18/02/2025
WAA'EE QORICHA CEFTRIAXONE 250mg/500mg/1g
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1️⃣ Qorichi Ceftriaxone maali ?
✍Ceftriaxone ~jechuun qoricha garee farra baakteeriyaa cephalosporin Jenereeshinii sadaffaa jedhamuu ta'ee inifeekshinii sababa baakteeriyaatiin dhufan yaaluuf kan gargaaruudha.
2️⃣.Qoricha Ceftriaxone maalif fayyadamna?
* Inifeekshinii gogaa.
* Inifeekshinii gurraa.
* Inifeekshinii dhiigaa.
* Inifeekshinii lafee.
* Inifeekshinii cabsannaalee qaamaa.
* Inifeekshinii michii sombaa cimaa.
* Inifeekshinii mininjaayitasi cimaa.
* Inifeekshinii namoota wal'aansa baqaqsanii yaalamanii ittisuuf.
* Inifeekshini wal~quunnamtii saalaa ofi eeggannoo hin qabnen dadarbu cophxoo.
* Inifeekshinii qaama wal-hormaataa dubartii .
* Inifeekshinii ujummoo qilleensaa gara gubbaa.
* Infeekshinii ujummoo fincaanii.
* Inifeekshinii garaa keessaa fi kkf wal'aanuuf gargaara.
3️⃣.Qoricha Ceftriaxone fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍ Namoonni alarjii qoricha ceftriaxone ykn qorichoota garee cephalosporin kan akka cefaclor,cefadroxil,Cefazolin,cefdinir,cefditoren fi kkf qabu qoricha kana gonkuma fayyadamuu hin qabu.
✍ Qoricha ceftriaxone ajaja ogeessa fayyaatiin maleeti daa'immanii sabiyyii reefu dhalataniif kennuu hin qabnu.
✍ Namoonni vayitaaminii, qorichoota biroo ykn qorichoota aadaa fayyadamaa jiru ykn fayyadamuuf karoora qabu ogeessaa fayyaatiif himu malee Qoricha ceftriaxone fayyadamuu hin qabnuu.
✍ Namoonni rakkoo sirna bullaa'insaa nyaataa,hanqina nyaataa, rakkoo vayitaamin k qaama keessaa, dhibee kalee, tiruu,sukkaaraa,rakkoo dhiiguu, fi kkf qabu ogeessa fayyaatiif himu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍ Dubartiin ulfaa ykn ulfaa'uuf karoora qabdu ykn haati hoosiftuu ogeessa fayyaatiif himuu qabdii.
✍ Dubartiin daa'ima yeroo da'umsaatiin durati deesse ykn haati daa'ima sabiyyii umrii torbee 4 gadii qabdu ogeessa fayyaatiif himtu malee