Dynamic Medical speciality center

Dynamic Medical speciality center Our profitability is the satisfaction of our clients

Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.**************************Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fa...
13/03/2025

Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.
**************************
Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo iftar (galgala) fi suhoor (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi'aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaasdinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha. Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.

1. BISHAAN (WATER)
♡ Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
♡ Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
♡ Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta'eefidha.
♡ Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan irra xiqqoo haa taatu malee ni caalaa. Kanaaf akka bishaan karaa dafqaa fi kan biroo qaama keenya keessaa hin dhumne, bakka gaaddisa bareedaa qabu keessa turuu fi aduutti ba’uu dhiisuun hedduu nu gargaara.

2. IFTAR
♡ Iftar irratti nyaata annisaa gaarii qabuu fi fayya qabeessa ta’e soorachuu qabna.
♡ Yeroo hedduu tamiirii (dates) ija sadii nyaachuun, akka fayyaattis hedduu gaarii kan ta’ee fi iftar irrattis kan sooratamuudha. Tamiiriin nyaata rafeejii (fibre) hedduu barbaachisu of keessaa qabudhas.
♡ Kuduraalee fi muduraalee ga’aa nyaata keenyatti dabalachuun viitaaminootaa fi neutrientota addaa addaa argachuuf hedduu nu gargaara.
♡ Nyaata midhaanii (whole grain) akka qamadii, garbuu, ruuzii, boqolloo, xaafii fi kkf irraa hojjataman kan anniisaa guddaa fi faayiberii gaarii qaban iftar irratti soorachuun filatamaadha.
♡ Foon (coomaa hin qabne), lukkuu (gogaa ishee irraa hambisuun) fi qurxummii yoo argaman soorachuun qaamni keenya pirootina ga’aa akka argatu gargaara.
♡ Nyaanni waarshaa keessatti oomishamanii golgamanii suuqota addaa addaa irraa gurguraman fi sooratni sukkaara hedduu of keessaa qaban hin gorfaman.
♡ Soorata yoo soorannu akka humnaa ol nutti hin taanetti, daddafnee nyaannee of rakkisuu irra, suuta jennee yeroo dheeraa nyaachuutu filatama.

3. SUHUUR
♡ Nyaata salphaa ittiin sooma eegallu nyaachuun hedduu gorfama, keessumaa namoota umuriin hedduu raagan, ijoollee soomuu filatan, dubartoota harma hoosisanii kan soomuu filatanii fi kkf niif hedduu barbaachisaadha.
♡ Nyaati suhuuriif nyaatamu kana keessatti, kuduraalee fi muduraalee, nyaata kaarboohydratii qaban akka daabboo fi nyaata pirootina of keessaa qaban akka bu’aalee loonii, hanqaaquu fi avokaadoo dabaluun ni gorfama.

4. HAALA NYAATA WALII GALAA IRRATTI
♡ Nyaata sukkaara hedduu of keessaa qaban erga iftar nyaannee booda nyaachuun hin gorfamu.
♡ Nyaata cooma hedduu ofkeessaa qaban sooraachuu irraa of qusachuu ykn hedduu xiqqeessuu qabna.
♡ Nyaata ashaboo hedduu of keessaa qabu soorachuu irraa ofqusachuu akkasumas ammoo nyaata yoo hojjannu ashaboo hedduu itti dabaluu dhiisuu qabna.
♡ Nyaanni yoo garmalee guddisanii nyaatanii fi daddafanii nyaatan laphee gubaa fi miira namatti hin tolle hedduu waan namatti dhageessisuuf, suuta jennee haga nu ga’u qofa nyaachuudha.
♡ Haga danda’ame bakka tokko taa’aa yeroo dheeraa turuu irraa ofqusachuu fi waan akka deemsaa (walk) yeroo yerootti baay’isuun fayyaaf ni gorfama.

5. HAALOTA ADDAA
5.1 Dhukkuba Sukkuuraa
♡ Namoonni dhukkuba sukkaaraa keessumaa ammoo dhukkuba sukkaaraa isa gosa 1ffaa (kan yeroo baa’yee ijoollee fi dargaggoo hubu ykn type 1 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban akka soomuu hin filanne gorfama.
♡ Namoonni dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaa (kan yeroo hedduu namoota ga’eessota waggaa 30 olii hubu ykn type 2 Diabetes Mellitus jedhamu) qaban ammoo yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.2 Dhiibbaa Dhiigaa
Namoonni dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabanis yoo kan dhukkubni isaanii sirriitti to’atamee jiru ta’e soomuu ni danda’u.
5.3 Haadholii ulfaa fi harma hoosisan
♡ Karaa amantii soomaaf kaadhimamoo akka hin taane akkuma jirutti ta'ee, yoo tarii akka tasaa soomuuf murteessan, dirqama hakiima isaan yaalu waliin dursanii mari'achuu qabu.

6. FAKKEENYA (EXAMPLE) NYAATAA IFTAR fi SUHUUR
6.1 Fakkeenya (examples) nyaata iftariif qophaa’uu:
♡ Shoorbaa kuduraalee kan manaatti hojjatame (kan daakuu suuqii irraa bitamuun hojjatamu osoo hin taane jechuudha).
♡ Salaaxaa magariisa.
♡ Fuduraalee walitti makaman (squash/eggplant/grape leaves).
♡ Foon lukkuu
♡ Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni bishaanichaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
6.2 Fakkeenya (examples) nyaata suhuuriif qophaa’uu:
♡ Daabboo muraa lama.
♡ Hanqaaquu sirriittii bilchaate (bilchaate).
♡ Sliced vegetables from two vegetables.
♡ Chiisii (bu’aa loonii).
♡ Gosoota shayii addaa addaa kan kaafeenii ofkeessaa hin qabne.
♡ Bishaan hedduu kanneen waliin dhuguu (loomii muranii itti dabaluun akka dhamdhamni isaa hedduu dhuguuf nama kakaasu taasisuun ni danda’ama.
**************************
Ramadaan Mubaarak, Ifaara Gaarii!!!
©Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa
March 7, 2025 G.C
Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)

Dynamic Clinic, hold your first choice
13/03/2025

Dynamic Clinic, hold your first choice

Coming soonGelan sheger Oromia
04/07/2024

Coming soon
Gelan sheger Oromia

21/02/2023

Too much salt and sugar is not good for our health.

Give yourself some portions of fruit and vegetables every day 🍏🍇🥕🥦🍅 and make sure your blood pressure is in check ✅!

Hordoftoonni amantii kiristaana marti baga ayyaana qillee geessanAyyaana Gaarii!
07/01/2023

Hordoftoonni amantii kiristaana marti baga ayyaana qillee geessan
Ayyaana Gaarii!

26/09/2022
11/09/2022
06/09/2022

Beeksisa Hojii Banaa
*****
Kilinikni Daayinaamik gita banaa armaan gadii irratti hojjettoota dhaabbiidhaan qacaree hojjechiisuu barbaada. Kanaaf namoonni ulaagaa barbaachisa ta’e guuttan akka galmooftan kabajaan isin beeksisna.

1. Laboraatoorii
Saala: Hin daangessu
Miindaa: Waliigalteen
2. Narsii
Saala: Hin daangessu
Miindaa: Waliigalteen

Ulaagaalee galmee:
1. Dhaabbata barnoota olaanoo beekamtii fi eeyyama qaburraa kan eebbifame ykn eebbifamte
2. Diploma ykn TVET (COC certified) - muuxannoo waggaa 2
3. BSC Degree yoo ta'e muuxannoon hin barbaachisu
4. Dandeettii bu'uura afaanii arfan Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingilishii qabaachuu. Afaan kanneenitti dabalataan Afaan Sumaalii kan danda'uf dursi ni kennama.

Galmee
CV fi ragaalee barbaachisoo qindaa'an karaa toora email armaan gadiin guyyoota shanan (6/9/2022 - 11/9/2022) itti aananii jiran keessatti erguu. [dynamicclinics@gmail.com]

Iddoon hojii: Finfinnee, Boolee Mikaa'el

  medical center  city
26/08/2022

medical center
city

CIRRACHA KALEE - Renal Stone/Nephrolithiasis *********************************Cirrachi kalee kuufama albuudota garagaraa...
25/08/2022

CIRRACHA KALEE - Renal Stone/Nephrolithiasis
*********************************
Cirrachi kalee kuufama albuudota garagaraa fi ashaboo asiidawaa ta'e kan fincaaniin qaama keenya keessaa bahu qaban irraa ijaarama/dhufa. Kanaaf cirrachi kalee fincaan keenya keessa albuudonni haala salphaan wolitti dhufanii ijaaramuu danda'an kan akka Kaalshiyeemii, Ookzaaleetii fi Yuurik aasidii fa'a baay'achuuni fi wontonni isaan akka hin ijaaramne ittisan fincaan keessatti xiqqaachuu irraa uumamuu danda'a. Cirrachi kunis ujummoo fincaanii -kalee hanga afuuffee fincaanii (isaanis dabalatee) jiran keessa taa'uu danda'a. Kalee cinaa tokkoo ykn kalee lachuu irratti mul'achuu danda'a. Cirrachi kunis albuuda irraa tolfame irratti hunda'uun akaakuu/maqaa garagaraa qabaata.
---
Uumama cirracha kaleetiif wonti tokko qofti sababa ta'uu dhabuu danda'a. Yeroo heddus sababni uumama cirracha kalee kun ifa ta'uu/addaan bahuu dhabuu danda'a. Haa ta'u malee wontonni asii gaditti eeraman kunniin carraa cirracha kaleetiin qabamuu keenya olkaasu danda'u:
* Bishaan gahaa ta'e dhuguu dhabuu. Namoota naannoo hoo'aa/gammoojji jiraniifi isaan dafqi itti baay'atu irratti carraan cirrachi kalee mul'achuu ni dabala.
* Nyaata ashaboon/sooqiddi itti baay'ate fayyadamuu. Akkasumas nyaata sukkaaraa fi pirootini heddu of keessa qaban baay'isanii fayyadamuun cirracha kaleetiif nama saaxiluu danda'a.
* Maatii dhihoo keessa namni cirracha kalee qabu yoo jiraate carraan namni tokko cirracha kana qabaachuu ni dabala. Kana jechuun garuu cirrachi kalee sanyiin ykn firaan daddarba jechuu miti.
* Tajaajila baqaqsanii yaaluu /nama opireeshiiniin qaamota sirna nyaata (Garaacha, mar'umaan) irratti godhameefi namoonni dhukkuba biroo qaamota kana miidhaan qaban carraan cirracha kalee horachuu isaanii ni dabala.
* Akkasumas namoota baasaan yeroo dheeraf irra ture irrattis carraan isaan cirracha kalee qabaachuu ni dabala.
* Ulfaatinna gar malee guddaa ta'e qabaachuunis carraa cirracha kaleetiin qabamuu dabala.
* Dhukkuboonni biroo kan albuudonni asii olitti eeraman qaama keenya keessatti akka dabalan godhaniifi Infeekshiinii/dhukkubni ujummoo fincaanii kan biroo jiraachuun carraa cirracha kalee horachuu ni dabalu.
Mallattoolee Dhukkuba Cirracha Kalee:
• Cirrachi kalee mallattoo dhukkubaa otoo hin mul'isin ta'uus ni danda'a; haa ta'uu garuu cirrachi sun yoo iddoo gara iddoo socho'e fakkeenyaaf ujummoo fincaanii keessatti cuqqaalamuun mallatoolee fi rakkinoolee armaan gadii fiduu/qabaachuu danda'a
Itti fufa..
ⒸDr.Nure

25/08/2022

Haati ulfaa ji'a 6 booda dugdaan cisuun dhorkaadha.
*********************
JI'a 6 booda akkuma beekamu gadameessi daa'ima baatu wayita guddachaa deemu, yoo dugdaan ciisan ujummoo guddaa dhiigaa kan onnee irraa dhiiga fuudhee karaa garaa keessa oliif gadi darbu waan cafaqamuuf (compressed) hammi dhiigaa gara onnee fi akkasumas gara daa'imaa deemuu ni hir'ata. Wayita kana mallattooleen haadha ulfaa kana irratti mul'atan; gar-malee dafquu, ballaqqamuu, mataan itti salpachuu ,onneen garmalee dha'achuu ykn rukkutuu,of wallaaluuf kkfn dha.
Akkasumas hammi dhiigaa gara daa'imaa deemus waan hir'atuuf daa'imnis miidhamuu ni danda'a. Kanaaf wayita dugdaan ciisan yoo mallatton kun itti dhagaa'ame atattamaan gara cinaacha bitaa isaaniitti yoo deebi'an daqiiqaa 5 - 10 gidduutti furmaata argatu.
*******************
Fayyaan Faaya

Address

Gelan

Telephone

+251988888211

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dynamic Medical speciality center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dynamic Medical speciality center:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram