31/10/2025
: Dirree Dhawaa fi Dubaayi Dhimmoota Garagaraa Irratti Waliin Hojjachuuf Waliigaltee Mallatteeysuu Kantiibaa Kadiiir Juhaar Ibsan.
Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Obbo Kadiir Juhaar yaa’ii Magaalota Eeshiyaa- Paasifik 15ffaa fi Fooramii Kantiibootaa 'Expo city Dubai' magaalaa Dubaayitti Gaggeeyfame irratti hirmaachuu fi kanaaniis muuxannoolee addunyaa guddina hegeree bulchiinsa Dirree Dhawaaf gargaaran hedduu qooddachuu karaa miidiyaa hawaasummaatiin addeeysanii jiran.
Waltajjiin 'Expo city Dubai' magaaloota 350 ol irraa bakka bu'anii fi Kantiiboota magaalota 150 ol hirmaachise kun, Tiraansformeeshinii Dijitaalaa fi Hegeree Magaalotaa, Bulchiinsa Dinagdee, Qulqullina Jireenyaa, Haarayoomsa Magaalaa fi Furmaatawwan Naannoo irratti kan xiyyeeyfate tahuus eeranii jiran.
Kantiibaa Kadiir itti dabaluun, magaalaan Dirree Dhawaa fi Dubaayi wajjiin Tiraaniisformeeshinii Dijitaalaatiifi Hegeree magaalotaa, Hoggansa magaalaafi Bulchiinsa diinagdee, akkasumaas Qulqullina jireenyaa, Furmaataawwan naannootiifi Haarayoomsa magaalaaleerratti waliin hojjachuuf waligaltee mallatteeysuu ibsanii jiran.
Waltajjiin kun biyyoota jiddugala Bahaa,Afrikaa, Eeshiyaa Kibbaatiifi Naannoolee biroollee Magaaloota carraa Daldalaatiifi Inveestimantii barbaadaniif Faayidaalee itti fufiinsa qabaniifi waaraa kan uumu tahuus himan.
Waltajjichi Biyyoota Jiddugala Bahaa, Afrikaa, Eeshiyaa Kibbaatiifi Naannoolee biroo hirmaachisuun, magaaloota carraa daldalaa fi investimantii barbaadaniif faayidaa waaraa fi tarsiimoo itti fufiinsa qabu kan dhiheeysu tahuun ibsamee jira.
Ahmad Mahammad
Odeeyfannoowwan waytaawoo argachuuf:
👉Feesbuukii:
Afaan Oromoo: https://www.facebook.com/share/1B8KihEAkt/
Amaariffaa:https://www.facebook.com/diretvamharic
Af-Somaalii: https://www.facebook.com/share/199s1kp4Sr/
👉Yuutuubii :
https://youtube.com/?si=m-e8hZFG3sNqM4gv
👉Tiiktook: https://www.tiktok.com/.tv
Yeroo mara, waan nu waliin jirtaniif isin galateeyfanna