01/03/2022
Kaleessi Jiraatu Malee Adha Hin Geenne, kaleessi gaaris gadhees ta'uu mala, garuu kaleessi Jiraatu Malee Adha Hin Geenne. Akkuma jenne kaleessa yeeroo Wajjiin hojjachaa turretti waan gaarii ykn waan yeeroo San sirrii nutti fakkaate baayy'ee Wajjiin hojjachaa turree jirra, Isnis kana beektanii sagantaa bareedaa akkanaa qopheessitanii sirna hoo'aa ta'een na Gaggeessuu Keessaniif galatoomaa jechuu barbaada.
Akkuma Wajjiin beeknu San yeeroo an gara Hospitaala GAMBOO dhuftutti haalli ture baayy'ee Ulfaataa akka ta'e wajjumaan beekna, haala Ulfaataa Yeeroo San ture Wal Wajjiin taanee akka salphatuu fi manichi akka tasggabaa'u gochuu dandeenyee jirra. Kun immoo kan ta'e cimina kiyyaan osoo hin taane hojii Ulfaataa fi obsa cimaa gaafatu kan Wajjiin raawwachaa turreeni dha.
Yeeroon sun yeeroo Ulfaataa fi obsa cimaa gaafatu kan jennu lafumaa kaaneetii miti dhugamaan yeeroon sun kan jechaan ibsamuu ol Ulfaataa ture kana warri yeeroo San Wajjiin turre hundi keenyaa sirritti beekna.
Kana jechuun Akkuma beekkamu Hospitaalli GAMBOO erga hunddeeffamee eegalee hanga Waxabajjii 30 Bara 2012 tti kan Hoogganamaa ture Dhaabbata miti Mootummaa Dhaabbata Kaatoolikii tiin ture, Sababoota garaagaraa Dhaabbata Kaatoolikii fi Hojjattoota Hospitaala jiddutti umamee ture irraa ka'uudhaan Waxabajjii 30 Bara 2012 irraa egalee gara Mana hojii Mootummaatti akka deebi'uuf Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi Dhaabbata Kaatoolikii jiddutti waliigaltee taasifamee.
Maarree hojii Cee'uumssa Hospitaalaa kana akka milkkeessuuf gara kana yeeroo ergamee dhufetti hojiileen hojjatamuu qaban baayy'ee turan, hojiileen kuniin hojii Murtee gaafatu fi risk of keessaa qabu ture kana hunda harcaatii Tokko malee yeeroo jedhame Keessatti Wajjiin raawwachuu dandeenyee jirra.
Gama birootiin adoolessa 01/2012 irraa egalee hanga Hospitaalichi gara Mana hojii Mootummaatti cee'e jechuudha haala gaariin hojii Keenya itti fuufee hojjachaa turree jirra. Kana jechuun adeemsa hojii taasisaa turre Keessatti hanqinni hin jiru ykn h