16/11/2025
Sababni weerara dhibee Jinkaatti mudatee beekkamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
**********
Ministeerri Fayyaa sababni dhukkuba bifa weeraraatiin Magaalaa Jinkaatti mudatee Vaayirasii "Marburg" jedhamuun ta’uu qorannoon mirkaneessee jira. Baattuun vaayirasii tanaa ammoo gosa shimbira halkanii (Fruit Bats) kan fuduraa fi abaaboo soorattu hoggaa ta'u, gaafa namni fincaan, hancufa ykn dhangala’aa ishii keessaa bahuuf saaxilame vaayirasichi gara namatti dabra. San booda nama irraa gara namaatti, tuttuqaa dhangala’aa qaamaa of-eggannoo hin qabneen daddabra. Kanaaf Tatamsa'ina isaa ittisurratti haa xiyyeeffannuu.