30/10/2025
Oromia Health Bureau
Namoonni hedduun dhibee sukkaaraa osoo qabanii mallattoo waan hin argisiifneef of irratti hin beekani. Kana hambisuudhaaf, namootni dhibee sukkaaraaf akka of qorachiisan gorfamu kanneen armaan gadiiti:
1. Namoota ulfaatinni qaamaa isaanii olka’aa ta’e ykn BMI isaanii 25 kg/m2 ol ta’ee fi dabalataan kanneen armaan gadii keessaa haala tokko ykn isaa ol qaban:
a. Sochii qaamaa kan hin taasifne
b. Fira dhiigaa dhiyoo (kan akka haadha, abbaa, obbolaa fi kkf) yoo kan dhukkuba sukkaaraa qaban ta’e.
c. Dhukkuboota sirna onnee fi hiddoota dhiigaa beekame kan qaban yoo ta’e
d. Dhibee olka’uu dhiibbaa dhiigaa (≥ 130/90 mmHg) kan qaban
e. Dhibee olka’uu cooma ykn koolesteroolii (hypercholesterolemia) kan qaban.
2. Namootni umriin isaanii wagga 35 ga’e hunduu qoratamuu qabu, yoo bilisa ta’anis wagga sadi, sadiin itti deebanii ilaalamuu qabu.
3. Haadholii yeroo ulfaa dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaan (Gestational diabetes mellitus) qabamanii turan, yoo xiqqaate wagga sadi sadiin qoratamuu qabu.
4. Kanaan dura qoratamanii dhukkuba sukkaaraaf carraan isaan qaban olka’aa ta’uu ogeessa fayyaan kan itti himame jiru yoo ta’e/taate, yoo xiqqaate waggaa waggaatti qoratamuu qabu.
Odeeffannoo dabalaataaf: American Diabetes Association 2025.
Fayyaan Faaya