuu ykn guutumatti dhaabuu.
● Tamboo/sigaaraa aarsuu dhabuu ykn dhaabuu
● Fincaan qabatanii turuu dhabuu/yeroma fincaan nama qabetti fincaanuu.
● Hirriba gahaa argachuu.
● Ulfaatinna keenya hojja keenyaan wolmadalchisuu.
● Dhukkuba Sukkaraafii dhiibbaa dhiigaatiif hordoffii gahaa gochuu.
● Akkasumas dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa olka'aa ta'e, Dhukkuba Sukkaraa, cirracha kalee, guddachuu xannacha pirosteeti, fi umriin keenya woggaa 60 ol yoo ta'e yoo xiqqaate woggatti al tokko qorannoo hojii kalee (Renal Function Test) hojjisifachuu.
● Sochii qaamaa gahaa ta'e gochuu.
Torbaanitti wolumaa galatti daqiiqaa 150 fi achi oliif Sochii qaama (kan akka deemsa arifannaa, daakkaa, daansii, fiigicha, kubbaa milaa fi kkf) hojjachuu.
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

09/08/2022

Daa’imman, Abdii boruu!
Daa'imman baay'een yeroo dhukkubsatan dhukkuba isaanii himachuu waan hin beekneef mallattoo kanaa gadii yoo agarsiisan maal tahuu mala?
-Hafuura kan duraarra dafanii dafanii baafatu yoo tahe mallattoo infeekshinii sombaa tahuu mala.
-yeroo ciisanis tahe nii aadu yoo tahe dhukkubbii isaanii ibsachaa jiru jechuudha. Dhukkubbiin kun sababa dhibee garaagaraa irraa dhufuu mala
- yeroo fincaan fincaa'an kan dura baratamerra ni boo'uu yoo tahe mallattoo infeekshinii afuuffee fincaanii ykn kalee tahuu mala.
-boo'aa gurra isaanii harka isaaniin harkisu yoo tahe infeekshinii keessoo gurra keessaa tahuu mala.
-yeroo harma hodhan addaan kukkutu ykn qaamni isaanii ni dafqa ykn hurka tahe mallattoo dhibee onnee tahuu mala.

Fayyaa hindhabinaa
Dr Nafyad Getu
Suuraan: Miidiyaa hawaasaati, Guddadhu!

Kuni maali?
06/08/2022

Kuni maali?

19/07/2022

Address

Deder

Telephone

+251948861348

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Simple healthy tips posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Simple healthy tips:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram